Deuteronômio 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galaa jirtu kanatti si fidee saboota hedduu jechuunis Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jechuunis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo torba fuula kee duraa ariʼee baasutti,
1 Moisés disse ao povo: — O
2 yommuu Waaqayyo Waaqni kee dabarsee isaan siif kennee atis isaan moʼattutti, guutumaan guutuutti isaan barbadeessi. Isaan wajjin kakuu tokko illee hin seenin; garaas isaanii hin laafin.
2 O Senhor entregará esses povos nas suas mãos, e vocês os atacarão e destruirão completamente. Não façam nenhum acordo de paz com eles, nem tenham pena deles.
3 Isaanitti hin soddoomin; ilmaan isaaniitiif intallan kee hin kennin yookaan intallan isaanii ilmaan keetiif hin fidin;
3 Não casem com essa gente, nem vocês, nem os seus filhos ou as suas filhas,
4 sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi Waaqayyoos sitti bobaʼee dafee si balleessa.
4 pois esses povos farão com que os seus filhos rejeitem a Deus e adorem outros deuses. Aí o Senhor Deus ficará irado com vocês e os destruirá de uma vez.
5 Wanni isin isaan gochuu qabdan kana: iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa; waaqota isaaniis ibiddaan gubbaa.
5 Portanto, derrubem os altares desses povos, quebrem as colunas do deus Baal , cortem os postes da deusa Aserá e queimem todas as imagens.
6 Ati saba Waaqayyo Waaqa keetiif qulqulluu taatee dha. Waaqayyo Waaqni kee akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filate.
6 Pois vocês são o povo escolhido pelo Senhor , nosso Deus; entre todos os povos da terra ele escolheu vocês para serem somente dele.
7 Wanni Waaqayyo isin jaallatee isin filateef waan isin saboota kaan caalaa baayʼee taataniif miti; isin saboota hunda caalaa xinnoo turtan.
7 — O Senhor Deus os amou e escolheu, não porque vocês são mais numerosos do que outros povos; de fato, vocês são menos numerosos do que qualquer outro povo.
8 Garuu wanni Waaqayyo harka jabaadhaan isin baasee biyya garbummaatii fi irree Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isin fureef sababii isin jaallatee kakuu abbootii keessan wajjin gale sana eegeef.
8 Mas o Senhor os amou e com a sua força os livrou do poder de Faraó, o rei do Egito, onde vocês eram escravos. Ele fez isso para cumprir o juramento que tinha feito aos nossos antepassados.
9 Kanaafuu akka Waaqayyo Waaqni kee Waaqa taʼe beeki; inni Waaqa amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha.
9 Lembrem que o Senhor , nosso Deus, é o único Deus. Ele é fiel e mantém a sua aliança . Ele continua a amar, por mil gerações , aqueles que o amam e obedecem aos seus mandamentos,
10 Warra isa jibban garuu,
10 porém castiga de uma vez os que o rejeitam. Ele não demora em castigá-los e destruí-los.
11 Kanaafuu ati ajajawwan, qajeelchawwanii fi seerawwan ani harʼa siif kennu kanneen eegi.
11 Obedeçam, pois, às leis e aos mandamentos que hoje eu estou dando a vocês e façam tudo o que eu mando.
12 Yoo ati seerawwan kanneeniif xiyyeeffannaa kennitee of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakate sana kakuu fi araara isaa siifis ni eega.
12 — Se vocês derem atenção a essas leis e as cumprirem fielmente, o Senhor , nosso Deus, manterá a sua aliança e continuará a amá-los, conforme prometeu aos nossos antepassados.
13 Inni si jaallata; si eebbisa; si baayʼisas. Biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakuu gale keessatti ija garaa keetii, oomisha lafa keetii jechuunis midhaan, wayinii haaraa fi zayitii, jabbiiwwan loon keetii, xobbaallaawwan bushaayee keetii siif eebbisa.
13 Ele os amará, e abençoará, e fará com que se tornem mais e mais numerosos. Ele lhes dará muitos filhos, boas colheitas de cereais, uvas e azeitonas e muitas crias de gado e de ovelhas. Deus lhes dará todas essas bênçãos na terra que ele vai lhes dar, conforme o juramento que fez aos nossos antepassados.
14 Ati saboota kam iyyuu caalaa ni eebbifamta; dhiira yookaan dubartii kee keessaa tokko illee ijoollee hin dhabu yookaan loon kee keessaa tokko illee hin maseenu.
14 Vocês serão o povo mais abençoado do mundo. Todos terão filhos, e todos os seus animais terão crias.
15 Waaqayyo dhukkuba hunda sirraa fuudha. Inni dhukkuboota suukaneessaa ati biyya Gibxitti argite sana warra si jibbanitti fida malee sitti hin fidu.
