Deuteronômio 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Yaa Israaʼel, ajajawwanii fi seerawwan ani isin barsiisu dhagaʼaa. Akka jiraattanii fi dhaqxanii biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isiniif kennu dhaaltaniifis isaan duukaa buʼaa.
1 Depois Moisés disse ao povo de Israel: — Obedeçam a todas as
2 Ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa.
2 Não acrescentem nada à lei que lhes estou dando, nem tirem dela uma só palavra. Guardem todos os mandamentos do Senhor , nosso Deus.
3 Isin waan Waaqayyo Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. Waaqayyo Waaqni keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera;
3 Vocês mesmos viram o que o Senhor fez perto do monte Peor, como matou todas as pessoas do nosso povo que ali adoraram o deus Baal .
4 isin warri Waaqayyo Waaqa keessan qabattan hundi garuu hamma harʼaatti lubbuudhaan jiraattan.
4 Mas aqueles que continuaram fiéis a Deus, o Senhor , ainda estão vivos.
5 Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma Waaqayyo Waaqni koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera.
5 — Como o Senhor , meu Deus, me ordenou, eu lhes tenho ensinado as leis e os mandamentos que vocês deverão guardar na terra que vão invadir e que vai ser de vocês.
6 Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, “Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa.
6 Portanto, obedeçam fielmente a todas essas leis, e assim os outros povos verão que vocês são sábios e inteligentes. Quando ouvirem falar dessas leis, eles dirão: “Como é sábio e inteligente o povo dessa grande nação!”
7 Sabni guddaan akka yeroo nu Waaqayyo Waaqa keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami?
7 — Nenhuma outra grande nação tem um deus que fique tão perto do seu povo como o Senhor , nosso Deus, fica perto de nós. Ele nos ouve todas as vezes que pedimos a sua ajuda.
8 Sabni guddaan ajajawwanii fi seera qajeelaa akka seera ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu kanaa qabu biraa kami?
8 E será que existe outra grande nação que tenha mandamentos e ensinamentos tão direitos como essa lei que estou lhes dando hoje?
9 Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi.
9 Portanto, tenham cuidado e sejam fiéis para que nunca esqueçam as coisas que viram. E contem aos seus filhos e netos
10 Gaafa isin Kooreebitti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa.
10 o que aconteceu no monte Sinai naquele dia em que vocês estiveram na presença do Senhor , nosso Deus, quando ele me disse: “Reúna esse povo na minha presença para que escutem o que vou dizer, a fim de que aprendam a temer-me a vida inteira e assim ensinem os seus filhos.”
11 Isin utumaa tulluun sun bobaʼaa ibidda hamma wiirtuu samiitti ol baʼee duumessa gurraachaa fi dukkana limixiidhaan haguugamee jiruu itti dhiʼaattanii miilla tulluu sanaa jala dhadhaabattan.
11 — Então vocês foram e ficaram ao pé do monte Sinai, que estava completamente coberto de escuridão e de nuvens negras. Em cima do monte havia um fogo, e as suas chamas subiam até o céu.
12 Ergasiis Waaqayyo ibidda keessaa isinitti dubbate. Isinis sagalee dubbii sanaa malee bifa tokko illee hin argine; sagalee tokko qofatu ture.
12 Do meio do fogo o Senhor Deus falou com vocês; vocês ouviram a voz dele, mas não viram ninguém; só escutaram a voz.
13 Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse.
13 Deus lhes anunciou a aliança que estava fazendo com vocês e mandou que obedecessem aos dez mandamentos, que depois escreveu em duas placas de pedra.
14 Waaqayyos yeroo sanatti akka ani ajajawwanii fi seerawwan biyya isin Yordaanos ceetanii dhaaltan sana keessatti duukaa buʼuu qabdan isin barsiisu na ajaje.
14 E ao mesmo tempo o Senhor mandou que eu lhes ensinasse as leis e os mandamentos que vocês devem seguir na terra que vão invadir e que vai ser de vocês.
15 Gaafa Waaqayyo Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa;
15 Moisés continuou: — Quando o
16 kunis akka isin hin xuroofne, akka Waaqa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne
16 e não cometam o erro de fazer imagens para adorar. Não façam nenhuma imagem que sirva de ídolo, seja em forma de homem, ou de mulher,
17 yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira samii keessa barrisu kam iyyuu
17 ou de animal, ou de ave,
18 yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef.
18 ou de animal que se arrasta pelo chão, ou de peixe.
19 Ati yommuu samii ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa samii hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan Waaqayyo Waaqni kee saboota samiidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin.
19 E, quando olharem para o céu, não caiam na tentação de adorar o sol, a lua ou as estrelas. Pois o Senhor , nosso Deus, repartiu o sol, a lua e as estrelas entre os outros povos, para que eles os adorem.
