Atos 26

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC

Sair da comparação
ARC Almeida Revista e Corrigida 2009
1 Agriiphaan Phaawulosiin, “Akka ati ofii keetiif dubbattu siif eeyyamameera” jedhe.
1 Depois, Agripa disse a Paulo: Permite-se-te que te defendas. Então, Paulo, estendendo a mão em sua defesa, respondeu:
2 “Yaa Agriiphaa Mooticha, ani sababii waan Yihuudoonni ittiin na himatan hunda falmachuudhaaf jedhee harʼa fuula kee dura dhaabadhuuf akka ayyaantuu tokkoottin of ilaala.
2 Tenho-me por venturoso, ó rei Agripa, de que perante ti me haja, hoje, de defender de todas as coisas de que sou acusado pelos judeus,
3 Kunis waan ati duudhaa fi wal mormii Yihuudootaa hunda keessa beektuufii dha. Kanaafuu ani akka ati obsaan na dhaggeeffattu sin kadhadha.
3 mormente sabendo eu que tens conhecimento de todos os costumes e questões que há entre os judeus; pelo que te rogo que me ouças com paciência.
4 “Ani ijoollummaa kootii jalqabee saba koo keessatti, Yerusaalem keessattis akkamitti akka jiraachaa ture Yihuudoonni hundinuu ni beeku.
4 A minha vida, pois, desde a mocidade, qual haja sido, desde o princípio, em Jerusalém, entre os da minha nação, todos os judeus a sabem.
5 Akka ani akka Fariisicha tokkootti akkuma sirna garee akka malee amantaa keenyatti cichu sanaatti jiraadhe isaanuu bara dheeraa waan na beekaniif, yoo fedhii qabaatan dhugaa baʼuu ni dandaʼu.
5 Sabendo de mim, desde o princípio (se o quiserem testificar), que, conforme a mais severa seita da nossa religião, vivi fariseu.
6 Ammas ani waadaa Waaqni abbootii keenyaaf gale sana waan abdadhuuf qoratamuuf dhiʼaadheen as jira.
6 E, agora, pela esperança da promessa que por Deus foi feita a nossos pais, estou aqui e sou julgado,
7 Waadaan kun isuma gosoonni keenya kudha lamaan halkanii guyyaa Waaqa tajaajiluutti jabaatanii raawwatamuu isaa arguu hawwan sanaa dha. Yaa Agriiphaa Mooticha, Yihuudoonnis sababuma abdii kanaatiif na himachaa jiru.
7 à qual as nossas doze tribos esperam chegar, servindo a Deus continuamente, noite e dia. Por esta esperança, ó rei Agripa, eu sou acusado pelos judeus.
8 Akka Waaqni warra duʼan duʼaa kaasu isin maaliif akka waan hin amanamne tokkootti herregdu?
8 Pois quê? Julga-se coisa incrível entre vós que Deus ressuscite os mortos?
9 “Ani mataan koo iyyuu maqaa Yesuus nama Naazreetiitiin mormuudhaaf akka waan dandaʼamu hunda gochuu qabu nan amana ture.
9 Bem tinha eu imaginado que contra o nome de Jesus, o Nazareno, devia eu praticar muitos atos,
10 Wanni ani Yerusaalem keessatti hojjedhes kanuma; ani taayitaa luboota hangafoota irraa argadheen qulqulloota baayʼee mana hidhaatti naquu qofa utuu hin taʼin yeroo isaan ajjeefaman iyyuu dubbicha irratti walii galaan ture.
10 o que também fiz em Jerusalém. E, havendo recebido poder dos principais dos sacerdotes, encerrei muitos dos santos nas prisões; e, quando os matavam, eu dava o meu voto contra eles.
11 Anis akka isaan adabamaniif yeroo baayʼee mana sagadaa tokko irraa gara mana sagadaa biraatti darbaa, akka isaan amantii isaanii arrabsaniifis isaan dirqisiisaan ture. Ani waan akka malee isaanitti aaraa tureef hamma magaalaawwan biyya alaatti illee deemee isaan ariʼachaan ture.
