Deuteronômio 31

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Ergasiis Museen dhaqee dubbii kana Israaʼel hundatti dubbate:
1 Moisés continuou dizendo ao povo de Israel:
2 “Ani amma nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ti; siʼachis isin hoogganuu hin dandaʼu. Waaqayyo, ‘Ati Yordaanos hin ceetu’ naan jedheera.
2 — Já estou com cento e vinte anos e não posso mais dar conta do meu trabalho. Além disso, o Senhor Deus me disse que eu não vou atravessar o rio Jordão.
3 Waaqayyo Waaqni kee mataan isaa si dura ni ceʼa. Inni saboota kanneen fuula kee duraa ni barbadeessa; atis biyya isaanii ni dhaalta. Akkuma Waaqayyo jedhetti, Iyyaasuunis si dura ni ceʼa.
3 O Senhor , nosso Deus, irá na frente de vocês e destruirá os povos que encontrarem, e vocês tomarão posse da terra. E, conforme o Senhor ordenou, Josué os comandará.
4 Waaqayyo akkuma Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa sana biyya isaanii wajjin balleesse sana isaan kanneenis ni balleessa.
4 Deus destruirá aqueles povos como destruiu Seom e Ogue, os reis dos amorreus, e a terra deles.
5 Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isaan kenna; isinis waan ani isin ajaje hunda isaan gochuu qabdu.
5 Deus entregará esses povos nas suas mãos, e vocês devem tratá-los exatamente de acordo com as ordens que lhes dei.
6 Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.”
6 Sejam fortes e corajosos; não se assustem, nem tenham medo deles, pois é o Senhor , nosso Deus, quem irá com vocês. Ele não os deixará, nem abandonará.
7 Kana irratti Museen Iyyaasuu ofitti waamee fuula Israaʼel hundaa duratti akkana jedheen; “Ati sababii biyya Waaqayyo isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakatetti galuuf saba kana wajjin deemtuuf cimi; jabaadhus; biyyattiis akka dhaalan godhi.
7 Depois Moisés chamou Josué e, na presença de todo o povo, lhe disse: — Seja forte e corajoso, pois você vai comandar este povo na conquista da terra que o
8 Waaqayyo mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
8 O Senhor Deus irá na sua frente; ele mesmo estará com você e não o deixará, não o abandonará. Não se assuste, nem tenha medo.
9 Museenis seera kana barreessee ilmaan Lewwii kanneen luboota taʼanii taabota kakuu Waaqayyoo baatanii fi maanguddoota Israaʼel hundatti kenne.
9 Moisés escreveu esta Lei e a entregou aos líderes do povo e aos sacerdotes levitas que levavam a arca da aliança de Deus, o Senhor .
10 Ergasiis Museen akkana jedhee isaan ajaje; “Dhuma waggaa torbaffaatti, yeroo itti gatiin dhiifamutti, yeroo itti Ayyaanni Daasii ayyaaneffamutti,
10 E Moisés lhes deu a seguinte ordem: — De sete em sete anos, no ano marcado para perdoar as dívidas, leiam esta Lei durante a
11 yommuu Israaʼel hundi fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti mulʼachuuf lafa inni filatu dhufanitti akka isaan dhagaʼaniif fuula isaanii duratti seera kana isaanii dubbifta.
11 Todos os israelitas deverão estar presentes para adorar o Senhor Deus no lugar que ele tiver escolhido. Ali, na presença do povo, leiam a Lei em voz alta.
12 Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi.
12 Reúnam todo o povo — homens, mulheres, crianças e os estrangeiros que moram nas cidades onde vocês vivem — para que ouçam a leitura, aprendam a Lei, temam o Senhor , nosso Deus, e obedeçam fielmente a tudo o que a Lei manda.
13 Bara isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa jiraattan guutuu ijoolleen isaanii kanneen seera kana hin beeknes dhagaʼuu fi Waaqayyo Waaqa isaanii sodaachuu barachuu qabu.”
13 Assim os seus descendentes que ainda não conhecerem a Lei de Deus também ouvirão a leitura e aprenderão a temer o Senhor , nosso Deus, durante todo o tempo em que viverem na terra que fica do outro lado do rio Jordão e que vai ser do povo de Israel.
14 Waaqayyo Museedhaan, “Yeroon ati duutu dhiʼaateera. Akka ani waan inni hojjechuu malu itti himuuf Iyyaasuu waamiitii dunkaana wal gaʼii biratti dhiʼaadhaa” jedhe. Musee fi Iyyaasuunis dhufanii dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼaatan.
14 O Senhor Deus disse a Moisés: — Está chegando o dia da sua morte. Chame Josué, e vocês dois vão até a Então Moisés e Josué foram,
15 Waaqayyo utubaa duumessaatiin dhufee dunkaanicha keessatti mulʼate; duumessi sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabate.
15 e ali na Tenda Sagrada o Senhor Deus apareceu numa coluna de nuvem, que estava parada perto da entrada da Tenda.
16 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati abbootii kee wajjin ni boqotta; sabni kun immoo yommuu suma biyya dhaaluuf itti galutti waaqota Namoota Ormaa duukaa buʼee sagaagaluu jalqaba. Isaan na dhiisanii kakuu ani isaan wajjin gale ni cabsu.