20 Waaqayyo garuu akka isin akkuma amma jirtan kana dhaala isaa taataniif badaa sibiila itti baqsan jechuunis biyya Gibxiitii baasee isin fide.
20 Mas vocês são o povo que o Senhor tirou do Egito, aquela fornalha acesa, para serem somente dele, como, de fato, são.
21 Waaqayyos sababii keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yordaanos ceʼee biyya gaarii kan Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu sana hin seenne kakate.
21 Por causa de vocês o Senhor Deus ficou irado comigo e jurou que eu nunca atravessaria o rio Jordão, nem entraria na boa terra que o Senhor , nosso Deus, lhes está dando.
22 Ani biyyuma kanatti nan duʼa; ani Yordaanosin hin ceʼu; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana dhaaluuf jirtu.
22 Eu não vou atravessar o rio Jordão; vou morrer aqui mesmo. Mas vocês vão atravessá-lo e tomar posse daquela boa terra.
23 Akka kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin gale sana hin daganne of eeggadhaa; waaqota tolfamoo Waaqayyo Waaqni keessan isin dhowwe bifa kamiin iyyuu ofii keessaniif hin tolfatinaa.
23 Tenham o cuidado de não esquecerem a aliança que o Senhor , nosso Deus, fez com vocês. Obedeçam à sua ordem e não façam nenhuma imagem para adorar.
24 Waaqayyo Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
24 Pois o Senhor , nosso Deus, é um fogo destruidor; ele não tolera outros deuses.
25 Isin erga ijoollee fi ijoollee ijoollee keessanii hortanii biyya sana keessa bara dheeraa jiraattanii booddee, yoo xurooftanii fakkii waaqota tolfamoo bifa kamii iyyuu tolchitanii fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti waan hamaa hojjettanii dheekkamsaaf isa kakaaftan,
25 — E mesmo depois de muitos anos na terra de Canaã, quando vocês já estiverem velhos e tiverem filhos e netos, não cometam o erro de fazer ídolos. Para Deus isso é um pecado grave, e ele ficará irado com vocês.
26 akka isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan irraa ariitiidhaan dhabamtan ani guyyaa harʼaa samii fi lafa dhugaa baatota godhee isinitti nan waama. Iddoo sana yeroo dheeraa hin jiraattan; isin guutumaan guutuutti barbadooftu.
26 Chamo o céu e a terra como testemunhas contra vocês: se adorarem ídolos, vocês desaparecerão logo da terra que vai ser de vocês no outro lado do rio Jordão. Vocês viverão pouco tempo naquela terra e logo serão completamente destruídos.
27 Waaqayyos saboota keessa isin faffacaasa; saboota warra Waaqayyo isaan gidduutti isin faffacaase keessattis muraasa taatanii haftu.
27 O Senhor Deus os espalhará pelas nações estrangeiras, onde poucos de vocês ficarão vivos.
28 Isinis achitti waaqota harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan nyaachuu yookaan fuunfachuu hin dandeenye waaqeffattu.
28 Naquelas nações vocês adorarão deuses feitos de madeira e de pedra, que não veem, nem ouvem, não comem, nem cheiram.
29 Garuu yoo achittis Waaqayyo Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
29 Lá vocês procurarão o Senhor , seu Deus, e o encontrarão, se o buscarem com todo o coração e com toda a alma.
30 Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara Waaqayyo Waaqa keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta.
30 E, no futuro, quando estiverem em dificuldades, e tudo isso acontecer, então se vocês voltarem para o Senhor , nosso Deus, e obedecerem aos seus mandamentos,
31 Waaqayyo Waaqni kee Waaqa araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu.
31 ele não os abandonará. Ele é Deus misericordioso e não os destruirá, nem esquecerá a aliança que fez com os nossos antepassados e que jurou cumprir.
32 Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Waaqayyo lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii samii tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa?
32 — Estudem o passado, toda a história desde a criação da humanidade. Caminhem pelo mundo inteiro e perguntem se alguém já viu ou ouviu falar de haver acontecido alguma coisa tão impressionante como esta.
33 Sabni akka keessan sagalee Waaqaa kan ibidda keessaa dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan jiraate kan biraa takkumaa argameeraa?
33 Será que já houve alguém que, depois de ter ouvido um deus falando do meio do fogo, ainda continuasse vivo, como aconteceu com vocês?
34 Waaqni kam iyyuu takkumaa akka Waaqayyo Waaqni keessan utuma iji keessan arguu biyya Gibxitti isinii godhe sana saba tokko saba biraa keessaa qorumsaan, mallattoo fi dinqiidhaan, waraanaan, harka jabaa fi irree diriirfameen, yookaan hojii guddaa fi sodaachisaadhaan baasee kan ofii isaa godhachuu yaale jira?
