Efésios 2

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs BKJ

Sair da comparação
1 Isin irra daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan;
1 E vos vivificou, estando mortos em transgressões e pecados,
2 kunis isuma isin yeroo jireenya addunyaa kanaatii fi bulchaa mootummaa qilleensaa jechuunis hafuura amma iyyuu warra hin ajajamne keessatti hojjetu duukaa buutanitti keessa jiraachaa turtanii dha.
2 nos quais, no passado, caminhastes, conforme o curso deste mundo, conforme o príncipe das potestades do ar, do espírito que, agora, opera nos filhos da desobediência;
3 Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre.
3 entre os quais também todos nós vivíamos, em tempos passados, nos desejos da nossa carne, fazendo a vontade da carne e da mente; e éramos por natureza filhos da ira, como os outros também.
4 Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf,
4 Mas Deus, que é rico em misericórdia, pelo seu grande amor com que nos amou,
5 yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
5 estando nós ainda mortos em nossos pecados, nos vivificou juntamente com Cristo (pela graça sois salvos),
6 Waaqnis Kiristoos wajjin duʼaa nu kaase; karaa Kiristoos Yesuusiinis isa wajjin iddoo samii irra nu teessise;
6 e nos ressuscitou juntamente com ele, e nos fez assentar nos lugares celestiais, em Cristo Jesus;
7 innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe.
7 para mostrar nas épocas vindouras as abundantes riquezas da sua graça, pela sua benignidade para conosco através de Cristo Jesus.
8 Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti;
8 Pois pela graça sois salvos por meio da fé; e isso não é de vós mesmos; isso é o dom de Deus.
9 akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.
9 Não de obras, para que nenhum homem se glorie.
10 Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.
10 Porque somos feitura sua, criados em Cristo Jesus para as boas obras, as quais Deus estabeleceu para que andássemos nelas.
11 Kanaaf isin warri durumaa dhalootaan Namoota Ormaa taatan akka warra dhagna qabaa harka namaatiin dhagna namaa irratti hojjetamuun, “Nu warra dhagna qabatee dha” ofiin jedhan biratti “Warra dhagna hin qabatin” jedhamtanii waamamtan sana yaadadhaa;
11 Portanto, lembrai-vos de que vós, no passado, éreis gentios na carne e chamados incircuncisão pelos que, na carne, se chamam circuncisão feita por mãos;
12 isin akka yeroo sana Kiristoos irraa cittanii, lammummaa Israaʼel keessaa baafamtanii, kakuu waadaatiifis keessumoota taatanii, abdii malee, Waaqa malees addunyaa keessa turtan yaadadhaa.
12 que, naquele tempo, estáveis sem Cristo, separados da comunidade de Israel e estranhos aos pactos da promessa, não tendo esperança e sem Deus no mundo.
13 Amma garuu isin warri yeroo tokko fagoo turtan Kiristoos Yesuusiin dhiiga Kiristoosiin dhiʼeeffamtaniirtu.
13 Mas agora em Cristo Jesus, vós, que antes estáveis longe, chegastes perto pelo sangue de Cristo.
14 Kiristoos nagaa keenyaatii; innis dallaa diinummaa kan gargar baasu sana diigee jara lamaanuu tokko godheera;
14 Porque ele é a nossa paz, o qual de ambos fez um; e, derrubou a parede do meio da separação entre nós,
15 inni foon ofiitiin seera ajajaa fi sirna isaa wajjin diigeera. Kaayyoon isaas jara lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee akkasiin nagaa buusuudhaan
15 abolindo na sua carne a inimizade, isto é, a lei dos mandamentos, que consistia em ordenanças para fazer em si mesmo de dois um novo homem, fazendo assim a paz;
16 fannoo ittiin diinummaa isaanii ajjeese sanaan lamaan isaanii iyyuu dhagna tokko godhee Waaqatti araarse.
16 e reconciliar ambos com Deus em um corpo pela cruz, matando com ela a inimizade.
17 Innis dhufee isin warra fagoo turtanitti nagaa, warra dhiʼoo turanittis nagaa lallabe.
17 E, vindo, ele pregou a paz a vós que estáveis longe e aos que estavam perto.
18 Nu lamaanuu karaa isaatiin Hafuura tokkicha sanaan akka itti Abbaa bira geenyu qabnaatii.
18 Porque, por ambos temos acesso em um mesmo Espírito ao Pai.
19 Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti;
19 Assim que já não sois estrangeiros, nem forasteiros, mas concidadãos com os santos e da família de Deus;
20 isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.
20 e sois edificados sobre a fundação dos apóstolos e dos profetas, de que Jesus Cristo é a principal pedra da esquina;
21 Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata.
21 no qual todo o edifício, bem ajustado, cresce para templo santo no ­Senhor,
22 Isinis isumaan mana Waaqni Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.
22 no qual também vós juntamente sois edificados para habitação de Deus através do Espírito.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Efésios 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.