Atos 9
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Gidduudhuma sana Saaʼol barattoota Gooftaa ajjeesuuf dhaadachaa gara luba ol aanaa dhaqee,
1 Saulo, respirando ainda ameaças e morte contra os discípulos do Senhor, dirigiu-se ao sumo sacerdote
2 nama karaa kana irra jiru kam iyyuu dhiiras dubartiis yoo argate akka hidhee Yerusaalemitti geessuuf akka lubni sun gara manneen sagadaa kanneen Damaasqoo jiraniitti xalayaawwan isaaf barreessuuf isa kadhate.
2 e lhe pediu cartas para as sinagogas de Damasco, a fim de que, caso achasse alguns que eram do Caminho, tanto homens como mulheres, os levasse presos para Jerusalém.
3 Utuu inni deemaa jiruu akkuma Damaasqootti dhiʼaateen akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqise.
3 Enquanto seguia pelo caminho, ao aproximar-se de Damasco, subitamente uma luz do céu brilhou ao seu redor.
4 Innis lafatti kufee sagalee, “Yaa Saaʼol, Yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta?” isaan jedhu tokko dhagaʼe.
4 Ele caiu por terra e ouviu uma voz que lhe dizia:
5 Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate.
5 Ele perguntou: — Senhor, quem é você? E a resposta foi:
6 Amma kaʼii magaalaa seeni; wanni ati gootu sitti himamaatii” jedheen.
6 Mas levante-se e entre na cidade, onde lhe dirão o que você deve fazer.
7 Namoonni Saaʼol wajjin deemaa turanis waan dubbatan dhabanii dhadhaabatan; isaanis sagalee dhagaʼan malee nama tokko illee hin argine.
7 Os homens que viajavam com Saulo pararam emudecidos, ouvindo a voz, mas não vendo ninguém.
8 Saaʼolis lafaa kaʼe; innis yommuu iji isaa banametti homaa arguu hin dandeenye; isaanis harka isaa qabanii Damaasqootti isa geessan.
8 Então Saulo se levantou do chão e, abrindo os olhos, nada podia ver. E, guiando-o pela mão, levaram-no para Damasco.
9 Iji isaas Guyyaa sadii guutuu arguu hin dandeenye; innis homaa hin nyaanne; homaas hin dhugne.
9 Esteve três dias sem ver, durante os quais nada comeu, nem bebeu.
10 Damaasqoo keessa barataa Anaaniyaas jedhamu tokkotu ture. Gooftaanis mulʼataan, “Yaa Anaaniyaas!” jedhee isa waame.
10 Havia em Damasco um discípulo chamado Ananias. O Senhor lhe apareceu numa visão e disse: Ao que ele respondeu: — Eis-me aqui, Senhor!
11 Gooftaanis akkana jedheen; “Kaʼii gara daandii ‘Qajeelaa’ jedhamu sanaa mana Yihuudaa dhaqiitii nama Saaʼol jedhamu kan Xarseesii dhufe tokko iyyaafadhu; inni kadhannaa irra jiraatii.
11 Então o Senhor lhe disse:
12 Saaʼolis nama Anaaniyaas jedhamu tokko isaa dhufee akka agartuun isaa deebiʼuufiif harka isa irra kaaʼu mulʼataan arge.”
12 e, numa visão, viu entrar um homem, chamado Ananias, e impor-lhe as mãos, para que recuperasse a vista.
13 Anaaniyaasis deebisee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ani waaʼee namicha kanaa, miidhaa inni qulqulloota kee warra Yerusaalem jiraatan irratti hojjete hundumaa dhagaʼeera.
13 Ananias, porém, respondeu: — Senhor, de muitos tenho ouvido a respeito desse homem, quanto mal tem feito aos teus santos em Jerusalém.
14 Ammas warra maqaa kee waammatan hunda hidhuuf jedhee luboota hangafoota irraa aangoo fudhatee dhufeera.”
14 E aqui em Damasco ele tem autorização dos principais sacerdotes para prender todos os que invocam o teu nome.
15 Gooftaan garuu Anaaniyaasiin akkana jedhe; “Namichi kun miʼa koo kan ani akka inni namoota Ormaatii fi mootota isaanii duratti, saba Israaʼel durattis maqaa koo baatuuf jedhee filadhe waan taʼeef kaʼii dhaqi!
