Esdras 3

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Yeroo jiʼi torbaffaan dhufee Israaʼeloonni magaalaawwan isaanii keessa qubatanitti uummanni akkuma nama tokkootti Yerusaalem keessatti walitti qabame.
1 Em chegando o sétimo mês, e estando os filhos de Israel já nas cidades, ajuntou-se o povo, como um só homem, em Jerusalém.
2 Ergasiis Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaq firoota isaa luboota wajjin, Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel firoota isaa wajjin akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti barreeffametti aarsaa gubamu achi irratti dhiʼeessuudhaaf iddoo aarsaa Waaqa Israaʼel ijaaran.
2 Levantou-se Jesua, filho de Jozadaque, e seus irmãos, sacerdotes, e Zorobabel, filho de Sealtiel, e seus irmãos e edificaram o altar do Deus de Israel, para sobre ele oferecerem holocaustos, como está escrito na Lei de Moisés, homem de Deus.
3 Isaanis sababii namoota naannoo isaanii sodaataniif iddoo aarsaa sana hundee isaa irratti ijaaranii achi irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessan; aarsaa kanas ganamaa fi galgala dhiʼeessan.
3 Firmaram o altar sobre as suas bases; e, ainda que estavam sob o terror dos povos de outras terras, ofereceram sobre ele holocaustos ao Senhor , de manhã e à tarde.
4 Ergasii akkuma barreeffametti Ayyaana Daasii ni ayyaaneffatan; akkuma baayʼina aarsaa guyyaa guyyaaf ramadameettis aarsaa gubamu ni dhiʼeessan.
4 Celebraram a Festa dos Tabernáculos, como está escrito, e ofereceram holocaustos diários, segundo o número ordenado para cada dia;
5 Kana booddees isaan aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamu, aarsaa Baatii Haaraa fi aarsaawwan ayyaanota Waaqayyoof qulqulleeffaman hundaaf, akkasumas kanneen fedhiidhaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman ni kennan.
5 e, depois disto, o holocausto contínuo e os sacrifícios das Festas da Lua Nova e de todas as festas fixas do Senhor , como também os dos que traziam ofertas voluntárias ao Senhor .
6 Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaattis aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessuu jalqaban; garuu hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo amma illee hin buufamne ture.
6 Desde o primeiro dia do sétimo mês, começaram a oferecer holocaustos ao Senhor ; porém ainda não estavam postos os fundamentos do templo do Senhor .
7 Ergasii isaan warra dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaatiif maallaqa kennan; warra Siidoonaa fi Xiiroosiif immoo akka isaan akkuma Qiiros mootichi Faares ajaje sanatti Libaanoonii gara Yoopheetti galaana irra birbirsa gad erganiif nyaata, dhugaatii fi zayitii kennan.
7 Deram, pois, o dinheiro aos pedreiros e aos carpinteiros, como também comida, bebida e azeite aos sidônios e tírios, para trazerem do Líbano madeira de cedro ao mar, para Jope, segundo a permissão que lhes tinha dado Ciro, rei da Pérsia.
8 Isaanis erga mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sana gaʼanii booddee jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaatti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaqii fi obboloonni isaanii kaan jechuunis luboonni, Lewwonnii fi warri boojuudhaa Yerusaalemitti deebiʼan hundinuu akka isaan ijaarsa mana Waaqayyoo toʼataniif Lewwota umuriin isaanii Waggaa digdamaa fi hammasii olii muudanii hojii sana jalqaban.
8 No segundo ano da sua vinda à Casa de Deus, em Jerusalém, no segundo mês, Zorobabel, filho de Sealtiel, e Jesua, filho de Jozadaque, e os outros seus irmãos, sacerdotes e levitas, e todos os que vieram do cativeiro a Jerusalém começaram a obra da Casa do Senhor e constituíram levitas da idade de vinte anos para cima, para a superintenderem.
9 Yeeshuuʼaan ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin, Qadmiiʼeelii fi ilmaan isaa, ilmaan Yihuudaa, ilmaan Heenaadaadii fi Lewwota, ilmaan isaanii fi firoota isaanii wajjin warra mana Waaqaa ijaaran toʼachuuf tokko taʼan.
9 Então, se apresentaram Jesua com seus filhos e seus irmãos, Cadmiel e seus filhos, os filhos de Judá, para juntamente vigiarem os que faziam a obra na Casa de Deus, bem como os filhos de Henadade, seus filhos e seus irmãos, os levitas.
10 Yommuu ijaartonni sun hundee mana qulqullummaa Waaqayyoo buusanitti luboonni uffata isaanii uffatanii malakata qabatan; Lewwonni immoo jechuunis ilmaan Asaaf kilillee qabatanii akkuma Daawit Mootichi Israaʼel ajajetti Waaqayyoon jajachuuf iddoo ofii isaanii qabatan.
10 Quando os edificadores lançaram os alicerces do templo do Senhor , apresentaram-se os sacerdotes, paramentados e com trombetas, e os levitas, filhos de Asafe, com címbalos, para louvarem o Senhor , segundo as determinações de Davi, rei de Israel.
11 Isaanis,
11 Cantavam alternadamente, louvando e rendendo graças ao Senhor , com estas palavras: Ele é bom, porque a sua misericórdia dura para sempre sobre Israel. E todo o povo jubilou com altas vozes, louvando ao Senhor por se terem lançado os alicerces da sua casa.
12 Garuu luboonni, Lewwonnii fi hangafoonni maatii warri durii kanneen mana qulqullummaa isa duraa sana argan hedduun yeroo hundeen mana qulqullummaa kanaa buufamu arganitti sagalee ol fudhatanii booʼan; warri kaan hedduun immoo gammachuudhaan iyyan.
12 Porém muitos dos sacerdotes, e levitas, e cabeças de famílias, já idosos, que viram a primeira casa, choraram em alta voz quando à sua vista foram lançados os alicerces desta casa; muitos, no entanto, levantaram as vozes com gritos de alegria.
13 Sababii namoonni akka malee wacaniif namni tokko iyyuu iyya gammachuu fi iyya booʼichaa gargar baasuu hin dandeenye; sagaleen sunis fagootti dhagaʼama ture.
13 De maneira que não se podiam discernir as vozes de alegria das vozes do choro do povo; pois o povo jubilava com tão grandes gritos, que as vozes se ouviam de mui longe.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Esdras 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.