Atos 6
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Bara sana keessa yommuu baayʼinni barattootaa dabalamaa deemetti Yihuudoonni Giriikota keessa jiraatan Ibrootatti guunguman; haadhonni hiyyeessaa Yihuudootaa nyaata guyyaa guyyaan hiramu keessatti hacuucamanii turaniitii.
1 Naqueles dias, aumentando o número dos discípulos, houve murmuração dos helenistas contra os hebreus, porque as viúvas deles estavam sendo esquecidas na distribuição diária.
2 Kanaaf ergamoonni kudha lamaan barattoota hunda walitti qabanii akkana jedhaniin; “Maaddii tajaajiluuf jennee dubbii Waaqaa barsiisuu dhiisuun nuuf qajeelaa miti.
2 Então os doze convocaram a comunidade dos discípulos e disseram: — Não é correto que nós abandonemos a palavra de Deus para servir às mesas.
3 Kanaaf yaa obboloota isin namoota maqaa gaarii qaban kanneen Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutaman torba gidduu keessanii filadhaa. Nus itti gaafatama kana isaanitti kenninee,
3 Por isso, irmãos, escolham entre vocês sete homens de boa reputação, cheios do Espírito e de sabedoria, para os encarregarmos desse serviço.
4 Waaqa kadhachuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa.”
4 Quanto a nós, nos consagraremos à oração e ao ministério da palavra.
5 Wanni isaan jedhanis tuuta sana hunda gammachiise. Isaanis Isxifaanos namicha amantii fi Hafuura Qulqulluudhaan guutame tokko, akkasumas Fiiliphoosii fi Phirookoroosin, Niiqaaroonaa fi Xiimoonaa, Pharmeenaa fi Niqoolaas namicha Anxookiiyaa isa amantii Yihuudootaatti gale sana filatan.
5 O parecer agradou a todos. Então elegeram Estêvão, homem cheio de fé e do Espírito Santo, Filipe, Prócoro, Nicanor, Timão, Pármenas e Nicolau, prosélito de Antioquia.
6 Isaanis jara kana fuula ergamootaa dura dhaaban; ergamoonnis Waaqa kadhataniifii harka isaan irra kaaʼan.
6 Apresentaram estes homens aos apóstolos, que, orando, lhes impuseram as mãos.
7 Dubbiin Waaqaa ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman.
7 A palavra de Deus crescia e, em Jerusalém, o número dos discípulos aumentava. Também um grande grupo de sacerdotes obedecia à fé.
8 Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqaatiin guutamee dinqii fi mallattoo gurguddaa namoota gidduutti hojjette.
8 Estêvão, cheio de graça e de poder, fazia prodígios e grandes sinais entre o povo.
9 Miseensonni mana sagadaa warra, “Namoota bilisooman” jedhamanii, jechuunis Yihuudoonni Qareenaa fi Iskindiriyaadhaa dhufan akkasumas Yihuudoonni Kiilqiyaa fi Asiyaadhaa dhufan tokko tokko Isxifaanosiin mormuu jalqaban.
9 Então alguns dos que eram da sinagoga chamada dos Libertos, dos cireneus, dos alexandrinos e dos da Cilícia e da província da Ásia se levantaram e discutiam com Estêvão.
10 Isaan garuu ogummaa isaa yookaan Hafuura Qulqulluu inni ittiin dubbatu sanaan mormuu hin dandeenye.
10 Mas eles não podiam resistir à sabedoria e ao Espírito, pelo qual ele falava.
11 Kanaafuu akka isaan, “Nu utuu Isxifaanos Musee fi Waaqa irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra” jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan.
11 Então subornaram alguns homens para que dissessem: — Ouvimos este homem proferir blasfêmias contra Moisés e contra Deus.
12 Isaanis uummata, maanguddootaa fi barsiistota seeraa kakaasan. Isxifaanosiinis qabanii fuula waldaa Yihuudootaa duratti isa dhiʼeessan.
12 Atiçaram o povo, os anciãos e os escribas e, investindo contra Estêvão, o agarraram e levaram ao Sinédrio.
13 Dhuga baatota sobduus qopheeffatan; isaanis akkana jedhan; “Namichi kun iddoo qulqulluu kanaa fi seeraan mormuu takkumaa hin dhiifne.
13 Apresentaram testemunhas falsas, que disseram: — Este homem não para de falar contra o lugar santo e contra a lei.
14 Nu isaa, ‘Yesuus namni Naazreeti kun iddoo kana ni diiga; seera Museen nuu kennes ni geeddara’ jedhu dhageenyeerra.”
14 Nós o ouvimos dizer que esse Jesus, o Nazareno, destruirá este lugar e mudará os costumes que Moisés nos deu.
15 Warri waldaa sana keessa turan hundi ija babaasanii Isxifaanosin ilaalanii akka fuuli isaa akkuma fuula ergamaa Waaqaa taʼe argan.
15 Todos os que estavam sentados no Sinédrio, fitando os olhos em Estêvão, viram o seu rosto como se fosse rosto de anjo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.