Êxodo 12

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Waaqayyos biyya Gibxi keessatti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
1 O Senhor disse a Moisés e a Arão, no Egito:
2 “Jiʼi kun jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu; innis waggaa keessaa jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu.
2 "Este deverá ser o primeiro mês do ano para vocês.
3 Jiʼa kana keessa bultii kurnaffaatti tokkoon tokkoon namaa xobbaallaa hoolaa tokko akkuma manneen abbootii isaaniitti tokkoo tokkoo manaatii fi xobbaallaa hoolaa tokko akka fudhatu guutummaa hawaasa Israaʼelitti himaa.
3 Digam a toda a comunidade de Israel que no décimo dia deste mês todo homem deverá separar um cordeiro ou um cabrito, para a sua família, um para cada casa.
4 Yoo warri mana tokko jiraatan muraasa taʼanii hoolaa tokko guutummaatti fixuu baatan, isaan akkuma baayʼina namoota achi jiraataniitti ollaa isaanitti aanu wajjin haa qoodatan. Isinis akkuma waan tokkoon tokkoon namaa nyaachuu dandaʼuutti xobbaallaa hoolaa hammam akka barbaachisu murteessuu qabdu.
4 Se uma família for pequena demais para um animal inteiro, deve dividi-lo com seu vizinho mais próximo, conforme o número de pessoas e conforme o que cada um puder comer.
5 Xobbaallaan keessan ilmoo hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne taʼuu qaba; xobbaallaa sanas hoolota keessaa yookaan reʼoota keessaa fudhachuu dandeessu.
5 O animal escolhido será macho de um ano, sem defeito, e pode ser cordeiro ou cabrito.
6 Xobbaallaa sanas hamma bultii kudha afuraffaa jiʼa kanaatti eegaa; yaaʼiin waldaa Israaʼel guutuunis galgala sana xobbaallaa sana haa qalatu.
6 Guardem-no até o décimo quarto dia do mês, quando toda a comunidade de Israel irá sacrificá-lo, ao pôr-do-sol.
7 Ergasii immoo dhiiga sana irraa xinnoo fuudhanii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu kan mana itti xobbaallaa sana nyaatanii haa diban.
7 Passem, então, um pouco do sangue nas laterais e nas vigas superiores das portas das casas nas quais vocês comerão o animal.
8 Isaanis halkanuma sana foon sana ibiddaan waaddatanii biqiltuu hadhooftuu fi maxinoon haa nyaatan.
8 Naquela mesma noite comerão a carne assada no fogo, juntamente com ervas amargas e pão sem fermento.
9 Ibiddaan waaddadhaatii nyaadhaa malee foon dheedhii yookaan kan bishaaniin affeelame hin nyaatinaa; mataa isaa, lukaa fi miʼa garaa wajjin waaddadhaatii nyaadhaa.
9 Não comam a carne crua, nem cozida em água, mas assada no fogo: cabeça, pernas e vísceras.
10 Hamma lafti bariitutti homaa hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafu garuu gubaa.
10 Não deixem sobrar nada até pela manhã; caso isso aconteça, queimem o que restar.
11 Haalli isin itti nyaattanis kunoo ti; mudhii keessan hidhadhaa; kophee keessan miillatti kaaʼadhaa; ulee keessan illee harkatti qabadhaatii jarjarsuun nyaadhaa; inni Faasiikaa Waaqayyoo ti.
11 Ao comerem, estejam prontos para sair: cinto no lugar, sandálias nos pés e cajado na mão. Comam apressadamente. Esta é a Páscoa do Senhor.
12 “Anis halkanuma sana Gibxi keessa nan darba; hangafa Gibxis namaa fi horii nan dhaʼa; waaqota Gibxi hundattis nan mura; ani Waaqayyo.
12 "Naquela mesma noite passarei pelo Egito e matarei todos os primogênitos, tanto dos homens como dos animais, e executarei juízo sobre todos os deuses do Egito. Eu sou o Senhor!
13 Dhiigni sunis manneen isin keessa jiraattan irratti mallattoo isinii taʼa; ani yommuun dhiiga sana argutti isin irra nan darba. Yeroo ani biyya Gibxi dhaʼuttis dhaʼichi badiisaa tokko iyyuu isin hin tuqu.
