Deuteronômio 2

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Ergasii akkuma Waaqayyo natti himetti, duubatti deebinee karaa Galaana Diimaatiin gara gammoojjiitti qajeelle; yeroo dheeraadhaafis naannoo biyya gaaraa Seeʼiir keessa joorre.
1 Depois viramo-nos, e caminhamos ao deserto, caminho do Mar Vermelho, como o SENHOR me tinha dito, e muitos dias rodeamos o monte Seir.
2 Waaqayyos akkana naan jedhe;
2 Então o Senhor me falou, dizendo:
3 “Biyya gaaraa kana naannaʼuun isin gaʼa; gara kaabaatti garagalaa.
3 Tendes rodeado bastante esta montanha; virai-vos para o norte.
4 Saba kana akkana jedhii ajaji: ‘Isin biyya obboloota keessan sanyiiwwan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraatanii keessa darbitu. Isaan isin sodaatu; isin garuu jabeessaa of eeggadhaa.
4 E dá ordem ao povo, dizendo: Passareis pelos termos de vossos irmãos, os filhos de Esaú, que habitam em Seir; e eles terão medo de vós; porém guardai-vos bem.
5 Lolaaf isaan hin kakaasinaa; ani lafa isaanii irraa iddoo isin miilla keessan irra dhaabbattan illee isiniif hin kennuutii. Ani biyya gaaraa Seeʼiir dhaala godhee Esaawuuf kenneera.
5 Não vos envolvais com eles, porque não vos darei da sua terra nem ainda a pisada da planta de um pé; porquanto a Esaú tenho dado o monte Seir por herança.
6 Nyaata achii nyaattanii fi bishaan dhugdaniif maallaqa baaftuuf.’ ”
6 Comprareis deles, por dinheiro, comida para comerdes; e também água para beber deles comprareis por dinheiro.
7 Waaqayyo Waaqni keessan waan isin hojjettan hundaan isin eebbiseera. Inni deemsa dheeraa isin gammoojjii balʼaa kana keessa deemtan irratti isin eegeera. Waaqayyo Waaqni keessan waggoota afurtamman kanneen isin wajjin ture; isinis waan tokko illee hin dhabne.
7 Pois o Senhor teu Deus te abençoou em toda a obra das tuas mãos; ele sabe que andas por este grande deserto; estes quarenta anos o Senhor teu Deus esteve contigo, coisa nenhuma te faltou.
8 Obboloota keenya ilmaan Esaawu warra Seeʼiir keessa jiraatan bira dabarree deemne. Nus daandii Arabbaa kan Eelaatii fi Eziyoon Geberii dhufu irraa garagallee karaa daandii gammoojjii Moʼaab deemne.
8 Passando, pois, por nossos irmãos, os filhos de Esaú, que habitavam em Seir, desde o caminho da planície de Elate e de Eziom-Geber, nos viramos e passamos o caminho do deserto de Moabe.
9 Ergasiis Waaqayyo akkana naan jedhe; “Waan ani lafa Moʼaab irraa isiniif hin kennineef akkasumaan isaan hin rakkisinaa; waraanaafis isaan hin kakaasinaa. Ani Aarin dhaala godhee sanyii Looxiif kenneeraatii.”
9 Então o Senhor me disse: Não molestes aos de Moabe, e não contendas com eles em peleja, porque não te darei herança da sua terra; porquanto tenho dado a Ar por herança aos filhos de Ló.
10 Eemiimoonni achi jiraachaa turan; isaanis namoota jajjaboo fi baayʼee dha; akkuma Anaaqotaas dhedheeroo turan.
10 (Os emins dantes habitaram nela; um povo grande e numeroso, e alto como os gigantes.
11 Isaan kunneenis akkuma Anaaqotaa, Refaayimoota jedhamanii hedamu turan; Moʼaabonni garuu Eemiimoota jedhuun.
11 Também estes foram considerados gigantes como os anaquins; e os moabitas os chamavam emins.
12 Huuronni kunneen Seeʼiir keessa jiraachaa turan; ilmaan Esaawu garuu ariʼanii achii isaan baasan. Isaanis akkuma Israaʼeloonni biyya Waaqayyo dhaala isaaniif kenne sana keessatti godhan sana Hoorota achii balleessanii ofii isaaniitii biyya jaraa keessa qubatan.
12 Outrora os horeus também habitaram em Seir; porém os filhos de Esaú os lançaram fora, e os destruíram de diante de si, e habitaram no seu lugar, assim como Israel fez à terra da sua herança, que o Senhor lhes tinha dado).
