Deuteronômio 17
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Sangaa yookaan hoolaa fafa yookaan hirʼina kam iyyuu qabu Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa hin dhiʼeessin; wanni akkasii isa biratti jibbisiisaa dhaatii.
1 — Não ofereçam em sacrifício ao Senhor , nosso Deus, um touro ou uma ovelha que tenha defeitos; Deus detesta isso.
2 Yoo dhiirri yookaan dubartiin magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessaa tokko keessa gidduu kee jiraattu tokko kakuu isaa cabsuudhaan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti waan hamaa hojjetee argame,
2 — É possível que, em alguma das cidades que o Senhor , nosso Deus, vai dar a vocês, um homem ou uma mulher peque contra Deus e quebre a aliança feita com ele,
3 yoo ajaja koo darbee waaqota ormaa waaqeffate, gad jedhee biiftuuf yookaan jiʼaaf yookaan urjiiwwan samiitiif sagadde,
3 isto é, adore outros deuses, ou o sol, ou a lua, ou as estrelas, desobedecendo assim à lei de Deus.
4 yoo wanni kun sitti himamee atis dhageesse, dubbicha gad qabii akka gaariitti qoradhu; yoo wanni jedhame sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe,
4 Se souberem que alguém está fazendo isso, examinem o caso com todo o cuidado. Se ficar provado que, de fato, foi cometido um pecado tão grave no meio do povo de Israel,
5 namicha yookaan dubartii waan hamaa kana hojjette gara balbala magaalaa sanaatti geessiitii dhagaadhaan tumii ajjeesi.
5 levem a pessoa culpada, seja homem ou mulher, para fora da cidade e a matem a pedradas.
6 Namni duuti isaaf malu tokko dhuga baʼumsa nama lamaa yookaan sadiitiin haa ajjeefamu; garuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan namni kam iyyuu ajjeefamuu hin qabu.
6 Mas é preciso haver pelo menos duas testemunhas para que uma pessoa seja condenada à morte; ninguém pode ser morto se houver somente uma testemunha.
7 Yommuu ajjeefamus jalqabatti harki dhuga baatotaa, itti aansee immoo kan sabaa isa irra haa buʼu; ati waan hamaa of keessaa baasuu qabda.
7 As testemunhas serão as primeiras a jogarem pedras no condenado; depois todos os outros devem atirar pedras também. Matem essa pessoa e assim tirarão o mal do meio do povo.
8 Yoo dubbiiwwan murteessuuf rakkisaa taʼan mana murtii keetti dhiʼaatan jechuunis kan akka dhiiga dhangalaasuu, wal mormii seera tokkootii fi kan biraa, yookaan miidhaa dhagna irra gaʼu kan garaa garaa gidduutti wanni murtii kennuuf rakkisu yoo kaʼe, ati lafa Waaqayyo Waaqni kee filatutti geessi.
8 — Pode acontecer que numa cidade apareça um caso tão difícil, que o juiz do lugar não possa resolvê-lo. Pode ser um caso de assassinato, ou questão de propriedade, ou caso de violência, ou outra questão qualquer. Quando isso acontecer, vão até o lugar escolhido por Deus, o Senhor , para nele ser adorado
9 Gara Lewwota warra luboota taʼaniitii fi qondaaltota yeroo sana hojii irra turanii dhaqi. Waaʼee dubbii sanaa isaaniin mariʼadhu; isaanis murtii isaa sitti himu.
9 e apresentem o caso aos sacerdotes levitas e ao juiz que estiver resolvendo as questões naquele tempo. Eles julgarão o caso e darão a sua decisão.
10 Atis akkuma yaada isaan siif kennan sanaatti iddoo Waaqayyo filatutti murtii kennuu qabda. Waan hunda qajeelfama isaan siif kennaniin hojjedhu.