15 Mas o Senhor disse a Ananias:
16 Ani akka inni maqaa kootiif jedhee rakkachuu qabu isattin argisiisa.”
16 Pois eu mesmo vou mostrar a ele quanto deve sofrer pelo meu nome.
17 Anaaniyaasis dhaqee mana sana seene. Harka isaas Saaʼol irra kaaʼee, “Yaa obboleessa koo Saaʼol, Gooftaa Yesuus inni utuu ati as dhuftuu karaa irratti sitti mulʼate sun akka ati argituu fi akka ati Hafuura Qulqulluun guutamtuuf na ergeera” jedhe.
17 Então Ananias foi e, entrando na casa, impôs as mãos sobre Saulo, dizendo: — Saulo, irmão, o Senhor Jesus, que apareceu a você no caminho para cá, me enviou para que você volte a ver e fique cheio do Espírito Santo.
18 Yommusuma wanni akka qolaa ija Saaʼol irraa harcaʼe; inni ammas arguu dandaʼe. Kaʼees cuuphame.
18 Imediatamente caíram dos olhos de Saulo umas coisas parecidas com escamas, e ele voltou a ver. A seguir, levantou-se e foi batizado.
19 Nyaatas nyaatee jajjabaate.
19 E, depois de comer, sentiu-se fortalecido. Saulo permaneceu alguns dias com os discípulos em Damasco.
20 Innis akka Yesuus ilma Waaqaa taʼe yeruma sana manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe.
20 E logo, nas sinagogas, proclamava Jesus, afirmando que ele é o Filho de Deus.
21 Warri isa dhagaʼan hundinuus dinqifatanii akkana jedhan; “Namichi kun isuma Yerusaalem keessatti warra maqaa kana waammatan balleesse sana mitii? Ammas hidhee luboota hangafootatti isaan geessuuf dhufe mitii?”
21 Todos os que ouviam Saulo estavam atônitos e diziam: — Não é este o que exterminava em Jerusalém os que invocam o nome de Jesus e veio para cá precisamente para prender e levá-los aos principais sacerdotes?
22 Saaʼol garuu ittuma jabaachaa deeme; innis akka Yesuus kun Kiristoos taʼe mirkaneessuudhaan Yihuudoota Damaasqoo keessa jiraatan afaan qabachiise.
22 Saulo, porém, mais e mais se fortalecia e confundia os judeus que moravam em Damasco, demonstrando que Jesus é o Cristo.
23 Erga guyyaan hedduun darbee booddees Yihuudoonni isa ajjeesuuf mariʼatan.
23 Decorridos muitos dias, os judeus resolveram matar Saulo,
24 Saaʼol garuu marii isaanii kana beeke; isaanis isa ajjeesuuf jedhanii halkanii guyyaa balbala magaalaa sanaa jabeessanii eegaa turan.
24 mas ele ficou sabendo do plano deles. Dia e noite guardavam também os portões da cidade, para o matar.
25 Barattoonni isaa garuu halkaniin fuudhanii guuboodhaan dallaa irraan dabarsanii gad isa buusan.
25 Mas os discípulos de Saulo tomaram-no de noite e, colocando-o num cesto, desceram-no pela muralha.
26 Innis yommuu gara Yerusaalem dhufetti barattootatti dabalamuu yaale; isaanis waan barataa taʼuu isaa hin amaniniif hundi isaanii isa sodaatan.
26 Quando chegou a Jerusalém, Saulo procurou juntar-se aos discípulos de Jesus. Porém todos tinham medo dele, não acreditando que ele fosse discípulo.
27 Barnaabaas immoo fuudhee ergamootatti isa geesse; akka Saaʼol itti karaatti gooftaa arge, akka itti gooftaan isatti dubbatee fi akka inni sodaa malee Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin lallabe isaanitti hime.
27 Mas Barnabé, tomando-o consigo, levou-o aos apóstolos. Contou-lhes como Saulo tinha visto o Senhor no caminho, e que o Senhor tinha falado com ele. Também contou como, em Damasco, Saulo tinha pregado ousadamente em nome de Jesus.
28 Saaʼolis isaan wajjin jiraatee Yerusaalem keessa sodaa malee baʼee galaa ture; maqaa Gooftaatiinis ija jabinaan lallabe.
28 E Saulo ficou com eles em Jerusalém, entrando e saindo, pregando ousadamente em nome do Senhor.
29 Yihuudoota Giriikota keessa jiraatan wajjinis dubbachaa isaaniinis morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu barbaadan.
