Ester 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Wanni bara mootummaa Ahashweroos keessa taʼe kanaa dha: Ahashweroos kun Hindiidhaa jalqabee hamma Itoophiyaatti kutaalee biyyaa 127 bulchaa ture;
1 No tempo de Assuero, que reinava desde a Índia até a Etiópia sobre cento e vinte e sete províncias,
2 yeroo sanatti Ahashweroos Mootichi, Suusaa magaalaa guddoo sana keessa teessoo mootummaa isaa irra taaʼee bulchaa ture;
2 naqueles dias em que ele ocupava o trono real de Susa, sua capital,
3 innis bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti namoota isaa bebeekamoo fi qondaaltota isaa hundumaaf cidha guddaa tokko qopheesse. Hooggantoonni waraana Faaresii fi Meedee, ilmaan moototaa fi namoonni bebeekamoon kutaa biyyaa achi turan.
3 no terceiro ano de seu reinado, deu um banquete a todos os cortesãos e a seus servos. Tinha reunido em sua presença os chefes do exército dos persas e dos medos, os príncipes e os governadores das províncias,
4 Innis bultii 180 guutuu qabeenya mootummaa isaa guddaa, miidhagummaa fi ulfina jabina isaa gad baasee argisiisaa ture.
4 para fazer manifestação da riqueza e do esplendor de seu reino, da rara magnificência de sua grandeza, durante um tempo considerável, a saber, cento e oitenta dias.
5 Yeroo guyyoonni kunneen darbanitti mootichi saba gamoo Suusaa keessa jiraatu xinnaa fi guddaa hundaaf oobdii iddoo biqiltuu masaraa mootii keessatti cidha guyyaa torba turu qopheesse.
5 Passado esse tempo, o rei ofereceu a toda a população de Susa, a capital, desde o maior até o menor, um banquete de sete dias no pátio do jardim, junto ao palácio.
6 Iddoon biqiltuu sunis golgaa quncee talbaa irraa hojjetame adii fi cuquliisa, kirrii adii fi diimaa dhiilgeedhaan qubeelaa meetii kan utubaawwan dhagaa akka cabbiitti hidhame tokko qaba ture. Sireewwan dinkiin kanneen warqee fi meetii irraa hojjetamanis lafa dhagaa diimaadhaan, dhagaa akka cabbiitiin, lula bifa adda addaa qabuu fi dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan miidhagfamee hafame irra ture.
6 Cortinas brancas de algodão e de púrpura violeta, presas por cordões brancos e purpúreos a anéis de prata e a colunas de mármore; leitos de ouro e prata sobre um pavimento de pórfiro, de mármore branco, de nácar e pedra preta;
7 Dhugaatiinis xoofoo warqeetiin namaaf dhiʼeeffame. Tokkoon tokkoon xoofoo sanaas gosa adda addaa ture; daadhiin wayiniis akkuma arjummaa mootichaatti akka malee baayʼee ture.
7 bebida servida em copos de ouro de variadas formas; o vinho real em abundância oferecido pela liberalidade do rei.
8 Akka tokkoon tokkoon keessummaa akkuma fedhetti dhuguuf mootichi eeyyamee ture; akka tokkoo tokkoo namaatiif waan inni barbaade dhiʼeessaniifis mootichi warra daadhii wayinii dhiʼeessan hunda ajajee tureetii.
8 Bebia-se sem ser importunado por ninguém, segundo uma ordem do rei, porque ele tinha recomendado a todos os chefes de sua casa que deixassem cada um proceder como lhe agradasse.
9 Waashtiin Mootittiinis masaraa mootummaa Ahashweroos Mootichaa keessatti dubartootaaf cidha qopheessite.
9 Por sua parte, a rainha Vasti ofereceu o banquete das mulheres no palácio do rei Assuero.
10 Guyyaa torbaffaatti Ahashweroos Mootichi yeroo daadhii wayinii dhugee gammadetti xuʼaashiiwwan isa tajaajilan torban jechuunis Mihuumaan, Biztaaʼaa, Harboonaa, Bigtaaʼa, Abaagtaa, Zeetaarinii fi Karkas
10 No sétimo dia, o rei cujo coração estava alegre pelo vinho, ordenou a Mauman, Bazata, Harbona, Bagata, Abgata, Zetar e Carcar - os sete eunucos a serviço, junto de Assuero -
11 akka isaan Waashtiin mootittii akka isheen namootaa fi qondaaltotatti bareedina ishee argisiiftuuf gonfoo mootummaa isheetti kaaʼanii fuula isaa duratti dhiʼeessan ajaje; isheen akka malee bareedduu turteetii.
11 que trouxessem à sua presença a rainha Vasti com o diadema real, para mostrar ao povo e aos grandes toda a sua beleza, porque era formosa de aspecto.
12 Garuu yeroo ergamoonni sun ergaa mootichaa itti himanitti Waashtiin Mootittiin dhufuu didde. Kana irratti mootichi akka malee dheekkamee aariidhaan gubate.
