Deuteronômio 11
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi.
1 Amarás, pois, o Senhor, teu Deus, e observarás sempre o que ele te ordena, suas leis, seus preceitos e seus mandamentos.
2 Kan adabbii Waaqayyo Waaqa keessanii, surraa isaa, harka isaa jabaa fi irree isaa kan diriirfame beeke yookaan arge isinuma malee akka ijoollee keessan hin taʼin harʼa yaadadhaa.
2 Quanto a vós pois não se trata de vossos filhos, que não conheceram e não foram testemunhas oculares das lições que o Senhor nos deu , {reconhecei} a grandeza de vosso Deus, o poder de sua mão, e o vigor de seu braço,
3 Mallattoowwanii fi wantoota inni Gibxi keessatti Faraʼoon mootii Gibxii fi biyya isaa guutuu irratti hojjete,
3 os prodígios e as obras que fez no Egito contra o faraó, rei do Egito, e contra toda a sua terra;
4 waan inni loltoota Gibxi, fardeenii fi gaariiwwanis godhe, utuma isaan isin duukaa buʼanuu akka inni Galaana Diimaadhaan isaan haguuge, akka itti Waaqayyo badiisa bara baraa isaanitti fide yaadadhaa.
4 o que fez ao exército egípcio, aos seus cavalos e aos seus carros, como os envolveu nas águas do mar Vermelho, quando vos perseguiam, aniquilando-os para sempre.
5 Waan inni hamma isin iddoo kana geessanitti lafa gammoojjii keessatti isiniif godhe kan arge ijoollee keessan miti;
5 {Lembra-te} do que fez por vós no deserto até a vossa chegada a este lugar;
6 isaan waan inni gaafa lafti afaan ishee banattee guutummaa Israaʼel gidduutti Daataanii fi Abiiraam ilmaan Eliiyaab namicha gosa Ruubeen sana maatii isaanii wajjin, dunkaanota isaaniitii fi qabeenya isaanii kan lubbuu qabu hunda liqimsitetti isaan godhe hin argine.
6 do castigo que infligiu a Datã e Abiron, filhos de Eliab, filho de Rubem, quando a terra, abrindo sua boca, engoliu-os no meio de todo o Israel, com suas famílias, suas tendas e todos os seres vivos que os seguiam.
7 Iji keessan garuu waan guddaa Waaqayyo godhe kanneen hunda argeera.
7 Os vossos filhos viram todas as obras que o Senhor fez.
8 Kanaafuu isin akka Yordaanosiin ceetanii biyya dhaaluuf jirtanitti galuuf jabaattaniif ajajawwan ani harʼa isinii kennu hunda eegaa;
8 Observareis, pois, as ordens que hoje vos dou, para que sejais fortes e entreis na posse da terra que ides ocupar,
9 kunis akka isin biyya Waaqayyo abbootii keessanii fi sanyii isaaniitiif kennuuf kakate kan aannanii fi damma baasu sana keessatti bara dheeraa jiraattaniif.
9 e prolongueis os vossos dias na terra que o Senhor jurou dar a vossos pais e à sua posteridade, terra que mana leite e mel.
10 Biyyi ati dhaaluuf itti galaa jirtu kun akka biyya Gibxi kan ati keessaa baatee dhufte kan ati akkuma lafa biqiltuutti sanyii kee facaaftee miilla keetiin bishaan obaafte sanaa miti.
10 Com efeito, a terra em que vais entrar para possuí-la, não é como o Egito de onde saíste, onde, depois de lançada a semente, devias regar a terra com a força de teus pés, como se rega uma horta.
11 Biyyi ati Yordaanos ceetee dhaaltu kun garuu biyya tulluuwwanii fi sululawwanii kan samiidhaa bokkaa argatuu dha.
11 A terra que ides ocupar é uma terra de montes e vales, que bebe as chuvas do céu.
12 Biyyi kun biyya Waaqayyo Waaqni kee kunuunsuu dha; jalqaba waggaatii hamma dhuma waggaattis iji Waaqayyo Waaqa keetii ishee irraa hin buqqaʼu.
12 É uma terra de que o Senhor, teu Deus, toma cuidado, e para a qual os seus olhos estão continuamente voltados do começo ao fim do ano.
13 Yoo ajajawwan ani harʼa isiniif kennu amanamummaadhaan eegdan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattanii garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltan,
13 Se obedecerdes aos mandamentos que hoje vos prescrevo, se amardes o Senhor, servindo-o de todo o vosso coração e de toda a vossa alma,
14 akka ati midhaan kee, wayinii keetii fi zayitii kee galfattuuf ani yeroo isaatti bokkaa birraatii fi bokkaa arfaasaa lafa keetti nan roobsa.
14 derramarei sobre a vossa terra a chuva em seu tempo, a chuva do outono e a da primavera, e recolherás o teu trigo, o teu vinho e o teu óleo;
15 Loon keetiif marga bakkee nan kenna; atis nyaattee quufta.
15 darei erva aos teus campos para os teus animais, e te alimentarás até ficares saciado.
