Esdras 6

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC

Sair da comparação
ARC Almeida Revista e Corrigida 2009
1 Kana irratti Daariyoos Mootichi ajaja kenne; isaanis galmeewwan mana galmee Baabilon keessatti kuufaman sana ni sakattaʼan.
1 Então, o rei Dario deu ordem, e buscaram na chancelaria, onde se metiam os tesouros em Babilônia.
2 Kitaabni maramaan tokkos Ahimetaa magaalaa guddaa kutaa biyyaa Meedee keessatti argame; kitaaba sana irrattis akkana jedhamee barreeffamee ture:
2 E em Acmetá, no palácio que está na província de Média, se achou um rolo, e nele estava escrito um memorial, que dizia assim:
3 Waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros Mootichaa keessa mootichi waaʼee mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaa akkana jedhee labsii baase:
3 No ano primeiro do rei Ciro, o rei Ciro deu esta ordem: Com respeito à Casa de Deus em Jerusalém, essa casa se edificará para lugar em que se ofereçam sacrifícios, e seus fundamentos serão firmes; a sua altura, de sessenta côvados, e a sua largura, de sessenta côvados,
4 dhagaa gurguddaa toora sadii sadii fi muka toora tokko tokkoon haa ijaaramu. Baasiin hundinuus qabeenya mootummaa keessaa baafamuu qaba.
4 com três carreiras de grandes pedras e uma carreira de madeira nova; e a despesa se fará da casa do rei.
5 Akkasumas miʼi warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaatii Baabilonitti fide sun iddoo isaanitti jechuunis mana qulqullummaa kan Yerusaalemitti deebifamanii mana Waaqaa keessa kuufamu qabu.
5 Demais disto, os utensílios de ouro e de prata da Casa de Deus, que Nabucodonosor transportou do templo que estava em Jerusalém e levou para Babilônia, se tornarão a dar, para que vão ao seu lugar, ao templo que está em Jerusalém, e os levarão à Casa de Deus.
6 Egaa ati Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi isin michoota isaanii qondaaltonni kutaa biyya sanaa achii fagaadhaa.
6 Agora, pois, Tatenai, governador de além do rio, Setar-Bozenai e os seus companheiros, os afarsaquitas, que estais de além do rio, apartai-vos dali.
7 Isin hojii mana qulqullummaa Waaqaa kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihuudootaa fi maanguddoonni Yihuudootaa mana Waaqaa kana iddoo isaatti deebisanii haa ijaaran.
7 Deixa- os na obra desta Casa de Deus, para que o governador dos judeus e os judeus edifiquem esta Casa de Deus no seu lugar.
8 Kana irratti ani waan isin ijaarsa mana Waaqaa kana keessatti maanguddoota Yihuudootaa kanneeniif gochuu qabdan kunoo nan labsa:
8 Também por mim se decreta o que haveis de fazer com os anciãos dos judeus, para que edifiquem a Casa de Deus, a saber, que da fazenda do rei, dos tributos dalém do rio, se pague prontamente a despesa a estes homens, para que não sejam impedidos.
9 Wanni barbaachisu kam iyyuu jechuunis jiboonni, korbeeyyiinii fi xobbaallaawwan hoolaa Waaqa samiitiif aarsaa gubamu taʼanii dhiʼeeffaman, akkasumas qamadiin, soogiddi, daadhiin wayinii fi zayitiin akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan barbaadanitti utuu gargar hin citin guyyaa guyyaadhaan isaaniif kennamuu qabu;
9 E o que for necessário, como bezerros, e carneiros, e cordeiros, para holocausto ao Deus dos céus, trigo, sal, vinho e azeite, segundo o rito dos sacerdotes que estão em Jerusalém, dê-se-lhes de dia em dia, para que não haja falta;
10 kunis akka isaan aarsaa Waaqa samiitti tolu dhiʼeessanii fi akka isaan jireenya mootichaa fi ilmaan isaatiif Waaqa kadhataniifii dha.
10 para que ofereçam sacrifícios de cheiro suave ao Deus dos céus e orem pela vida do rei e de seus filhos.
11 Kana caalaa iyyuu yoo namni kam iyyuu ajaja kana dide, ani akka utubaan mana isaa keessaa buqqifamee inni irratti fannifamu labsii kana labseera. Sababii yakka kanaatiif manni isaa tuulaa kosii ni taʼa.
11 Também por mim se decreta que todo homem que mudar este decreto, um madeiro se arrancará da sua casa, e, levantado, o pendurarão nele, e da sua casa se fará por isso um monturo.
12 Waaqni inni akka Maqaan isaa achi jiraatu godhe sun mootii yookaan saba labsii kana geeddaruuf yookaan mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaa barbadeessuuf harka ol fudhatu kam iyyuu haa balleessu.