13 O sangue será um sinal para indicar as casas em que vocês estiverem; quando eu vir o sangue, passarei adiante. A praga de destruição não os atingirá quando eu ferir o Egito.
14 “Guyyaan kun guyyaa yaadannoo isiniif haa taʼu; akka ayyaanaatti Waaqayyoof ni ayyaaneffattu; dhaloota keessan hunda keessattis sirna bara baraa godhattanii ni eegdu.
14 "Este dia será um memorial que vocês e todos os seus descendentes o comemorarão como festa ao Senhor. Comemorem-no como decreto perpétuo.
15 Isin bultii torba maxinoo nyaachuu qabdu; guyyaa jalqabaatti mana keessanii raacitii baasaa gataa; namni kam iyyuu guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti yoo buddeena bukaaʼe nyaate saba Israaʼel keessaa haa balleeffamu.
15 Durante sete dias comam pão sem fermento. No primeiro dia tirem de casa o fermento, porque quem comer qualquer coisa fermentada, do primeiro ao sétimo dia, será eliminado de Israel.
16 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; wal gaʼii qulqulluu biraa immoo guyyaa torbaffaatti qabaadhaa. Waan namni hundi nyaatu qopheessuu malee guyyoota kanneen hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa; wanni isin hojjechuu dandeessan kanuma.
16 Convoquem uma reunião santa no primeiro dia e outra no sétimo. Não façam nenhum trabalho nesses dias, exceto o da preparação da comida para todos. É só o que poderão fazer.
17 “Sababii guyyaan ani itti raayyaa keessan Gibxi keessaa baase guyyuma kana taʼeef Ayyaana Maxinoo kana ayyaaneffadhaa; guyyaa kanas sirna bara baraa godhadhaatii dhaloota keessan hunda keessatti ayyaaneffadhaa.
17 "Celebrem a festa dos pães sem fermento, porque foi nesse mesmo dia que eu tirei os exércitos de vocês do Egito. Celebrem esse dia como decreto perpétuo por todas as suas gerações.
18 Isin jiʼa jalqabaa keessa galgala bultii kudha afuraffaadhaa hamma galgala guyyaa digdamii tokkoffaatti maxinoo nyaattu.
18 No primeiro mês comam pão sem fermento, desde o entardecer do décimo quarto dia até o entardecer do vigésimo primeiro.
19 Bultii torbaaf raacitiin tokko illee mana keessanitti hin argamin; alagaas taʼu dhalataan biyyaa, namni waan raacitii qabu nyaatu kam iyyuu waldaa Israaʼel keessaa haa balleeffamu.
19 Durante sete dias vocês não deverão ter fermento em casa. Quem comer qualquer coisa fermentada será eliminado da comunidade de Israel, seja estrangeiro, seja natural da terra.
20 Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa; lafa jiraattan hundatti Maxinoo nyaadhaa.”
20 Não comam nada fermentado. Onde quer que morarem, comam apenas pão sem fermento".
21 Museen maanguddoota Israaʼel hunda ofitti waamee akkana jedheen; “Dhaqaatii maatii keessaniif xobbaallaa filadhaatii Faasiikaa qalaa.
21 Então Moisés convocou todas as autoridades de Israel e lhes disse: "Escolham um cordeiro ou um cabrito para cada família. Sacrifiquem-no para celebrar a Páscoa!
22 Hiisophii qabaa tokkoo fuudhaa; dhiiga waciitii keessa jiru sana keessa cuuphaatii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu dibaa. Isin keessaa namni tokko iyyuu hamma lafti bariitutti balbala mana ofii isaatii gad hin baʼin.
22 Molhem um feixe de hissopo no sangue que estiver na bacia e passem o sangue na viga superior e nas laterais das portas. Nenhum de vocês poderá sair de casa até o amanhecer.
23 Waaqayyo yeroo warra Gibxi dhaʼuuf biyyattii keessa darbutti michichila balbalaa lamaan irrattii fi buusaa balbalaa isa ol aanu irratti dhiiga sana argee balbala sana bira darba; akka inni waa balleessu sun mana keessan seenee isin ajjeesus hin eeyyamuuf.
23 Quando o Senhor passar pela terra para matar os egípcios, verá o sangue na viga superior e nas laterais da porta e passará sobre aquela porta; e não permitirá que o destruidor entre na casa de vocês para matá-los.
