Atos 7

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Lubni ol aanaanis, “Wanni kun dhugumaa?” jedhee isa gaafate.
1 Perguntou-lhe então o sumo sacerdote: É realmente assim?
2 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa obbolootaa fi yaa abbootii, mee na dhagaʼaa! Waaqni ulfinaa, yeroo abbaan keenya Abrahaam Mesophotaamiyaa turetti, utuu inni biyya Kaaraan hin dhaqin isatti mulʼate.
2 Respondeu ele: Irmãos e pais, escutai. O Deus da glória apareceu a nosso pai Abraão, quando estava na Mesopotâmia, antes de ir morar em Harã.
3 Waaqnis, ‘Biyya keetii fi saba kee dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi’ jedheen.
3 E disse-lhe: Sai de teu país e de tua parentela, e vai para a terra que eu te mostrar {Gn 12,1}.
4 “Innis biyya Kaldootaatii baʼee dhaqee Kaaraan keessa jiraate. Erga abbaan isaa duʼe immoo Waaqni achii isa baasee biyya isin amma keessa jiraattan kanatti isa erge.
4 Ele saiu da terra dos caldeus, e foi habitar em Harã. Dali, depois que lhe faleceu o pai, Deus o fez passar para esta terra, em que vós agora habitais.
5 Taʼus Waaqni dhaala tokko illee, lafa taakkuu tokkittii illee biyya sana keessatti hin kennineef; garuu Waaqni akka Abrahaamii fi sanyii isaa warra isaan booddeetiif biyya sana akkuma qabeenyaatti kennuuf waadaa galeef. Abrahaam yeroo sana ijoollee tokko illee hin qabu ture.
5 Não lhe deu nela propriedade alguma, nem sequer um palmo de terra, mas prometeu dar-lha em posse, e depois dele à sua posteridade, quando ainda não tinha filho algum.
6 Waaqni akkana jedhee karaa kanaan isatti dubbate; ‘Sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼa; waggaa dhibba afuris ni garboomfama; ni cunqurfamas.’
6 Eis como falou Deus: Tua descendência habitará em terra estranha e será reduzida à escravidão e maltratada pelo espaço de quatrocentos anos.
7 Waaqni akkana jedhe; ‘Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan biyya sanaa baʼanii lafa kanatti na waaqeffatu.’
7 Mas eu julgarei a nação que os dominar - diz o Senhor -, e eles sairão e me prestarão culto neste lugar {Gn 15,13s.; Ex 3,12}.
8 Waaqnis kakuu dhagna qabaa Abrahaamiif kenne; Abrahaamis abbaa Yisihaaq taʼee guyyaa saddeettaffaatti dhagna isa qabe; Yisihaaqis ergasii abbaa Yaaqoob taʼe; Yaaqoob immoo abbaa abbootii gosoota kudha lamaanii taʼe.
8 E deu-lhe a aliança da circuncisão. Assim, Abraão teve um filho, Isaac, e, passados oito dias, o circuncidou; e Isaac, a Jacó; e Jacó, os doze patriarcas.
9 “Abbootiin sunis waan Yoosefitti hinaafaniif akka inni biyya Gibxitti garba taʼuuf isa gurguran; Waaqni garuu isa wajjin ture;
9 Os patriarcas, invejosos de José, venderam-no para o Egito. Mas Deus estava com ele.
10 rakkina isaa hunda keessaa isa baase; Waaqnis fuula Faraʼoon mooticha Gibxi duratti ulfinaa fi ogummaa Yoosefiif kenne; Faraʼoonis biyya Gibxii fi mana mootummaa isaa hunda irratti bulchaa isa godhe.
10 Livrou-o de todas as suas tribulações e deu-lhe graça e sabedoria diante do faraó, rei do Egito, que o fez governador do Egito e chefe de sua casa.
11 “Baruma sana biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan hundatti beelli buʼee rakkina guddaa fide; abbootiin keenyas waan nyaatan tokko illee argachuu hin dandeenye.
11 Sobreveio depois uma fome a todo o Egito e Canaã. Grande era a tribulação, e os nossos pais não achavam o que comer.
12 Yaaqoobis akka Gibxi keessa midhaan jiru dhageenyaan yeroo jalqabaatiif abbootii keenya achi erge.
12 Mas quando Jacó soube que havia trigo no Egito, enviou pela primeira vez os nossos pais para lá.
13 Imala isaanii lammaffaa irrattis Yoosef eenyummaa isaa obboloota isaatti hime; Faraʼoonis waaʼee obboloota Yoosef beeke.