12 O Deus, pois, que fez habitar ali o seu nome derribe a todos os reis e povos que estenderem a sua mão para o mudarem e para destruírem esta Casa de Deus, que está em Jerusalém. Eu, Dario, dei o decreto; apressuradamente se execute.
13 Ergasii Taatenaayi bulchaan biyya Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi michoonni isaanii akkuma Daariyoos Mootichi labsetti labsii sana ariitiidhaan hojii irra ni oolchan.
13 Então, Tatenai, o governador de além do rio, Setar-Bozenai e os seus companheiros assim fizeram apressuradamente, conforme o que decretara o rei Dario.
14 Kanaafuu maanguddoonni Yihuudootaa lallaba Haagee raajichaatii fi Zakkaariyaas ilma Iddootiin ijaarsa itti fufan; hojiinis ni milkaaʼeef. Isaanis akkuma ajaja Waaqa Israaʼelii fi akkuma labsiiwwan Qiiros, Daariyoosii fi Arxeksis mootota Faaresitti ijaarsa mana qulqullummaa sana ni xumuran.
14 E os anciãos dos judeus iam edificando e prosperando pela profecia do profeta Ageu e de Zacarias, filho de Ido; e edificaram a casa e a aperfeiçoaram conforme o mandado do Deus de Israel, e conforme o mandado de Ciro, e de Dario, e de Artaxerxes, rei da Pérsia.
15 Manni qulqullummaa sunis waggaa jaʼaffaa bara Daariyoos Mootichaa keessa, bultii sadaffaa jiʼa Adaaritti ijaaramee dhume.
15 E acabou-se esta casa no dia terceiro do mês de Adar, que era o sexto ano do reinado do rei Dario.
16 Ergasii sabni Israaʼel jechuunis luboonni, Lewwonnii fi boojiʼamtoonni hafan ayyaana eebba mana Waaqaa gammachuudhaan ayyaaneffatan.
16 E os filhos de Israel, e os sacerdotes, e os levitas, e o resto dos filhos do cativeiro fizeram a consagração desta Casa de Deus com alegria.
17 Eebba mana Waaqaa kanaafis jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoolaa dhibba lamaa fi xobbaallaa hoolaa dhibba afur kennan; sababii cubbuu Israaʼel hundaaf immoo korbeeyyii reʼee kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif reʼee tokko tokko dhiʼeessan.
17 E ofereceram para a consagração desta Casa de Deus cem novilhos, duzentos carneiros, quatrocentos cordeiros e doze cabritos, por expiação do pecado de todo o Israel, segundo o número das tribos de Israel.
18 Ergasii immoo akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffametti tajaajila mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sanaaf luboota kutaa kutaa isaanitti, Lewwota immoo garee garee isaaniitti ramadan.
18 E puseram os sacerdotes nas suas turmas e os levitas nas suas divisões, para o ministério de Deus, que está em Jerusalém, conforme o escrito do livro de Moisés.
19 Boojiʼamtoonnis guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaa ni ayyaaneffatan.
19 E os que vieram do cativeiro celebraram a Páscoa no dia catorze do primeiro mês;
20 Luboonnii fi Lewwonni of qulqulleessanii hundi isaanii akka seeraatti ni qulqullaaʼan. Lewwonni warra boojiʼaman hundaaf, obboloota isaanii lubootaa fi ofii isaaniif hoolaa Faasiikaa qalan.
20 porque os sacerdotes e levitas se tinham purificado como se fossem um só homem, e todos estavam limpos; e mataram o cordeiro da Páscoa para todos os filhos do cativeiro, e para seus irmãos, os sacerdotes, e para si mesmos.
21 Kanaafuu Israaʼeloonni boojuudhaa deebiʼan namoota Waaqayyo Waaqa Israaʼel barbaaduudhaaf hojii xuraaʼummaa kan Namoota Ormaa kanneen ollaa isaanii jiraatan sanaa lagatan hunda wajjin Faasiikaa sana ni nyaatan.
21 Assim, comeram a Páscoa os filhos de Israel que tinham voltado do cativeiro, com todos os que a eles se apartavam da imundícia das nações da terra, para buscarem o Senhor , Deus de Israel.
22 Sababii Waaqayyo akka inni hojii ijaarsa mana Waaqayyo Waaqa Israaʼel keessatti isaan gargaaruudhaaf yaada mootii Asoor geeddaruudhaan gammachuudhaan isaan guuteef isaan bultii torba guutuu Ayyaana Maxinoo Buddeena gammachuudhaan ayyaaneffatan.
22 E celebraram a Festa dos Pães Asmos os sete dias com alegria, porque o Senhor os tinha alegrado e tinha mudado o coração do rei da Assíria a favor deles, para lhes fortalecer as mãos na obra da Casa de Deus, o Deus de Israel.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Esdras 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.