Atos 28
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB
1 Nus nagumaan qarqara galaanaatti baanee akka biyyi bishaaniin marfamte sun Malaaxiyaa jedhamtu beekne.
1 Estando já salvos, soubemos então que a ilha se chamava Malta.
2 Namoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatanis gara laafina dinqisiisaa nu argisiisan. Isaanis sababii roobnii fi dhaamochi tureef ibidda bobeessanii hunda keenya simatan.
2 Os indígenas usaram conosco de não pouca humanidade; pois acenderam uma fogueira e nos recolheram a todos por causa da chuva que caía, e por causa do frio.
3 Utuu Phaawulos hanxaxii qoraanii walitti qabee ibiddatti naqaa jiruu buutiin sababii hoʼaatiin gad baate tokko harka isaatti maxxantee gad dhiisuu didde.
3 Ora havendo Paulo ajuntado e posto sobre o fogo um feixe de gravetos, uma víbora, fugindo do calor, apegou-se-lhe à mão.
4 Warri biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan sunis buutii harka isaatti rarraatu arganii, “Namichi kun nama nama ajjeese taʼuu hin oolu; inni yoo balaa galaanaa jalaa baʼe illee Murtiin Qajeelaan akka inni jiraatu hin eeyyamneef” waliin jedhan.
4 Quando os indígenas viram o réptil pendente da mão dele, diziam uns aos outros: Certamente este homem é homicida, pois, embora salvo do mar, a Justiça não o deixa viver.
5 Phaawulos buutii sana ibidda keessa of irraa buuse; miidhaa tokko malees hafe.
5 Mas ele, sacudindo o réptil no fogo, não sofreu mal nenhum.
6 Namoonni sunis, “Inni ni dhiitaʼa yookaan akkuma tasaa kufee duʼa” jedhanii eegan; garuu yommuu yeroo dheeraa eeganii akka inni waa tokko illee hin taʼin arganitti yaada geeddaratanii, “Inni waaqa” jedhan.
6 Eles, porém, esperavam que Paulo viesse a inchar ou a cair morto de repente; mas tendo esperado muito tempo e vendo que nada de anormal lhe sucedia, mudaram de parecer e diziam que era um deus.
7 Bulchaan biyya bishaaniin marfamtee kan Phubiliyoos jedhamu tokkos naannoo sanaa lafa qotiisaa qaba ture; innis mana isaatti nu simatee guyyaa sadii jaalalaan nu keessumsiise.
7 Ora, nos arredores daquele lugar havia umas terras que pertenciam ao homem principal da ilha, por nome Públio, o qual nos recebeu e hospedou bondosamente por três dias.
8 Abbaan Phubiliyoos dhukkuba dhagna nama gubuu fi garaa nama kaasuun qabamee ciisaa ture; Phaawulosis isa gaafachuuf ol seenee erga kadhatee booddee harka irra kaaʼee isa fayyise.
8 Aconteceu estar de cama, enfermo de febre e disenteria, o pai de Públio; Paulo foi visitá-lo, e havendo orado, impôs-lhe as mãos, e o curou.
9 Yommuu wanni kun taʼetti dhukkubsattoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan biraa hundi dhufanii fayyan.
9 Feito isto, vinham também os demais enfermos da ilha, e eram curados;
10 Isaanis karaa baayʼeedhaan ulfina nuu kennan; yommuu nu dooniin deemuuf kaanettis waan nu barbaachisu hunda nuuf kennan.
10 e estes nos distinguiram com muitas honras; e, ao embarcarmos, puseram a bordo as coisas que nos eram necessárias.
11 Nus jiʼa sadii booddee doonii Iskindiriyaa kan biyya bishaaniin marfamte sana irratti yeroo gannaa dabarse tokkoon kaanee deemsa jalqabne; dooniin sunis asxaa waaqota lakkuu Kastoorii fi Paaluksi adda isaa irraa qaba ture.
11 Passados três meses, partimos em um navio de Alexandria que invernara na ilha, o qual tinha por insígnia Castor e Pólux.
12 Seraakuus geenyees bultii sadii achi turre.
12 E chegando a Siracusa, ficamos ali três dias;
13 Achiis kaanee Reegiyuumitti galle; guyyaa tokko booddees waan bubbeen kibbaa bubbiseef guyyaa itti aanutti Putiyooluus geenye.
13 donde, costeando, viemos a Régio; e, soprando no dia seguinte o vento sul, chegamos em dois dias a Putéoli,
14 Achitti obboloota tokko tokko arganne; isaanis akka nu bultii torba isaan bira turru nu kadhatan. Nus akkasiin Roomaatti galle.
14 onde, achando alguns irmãos, fomos convidados a ficar com eles sete dias; e depois nos dirigimos a Roma.
15 Obboloonni achi turanis yommuu dhufaatii keenya dhagaʼanitti hamma iddoo gabaa Aphiyuusiittii fi iddoo “Lafa Bultoo Sadii” jedhamuutti nu simachuu dhufan; Phaawulosis isaan argee Waaqa galateeffate; ofii isaatiis ni jajjabaate.
15 Ora, os irmãos da lá, havendo recebido notícias nossas, vieram ao nosso encontro até a praça de Ápio e às Três Vendas, e Paulo, quando os viu, deu graças a Deus e cobrou ânimo.