24 “Isinis qajeelfama kana akka seera bara baraa kan isinii fi sanyii keessaniif kennameetti kabajaa.
24 "Obedeçam a estas instruções como decreto perpétuo para vocês e para os seus descendentes.
25 Isinis yeroo biyya Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti isinii kennu seentanitti sirna kana eegaa.
25 Quando entrarem na terra que o Senhor prometeu lhes dar, celebrem essa cerimônia.
26 Yommuu ijoolleen keessan, ‘Sirni kun isiniif hiikkaa maalii qaba?’ jedhanii isin gaafatanitti,
26 Quando os seus filhos lhes perguntarem: ‘O que significa esta cerimônia? ’,
27 akkana jedhaa isaanitti himaa; ‘Kun qalma Faasiikaa Waaqayyoo ti; inni yeroo warra Gibxi dhaʼetti manneen Israaʼeloota Gibxi keessa turan sanaa irra darbee manneen keenya nuuf oolcheeraatii.’ ” Kana irratti namoonni gad jedhanii waaqeffatan.
27 respondam-lhes: É o sacrifício da Páscoa ao Senhor, que passou sobre as casas dos israelitas no Egito e poupou nossas casas quando matou os egípcios". Então o povo curvou-se em adoração.
28 Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
28 Depois os israelitas se retiraram e fizeram conforme o Senhor tinha ordenado a Moisés e a Arão.
29 Halkan walakkaatti Waaqayyo ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu hangafaa jalqabee hamma ilma namicha boolla mana hidhaa keessa jiru hangafaatti hangafoota Gibxi hunda dhaʼe; hangafoota horiis akkasuma dhaʼe.
29 Então, à meia-noite, o Senhor matou todos os primogênitos do Egito, desde o filho mais velho do faraó, herdeiro do trono, até o filho mais velho do prisioneiro que estava no calabouço, e também todas as primeiras crias do gado.
30 Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa hundi, warri Gibxi hundis halkaniin kaʼan; sababii manni namni keessaa hin duʼin tokko iyyuu hin turiniif booʼicha guddaatu Gibxi keessa ture.
30 No meio da noite o faraó, todos os seus conselheiros e todos os egípcios se levantaram. E houve grande pranto no Egito, pois não havia casa que não houvesse um morto.
31 Faraʼoonis halkan sanaan Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedhe; “Kaʼaa! Isinii fi Israaʼeloonni saba koo keessaa baʼaa! Akkuma gaafattan sana dhaqaatii Waaqayyoon waaqeffadhaa.
31 Naquela mesma noite o faraó mandou chamar Moisés e Arão e lhes disse: "Saiam imediatamente do meio do meu povo, vocês e os israelitas! Vão prestar culto ao Senhor, como vocês pediram.
32 Akkuma jettan sana bushaayee fi loon keessan fudhadhaatii deemaa; anas eebbisaa.”
32 Levem os seus rebanhos, como tinham dito, e abençoem a mim também".
33 Warri Gibxis akka sabni sun dafee biyya sanaa baʼu jarjarsan; isaanis, “Yoo kanaa achii nu hundi ni dhumnaa” jedhan.
33 Os egípcios pressionavam o povo para que se apressasse em sair do país, dizendo: "Todos nós morreremos! "
34 Kanaafuu sabni sun bukoo isaanii utuu hin bukaaʼin fudhatanii, qodaa bukoo isaaniis wayyaa isaaniitiin maranii gatiittiitti baadhatan.
34 Então o povo tomou a massa de pão ainda sem fermento e a carregou nos ombros, nas amassadeiras embrulhadas em suas roupas.
35 Israaʼeloonnis akkuma Museen isaanitti hime sana godhan; isaanis miʼa meetiitii fi warqee, wayyaas warra Gibxi gaafatan.
35 Os israelitas obedeceram à ordem de Moisés e pediram aos egípcios objetos de prata e de ouro, bem como roupas.
36 Sababii Waaqayyo fuula warra Gibxi duratti Israaʼelootaaf surraa kenneef, warri Gibxi waan isaan gaafatan hunda kennaniif; isaanis akkasiin qabeenya warra Gibxi boojiʼanii baʼan.
36 O Senhor concedeu ao povo uma disposição favorável da parte dos egípcios, de modo que lhes davam o que pediam; assim eles despojaram os egípcios.
