Atos 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Utuu Phexrosii fi Yohannis namootatti dubbachaa jiranuu, luboonni, ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi Saduuqonni isaanitti dhufan.
1 Enquanto Pedro e João ainda falavam ao povo, chegaram os sacerdotes, o capitão do templo e os saduceus,
2 Sababii ergamoonni sun namoota barsiisanii duʼaa kaʼuu karaa Yesuusiitiin argamu labsaniifis akka malee aaran.
2 ressentidos porque os apóstolos estavam ensinando o povo e anunciando, em Jesus, a ressurreição dentre os mortos.
3 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin qabanii hamma guyyaa itti aanuutti mana hidhaatti isaan galchan; galgalaaʼee tureetii.
3 Prenderam Pedro e João e os recolheram ao cárcere até o dia seguinte, pois já era tarde.
4 Warra dubbicha dhagaʼan keessaas baayʼeetu amane; baayʼinni warra amanees gara kuma shaniitti ol kaʼe.
4 Porém muitos dos que ouviram a palavra creram, subindo o número desses homens a quase cinco mil.
5 Guyyaa itti aanuttis bulchitoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa Yerusaalemitti wal gaʼan.
5 No dia seguinte, as autoridades, os anciãos e os escribas se reuniram em Jerusalém
6 Haannaas lubichi ol aanaan, isa wajjin immoo Qayyaaffaan, Yohannis, Iskindiroosii fi namoonni maatii lubicha ol aanaa taʼan kaan hundi achi turan.
6 com o sumo sacerdote Anás, com Caifás, João, Alexandre e todos os que eram da linhagem do sumo sacerdote.
7 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin gidduu isaanii dhaabanii, “Isin humna maaliitiin yookaan maqaa eenyuutiin waan kana gootan?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
7 E, colocando os apóstolos diante deles, perguntaram: — Com que poder ou em nome de quem vocês fizeram isso?
8 Phexrosis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa bulchitootaa fi maanguddoota uummataa!
8 Então Pedro, cheio do Espírito Santo, lhes disse: — Autoridades do povo e anciãos,
9 Harʼa waaʼee waan gaarii nama naafa tokkoof godhameetii fi akka inni itti fayyifame yoo nu gaafattan,
9 visto que hoje somos interrogados a propósito do benefício feito a um homem enfermo e do modo como ele foi curado,
10 isinii fi namoonni Israaʼel hundinuu waan kana beekaa; namichi kun maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazreeti kan isin fanniftanii Waaqni immoo warra duʼan keessaa isa kaase sanaatiin fayyee fuula keessan dura dhaabata.
10 saibam os senhores todos e todo o povo de Israel que, em nome de Jesus Cristo, o Nazareno, a quem vocês crucificaram e a quem Deus ressuscitou dentre os mortos, sim, em seu nome é que este está curado na presença de vocês.
11 Yesuusis,
11 Este Jesus é a pedra que vocês, os construtores, rejeitaram, mas ele veio a ser a pedra angular.
12 Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
12 E não há salvação em nenhum outro, porque debaixo do céu não existe nenhum outro nome, dado entre os homens, pelo qual importa que sejamos salvos.
13 Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Yesuus wajjin turanis ni qalbeeffatan.
13 Ao verem a ousadia de Pedro e João, sabendo que eram homens iletrados e incultos, ficaram admirados; e reconheceram que eles haviam estado com Jesus.
14 Garuu namicha fayyifame sana isaa isaanuma wajjin achi dhaabatu arganii waan dubbatan dhaban.
14 Vendo que o homem que havia sido curado estava com eles, nada tinham a dizer em contrário.
15 Kanaaf akka isaan waldaa keessaa gad baʼan ajajanii wajjin mariʼachuu jalqaban.
15 E, mandando-os sair do Sinédrio, discutiam entre si,
16 Akkanas jedhan; “Jara kana maal haa goonu? Akka isaan dinqii guddaa hojjetan namni Yerusaalem keessa jiraatu hundi ni beeka; nus waan kana waakkachuu hin dandeenyu.
16 dizendo: — Que faremos com estes homens? Pois todos os moradores de Jerusalém sabem que um sinal notório foi feito por eles, e não o podemos negar.
17 Garuu akka wanni kun hammana caalaa uummata keessa hin babalʼanneef nu akka jarri kun siʼachi maqaa kanaan nama tokkotti illee hin dubbanne isaan of eeggachiisuu qabna.”
17 Mas, para que não haja maior divulgação entre o povo, vamos ameaçá-los para não falarem mais neste nome a quem quer que seja.
18 Isaanis jara waamanii akka isaan gonkumaa maqaa Yesuusiitiin hin dubbanne yookaan hin barsiifne isaan ajajan.
18 Chamando-os, ordenaram-lhes que de modo nenhum falassem nem ensinassem no nome de Jesus.
19 Phexrosii fi Yohannis garuu deebisanii akkana jedhan; “Qooda Waaqaa isiniif ajajamuun fuula Waaqaa duratti akka qajeelaa taʼee fi akka hin taʼin mee isinuu ilaalaa!
