Colossenses 2

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC

Sair da comparação
ARC Almeida Revista e Corrigida 2009
1 Akka ani isiniif, warra Lodooqiyaa jiranii fi warra fooniin fuula koo hin argin hundaafis jedhee hammam carraaqaa jiru isin akka beektan nan barbaada.
1 Porque quero que saibais quão grande combate tenho por vós, e pelos que estão em Laodiceia, e por quantos não viram o meu rosto em carne;
2 Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Waaqaa jechuunis Kiristoosin beekaniif;
2 para que os seus corações sejam consolados, e estejam unidos em amor e enriquecidos da plenitude da inteligência, para conhecimento do mistério de Deus — Cristo,
3 badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera.
3 em quem estão escondidos todos os tesouros da sabedoria e da ciência.
4 Anis akka namni tokko iyyuu afaan tolee isin hin gowwoomsineef waan kana isinittin hima.
4 E digo isto para que ninguém vos engane com palavras persuasivas.
5 Ani yoon fooniin isin irraa fagaadhe illee hafuuraan isin wajjin waanan jiruuf, isin hammam naamusa qabeeyyii akka taatanii fi amantiin isin Kiristoositti qabdanis hammam cimaa akka taʼe arguu kootiif nan gammada.
5 Porque, ainda que esteja ausente quanto ao corpo, contudo, em espírito, estou convosco, regozijando-me e vendo a vossa ordem e a firmeza da vossa fé em Cristo.
6 Yoos akkuma Kiristoos Yesuus Goofticha fudhattanitti isatti jiraadhaa;
6 Como, pois, recebestes o Senhor Jesus Cristo, assim também andai nele,
7 akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.
7 arraigados e edificados nele e confirmados na fé, assim como fostes ensinados, crescendo em ação de graças.
8 Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.
8 Tende cuidado para que ninguém vos faça presa sua, por meio de filosofias e vãs sutilezas, segundo a tradição dos homens, segundo os rudimentos do mundo e não segundo Cristo;
9 Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii;
9 porque nele habita corporalmente toda a plenitude da divindade.
10 isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.
10 E estais perfeitos nele, que é a cabeça de todo principado e potestade;
11 Isumaanis foon cubbamaa taʼe sana of irraa gattanii dhagna qabattaniirtu; dhagna qabaan kunis dhagna qabaa harka namaatiin taʼe utuu hin taʼin kan Kiristoosiin taʼee dha;
11 no qual também estais circuncidados com a circuncisão não feita por mão no despojo do corpo da carne: a circuncisão de Cristo.
12 isinis cuuphaadhaan isa wajjin awwaalamtanii humna Waaqaa kan Kiristoosin warra duʼan keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin cuuphaadhuma sanaan isa wajjin kaafamtaniirtu.
12 Sepultados com ele no batismo, nele também ressuscitastes pela fé no poder de Deus, que o ressuscitou dos mortos.
13 Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise;
13 E, quando vós estáveis mortos nos pecados e na incircuncisão da vossa carne, vos vivificou juntamente com ele, perdoando-vos todas as ofensas,
14 innis himata idaa keenya kan seeraa kan nuun mormuu fi nutti muru sana haqee mismaaraan fannootti diree dhabamsiise.
14 havendo riscado a cédula que era contra nós nas suas ordenanças, a qual de alguma maneira nos era contrária, e a tirou do meio de nós, cravando-a na cruz.
15 Innis humnootaa fi taayitaawwan fannoodhaan moʼate hidhannoo hiikkachiisuudhaan ifa baasee uummatatti isaan argisiise.
15 E, despojando os principados e potestades, os expôs publicamente e deles triunfou em si mesmo.
16 Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin.
16 Portanto, ninguém vos julgue pelo comer, ou pelo beber, ou por causa dos dias de festa, ou da lua nova, ou dos sábados,
17 Isaan kunneen gaaddidduu waan dhufuuf jiruu ti; dhugaan isaa garuu Kiristoos keessa jira.
17 que são sombras das coisas futuras, mas o corpo é de Cristo.
18 Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula.
18 Ninguém vos domine a seu bel-prazer, com pretexto de humildade e culto dos anjos, metendo-se em coisas que não viu; estando debalde inchado na sua carnal compreensão,
19 Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.
19 e não ligado à cabeça, da qual todo o corpo, provido e organizado pelas juntas e ligaduras, vai crescendo em aumento de Deus.
20 Isin erga Kiristoos wajjin qajeelfama hundee kan addunyaa kanaatiif duutanii maaliif akka waan amma iyyuu kan addunyaa taataniitti sirna isaatiif bultu ree?
20 Se, pois, estais mortos com Cristo quanto aos rudimentos do mundo, por que vos carregam ainda de ordenanças, como se vivêsseis no mundo,
21 Innis, “Harkaan hin qabatin! Hin dhandhamin! Hin tuqin!” jedha.
21 tais como: não toques, não proves, não manuseies?
22 Isaanis waan ajajaa fi barsiisa namaa irratti hundeeffamaniif yeroo hojii irra oolanitti baduuf murteeffamaniiru.
22 As quais coisas todas perecem pelo uso, segundo os preceitos e doutrinas dos homens;
23 Sirni kunis dhugumaan of dirqisiisuun waaqeffachuu isaanii, gad of qabuu sobaatii fi foon isaanii miidhuu isaaniitiin bifa ogummaa qaba; hawwii foonii dhowwuuf garuu faayidaa tokko illee hin qabu.
23 as quais têm, na verdade, alguma aparência de sabedoria, em devoção voluntária, humildade e em disciplina do corpo, mas não são de valor algum, senão para a satisfação da carne.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Colossenses 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.