12 Mas a rainha Vasti recusou sujeitar-se à ordem do rei transmitida pelos eunucos, com o que se irritou grandemente o rei, acendendo-se o seu furor.
13 Sababii waan seeraatii fi murtii qajeelaa irratti hayyootaan mariʼachuun bartee mootichaa taʼeef inni namoota ogeeyyii waan baraa beekan
13 Consultou os sábios versados na ciência dos tempos. {Porque os assuntos reais eram tratados desse modo, com jurisconsultos,
14 kanneen mootichatti aananiin mariʼate; isaanis Karshenaa, Sheetaar, Adimaataa, Tarshiish, Meres, Marseenaa fi Memuukaa qondaaltota Faaresii fi Meedee torban mootichaan walitti dhiʼeenya qaban kanneen mootummaa sana keessatti iddoo ol aanaa qabanii dha.
14 e os mais considerados eram Carsena, Setar, Admata, Tarsis, Mares, Marsena e Memucan, sete príncipes da Pérsia e da Média, que contemplavam a face do rei e ocupavam o primeiro lugar no reino.}
15 Innis, “Akka seeraatti wanti nu Waashtiin mootittii gochuu qabnu maali? Isheen ajaja Ahashweroos Mootichaa kan xuʼaashiiwwan isheetti geessan sanaaf hin ajajamneetii” jedhee isaan gaafate.
15 Que lei, disse ele, se deve aplicar à rainha Vasti, por não ter obedecido a ordem que o rei Assuero lhe transmitiu pelos eunucos?
16 Memuukaan akkana jedhee fuula mootichaatii fi fuula namoota bebeekamoo duratti deebii kenne; “Waashtiin mootittiin Mooticha qofatti utuu hin taʼin qondaaltota hundattii fi namoota kutaalee biyyaa Ahashweroos Mootichaa hundatti balleessaa hojjette.
16 Não foi somente em relação ao rei, respondeu Memucan, que se comportou mal a rainha Vasti, mas também em relação a todos os príncipes e os povos das províncias do rei Assuero.
17 Wanni mootittiin goote kun dubartii hunda biratti beekamee isaan, ‘Ahashweroos Mootichi akka Waashtiin Mootittiin fuula isaa duratti dhiʼeeffamtu ajajee ture; isheen garuu dhaquu didde’ jedhanii dhirsoota isaanii tuffatuutii.
17 Porque o proceder da rainha será conhecido de todas as mulheres e as incitará a desprezar seus maridos. Dirão: O rei Assuero tinha mandado trazer à sua presença a rainha Vasti, mas ela não quis vir.
18 Guyyuma harʼaa kana iyyuu dubartoonni Faaresii fi Meedee bebeekamoon warri gocha mootittii kana dhagaʼan qondaaltota mootichaa hundaaf waanuma akkasii deebisu. Tuffii fi lola dhuma hin qabnetu uumama.
18 Daqui em diante, as senhoras da Pérsia e da Média, sabendo da conduta da rainha, responderão do mesmo modo a todos os grandes do rei e disso resultará, por toda parte, desprezo e irritação.
19 “Kanaafuu yoo wanni kun mooticha gammachiise akka Waashtiin lammata fuula Ahashweroos Mootichaa duratti hin dhiʼeeffamneef inni labsii mootummaa haa labsu; labsiin sunis seera Faaresii fi Meedee kan diigamuu hin dandeenye sana keessatti haa barreeffamu. Mootichi amma illee sadarkaa ulfinaa kan isheen mootummaa keessatti qabdu dubartii biraa kan ishee caaltuuf haa kennu.
19 Se o rei achar bom, publique-se em seu nome um decreto real, que ficará consignado nas ordenações da Pérsia e da Média como irrevogável, em força do qual Vasti não apareça mais diante de Assuero e o rei confira o título de rainha a outra que seja mais digna.
20 Yoos yommuu labsiin mootichaa guutummaa mootummaa isaa keessatti labsamutti dubartoonni hundinuu xinnoo fi guddoon dhirsoota isaaniitiif ulfina kennu.”
20 Quando o edito for conhecido na imensidade de seu reino, todas as mulheres respeitarão seus maridos, desde o maior até o mais humilde.
21 Mootichii fi qondaaltonni isaa gorsa kanatti ni gammadan; kanaafuu mootichi yaada Memuukaan dhiʼeesse sana hojii irra oolche.
21 Esse parecer agradou ao rei e aos príncipes, de modo que o rei seguiu o conselho de Memucan.
22 Innis biyyoota mootummaa hundatti, tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiif qubeedhuma isaaniitiin, akkasumas tokkoo tokkoo sabaatiif afaanuma isaaniitiin xalayoota ergee akka dhiirri hundi bulchaa mana ofii isaa taʼu afaan gosa hundaatiin labse.
22 O rei expediu cartas para todas as províncias reais, a cada uma em sua escrita e a cada povo em sua língua própria: elas decretavam que todo homem devia ser o senhor em sua casa e fazer-se respeitar por sua mulher.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ester 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.