Daniel 6

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Daariyoos akka isaan guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota taʼaniif ilmaan moototaa 120 muuduu barbaade;
1 O rei Dario resolveu dividir o reino em 120 províncias e nomeou um alto funcionário para governar cada uma delas.
2 innis isaan irratti bulchitoota ol aantota sadii muude; isaan keessaas tokko Daaniʼel ture. Akka mooticha irra rakkinni hin geenyeefis ilmaan moototaa kunneen bulchitoota ol aantota sadan jalatti bulu.
2 O rei também escolheu como administradores Daniel e outros dois homens, para que supervisionassem os altos funcionários e protegessem os interesses do rei.
3 Mootichi sababii Daaniʼel ilmaan moototaatii fi bulchitoota ol aantota kaan caalaa dandeettii addaa qabuuf isa jaallatee guutummaa mootummaa irratti isa muuduu barbaade.
3 Em pouco tempo, Daniel se mostrou mais capaz que todos os outros administradores e altos funcionários. Por causa da grande capacidade de Daniel, o rei planejava colocá-lo à frente de todo o reino.
4 Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye.
4 Os outros administradores e altos funcionários começaram a procurar falhas no modo como Daniel conduzia as questões de governo, mas nada encontraram para criticar ou condenar. Ele era leal, sempre responsável e digno de confiança.
5 Dhuma irrattis namoonni kunneen, “Yoo waan seera Waaqa isaatiin wal qabatu taʼe malee waan ittiin namicha Daaniʼel jedhamu kana himannu tokko iyyuu hin argannu” jedhan.
5 Por isso, concluíram: “Nossa única chance de encontrar algum motivo para acusar Daniel será em relação às leis de seu Deus”.
6 Kanaafuu bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa tokkummaadhaan mooticha bira dhaqanii akkana jedhan; “Yaa Daariyoos mooticha, bara baraan jiraadhu!
6 Então os administradores e os altos funcionários foram até o rei e lhe disseram: “Que o rei Dario viva para sempre!
7 Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee Waaqa yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru.
7 Nós administradores, oficiais, altos funcionários, conselheiros e governadores estamos todos de acordo que o rei deve decretar uma lei a ser cumprida rigorosamente. Dê ordens para que, nos próximos trinta dias, qualquer pessoa que orar a alguém, divino ou humano, exceto ao rei, seja lançada na cova dos leões.
8 Yaa mootii, labsii baasi, akka seera Meedee fi Faares kan hin geeddaramne sanaas mallatteessi.”
8 Agora, ó rei, decrete e assine essa lei para que não possa ser mudada, como lei oficial dos medos e dos persas, que não pode ser revogada”.
9 Kanaafuu Daariyoos mootichi labsii sana barreessee baase.
9 E o rei Dario assinou a lei.
10 Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef.
10 Quando Daniel soube que a lei tinha sido assinada, foi para casa e, como de costume, ajoelhou-se no quarto no andar de cima, com as janelas abertas na direção de Jerusalém. Orava três vezes por dia e dava graças a seu Deus.
11 Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii kadhatuu fi Waaqa isaa gargaarsa gaafatuu argatan.
11 Os oficiais foram juntos à casa de Daniel e o encontraram orando e pedindo ajuda a Deus.
12 Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee Waaqa yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan.
12 Então foram diretamente ao rei e o lembraram da lei: “O rei não assinou um decreto ordenando que qualquer um que orasse a alguém, divino ou humano, exceto ao rei, fosse lançado na cova dos leões?”. “Sim”, respondeu o rei. “Essa decisão está em vigor; é uma lei oficial dos medos e dos persas, que não pode ser revogada.”
13 Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii Waaqa isaa kadhata” jedhan.
13 Então disseram ao rei: “Aquele homem, Daniel, um dos exilados de Judá, não dá importância ao rei nem à sua lei. Continua a orar ao Deus dele três vezes por dia”.
14 Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe.
14 Quando o rei ouviu isso, ficou muito angustiado e procurou uma forma de salvar Daniel. Passou o resto do dia pensando num modo de livrá-lo dessa situação.
15 Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin.
15 À noite, os homens foram juntos ao rei e disseram: “Ó rei, o senhor sabe que, conforme a lei dos medos e dos persas, nenhum decreto que o rei assina pode ser revogado”.
16 Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe.
16 Por fim, o rei deu ordens para que Daniel fosse preso e lançado na cova dos leões. O rei lhe disse: “Que seu Deus, a quem você serve fielmente, o livre”.
17 Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse.
17 Então trouxeram uma pedra e a colocaram sobre a abertura da cova. O rei selou a pedra com seu anel e com os anéis de seus nobres, para que ninguém pudesse resgatar Daniel.
18 Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule.
18 O rei voltou a seu palácio e passou a noite em jejum. Não quis nenhum dos divertimentos habituais e não conseguiu dormir a noite inteira.
19 Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate.
19 De manhã bem cedo, levantou-se e foi apressadamente à cova dos leões.
20 Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Waaqa jiraataa, Waaqni ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame.
20 Quando chegou lá, gritou angustiado: “Daniel, servo do Deus vivo! O Deus a quem você serve tão fielmente pôde livrá-lo dos leões?”.
21 Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu!
21 Daniel respondeu: “Que o rei viva para sempre!
22 Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.”
22 Meu Deus enviou seu anjo para fechar a boca dos leões de modo que não me fizessem mal, pois fui considerado inocente aos olhos de Deus. Também não fiz coisa alguma contra o senhor, ó rei”.
23 Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Waaqa isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne.
23 O rei ficou muito alegre e ordenou que tirassem Daniel da cova. Não havia sequer um arranhão nele, pois havia confiado em seu Deus.
24 Warri sobaan Daaniʼelin himatanis ajaja mootichaatiin niitotaa fi ijoollee isaanii wajjin fidamanii boolla leencaatti darbataman. Utuu isaan boolla sana keessa lafa hin gaʼin leenconni isaan cicciratanii lafee isaanii hunda caccabsan.
24 Em seguida, o rei ordenou que prendessem os homens que haviam acusado Daniel. Ordenou que fossem lançados na cova dos leões junto com suas esposas e seus filhos. Os leões os atacaram e os despedaçaram antes que chegassem ao fundo da cova.
25 Kana irratti Daariyoos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota guutummaa biyyattii keessatti afaan garaa garaa dubbatan hundatti akkana jedhee barreesse:
25 Então o rei Dario enviou esta mensagem a povos de todas as raças, nações e línguas em todo o mundo: “Paz e prosperidade!
26 “Ani akka namni kutaa mootummaa kootii hunda keessatti Waaqa Daaniʼel sodaatuu fi akka ulfina isaaf kennu labsii kana baaseera.
26 “Decreto que todos em meu reino devem tremer de medo diante do Deus de Daniel. Pois ele é o Deus vivo e permanecerá para sempre. Seu reino jamais será destruído, e seu domínio não terá fim.
27 Inni ni baraara; ni oolchas;
27 Ele livra e salva seu povo; realiza sinais e maravilhas nos céus e na terra. Foi ele que livrou Daniel do poder dos leões”.
28 Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole.
28 Assim, Daniel prosperou durante o reinado de Dario e durante o reinado de Ciro, o persa.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Daniel 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.