Atos 2

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
1 Chegando o dia de Pentecoste, estavam todos reunidos num só lugar.
2 Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute.
2 De repente veio do céu um som, como de um vento muito forte, e encheu toda a casa na qual estavam assentados.
3 Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan.
3 E viram o que parecia línguas de fogo, que se separaram e pousaram sobre cada um deles.
4 Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
4 Todos ficaram cheios do Espírito Santo e começaram a falar noutras línguas, conforme o Espírito os capacitava.
5 Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.
5 Havia em Jerusalém judeus, tementes a Deus, vindos de todas as nações do mundo.
6 Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii.
6 Ouvindo-se este som, ajuntou-se uma multidão que ficou perplexa, pois cada um os ouvia falar em sua própria língua.
7 Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii?
7 Atônitos e maravilhados, eles perguntavam: "Acaso não são galileus todos estes homens que estão falando?
8 Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree?
8 Então, como os ouvimos, cada um de nós, em nossa própria língua materna?
9 Nu warri Phartee, warri Meedii fi warri Elaam, jiraattonni Mesophotaamiyaa, warri Yihuudaa fi Qaphadooqiyaa akkasumas jiraattonni Phonxoosii fi Asiyaa,
9 Partos, medos e elamitas; habitantes da Mesopotâmia, Judéia e Capadócia, Ponto e da província da Ásia,
10 Firiigiyaa fi Phamfiliyaa, Gibxii fi kutaawwan biyya Liibiyaa kanneen naannoo Qareenaatti argaman, nu warri Roomaadhaa dhufne,
10 Frígia e Panfília, Egito e das partes da Líbia próximas a Cirene; visitantes vindos de Roma,
11 nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!”
11 tanto judeus como convertidos ao judaísmo; cretenses e árabes. Nós os ouvimos declarar as maravilhas de Deus em nossa própria língua! "
12 Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
12 Atônitos e perplexos, todos perguntavam uns aos outros: "Que significa isto? "
13 Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
13 Alguns, todavia, zombavam deles e diziam: "Eles beberam vinho demais".
14 Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa.
14 Então Pedro levantou-se com os Onze e, em alta voz, dirigiu-se à multidão: "Homens da Judéia e todos os que vivem em Jerusalém, deixem-me explicar-lhes isto! Ouçam com atenção:
15 Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne!
15 estes homens não estão bêbados, como vocês supõem. Ainda são nove horas da manhã!
16 Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
16 Pelo contrário, isto é o que foi predito pelo profeta Joel:
17 “ ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo,
17 ‘Nos últimos dias, diz Deus, derramarei do meu Espírito sobre todos os povos. Os seus filhos e as suas filhas profetizarão, os jovens terão visões, os velhos terão sonhos.
18 Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee,
18 Sobre os meus servos e as minhas servas derramarei do meu Espírito naqueles dias, e eles profetizarão.
19 Ani ol samii irratti dinqii,
19 Mostrarei maravilhas em cima no céu e sinais em baixo, na terra, sangue, fogo e nuvens de fumaça.
20 Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi // ulfina qabeessi sun hin dhufin dura,
20 O sol se tornará em trevas e a lua em sangue, antes que venha o grande e glorioso dia do Senhor.
21 Namni maqaa Gooftaa waammatu,
21 E todo aquele que invocar o nome do Senhor será salvo! ’
22 “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
22 "Israelitas, ouçam estas palavras: Jesus de Nazaré foi aprovado por Deus diante de vocês por meio de milagres, maravilhas e sinais, que Deus fez entre vocês por intermédio dele, como vocês mesmos sabem.
23 Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan.
23 Este homem lhes foi entregue por propósito determinado e pré-conhecimento de Deus; e vocês, com a ajuda de homens perversos, o mataram, pregando-o na cruz.
24 Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.
24 Mas Deus o ressuscitou dos mortos, rompendo os laços da morte, porque era impossível que a morte o retivesse.
25 Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate:
25 A respeito dele, disse Davi: ‘Eu sempre via o Senhor diante de mim. Porque ele está à minha direita, não serei abalado.
26 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;
26 Por isso o meu coração está alegre e a minha língua exulta; o meu corpo também repousará em esperança,
27 Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii;
27 porque tu não me abandonarás no sepulcro, nem permitirás que o teu Santo sofra decomposição.
28 Karaa jireenyaa na barsiifteerta;
28 Tu me fizeste conhecer os caminhos da vida e me encherás de alegria na tua presença’.
29 “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa.
29 "Irmãos, posso dizer-lhes com franqueza que o patriarca Davi morreu e foi sepultado, e o seu túmulo está entre nós até o dia de hoje.
30 Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke.
30 Mas ele era profeta e sabia que Deus lhe prometera sob juramento que colocaria um dos seus descendentes em seu trono.
31 Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate.
31 Prevendo isso, falou da ressurreição do Cristo, que não foi abandonado no sepulcro e cujo corpo não sofreu decomposição.
32 Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti.
32 Deus ressuscitou este Jesus, e todos nós somos testemunhas desse fato.
33 Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.
33 Exaltado à direita de Deus, ele recebeu do Pai o Espírito Santo prometido e derramou o que vocês agora vêem e ouvem.
34 Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha:
34 Pois Davi não subiu ao céu, mas ele mesmo declarou: ‘O Senhor disse ao meu Senhor: Senta-te à minha direita
35 hamma ani diinota kee
35 até que eu ponha os teus inimigos como estrado para os teus pés’.
36 “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
36 "Portanto, que todo Israel fique certo disto: Este Jesus, a quem vocês crucificaram, Deus o fez Senhor e Cristo".
37 Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
37 Quando ouviram isso, os seus corações ficaram aflitos, e eles perguntaram a Pedro e aos outros apóstolos: "Irmãos, que faremos? "
38 Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
38 Pedro respondeu: "Arrependam-se, e cada um de vocês seja batizado em nome de Jesus Cristo, para perdão dos seus pecados, e receberão o dom do Espírito Santo.
39 Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
39 Pois a promessa é para vocês, para os seus filhos e para todos os que estão longe, para todos quantos o Senhor, o nosso Deus chamar".
40 Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse.
40 Com muitas outras palavras os advertia e insistia com eles: "Salvem-se desta geração corrompida! "
41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
41 Os que aceitaram a mensagem foram batizados, e naquele dia houve um acréscimo de cerca de três mil pessoas.
42 Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
42 Eles se dedicavam ao ensino dos apóstolos e à comunhão, ao partir do pão e às orações.
43 Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame.
43 Todos estavam cheios de temor, e muitas maravilhas e sinais eram feitos pelos apóstolos.
44 Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan.
44 Todos os que criam mantinham-se unidos e tinham tudo em comum.
45 Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan.
45 Vendendo suas propriedades e bens, distribuíam a cada um conforme a sua necessidade.
46 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan.
46 Todos os dias, continuavam a reunir-se no pátio do templo. Partiam o pão em suas casas, e juntos participavam das refeições, com alegria e sinceridade de coração,
47 Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.
47 louvando a Deus e tendo a simpatia de todo o povo. E o Senhor lhes acrescentava todos os dias os que iam sendo salvos.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.