Deuteronômio 29
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Dubbiin kakuu kan Waaqayyo kakuu Kooreebitti isaan wajjin gale sana irratti dabalee akka inni Moʼaab keessatti Israaʼeloota wajjin galuuf Musee ajaje kanaa dha.
1 São estas as palavras da aliança que o Senhor ordenou que Moisés fizesse com os filhos de Israel na terra de Moabe, além da aliança que havia feito com eles em Horebe.
2 Museen Israaʼeloota hunda walitti waamee akkana jedheen:
2 Moisés mandou reunir todo o Israel. Então lhes disse: — Vocês viram com os seus próprios olhos tudo o que o
3 Isin qorumsawwan gurguddaa sana, mallattoowwanii fi dinqiiwwan gurguddaa sana ijuma keessaniin argitaniirtu.
3 Viram grandes provas, sinais e grandes maravilhas.
4 Waaqayyo garuu hamma harʼaatti qalbii hubatu yookaan ija argitu yookaan gurra dhagaʼu isinii hin kennine.
4 Mas até o dia de hoje o Senhor não deu a vocês um coração para entender, nem olhos para ver, nem ouvidos para ouvir.
5 Yeroo waggoota afurtamman ani gammoojjii keessa isin geggeesse sanatti uffanni keessan isin irratti hin dhumne yookaan kopheen miilla keessan irratti hin ciccinne.
5 Durante quarenta anos eu os conduzi pelo deserto e, nesse tempo, não envelheceram as roupas que vocês usavam, nem se gastaram as sandálias que vocês calçavam.
6 Isin buddeena hin nyaanne; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. Ani akka isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe beektaniifan waan kana godhe.
6 Vocês não comeram pão, nem beberam vinho ou bebida forte, para que soubessem que eu sou o Senhor , seu Deus.
7 Yommuu isin as geessanitti Sihoon mootiin Heshboonii fi Oogi mootiin Baashaan nu loluuf nutti baʼan; nu garuu isaan moʼanne.
7 Quando chegaram a este lugar, Seom, rei de Hesbom, e Ogue, rei de Basã, saíram ao nosso encontro para lutar contra nós, e nós os derrotamos.
8 Biyya isaaniis fudhannee gosa Ruubeeniif, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala goonee kennine.
8 Tomamos a terra deles e a demos por herança aos rubenitas, aos gaditas e à meia tribo dos manassitas.
9 Isin akka waan hojjettan hundaan milkooftaniif dubbiiwwan kakuu kanaa of eeggannaadhaan duukaa buʼaa.
9 Portanto, guardem e cumpram as palavras desta aliança, para que vocês prosperem em tudo o que fizerem.
10 Hundi keessan jechuunis qajeelchitoonnii fi hooggantoonni keessan, maanguddoonnii fi qondaaltonni keessan akkasumas namoonni Israaʼel kanneen biraa hundinuu harʼa fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattaniirtu;
10 — Hoje todos vocês estão diante do Senhor , seu Deus: os chefes das tribos, os anciãos e os oficiais, todos os homens de Israel,
11 ijoolleen keessanii fi niitonni keessan akkasumas alagoonni muka kee ciraa, bishaan kees waraabaa qubata kee keessa jiraatan si wajjin dhaabataniiru.
11 as crianças, as mulheres e os estrangeiros que se encontram no arraial, desde o rachador de lenha até o tirador de água,
12 Atis kakuu Waaqayyo harʼa si wajjin galee kakaadhaan siif mirkaneessu kana Waaqayyo Waaqa kee wajjin galuuf as dhaabatteerta;
12 para que entrem na aliança do Senhor , seu Deus, e no juramento que hoje o Senhor , seu Deus, está fazendo com vocês,
13 innis akkuma si abdachiisee abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sanatti akka ati saba isaa taatee innis Waaqa kee taʼuuf jabeessee si dhaabuuf waan kana godhe.
13 para que hoje os estabeleça por seu povo, e ele seja o Deus de vocês, como ele lhes prometeu e como jurou aos pais de vocês, Abraão, Isaque e Jacó.
14 Anis kakuu kakaadhaan mirkanaaʼe kana isin qofa wajjin utuu hin taʼin,
14 Não é somente com vocês que faço esta aliança e este juramento,
15 warra nu wajjin as fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa dura dhaabatan warra harʼa as hin jirre wajjinis nan gala.
15 porém com aquele que, hoje, aqui, está conosco diante do Senhor , nosso Deus, e também com aquele que não está aqui, hoje, conosco.
16 Akka nu itti Gibxi keessa jiraannee fi yommuu as dhufnus akka nu itti biyyoota keessa dabarre isin mataan keessanuu ni beektu.
16 — Porque vocês sabem como habitamos na terra do Egito e como passamos pelo meio das nações pelas quais vocês passaram.
17 Isinis gidduu isaaniitti fakkiiwwan isaanii jibbisiisoo, waaqota isaanii tolfamoo kanneen muka, dhagaa, meetii fi warqee irraa hojjetaman argitaniirtu.
17 Viram as suas abominações e os seus ídolos, feitos de madeira e de pedra, e viram também a prata e o ouro que havia entre elas.