29 Falava e discutia com os helenistas, mas eles procuravam matá-lo.
30 Obboloonnis yommuu waan kana beekanitti fuudhanii Qiisaariyaatti gad isa buusan; gara Xarsees isa ergan.
30 Quando isto chegou ao conhecimento dos irmãos, levaram Saulo até Cesareia e dali o enviaram para Tarso.
31 Kanaafis waldaan kiristaanaa Yihuudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessa jirtu guutummaatti nagaa argatte; ni cimtes. Isheenis Hafuura Qulqulluudhaan jajjabaatee sodaa Gooftaatiin jiraachuudhaan baayʼinaan guddachaa deemte.
31 Assim, a igreja tinha paz por toda a Judeia, Galileia e Samaria, edificando-se e caminhando no temor do Senhor; e, no consolo do Espírito Santo, crescia em número.
32 Phexros utuu biyya sana keessa naannaʼaa jiruu qulqulloota Liidaa keessa jiraatan ilaaluuf gad buʼe.
32 Passando Pedro por toda parte, foi também visitar os santos que moravam em Lida.
33 Achittis namicha laamshaʼaa Eeniyaa jedhamu kan waggaa saddeeti siree irratti hafee ture tokko arge.
33 Encontrou ali certo homem, chamado Eneias, que havia oito anos jazia de cama, pois era paralítico.
34 Phexrosis, “Yaa Eeniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyisa; kaʼiitii siree kee afadhu” jedheen. Eeniyaanis yommusuma kaʼe.
34 Pedro lhe disse: — Eneias, Jesus Cristo cura você! Levante-se e arrume a sua cama. Ele imediatamente se levantou.
35 Namoonni Liidaa fi Shaaroon keessa jiraatan hundinuu isa arganii Gooftaatti deebiʼan.
35 Todos os habitantes de Lida e da região de Sarom viram Eneias e se converteram ao Senhor.
36 Yoophee keessas barattuu Xaabiitaa jedhamtu tokkotu ture; Xaabiitaa jechuun Doorqaa jechuu dha. Isheenis yeroo hunda waan gaarii hojjetti; hiyyeeyyiis ni gargaarti turte.
36 Em Jope havia uma discípula chamada Tabita, nome este que, traduzido, é Dorcas. Ela era notável pelas boas obras e esmolas que fazia.
37 Isheenis baruma sana keessa dhukkubsattee duute; reeffa ishees dhiqanii kutaa darbii tokko keessa kaaʼan.
37 Aconteceu que, naqueles dias, ela adoeceu e veio a morrer. Depois de a lavarem, puseram o corpo num quarto do andar superior.
38 Liidaan kun Yoopheetti dhiʼoo turte; barattoonnis yommuu akka Phexros Liidaa jiru dhagaʼanitti nama lama isatti erganii, “Maaloo dafii nu bira gaʼi!” jedhanii isa kadhatan.
38 Como Lida ficava perto de Jope, os discípulos, ouvindo que Pedro estava ali, enviaram-lhe dois homens com o seguinte pedido: — Não se demore em vir até nós.
39 Phexrosis kaʼee isaan wajjin deeme; akkuma inni achi gaʼeenis gara kutaa darbii sanaatti isa geessan. Haadhonni hiyyeessaa hundinuu isa bira dhaabatanii kootii fi wayyaa biraa kan Doorqaan yeroo isaan wajjin turte hojjette sana isatti argisiisanii booʼaa turan.
39 Pedro se aprontou e foi com eles. Quando chegou lá, eles o levaram ao quarto do andar superior. Todas as viúvas o cercaram, chorando e mostrando-lhe túnicas e vestidos que Dorcas tinha feito enquanto estava com elas.
40 Phexrosis hunda isaanii gad baasee jilbeenfatee Waaqa kadhate; reeffa sanattis garagalee, “Xaabiitaa kaʼi!” jedhe. Isheenis ija ishee banattee Phexrosin argite; kaatees ni teesse.
40 Mas Pedro mandou que todos saíssem, ajoelhou-se e orou; depois, voltando-se para o corpo, disse: — Tabita, levante-se! Ela abriu os olhos e, vendo Pedro, sentou-se.
41 Innis harka qabee ishee kaase; amantootaa fi haadhota hiyyeessaa waamee jiraattuu taatee isaan fuuldura dhaabe.
41 Ele, dando-lhe a mão, ajudou-a a ficar em pé; e, chamando os santos, especialmente as viúvas, apresentou-a viva.
42 Kunis Yoophee hunda keessatti beekame; namoonni baayʼeenis Gooftaatti amanan.
42 Isto se tornou conhecido em toda a cidade de Jope, e muitos creram no Senhor.
43 Phexrosis Yoophee keessa gogaa duugduu Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu ture.
43 Pedro ficou em Jope muitos dias, na casa de um curtidor chamado Simão.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.