13 Na segunda, foi José reconhecido por seus irmãos, e foi descoberta ao faraó a sua origem.
14 Yoosefis ergasii nama ergee abbaa isaa Yaaqoobii fi maatii isaa hunda jechuunis walumatti qabaatti nama 75 waamsise.
14 Enviando mensageiros, José mandou vir seu pai Jacó com toda a sua família, que constava de setenta e cinco pessoas.
15 Yaaqoobis Gibxitti gad buʼe; innis, abbootiin keenyas achitti duʼan.
15 Jacó desceu ao Egito e morreu ali, como também nossos pais.
16 Reeffi isaaniis Sheekemitti geeffamee lafa awwaalaa kan Abrahaam ijoollee Hamoori irraa horii wayiitiin bitee ture sanatti awwaalame.
16 Seus corpos foram trasladados para Siquém, e foram postos no sepulcro que Abraão tinha comprado, a peso de dinheiro, dos filhos de Hemor, de Siquém.
17 “Akkuma yeroon waadaa Waaqni Abrahaamiif gale sun itti raawwatamu dhiʼaachaa dhufeen baayʼinni saba keenyaa Gibxi keessatti akka malee guddate.
17 Aproximava-se o tempo em que devia realizar-se a promessa que Deus havia jurado a Abraão. O povo cresceu e se multiplicou no Egito
18 Ergasii ‘Mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe.’
18 até que se levantou outro rei no Egito, o qual nada sabia de José.
19 Innis akka malee saba keenya cunqurse; abbootii keenyas akka daaʼimman isaanii dhumaniif akka isaan gad gatan dirqisiise.
19 Este rei, usando de astúcia contra a nossa raça, maltratou nossos pais e obrigou-os a enjeitar seus filhos para privá-los da vida.
20 “Yeroon Museen dhalates yeruma kana ture; innis fuula Waaqaa duratti miidhagaa ture; jiʼa sadiifis mana abbaa isaatti kunuunfamee guddate.
20 Por este mesmo tempo, nasceu Moisés. Era belo aos olhos de Deus e por três meses foi criado na casa paterna.
21 Yommuu inni alatti gatametti intalli Faraʼoon fudhattee akka ilma isheetti isa guddifatte.
21 Depois, quando foi exposto, a filha do faraó o recolheu e o criou como seu próprio filho.
22 Museen ogummaa warra Gibxi hunda barate; innis dubbii isaatii fi hojii isaatiin jabaa ture.
22 Moisés foi instruído em todas as ciências dos egípcios e tornou-se forte em palavras e obras.
23 “Museen yommuu umuriin isaa waggaa 40 guutetti dhaqee obboloota isaa ijoollee Israaʼel ilaaluu murteesse.
23 Quando completou 40 anos, veio-lhe à mente visitar seus irmãos, os filhos de Israel.
24 Museenis utuu namni Gibxi tokko nama isaanii tokko miidhuu arge. Kanaafis nama isaanii gargaaruu dhaqee namicha Gibxi sana ajjeesuun haaloo baaseef.
24 Viu que um deles era maltratado; tomou-lhe a defesa e vingou o que padecia a injúria, matando o egípcio.
25 Museen waan sabni isaa akka Waaqni karaa isaatiin saba Israaʼel furu hubatu seʼee ture; sabni sun garuu hin hubanne.
25 Ele esperava que os seus irmãos compreendessem que Deus se servia de sua mão para livrá-los. Mas não o entenderam.
26 Guyyaa itti aanutti immoo utuu namoonni Israaʼel lama wal lolanuu itti dhufee, ‘Jarana, isin obboloota walii ti; yoos maaliif wal miitu ree?’ jedhee walitti araarsuu yaale.
26 No dia seguinte, dois dentre eles brigavam, e ele procurou reconciliá-los: Amigos, disse ele, sois irmãos, por que vos maltratais um ao outro?
27 “Namichi hiriyaa isaa miidhaa ture sun garuu Musee achi of irraa darbatee akkana jedhe; ‘Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe?