37 Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukootitti qajeelan. Isaanis nadheenii fi ijoollee malee namoota lafoo gara kuma dhibba jaʼa turan.
37 Os israelitas foram de Ramessés até Sucote. Havia cerca de seiscentos mil homens a pé, além de mulheres e crianças.
38 Uummanni walitti makame hedduun, akkasumas horiin jechuunis bushaayee fi loon baayʼeen isaan wajjin baʼan.
38 Grande multidão de estrangeiros de todo tipo seguiu com eles, além de grandes rebanhos, tanto de bois como de ovelhas e cabras.
39 Isaanis bukoo Gibxi fudhatanii dhufan sana irraa Maxinoo tolfatan. Sababii isaan jarjarsuudhaan Gibxi keessaa baafamanii yeroo itti nyaata qopheeffatan illee dhabaniif bukoon sun raacitii hin qabu ture.
39 Com a massa que haviam trazido do Egito, fizeram pães sem fermento. A massa não tinha fermentado, pois eles foram expulsos do Egito e não tiveram tempo de preparar comida.
40 Barri Israaʼeloonni Gibxi keessa jiraatan waggaa 430 ture.
40 Ora, o período que os israelitas viveram no Egito foi de quatrocentos e trinta anos.
41 Dhuma waggaa 430 sanaatti guyyuma sana raayyaan Waaqayyoo hundi biyya Gibxiitii baʼe.
41 No dia quando se completaram os quatrocentos e trinta anos, todos os exércitos do Senhor saíram do Egito.
42 Waaqayyo Gibxi keessaa isaan baasuudhaaf dammaqee halkan sana waan isaan eegeef, halkan kun Israaʼeloota hundumaaf halkan itti Waaqayyoof ulfina kennuudhaaf dammaqanii eeganii dha.
42 Assim como o Senhor passou em vigília aquela noite para tirar do Egito os israelitas, estes também devem passar em vigília essa mesma noite, para honrar ao Senhor, por todas as suas gerações.
43 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Seerri Faasiikaa kanaa dha:
43 Disse o Senhor a Moisés e a Arão: "Estas são as leis da Páscoa: Nenhum estrangeiro poderá comê-la.
44 Garbichi bitame kam iyyuu erga dhagna qabdanii booddee haa nyaatu;
44 O escravo comprado poderá comer da Páscoa, depois de circuncidado,
45 keessummaan yookaan namni hojjetaan qacarame garuu hin nyaatin.
45 mas o residente temporário e o trabalhador contratado dela não comerão.
46 “Hoolaan sun manuma tokko keessatti haa nyaatamu; foon isaa tokko iyyuu manaa gad hin baasinaa. Lafee isaa keessaas tokko iyyuu hin cabsinaa.
46 "Vocês a comerão numa só casa; não levem nenhum pedaço de carne para fora da casa, nem quebrem nenhum dos ossos.
47 Waldaan Israaʼel hundis ayyaana kana haa ayyaaneffatu.
47 Toda a comunidade de Israel terá que celebrar a Páscoa.
48 “Ormi isin wajjin jiraatu yoo Faasiikaa Waaqayyoo ayyaanessuu barbaade inni dhiirota mana isaa jiraatan hunda dhagna haa qabu; ergasiis akkuma dhalataa biyyaatti ayyaanicha haa ayyaanessu. Dhiirri dhagna hin qabatin tokko iyyuu garuu hoolaa sana hin nyaatin.
48 "Qualquer estrangeiro residente entre vocês que quiser celebrar a Páscoa do Senhor terá que circuncidar todos os do sexo masculino da sua família; então poderá participar como o natural da terra. Nenhum incircunciso poderá participar.
49 Dhalataa biyyaatiifis taʼu orma isin gidduu jiraatuuf seerri tokkuma.”
49 A mesma lei se aplicará ao natural da terra e ao estrangeiro residente".
50 Israaʼeloonni hundis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
50 Todos os israelitas fizeram como o Senhor tinha ordenado a Moisés e a Arão.
51 Waaqayyos gaafuma sana kutaa kutaa isaaniitiin Israaʼeloota biyya Gibxi keessaa baase.
51 No mesmo dia o Senhor tirou os israelitas do Egito, organizados segundo as suas divisões.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Êxodo 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.