18 Akka dhiirri yookaan dubartiin balballi yookaan gosti garaan isaa Waaqayyo Waaqa keenya irraa garagalee waaqota saboota sanaa faana buʼe isin gidduu hin jiraanne mirkaneeffadhaa; akka hiddi summii hadhaaʼaa akkasii baasu tokko iyyuu isin gidduu hin jiraanne qulqulleeffadhaa.
18 Que entre vocês não haja homem, nem mulher, nem família, nem tribo cujo coração hoje se desvie do Senhor , nosso Deus, e vá servir os deuses destas nações. Que não haja entre vocês raiz que produza erva venenosa e amarga,
19 Namni akkasii yommuu dubbii kakuu kanaa dhagaʼutti, garaa isaatti of eebbisee, “Ani yoon akka fedhii kootti deeme illee nagaa qaba” jedhee yaada. Kun immoo lafa jiidhaa irrattis taʼu lafa goggogaa irratti badiisa fida.
19 ninguém que, ouvindo as palavras desta maldição, se abençoe no seu íntimo, dizendo: “Terei paz, mesmo que eu ande na teimosia do meu coração”, pois isso destruiria a terra molhada com a seca.
20 Waaqayyo nama sanaaf gonkumaa dhiifama hin godhu; dheekkamsi isaatii fi hinaaffaan isaa namicha sana irratti bobaʼa. Abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame hundi isa qaqqaba; Waaqayyos samii jalaa maqaa isaa ni dhabamsiisa.
20 O Senhor não estará disposto a perdoá-lo; pelo contrário, a ira do Senhor e o seu zelo se acenderão sobre tal homem, e toda maldição escrita neste livro cairá sobre ele; e o Senhor apagará o nome desse homem da face da terra.
21 Akkuma kakuu abaarsa Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffame hundaatti, Waaqayyo gosoota Israaʼel hunda keessaa badiisaaf kophaatti isa baasa.
21 O Senhor o separará de todas as tribos de Israel para calamidade, segundo todas as maldições da aliança escrita neste Livro da Lei.
22 Dhaloonni itti aanu jechuunis ijoolleen keessan warri isiniin duuba dhufan akkasumas keessummoonni biyyoota fagootii dhufan dhaʼicha guddaa biyyattii irra gaʼee fi dhukkuba Waaqayyo ittiin ishee dhaʼe ni argu.
22 — Então a geração vindoura, os filhos que vierem depois de vocês e os estrangeiros que virão de terras remotas verão as pragas desta terra e as suas doenças, com que o Senhor a terá afligido;
23 Guutummaan biyyattii gammoojjii gubduu kan soogiddaa fi dinyiin guutamte kan wanni tokko iyyuu irra hin dhaabamne, kan wanni tokko iyyuu irratti hin biqille, kan biqiltuun tokko iyyuu irratti hin guddanne taati. Badiisni ishee irra gaʼus akka badiisa Sodoomiitii fi Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiim kanneen Waaqayyo dheekkamsa guddaadhaan isaan barbadeesse sanaa ni taʼa.
23 verão toda a terra abrasada com enxofre e sal, de modo que não será semeada, nada produzirá, nem crescerá nela erva alguma, assim como foi a destruição de Sodoma e de Gomorra, de Admá e de Zeboim, que o Senhor destruiu na sua ira e no seu furor;
24 Sabni hundinuu, “Waaqayyo maaliif waan akkasii biyya kanatti fide? Dheekkamsi sodaachisaan bobaʼu kunis maaliif dhufe?” jedhanii gaafatu.
24 sim, todas as nações verão isso e perguntarão: “Por que o Senhor fez isso com esta terra? Qual foi a causa do furor de tamanha ira?”
25 Deebiin isaas kana taʼa; “Kun sababii sabni kun kakuu Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii yeroo Gibxii isaan baasetti isaan wajjin gale sana dhiisaniif.
25 Então se dirá: “Porque abandonaram a aliança que o Senhor , Deus de seus pais, fez com eles, quando os tirou do Egito.
26 Isaanis dhaqanii waaqota biraa, kanneen hin beekiniif waaqota inni isaaniif hin kennin waaqeffatan; gad jedhaniis sagadaniif.
26 Eles foram e serviram outros deuses, e os adoraram; deuses que não conheceram e que ele não lhes havia designado.
27 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo biyya kanatti bobaʼee akka inni abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame hunda itti fidu godhe.
27 Por isso a ira do Senhor se acendeu contra esta terra, trazendo sobre ela toda a maldição que está escrita neste livro.
28 Waaqayyos aarii sodaachisaa fi dheekkamsa guddaadhaan biyya isaaniitii isaan buqqise; akkuma amma jiru kanattis biyya biraatti isaan darbate.”
28 Com ira, indignação e grande furor, o Senhor os arrancou de sua terra e os lançou para outra terra, como hoje se vê.”
29 Wanti dhoksaan kan Waaqayyo Waaqa keenyaa ti; kan mulʼifame garuu akka nu dubbii seera kanaa hunda eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.
29 — As coisas encobertas pertencem ao Senhor , nosso Deus, porém as reveladas nos pertencem, a nós e aos nossos filhos, para sempre, para que cumpramos todas as palavras desta lei.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Deuteronômio 29, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.