27 Mas o que maltratava seu compatriota o repeliu: Quem te constituiu chefe ou juiz sobre nós?
28 Akkuma kaleessa namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?’
28 Porventura queres tu matar-me, como ontem mataste o egípcio?
29 Museenis waan kana dhageenyaan biyya Midiyaanitti baqatee galtuu taʼee achi jiraate; achittis ilmaan lama dhalche.
29 A estas palavras, Moisés fugiu. E esteve como estrangeiro na terra de Madiã, onde teve dois filhos.
30 “Erga waggaan afurtamni darbee booddees ergamaan Waaqaa tokko gammoojjii naannoo Tulluu Siinaa keessatti daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan Museetti mulʼate.
30 Passados quarenta anos, apareceu-lhe no deserto do monte Sinai um anjo, na chama duma sarça ardente.
31 Innis waan kana arginaan waan arge sana dinqifate. Yommuu ilaaluuf itti dhiʼaatettis sagalee Gooftaa dhagaʼe.
31 Moisés, admirado de uma tal visão, aproximou-se para a examinar. E a voz do Senhor lhe falou:
32 Sagaleen sunis, ‘Ani Waaqa abbootii keetii, Waaqa Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob’ jedheen. Museenis ni hollate; ilaaluus ni sodaate.
32 Eu sou o Deus de teus pais, o Deus de Abraão, de Isaac, de Jacó. Moisés, atemorizado, não ousava levantar os olhos.
33 “Gooftaan immoo akkana jedheen; ‘Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu.
33 O Senhor lhe disse: Tira o teu calçado, porque o lugar onde estás é uma terra santa.
34 Ani akka sabni koo biyya Gibxi keessatti cunqurfamaa jiru dhugumaan argeera; booʼicha isaaniis dhagaʼee isaan bilisoomsuuf jedhee gad buʼeera; egaa kottu Gibxittin deebisee si ergaatii.’
34 Considerei a aflição do meu povo no Egito, ouvi os seus gemidos e desci para livrá-los. Vem, pois, agora e eu te enviarei ao Egito.
35 “Namni isaan, ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii si godhe?’ jedhanii tuffatan sun Museedhuma kana. Isas Waaqni akka inni bulchaa fi furaa isaanii taʼuuf harka ergamaa Waaqaa kan daggala keessaan isatti mulʼate sanaatiin erge.
35 Este Moisés que desprezaram, dizendo: Quem te constituiu chefe ou juiz?, a este Deus enviou como chefe e libertador pela mão do anjo que lhe apareceu na sarça.
36 Innis Gibxi keessatti, galaana diimaa irratti akkasumas waggaa 40 gammoojjii keessatti dinqii fi mallattoo hojjechaa Gibxi keessaa isaan baase.
36 Ele os fez sair do Egito, operando prodígios e milagres na terra do Egito, no mar Vermelho e no deserto, por espaço de quarenta anos.
37 “Museen kun isuma saba Israaʼeliitiin, ‘Waaqni sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa’ jedhe sanaa dha.
37 Foi este Moisés que disse aos filhos de Israel: Deus vos suscitará dentre os vossos irmãos um profeta como eu.
38 Innis, Ergamaa Waaqaa kan Tulluu Siinaa irratti isatti dubbate sanaa fi abbootii keenya wajjin gammoojjii keessatti waldaa keessa ture; dubbii jiraataas nutti kennuuf fudhate.
38 Este é o que esteve entre o povo congregado no deserto, e com o anjo que lhe falara no monte Sinai, e com os nossos pais; que recebeu palavras de vida para no-las transmitir.
39 “Abbootiin keenya garuu isaaf ajajamuu didan; qooda ajajamuu isa tuffatanii garaa isaaniitiinis gara Gibxitti deebiʼan.
39 Nossos pais não lhe quiseram obedecer, mas o repeliram. Em seus corações voltaram-se para o Egito,
40 Arooniinis, ‘Waaqota nu dura deeman nuu tolchi; Museen Gibxii nu baase sun maal akka taʼe hin beeknuutii!’ jedhan.
40 dizendo a Aarão: Faze-nos deuses, que vão diante de nós, porque quanto a este Moisés, que nos tirou da terra do Egito, não sabemos o que foi feito dele.
41 Yeroon isaan Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin qopheeffatanis baruma sana; isaanis Waaqa sanaaf aarsaa dhiʼeessanii waanuma harka isaaniitiin tolfame sanaaf ayyaana ulfinaa ayyaaneffatan.