13 Waaqayyo, “Ammuma kaʼaatii Laga Zered ceʼaa” nuun jedhe. Nu laga sana ceene.
13 Levantai-vos agora, e passai o ribeiro de Zerede. Assim passamos o ribeiro de Zerede.
14 Yeroo nu Qaadesh Barnee kaanee jalqabee hamma laga Zered ceenutti waggaa soddomii saddeet fudhate. Akkuma Waaqayyo isaanitti kakatetti dhaloonni dhiira waraanaa hundi yeroo sanatti qubata keessaa dhume.
14 E os dias que caminhamos, desde Cades-Barnéia até que passamos o ribeiro de Zerede, foram trinta e oito anos, até que toda aquela geração dos homens de guerra se consumiu do meio do arraial, como o Senhor lhes jurara.
15 Harki Waaqayyoos qubata keessaa isaan balleessuudhaaf isaan irra ture.
15 Assim também foi contra eles a mão do Senhor, para os destruir do meio do arraial até os haver consumido.
16 Yeroo loltoonni hundi saba keessaa dhumanitti,
16 E sucedeu que, sendo já consumidos todos os homens de guerra, pela morte, do meio do povo,
17 Waaqayyo akkana naan jedhe;
17 O Senhor me falou, dizendo:
18 “Ati harʼa daarii Moʼaab, Aari keessa dabarta.
18 Hoje passarás a Ar, pelos termos de Moabe;
19 Yommuu Amoonotatti dhuftanitti akkasumaan isaan hin rakkisinaa yookaan waraanaaf isaan hin kakaasinaa; ani biyya isaanii keessaa tokko illee dhaala godhee isiniif hin kennuutii. Ani biyya isaanii sanyii Looxiif handhuuraa godhee kenneera.”
19 E chegando até defronte dos filhos de Amom, não os molestes, e com eles não contendas; porque da terra dos filhos de Amom não te darei herança, porquanto aos filhos de Ló a tenho dado por herança.
20 Kunis biyya Refaayimoota achi jiraachaa turaniiti jedhamee hedama; Amoononni garuu Zamzumoota jedhanii isaan waamu ture.
20 (Também essa foi considerada terra de gigantes; antes nela habitavam gigantes, e os amonitas os chamavam zamzumins;
21 Isaanis namoota jajjaboo fi baayʼee dha; akkuma Anaaqotaa dhedheeroo turan. Waaqayyos fuula Amoonota achii isaan baasanii iddoo isaanii qubatan sanaa duraa isaan barbadeesse.
21 Um povo grande, e numeroso, e alto, como os gigantes; e o Senhor os destruiu de diante dos amonitas, e estes os lançaram fora, e habitaram no seu lugar;
22 Waaqayyos yommuu Hoorota fuula isaanii duraa balleessetti ilmaan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraachaa turanis akkasuma godhe. Isaanis jara achii baasanii hamma harʼaatti biyya isaanii keessa jiraatan.
22 Assim como fez com os filhos de Esaú, que habitavam em Seir, de diante dos quais destruiu os horeus, e eles os lançaram fora, e habitaram no lugar deles até este dia;
23 Awoota gandoota hamma Gaazaatti jiran keessa jiraatan immoo Kaftooronni Kaftoorii baʼanii dhufan sun balleessanii iddoo isaanii qubatan.
23 Também os caftorins, que saíram de Caftor, destruíram os aveus, que habitavam em Cazerim até Gaza, e habitaram no lugar deles).
24 “Kaʼaatii Laga Arnoon ceʼaa; ani kunoo, Sihoon Amooricha mootii Heshbooniitii fi biyya isaa illee dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii. Waraana itti banaatii biyya sana qabachuu jalqabaa.
24 Levantai-vos, parti e passai o ribeiro de Arnom; eis aqui na tua mão tenho dado a Siom, amorreu, rei de Hesbom, e a sua terra; começa a possuí-la, e contende com eles em peleja.
25 Anis naasisuu fi sodaachisuu keessan saboota samii gad jiran hundatti buusuu hardhuma nan jalqaba. Isaanis oduu waaʼee keessanii dhagaʼanii sababii keessaniif hollatu; naasuunis isaan qabata.”
25 Neste dia começarei a pôr um terror e um medo de ti diante dos povos que estão debaixo de todo o céu; os que ouvirem a tua fama tremerão diante de ti e se angustiarão.