10 Vocês farão tudo o que eles mandarem, obedecendo a todas as suas instruções.
11 Akka seera isaan si barsiisaniittii fi akka qajeelfama isaan siif kennaniitti hojjedhu. Waan isaan sitti himan irraa mirgatti yookaan bitaatti hin gorin.
11 Aceitem a decisão deles, sigam as suas instruções e cumpram rigorosamente as ordens que eles derem.
12 Namni abbaa seeraa yookaan luba Waaqayyo Waaqa kee tajaajiluuf achi dhaabatu tuffatu haa ajjeefamu. Ati waan hamaa Israaʼel keessaa baasuu qabda.
12 Mas, se houver alguém tão orgulhoso, que não queira obedecer à decisão do sacerdote ou do juiz, esse alguém será morto, e assim vocês tirarão o mal do meio do povo de Israel.
13 Sabni hundis waan kana dhagaʼee ni sodaata; itti deebiʼees hin tuffatu.
13 Quando souberem do que aconteceu, todos ficarão com medo, e ninguém mais fará a mesma coisa.
14 Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galtee dhaaltuu fi biyya sana keessa qubattee, “Akkuma saboota naannoo koo jiraataniitti anis mootii of irrattan moosisa” jettutti,
14 — Depois que vocês entrarem na terra que o Senhor , nosso Deus, está dando a vocês e tomarem posse dela e depois que tiverem morado lá algum tempo, vocês vão querer um rei para os governar, como os reis das nações vizinhas.
15 mootii Waaqayyo Waaqni kee filatu of irratti moosisi. Nama obboleessa kee Israaʼel taʼe keessaa malee nama biyya alaa of irratti hin moosisin.
15 O homem que escolherem para ser o rei deve ser indicado por Deus, o Senhor . Não pode ser estrangeiro; somente um israelita pode ser escolhido como rei.
16 Sababii Waaqayyo, “Lammata garas hin deebitan” jedhee sitti himeef, mootichi ofii isaatii fardeen hin baayʼifatin yookaan lakkoobsa fardeenii baayʼifachuuf jedhee gara Gibxitti saba hin deebisin.
16 O rei não deverá ter muitos cavalos no seu exército e também não mandará homens ao Egito para comprarem cavalos, pois o Senhor já disse a vocês que nunca mais voltariam para o Egito.
17 Akka yaadni isaa hin badneef inni niitota baayʼee fuudhuu hin qabu; meetii fi warqee baayʼisees walitti qabachuu hin qabu.
17 O rei não deverá ter muitas mulheres, pois isso o levaria a abandonar a Deus. E também não ajuntará para si muita prata e ouro.
18 Inni yommuu teessoo mootummaa isaa irra taaʼutti garagalchaa seera kanaa luboota Lewwota taʼan irraa fudhatee kitaaba maramaa irratti ofii isaatii haa barreeffatu.
18 — Quando o rei começar a governar, mandará fazer uma cópia da lei de Deus que está no livro guardado pelos sacerdotes levitas .
19 Inni akka Waaqayyo Waaqa isaa sodaachuu baratuuf dubbii seera kanaa hundaa fi ajajawwan kanneen of eeggannaadhaan duukaa buʼuuf kitaabichi isa wajjin haa turu; innis bara jireenya isaa guutuu haa dubbisu;
19 Ele deverá ficar com essa cópia e todos os dias da sua vida lerá a lei, para que aprenda a temer o Senhor , nosso Deus, e para que sempre obedeça fielmente a todas as leis e a todos os mandamentos.
20 kunis akka inni akka waan obboloota isaa caaluutti of ilaalee seericha irraa gara mirgaatti yookaan bitaatti hin gorreef. Akkasiinis innii fi sanyiin isaa mootummaa isaa irratti Israaʼel keessatti bara dheeraadhaaf ni mooʼu.
20 Se fizer isso, ele não irá pensar que é mais do que os outros e cumprirá fielmente todas as leis. Assim reinará muitos anos, e os seus descendentes serão reis de Israel por muito tempo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Deuteronômio 17, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.