16 E o Senhor disse a Moisés: — Você vai morrer logo, e então este povo se tornará infiel, indo atrás dos deuses da terra em que vão entrar. Eles me abandonarão e assim quebrarão a
17 Gaafas ani isaanitti aaree isaan nan dhiisa; fuula koos isaan duraa nan dhoksa; isaanis ni barbadeeffamu. Badiisaa fi rakkoo baayʼeetu isaanitti dhufa; isaanis gaafasi, ‘Badiisni kun waan Waaqni keenya nu wajjin hin jirreef nutti dhufe mitii?’ jedhanii gaafatu.
17 Quando isso acontecer, eu ficarei irado com eles e os abandonarei; e, por não terem a minha ajuda, eles serão destruídos. Virão tantos desastres e tantas dificuldades, que eles dirão: “Nós estamos sofrendo tudo isso porque o nosso Deus não está conosco.”
18 Waan isaan gara waaqota biraatti garagalaniif ani sababii hammina isaanii hundaatiif guutumaan guutuutti fuula koo isaan duraa nan dhokfadha.
18 Naquele dia eu certamente os abandonarei, pois fizeram muitas maldades e adoraram outros deuses.
19 “Akka isaanitti ragaa naa taʼuuf, faarfannaa kana barreeffadhuutii akka isaan faarfataniif Israaʼeloota barsiisi.
19 — Agora escreva esta canção e ensine aos israelitas. Mande que eles a aprendam de cor, pois ela será minha testemunha contra eles.
20 Yommuu ani biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan ani abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galetti isaan fidutti isaan nyaatanii quufanii narraa garagaluudhaan waaqota biraa waaqeffatu; na dhiisaniis kakuu koo ni cabsu.
20 Eu levarei o meu povo para aquela terra boa e rica que jurei dar aos antepassados deles. Ali eles terão tudo o que precisarem e ficarão ricos. Então vão me abandonar e adorar outros deuses, quebrando assim a aliança que fiz com eles.
21 Faarfannaan kunis yommuu badiisnii fi rakkinni isaanitti dhufuti ragaa isaanitti taʼa; kun sanyii isaanii keessatti hin irraanfatamuutii. Ani utuu biyya kakuudhaan waadaa isaanii galetti isaan hin fidin iyyuu waan isaan gochuuf yaadan nan beekaatii.”
21 Por isso serão castigados com desgraças e dificuldades, e esta canção será minha testemunha contra eles, pois os seus descendentes continuarão a cantá-la. Eu sei muito bem o que este povo está pensando; mesmo antes de levá-los para a terra que jurei dar a eles, eu sei muito bem o que estão planejando fazer lá.
22 Kanaafuu Museen gaafas faarfannaa kana barreessee Israaʼeloota barsiise.
22 Naquele mesmo dia Moisés escreveu a canção e a ensinou ao povo de Israel.
23 Waaqayyos Iyyaasuu ilma Nuunitiif ajaja, “Ati sababii biyya ani kakuudhaan waadaa isaanii galetti Israaʼeloota galchituuf cimi, jabaadhu; ani mataan koo si wajjin jiraa” jedhu kenne.
23 O Senhor falou com Josué, filho de Num, e lhe disse: — Seja forte e corajoso. Você comandará o povo na conquista da terra que prometi dar a eles, e eu estarei com você.
24 Museen erga dubbii seera kanaa jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba irratti barreessee fixee booddee,
24 Moisés escreveu com cuidado num livro todas as palavras da Lei de Deus
25 Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baataniif ajaja kana kenne:
25 e depois o entregou aos levitas encarregados de levar a arca da aliança de Deus, o Senhor . Moisés lhes disse:
26 “Kitaaba Seeraa kana fudhuutii taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keetii bira kaaʼi. Kunis akka inni achuma taaʼee ragaa isinitti taʼuuf.
26 — Ponham este Livro da Lei de Deus ao lado da arca da aliança do Senhor , nosso Deus, para que fique ali como testemunha contra o povo.
27 Ani akka isin finciltootaa fi mata jabeeyyii taatan nan beekaatii. Isin yoo utuma ani jiruu Waaqayyotti finciltan, erga ani duʼee booddee immoo hammam caalaa haa finciltan ree!
27 Eu sei que essa gente é rebelde e teimosa. Se eles se revoltaram contra o Senhor Deus enquanto eu ainda vivia, quanto mais depois que eu morrer!
28 Akka ani akka isaan dhagaʼaniif dubbii kana isaanitti hime akka isaanitti ragaa taʼuuf samii fi lafa waammachuu dandaʼuuf maanguddoota gosoota keessanii hundaa fi qondaaltota keessan hunda fuula koo duratti walitti qabaa.
28 Reúnam aqui na minha presença todos os líderes das tribos e as outras autoridades para que eu lhes diga todas essas coisas. Chamarei o céu e a terra como testemunhas contra eles,
29 Ani akka isin erga ani duʼee booddee guutumaan guutuutti xurooftanii ajaja ani isinii kenne irraa garagaltan nan beekaatii. Baroota dhufuuf jiran keessa rakkinni isinitti dhufa; isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjettanii hojiidhuma harka keessaniitiin dheekkamsaaf isa kakaaftuutii.”
29 pois sei que depois da minha morte eles se entregarão ao pecado e não obedecerão às minhas ordens. Então chegará o dia em que serão castigados, pois os seus pecados farão com que Deus fique irado com eles.
30 Museenis jalqabaa hamma dhumaatti dubbii faarfannaa kanaa guutummaa waldaa Israaʼelitti akkana jedhee dhageessise:
30 Em seguida, na presença de todo o povo de Israel, Moisés recitou em voz alta, do começo ao fim, esta canção:

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Deuteronômio 31, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.