34 Será que já houve um deus que resolveu ir tirar do meio de outra nação um povo para ser completamente dele, como o Senhor , nosso Deus, fez com vocês? Vocês viram como ele mostrou o seu poder e a sua força; viram como ele, por meio de pragas e milagres maravilhosos, de guerras e feitos espantosos, tirou vocês do Egito.
35 Isinis Waaqayyo Waaqa taʼuu isaa akka beektaniif wantoonni kunneen isinitti argisiifaman; isa malees kan biraa hin jiru.
35 Deus deixou que vocês vissem tudo isso para que soubessem que o Senhor é Deus; não há nenhum outro deus, a não ser ele.
36 Inni si adabachuuf jedhee samiidhaa sagalee isaa si dhageessise. Lafa irratti ibidda isaa guddicha sitti argisiisee atis ibidda keessaa dubbii isaa dhageesse.
36 Para ensiná-los, Deus falou do céu, e na terra ele lhes mostrou um grande fogo, e do meio desse fogo falou com vocês.
37 Inni waan abbootii kee jaallatee isaan booddees sanyiiwwan isaanii filateef ofii isaatiin humna isaa guddaadhaan biyya Gibxiitii baasee isin fide;
37 Deus amou os nossos antepassados e por isso escolheu vocês; e ele mesmo, com a sua grande força, os tirou do Egito.
38 kanas akka harʼa taʼee jiru kana saboota si caalaa gurguddaa fi jajjaboo si duraa ariʼee biyya isaanii dhaala godhee siif kennuuf itti si fide.
38 Depois foi na frente de vocês, expulsando povos que eram mais numerosos e mais poderosos do que vocês, e assim deu a vocês as terras daquelas nações, onde vocês estão morando agora.
39 Harʼa akka Waaqayyo ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqa taʼe beeki; garaa keettis qabadhu. Kan biraas hin jiru.
39 — Fiquem sabendo agora e nunca esqueçam isto: somente o Senhor é Deus lá em cima no céu e aqui embaixo na terra. Não há outro deus.
40 Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya Waaqayyo Waaqni kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi.
40 Portanto, obedeçam a todas as suas leis que eu lhes estou dando hoje. Assim vocês e os seus descendentes serão felizes e viverão muitos anos na terra que o Senhor , nosso Deus, lhes está dando para sempre.
41 Yeroo sanatti Museen magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate;
41 Depois Moisés escolheu três cidades no lado leste do rio Jordão
42 kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa.
42 para onde poderia fugir qualquer homem que, sem querer ou por engano, tivesse matado alguém de quem não tinha ódio. Em qualquer uma dessas cidades esse homem estaria seguro, e ninguém poderia matá-lo.
43 Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef.
43 Para a tribo de Rúben, Moisés escolheu Bezer, no deserto, no planalto; para a tribo de Gade, ele escolheu Ramote, na região de Gileade; e, para a tribo de Manassés do Leste, ele escolheu Golã, na região de Basã. O segundo discurso de Moisés
44 Kun Seera Museen Israaʼeloota dura kaaʼee dha.
44 Moisés deu ao povo de Israel a lei de Deus,
45 Qajeelchi, ajajnii fi seerri Museen yommuu isaan biyya Gibxii baʼanitti Israaʼelootaaf kenne kanaa dha;
45 com os seus mandamentos, ordens e ensinamentos. Isso foi depois que os israelitas tinham saído do Egito
46 kunis yeroo isaan Sulula Beet Pheʼoor biyya baʼa Yordaanositti argamtu keessa turanitti taʼe; biyyi kunis biyya Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraachaa turee Musee fi Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii baʼanitti isa moʼatanii ti.
46 e haviam chegado ao vale que fica perto de Bete-Peor, na região a leste do rio Jordão. Essa terra era de Seom, o rei dos amorreus, que morava em Hesbom. Moisés e os israelitas derrotaram Seom
47 Isaanis biyya isaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan jechuunis biyyoota mootota Amoorii lamaan baʼa Yordaanositti argaman dhaala godhanii fudhatan.
47 e tomaram posse da sua terra. E fizeram a mesma coisa com Ogue, rei de Basã. Assim os israelitas invadiram e ocuparam as terras desses dois reis amorreus, a leste do rio Jordão.
48 Biyyi kunis Aroʼeer kan daarii Sulula Arnoonii jalqabee hamma Gaara Sihoonitti jechuunis hamma Hermooniitti balʼata;
48 As terras deles iam desde a cidade de Aroer, que fica perto do vale do rio Arnom, no Sul, até o monte Siriom (isto é, o monte Hermom), no Norte.
49 innis Arabbaa baʼa Yordaanosii hamma galaana Arabbaatti jiru kan tabba Phisgaatii gaditti argamu hunda dabalata.
49 Fazia parte delas a região a leste do rio Jordão até o mar Morto, no Sul, e até o pé do monte Pisga, no Leste.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Deuteronômio 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.