15 O Senhor Deus os protegerá de toda enfermidade e nunca os castigará com as terríveis doenças com que castigou os egípcios, como vocês bem sabem. Pelo contrário, ele mandará essas doenças para os povos que odeiam vocês.
16 Ati saboota Waaqayyo Waaqni kee dabarsee sitti kennu hunda balleessuu qabda. Ati isaaniif garaa hin laafin; kuni kiyyoo sitti taʼaatii waaqota isaanii hin waaqeffatin.
16 Acabem com todos os povos que o Senhor , nosso Deus, entregar nas mãos de vocês. Não tenham pena deles, nem adorem os seus deuses, pois isso seria uma armadilha mortal para vocês.
17 Ati, “Saboonni kunneen nu caalaa jajjaboo dha; nu akkamitti isaan baafna?” jettee yaadda taʼa.
17 — Não fiquem pensando assim: “Estes povos são mais numerosos do que nós; como poderemos derrotá-los?”
18 Garuu ati isaan hin sodaatin; waan Waaqayyo Waaqni kee Faraʼoonii fi guutummaa Gibxitti hojjete sana yaadadhu.
18 Não tenham medo deles; lembrem daquilo que o Senhor , nosso Deus, fez com o rei do Egito e com todo o seu povo.
19 Ati qormaatawwan gurguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan, harka jabaa fi irree diriirfame kan Waaqayyo Waaqni kee ittiin si baase sana ijuma keetiin argiteerta. Waaqayyo Waaqni kee saboota ati amma sodaattu hundas akkasuma godha.
19 Lembrem das pragas, dos milagres e das coisas espantosas que vocês viram e não esqueçam o grande poder com que o Senhor os tirou do Egito. Pois o Senhor , nosso Deus, fará com esses povos, de quem vocês estão com medo, a mesma coisa que fez com os egípcios.
20 Kana caalaa iyyuu Waaqayyo Waaqni kee hamma warri lubbuudhaan hafanii si duraa dhokatan iyyuu barbadaaʼanitti gidduu isaaniitti sonsa ni erga.
20 Deus fará com que esses povos fujam apavorados e destruirá os que escaparem e se esconderem de vocês.
21 Sababii Waaqayyo Waaqni kee inni gidduu kee jiru sun Waaqa guddaa fi sodaachisaa taʼeef isaan hin sodaatin.
21 — Portanto, não tenham medo deles, pois com vocês está o Senhor , nosso Deus, o Deus que é forte e causa medo.
22 Waaqayyo Waaqni kee saboota sana xinnoo xinnoodhaan fuula kee duraa ni baasa; akka bineensonni bosonaa naannoo keetti hin baayʼanneef yeruma tokkotti isaan balleesuun siif hin eeyyamamu.
22 Pouco a pouco ele irá expulsando os povos que vocês enfrentarem. Mas vocês não irão destruí-los todos de uma vez; se fizessem isso, o número dos animais selvagens aumentaria, e eles seriam um grande perigo.
23 Waaqayyo Waaqni kee garuu hamma isaan badanitti isaan raatessuudhaan dabarsee harka keetti isaan kenna.
23 O Senhor vai entregar os inimigos nas mãos de vocês e vai deixá-los tão apavorados, que eles serão destruídos.
24 Mootota isaaniis dabarsee sitti kenna; atis maqaa isaanii samii jalaa ni balleessita. Hamma ati isaan balleessitutti namni fuula kee dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
24 Deus também entregará nas suas mãos os reis desses povos. Vocês os matarão, e ninguém lembrará nem do nome deles. Vocês derrotarão todos os seus inimigos; ninguém poderá resistir.
25 Fakkii waaqota isaanii ibiddaan gubi; meetii fi warqee isaan irra jiru hin hawwin; ofii keetiifis hin fudhatin; yoo kanaa achii inni sababii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti jibbisiisaa taʼeef kiyyoo sitti taʼa.
25 Queimem todas as imagens dos deuses desses povos. Não cobicem a prata e o ouro que estão nas imagens, nem fiquem com eles, pois isso seria uma armadilha mortal para vocês. Para o Senhor , nosso Deus, adorar ídolos é uma coisa nojenta.
26 Waan jibbisiisaa gara mana keetiitti hin galchin; yoo kanaa achii atis akkuma isaa badiisaaf addaan baafamta. Waan inni badiisaaf addaan baafameef ati guutumaan guutuutti isa jibbi; balfis.
26 Não levem nenhum ídolo para dentro de suas casas, pois a maldição que está sobre o ídolo estará também sobre vocês. Detestem e odeiem com todo o coração os ídolos, pois o ídolo é uma coisa amaldiçoada.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Deuteronômio 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.