16 Yommuu nu Roomaa geenyetti Phaawulos akka loltuu isa eegu tokko wajjin kophaa isaa jiraatu eeyyamameef.
16 Quando chegamos a Roma, {o centurião entregou os presos ao general do exército, mas,} a Paulo se lhe permitiu morar à parte, com o soldado que o guardava.
17 Phaawulosis guyyaa sadii booddee dura buʼoota Yihuudootaa walitti waame; yommuu isaan walitti qabamanittis akkana jedheen; “Yaa obboloota ko, ani utuu waan saba keenyaan yookaan duudhaa abbootii keenyaatiin mormu tokko illee hin hojjetin Yerusaalem keessatti qabamee dabarfamee harka warra Roomaatti kennameera.
17 Passados três dias, ele convocou os principais dentre os judeus; e reunidos eles, disse-lhes: Varões irmãos, não havendo eu feito nada contra o povo, ou contra os ritos paternos, vim contudo preso desde Jerusalém, entregue nas mãos dos romanos;
18 Isaanis erga na qoranii booddee sababii ani yakka duʼa namatti mursiisu tokko illee hin qabaatiniif gad na dhiisuu barbaadan.
18 os quais, havendo-me interrogado, queriam soltar-me, por não haver em mim crime algum que merecesse a morte.
19 Ani garuu yoo waan ittiin saba koo himadhu tokko iyyuu hin qabaatin illee yommuu Yihuudoonni mormanitti akka Qeesaaritti ol iyyadhu nan dirqame.
19 Mas opondo-se a isso os judeus, vi-me obrigado a apelar para César, não tendo, contudo, nada de que acusar a minha nação.
20 Wanni ani isin arguu fi isin wajjin haasaʼuu kadhadheefis kanuma. Ani sababuma abdii Israaʼeliif jedhee foncaa kanaan hidhameera.”
20 Por esta causa, pois, vos convidei, para vos ver e falar; porque pela esperança de Israel estou preso com esta cadeia.
21 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu xalayaa waaʼee kee dubbatu tokko illee biyya Yihuudaatii hin arganne; obboloota achii dhufan keessaas namni tokko iyyuu waaʼee kee waan hamaa hin dubbanne; nuttis hin himne.
21 Mas eles lhe disseram: Nem recebemos da Judéia cartas a teu respeito, nem veio aqui irmão algum que contasse ou dissesse mal de ti.
22 Nu garuu yaadni kee maal akka taʼe sirraa dhagaʼuu barbaanna; nu akka namoonni iddoo hunda jiran garee kanaan morman ni beeknaatii.”
22 No entanto bem quiséramos ouvir de ti o que pensas; porque, quanto a esta seita, notório nos é que em toda parte é impugnada.
23 Isaanis guyyaa itti Phaawulos wajjin wal argan qabatanii, akka malee baayʼatanii lafa inni jiraachaa ture dhaqan; innis ganamaa jalqabee hamma galgalaatti waaʼee mootummaa Waaqaa isaanii ibsaa, lallabaas ture; waaʼee Yesuusiis Seera Museetii fi Kitaabota Raajotaa keessaa eeree isaan amansiisuu yaalaa ture.
23 Havendo-lhe eles marcado um dia, muitos foram ter com ele à sua morada, aos quais desde a manhã até a noite explicava com bom testemunho o reino de Deus e procurava persuadí-los acerca de Jesus, tanto pela lei de Moisés como pelos profetas.
24 Isaan keessaa warri tokko tokko waan inni jedhe ni fudhatan; warri kaan immoo amanuu didan.
24 Uns criam nas suas palavras, mas outros as rejeitavam.
25 Isaan gidduutti waldhabiisni uumamnaan kaʼanii deemuu jalqaban; kunis erga Phaawulos akkana jedhee dubbii dhumaa dubbatee booddee; “Hafuurri Qulqulluun yeroo karaa Isaayyaas raajichaatiin abbootii keessanitti dubbate sana dhugaa isaa dubbate; innis akkana jedhe:
25 E estando discordes entre si, retiraram-se, havendo Paulo dito esta palavra: Bem falou o Espírito Santo aos vossos pais pelo profeta Isaías,
26 “ ‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi;
26 dizendo: Vai a este povo e dize: Ouvindo, ouvireis, e de maneira nenhuma entendereis; e vendo, vereis, e de maneira nenhuma percebereis.
27 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii;
27 Porque o coração deste povo se endureceu, e com os ouvidos ouviram tardamente, e fecharam os olhos; para que não vejam com os olhos, nem ouçam com os ouvidos, nem entendam com o coração nem se convertam e eu os cure.
28 “Kanaafuu ani akka fayyisuun Waaqaa gara Namoota Ormaatti ergame akka isin beektan nan barbaada! Isaanis ni dhagaʼu.” [
28 Seja-vos pois notório que esta salvação de Deus é enviada aos gentios, e eles ouvirão.
29 Yihuudoonnis erga inni waan kana dubbatee booddee jabeessanii waliin mormaa achii deeman.]
29 {E, havendo ele dito isto, partiram os judeus, tendo entre si grande contenda.}
30 Phaawulosis waggaa lama guutuu mana ofii isaatii kireeffate keessa jiraachaa, warra isa dubbisuu dhufan hundas simachaa ture.
30 E morou dois anos inteiros na casa que alugara, e recebia a todos os que o visitavam,
31 Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.
31 pregando o reino de Deus e ensinando as coisas concernentes ao Senhor Jesus Cristo, com toda a liberdade, sem impedimento algum.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 28, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.