26 Anis akkana jedhee gammoojjii Qidemooti keessaa Sihoon mooticha Heshbooniitti ergamoota nagaa nan erge;
26 Então mandei mensageiros desde o deserto de Quedemote a Siom, rei de Hesbom, com palavras de paz, dizendo:
27 “Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuu eeyyami. Nu karaa guddicha irraa hin gorru; mirgattis gara bitaattis hin gorru.
27 Deixa-me passar pela tua terra; somente pela estrada irei; não me desviarei para a direita nem para a esquerda.
28 Waan nyaannuu fi bishaan dhugnu maallaqaan nutti gurguri. Akka miilla qofaan achi keessa dabarru nuuf eeyyami;
28 A comida, para que eu coma, vender-me-ás por dinheiro, e dar-me-ás por dinheiro a água para que eu beba; tão-somente deixa-me passar a pé;
29 akkuma ilmaan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraatanii fi Moʼaabonni Aari keessa jiraatan nuuf godhan sana atis hamma nu gara biyya Waaqayyo Waaqni keenya nuu kennuutti galuuf laga Yordaanos ceenutti akkasuma nuuf godhi.”
29 Como fizeram comigo os filhos de Esaú, que habitam em Seir, e os moabitas que habitam em Ar; até que eu passe o Jordão, à terra que o Senhor nosso Deus nos há de dar.
30 Sihoon mootiin Heshboon garuu akka nu dabarru nuuf eeyyamuu dide. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma amma godhe kana dabarsee harka keessanitti isa kennuuf mataa fi garaa isaa jabeessee tureetii.
30 Mas Siom, rei de Hesbom, não nos quis deixar passar por sua terra, porquanto o Senhor teu Deus endurecera o seu espírito, e fizera obstinado o seu coração para to dar na tua mão, como hoje se vê.
31 Waaqayyos, “Kunoo, ani Sihoonii fi biyya isaa dabarsee siif kennuu jalqabeera. Ati biyya isaa dhaaluuf qabachuu jalqabi” naan jedhe.
31 E o Senhor me disse: Eis aqui, tenho começado a dar-te Siom, e a sua terra; começa, pois, a possuí-la para que herdes a sua terra.
32 Yommuu Sihoonii fi guutummaan loltoota isaa nu waraanuuf Yaahazitti baʼanitti,
32 E Siom saiu-nos ao encontro, ele e todo o seu povo, à peleja, em Jaza;
33 Waaqayyo Waaqni keenya dabarsee harka keenyatti isa nuuf kenne; nus isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda dhoofne.
33 E o Senhor nosso Deus no-lo entregou, e o ferimos a ele, e a seus filhos, e a todo o seu povo.
34 Yeroo sanattis magaalaawwan isaa hunda qabannee dhiirota, dubartootaa fi ijoollee, tokkoo tokkoo magaalaawwanii guutumaan guutuutti barbadeessine. Nama tokko illee hin hambifne.
34 E naquele tempo tomamos todas as suas cidades, e cada uma destruímos com os seus homens, mulheres e crianças; não deixamos a ninguém.
35 Garuu horii fi boojuu magaalaawwan qabanne sana keessaa boojine ofii keenyaaf fudhanne.
35 Somente tomamos por presa o gado para nós, e o despojo das cidades que tínhamos tomado.
36 Magaalaa Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoonitti argamuu fi magaalaa sululicha keessatti argamuu jalqabee magaalaa hamma Giliʼaaditti argamu keessaa tokko iyyuu nu ittisuu hin dandeenye. Waaqayyo Waaqni keenya hunda isaanii dabarsee nuuf kenne.
36 Desde Aroer, que está à margem do ribeiro de Arnom, e a cidade que está junto ao ribeiro, até Gileade, nenhuma cidade houve que de nós escapasse; tudo isto o Senhor nosso Deus nos entregou.
37 Garuu akkuma ajaja Waaqayyo Waaqni keenya nuuf kenne sanaatti isin gara biyyoota Amoonotaa tokkootti illee yookaan gara biyya qarqara laga Yaaboq irratti argamuu yookaan biyyoota naannoo magaalaawwan gaarran irratti argamaniitti hin dabarre.
37 Somente à terra dos filhos de Amom não chegastes; nem a toda a margem do ribeiro de Jaboque, nem às cidades da montanha, nem a coisa alguma que nos proibira o Senhor nosso Deus.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Deuteronômio 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.