16 Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu.
16 Tende cuidado para que o vosso coração não seja seduzido e vos desvieis do Senhor para servir deuses estranhos, rendendo-lhes culto e prostrando-vos diante deles.
17 Ergasii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; innis akka bokkaan hin roobne, laftis oomisha hin kennineef samiiwwan ni cufa; isinis biyya gaarii Waaqayyo isiniif kennu irraa daftanii ni baddu.
17 A cólera do Senhor se inflamaria contra vós e ele fecharia os céus: a chuva cessaria de cair, e não haveria mais colheita, no vosso solo, de modo que não tardaríeis a perecer nesta boa terra que o Senhor vos dá.
18 Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa.
18 Gravai, pois, profundamente em vosso coração e em vossa alma estas minhas palavras; prenderas às vossas mãos como um sinal, e levaras como uma faixa frontal entre os vossos olhos.
19 Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
19 Ensinai-as aos vossos filhos, falando-lhes delas seja em vossa casa, seja em viagem, quando vos deitardes ou levantardes.
20 Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi;
20 Escreve-as nas ombreiras e nas portas de tua casa,
21 kunis akka umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii biyya Waaqayyo abbootii keessaniif kennuuf kakate keessatti akkuma umurii samiiwwan lafaa oli jiraniitti dheeratuuf.
21 para que se multipliquem os teus dias e os dias de teus filhos na terra que o Senhor jurou dar a teus pais, e sejam tão numerosos como os dias do céu sobre a terra.
22 Yoo isin ajajawwan ani isiniif kennu kanneen hunda of eeggannoodhaan duukaa buutan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattan, karaa isaa hunda irra deemtanii fi isatti maxxantan,
22 Se observardes fielmente todos os mandamentos que vos prescrevo, amando o Senhor, vosso Deus, andando em seus caminhos e apegando-vos a ele,
23 Waaqayyo saboota hunda fuula keessan duraa ariʼee ni baasa; isinis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo ni dhaaltu.
23 então o Senhor expulsará de diante de vós todas essas nações, e despojareis povos mais numerosos e mais fortes do que vós.
24 Lafti miilli keessan irra dhaabate hundinuu keessan taʼa; daariin keessanis gammoojjiidhaa hamma Libaanoonitti, laga Efraaxiisii hamma galaana lixaatti ni balʼata.
24 Todo lugar em que pisar a planta de vossos pés vos pertencerá. Vossa fronteiras irão desde o deserto até o Líbano e desde o rio Eufrates até o mar do ocidente.
25 Namni kam iyyuu fuula keessan dura dhaabachuu hin dandaʼu. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma isin abdachiisetti rifachiisuu fi sodaachisuu keessan lafa isin dhaqxan hunda irra ni buusa.
25 Ninguém vos poderá resistir: o Senhor, vosso Deus, semeará o pânico e o terror de vós em todas as terras onde pisardes, como vos prometeu.
26 Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa fuula keessan dura nan kaaʼa;
26 Vede: proponho-vos hoje bênção ou maldição.
27 eebbi kunis yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii kanneen ani harʼa isiniif kennu eegdanii dha.
27 Bênção, se obedecerdes aos mandamentos do Senhor, vosso Deus, que hoje vos prescrevo.
28 Abaarsi immoo yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼuu diddanii karaa ani harʼa isin ajaje irraa garagaltanii waaqota biraa kanneen isin duraan hin beekne duukaa buutanii dha.
28 Maldição, se não obedecerdes aos mandamentos do Senhor, vosso Deus, e vos apartardes do caminho que hoje vos mostro, para seguintes deuses estranhos que não conheceis.
29 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtu kanatti si fidutti Tulluu Gerziim irratti eebba, Tulluu Eebaal irratti immoo abaarsa labsita.
29 Quando o Senhor, vosso Deus, te tiver introduzido na terra que vais possuir, pronunciarás a bênção sobre o monte Garizim, e a maldição sobre o monte Ebal.
30 Tulluuwwan kunneen Yordaanos gamatti, karaa gara lixa biiftuutti geessuun gama lixaatti, muka Mooree guddicha biratti, biyya Kanaʼaanota Arabbaa keessa jiraatan keessatti fuullee Gilgaalitti argamu mitii?
30 Essas montanhas encontram-se além do Jordão, do outro lado do caminho do ocidente, na terra dos cananeus que habitam nas planícies defronte de Gálgala, perto dos carvalhos de Moré.
31 Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kennu seentanii dhaaluuf Yordaanosin ceʼuudhaaf jirtu; yommuu lafa sana dhaaltanii irra jiraattanitti,
31 Com efeito, vós passareis o Jordão e tomareis posse da terra que te dá o Senhor. Quando a possuirdes e nela habitardes,
32 ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu hunda eegaa.
32 cuidareis de praticar todos os preceitos e todas as leis que hoje vos proponho.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Deuteronômio 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.