Eclesiastes 8

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Kan akka nama ogeessaa eenyu?
1 Quem é como o sábio? E quem sabe a interpretação das coisas? A sabedoria faz reluzir o rosto de uma pessoa e muda a dureza do seu semblante.
2 Ati sababii fuula Waaqaa duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi.
2 Eu digo a você: observe o mandamento do rei, e isso por causa do juramento que você fez diante de Deus.
3 Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii.
3 Não tenha pressa em sair da presença dele, nem insista em fazer o que é mau, porque ele faz o que bem entende.
4 Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, “Ati maal hojjechaa jirta?” isaan jechuu dandaʼa?
4 Porque a palavra do rei tem autoridade suprema. Quem pode lhe perguntar: “O que você está fazendo?”
5 Namni ajaja mootii eegu kam iyyuu hin miidhamu;
5 Quem guarda o mandamento não experimenta nenhum mal; e o coração do sábio conhece o tempo e o modo certo de agir.
6 Rakkinni namaa akka malee isatti ulfaatu iyyuu
6 Porque há um tempo e um modo para todo propósito; porque é grande o mal que pesa sobre o ser humano.
7 Sababii namni tokko iyyuu waan eger taʼu hin beekneef,
7 Ninguém sabe o que vai acontecer. Pois quem poderá lhe dizer o que vai acontecer?
8 Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu;
8 Não há ninguém que tenha domínio sobre o espírito para o reter; nem tampouco quem tenha poder sobre o dia da morte. Não há como escapar desse combate, e a maldade não poderá livrar os que a praticam.
9 Anis qalbii koo gara waan aduudhaa gaditti hojjetamu hundaatti deebifadhee waan kana hunda nan arge. Yeroon namni tokko warra kaan humnaan nan bulcha jedhee ofuma miidhu jira.
9 Tudo isso vi quando comecei a pensar no que se faz debaixo do sol. Há um tempo em que uma pessoa tem domínio sobre outra pessoa, para seu próprio mal.
10 Ergasiis ani hamoota iddoo qulqulluu seenanii baʼaa turan sana akka isaan awwaalaman nan arge; isaanis magaalaa itti waan akkasii hojjetan keessatti ni jajamu ture. Kunis faayidaa hin qabu.
10 Assim também vi os ímpios serem sepultados com honra, ao passo que os que frequentavam o lugar santo foram esquecidos na cidade onde fizeram o bem. Também isto é vaidade.
11 Sababii yakka hojjetame tokkootiif adabbiin dafee hin kennamneef, garaan namootaa mala hammina hojjechuutiin guutama.
11 Como não se executa logo a sentença contra uma obra má, o coração humano está inteiramente disposto a praticar o mal.
12 Cubbamaan tokko yeroo dhibba yakka hojjetee bara dheeraa jiraatu iyyuu, ani akka namoonni Waaqa sodaatan kanneen sodaadhaan fuula isaa dura jiraatan nagaa qabaatan nan beeka.
12 Ainda que o pecador faça o mal cem vezes, e a vida dele se prolongue, eu sei com certeza que tudo correrá bem para os que temem a Deus.
13 Taʼus hamoonni sababii Waaqa hin sodaanneef nagaa hin qabaatan; barri jireenya isaaniis akka gaaddidduu hin dheeratu.
13 Mas nada correrá bem para o ímpio, e ele não prolongará os seus dias; será como a sombra, visto que não teme a Deus.
14 Waan faayidaa hin qabne kan lafa irratti taʼu tokkotu jira; kunis qajeeltota waan hamootaaf malu argatanii fi hamoota waan qajeeltotaaf malu argatanii dha. Ani wanni kun faayidaa hin qabu nan jedha.
14 Ainda há outra vaidade sobre a terra: justos que são tratados segundo as obras dos ímpios, e ímpios que são tratados segundo as obras dos justos. Digo que também isto é vaidade.
15 Kanaafuu namaaf wanni aduudhaa gaditti nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalu tokko iyyuu sababii hin jirreef ani akka namni jireenyatti gammadu nan gorsa. Akkasiin bara jireenya isaa kan Waaqni aduudhaa gaditti kenneef hunda keessatti hojii isaa irratti gammachuun isa duukaa buʼa.
15 Por isso exalto a alegria, porque para o ser humano não há nada melhor debaixo do sol do que comer, beber e alegrar-se; pois isso o acompanhará no seu trabalho nos dias da vida que Deus lhe dá debaixo do sol.
16 Ani yommuun qalbii koo gara ogummaa beekuu fi hojii namni utuu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatin hojjetu ilaaluutti deebifadhetti,
16 Quando me dediquei a conhecer a sabedoria e a ver o trabalho que há sobre a terra — pois nem de dia nem de noite se consegue conciliar o sono —,
17 waan Waaqni hojjete hunda nan arge. Namni tokko iyyuu waan aduudhaa gaditti taʼaa jiru hubachuu hin dandaʼu. Namni waan kana bira gaʼuuf tattaaffatu iyyuu hiikkaa isaa argachuu hin dandaʼu. Ogeessi waan beeku yoo of seʼe illee inni dhugumaan hubachuu hin dandaʼu.
17 contemplei toda a obra de Deus e vi que o ser humano não pode compreender a obra que se faz debaixo do sol; por mais que se esforce para a descobrir, não a entenderá; e, ainda que o sábio diga que conseguirá conhecê-la, nem por isso a poderá achar.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Eclesiastes 8, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.