41 Fizeram, naqueles dias, um bezerro de ouro e ofereceram um sacrifício ao ídolo, e se alegravam diante da obra das suas mãos.
42 Waaqni garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota samii irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba raajotaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha;
42 Mas Deus afastou-se e os abandonou ao culto dos astros do céu, como está escrito no livro dos profetas: Porventura, casa de Israel, vós me oferecestes vítimas e sacrifícios por quarenta anos no deserto?
43 Isin fakkii waaqota waaqeffachuuf
43 Aceitastes a tenda de Moloc e a estrela do vosso deus Renfão, figuras que vós fizestes para adorá-las! Assim eu vos deportarei para além da Babilônia {Am 5,25ss.}.
44 “Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Waaqni akka Museen akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture.
44 A Arca da Aliança esteve com os nossos pais no deserto, como Deus ordenou a Moisés que a fizesse conforme o modelo que tinha visto.
45 Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Waaqni isaan duraa ariʼee baase sanaatti Iyyaasuu wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawitiitti biyya sana ture.
45 Recebendo-a nossos pais, levaram-na sob a direção de Josué às terras dos pagãos, que Deus expulsou da presença de nossos pais. E ali ficou até o tempo de Davi.
46 Daawitis fuula Waaqaa duratti fudhatama argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate.
46 Este encontrou graça diante de Deus e pediu que pudesse achar uma morada para o Deus de Jacó.
47 Garuu kan mana sana ijaareef Solomoon ture.
47 Salomão foi quem lhe edificou a casa.
48 “Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha:
48 O Altíssimo, porém, não habita em casas construídas por mãos humanas. Como diz o profeta:
49 “ ‘Samiin teessoo koo ti;
49 O céu é o meu trono, e a terra o escabelo dos meus pés. Que casa me edificareis vós?, diz o Senhor. Qual é o lugar do meu repouso?
50 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’
50 Acaso não foi minha mão que fez tudo isto {Is 66,1s.}?
51 “Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.
51 Homens de dura cerviz, e de corações e ouvidos incircuncisos! Vós sempre resistis ao Espírito Santo. Como procederam os vossos pais, assim procedeis vós também!
52 Raajiin abbootiin keessan hin ariʼatin tokko iyyuu jiraa? Isaan warra duraan dursanii dhufaatii isa qajeelaa sanaa himan illee ni ajjeesan; isinis amma isa dabarsitanii kennitanii ajjeeftaniirtu;
52 A qual dos profetas não perseguiram os vossos pais? Mataram os que prediziam a vinda do Justo, do qual vós agora tendes sido traidores e homicidas.
53 warri karaa ergamoota Waaqaatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma.”
53 Vós que recebestes a lei pelo ministério dos anjos e não a guardastes...
54 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti aariin guggubatanii isatti ciniinnatan.
54 Ao ouvir tais palavras, esbravejaram de raiva e rangiam os dentes contra ele.
55 Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluun guutamee gara samii ol ilaalee ulfina Waaqaatii fi Yesuusinis isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru arge.
55 Mas, cheio do Espírito Santo, Estêvão fitou o céu e viu a glória de Deus e Jesus de pé à direita de Deus:
56 Innis, “Ani kunoo samiin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru nan arga” jedhe.
56 Eis que vejo, disse ele, os céus abertos e o Filho do Homem, de pé, à direita de Deus.
57 Kana irratti isaan hundi gurra isaanii qabatanii sagalee guddaan iyyaa isatti girrisan.
57 Levantaram então um grande clamor, taparam os ouvidos e todos juntos se atiraram furiosos contra ele.
58 Magaalaa keessaas gad isa baasanii dhagaan isa tumuu jalqaban. Yeroo sana dhuga baatonni uffata isaanii miilla dargaggeessa Saaʼol jedhamu tokkoo jala kaaʼatan.
58 Lançaram-no fora da cidade e começaram a apedrejá-lo. As testemunhas depuseram os seus mantos aos pés de um moço chamado Saulo.
59 Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate.
59 E apedrejavam Estêvão, que orava e dizia: Senhor Jesus, recebe o meu espírito.
60 Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!” jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe.
60 Posto de joelhos, exclamou em alta voz: Senhor, não lhes leves em conta este pecado... A estas palavras, expirou.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.