19 Mas Pedro e João responderam: — Os senhores mesmos julguem se é justo diante de Deus ouvirmos antes aos senhores do que a Deus;
20 Nu waan arginee fi waan dhageenye dubbachuu dhiisuu hin dandeenyuutii.”
20 pois nós não podemos deixar de falar das coisas que vimos e ouvimos.
21 Isaanis erga ittuma fufanii doorsisanii booddee jara gad dhiisan. Waan namoonni sababii waan hojjetame sanaatiif Waaqa galateeffachaa turaniifis akka itti jara adaban murteeffachuu hin dandeenye.
21 Depois, ameaçando-os mais ainda, os soltaram, não tendo achado como os castigar, por causa do povo, porque todos glorificavam a Deus pelo que tinha acontecido.
22 Umuriin namicha karaa dinqiitiin fayyifame sanaa waggaa afurtamaa ol tureetii.
22 Ora, o homem em quem tinha sido operado esse milagre de cura tinha mais de quarenta anos de idade.
23 Phexrosii fi Yohannis yeroo gad dhiifamanitti gara saba isaanii dhaqanii waan luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni jedhaniin hundumaa isaanitti himan.
23 Uma vez soltos, Pedro e João procuraram os irmãos e lhes contaram tudo o que os principais sacerdotes e os anciãos lhes tinham falado.
24 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti kadhannaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Waaqatti ol fuudhanii akkana jedhan; “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume.
24 Ouvindo isto, unânimes, levantaram a voz a Deus e disseram: — Tu, Soberano Senhor, fizeste o céu, a terra, o mar e tudo o que neles há!
25 Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan tajaajilaa kee abbaa keenya Daawitiitiin akkana jettee dubbatteerta;
25 Disseste por meio do Espírito Santo, por boca de Davi, nosso pai, teu servo: “Por que se enfureceram os gentios, e os povos imaginaram coisas vãs?
26 Mootonni lafaa kaʼanii,
26 Os reis da terra se levantaram, e as autoridades se juntaram contra o Senhor e contra o seu Ungido.”
27 Dhugumaan Heroodisii fi Phonxoos Phiilaaxoos Namoota Ormaatii fi uummata Israaʼel wajjin hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesuus isa ati dibdetti mariʼachuuf jedhanii magaalaa kana keessatti walitti qabaman.
27 — Porque de fato, nesta cidade, Herodes e Pôncio Pilatos, com gentios e gente de Israel, se juntaram contra o teu santo Servo Jesus, a quem ungiste,
28 Isaanis waanuma humnii fi fedhiin kee akka wanni kun taʼuuf duraan dursanii murteessan sana hojjetan.
28 para fazerem tudo o que a tua mão e o teu propósito predeterminaram.
29 Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif.
29 Agora, Senhor, olha para as ameaças deles e concede aos teus servos que anunciem a tua palavra com toda a ousadia,
30 Nama fayyisuu fi maqaa tajaajilaa kee qulqullichaa, maqaa Yesuusiitiin mallattoo fi dinqii hojjechuuf harka kee diriirfadhu.”
30 enquanto estendes a tua mão para fazer curas, sinais e prodígios por meio do nome do teu santo Servo Jesus.
31 Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.
31 Tendo eles orado, tremeu o lugar onde estavam reunidos. Todos ficaram cheios do Espírito Santo e, com ousadia, anunciavam a palavra de Deus.
32 Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne.
32 Da multidão dos que creram era um o coração e a alma. Ninguém considerava exclusivamente sua nem uma das coisas que possuía; tudo, porém, lhes era comum.
33 Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture.
33 Com grande poder, os apóstolos davam testemunho da ressurreição do Senhor Jesus, e em todos eles havia abundante graça.
34 Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii,
34 Não havia nenhum necessitado entre eles, porque os que possuíam terras ou casas, vendendo-as, traziam os valores correspondentes
35 miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.
35 e os depositavam aos pés dos apóstolos; então se distribuía a cada um conforme a sua necessidade.
36 Yoosef namni gosa Lewwii kan Qophiroositti dhalate, inni ergamoonni Barnaabaas jedhaniin tokkos achi ture. Barnaabaas jechuun “ilma jajjabinaa” jechuu dha.
36 Então José, a quem os apóstolos chamavam de Barnabé, que quer dizer filho da consolação, um levita natural de Chipre,
37 Innis lafa qotiisaa ofii isaa gurguree horii isaa fidee miilla ergamootaa bira kaaʼe.
37 vendeu um campo que possuía, trouxe o dinheiro e o depositou aos pés dos apóstolos.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.