11 E, castigando-os muitas vezes por todas as sinagogas, os obriguei a blasfemar. E, enfurecido demasiadamente contra eles, até nas cidades estranhas os persegui.
12 “Anis gaafa tokko kanumaaf jedhee taayitaa fi ergama luboota hangafoota biraa fudhadhee utuun Damaasqoo deemaa jiruu,
12 Sobre o que, indo, então, a Damasco, com poder e comissão dos principais dos sacerdotes,
13 yaa mooticha, ani utuman karaa deemaa jiruu gara saafaatti ifa ifa aduu caalaa ibsu tokko isaa samii irraa naannoo koottii fi naannoo warra na wajjin deemaniitti ibsu arge.
13 ao meio-dia, ó rei, vi no caminho uma luz do céu, que excedia o esplendor do sol, cuja claridade me envolveu a mim e aos que iam comigo.
14 Hundi keenya lafatti kukkufne; anis sagalee afaan Ibraayisxiitiin ‘Yaa Saaʼol, yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta? Arfii wayii dhiituun suma miidha’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
14 E, caindo nós todos por terra, ouvi uma voz que me falava e, em língua hebraica, dizia: Saulo, Saulo, por que me persegues? Dura
15 “Anis, ‘Yaa Gooftaa ati Eenyu?’ jedheen gaafadhe.
15 E disse eu: Quem és, Senhor? E ele respondeu: Eu sou Jesus, a quem tu persegues.
16 Amma kaʼii miilla keetiin dhaabadhu. Ani akka ati tajaajilaa koo taatee, waaʼee koos waan argitee fi waan ani sitti mulʼisuuf jiru dhugaa baatuuf si muuduuf jedhee sitti mulʼadheera.
16 Mas levanta-te e põe-te sobre teus pés, porque te apareci por isto, para te pôr por ministro e testemunha tanto das
17 Ani saba keetii fi Namoota Ormaa kanneen gara isaaniitti si ergu jalaa sin baasa.
17 livrando-te deste povo e
18 Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’
18 para lhes abrires os olhos e das trevas e
19 “Kanaafuu yaa Agriiphaa Mooticha, ani mulʼata samii irraa dhufe sanaaf ajajamuu hin didne.
19 Pelo que, ó rei Agripa, não fui desobediente à visão celestial.
20 Anis akka isaan qalbii jijjiirratanii gara Waaqaatti deebiʼaniif, qalbii jijjiirrachuu isaaniis akka hojiidhaan mirkaneessaniif jalqabatti warra Damaasqootti, warra Yerusaalemiitti, warra Yihuudaa guutuutti akkasumas Namoota Ormaatti lallabeera.
20 Antes, anunciei primeiramente aos que estão em Damasco e em Jerusalém, e por toda a terra da Judeia, e aos gentios, que se emendassem e se convertessem a Deus, fazendo obras dignas de arrependimento.
21 Sababiin Yihuudoonni mana qulqullummaa keessatti na qabanii na ajjeesuu yaalaniifis kanuma.
21 Por causa disto, os judeus lançaram mão de mim no templo e procuraram matar- me.
22 Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Waaqaa qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan raajonnii fi Museen ‘Ni taʼa’ jedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu.
22 Mas, alcançando socorro de Deus, ainda até ao dia de hoje permaneço, dando testemunho, tanto a pequenos como a grandes, não dizendo nada mais do que o que os profetas e Moisés disseram que devia acontecer,
23 Kunis akka Kiristoos dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha.”
23 isto é, que o Cristo devia padecer e, sendo o primeiro da ressurreição dos mortos, devia anunciar a luz a este povo e aos gentios.
24 Utuma Phaawulos akkasitti falmachaa jiruu Fesxoos sagalee guddaan, “Phaawulos, ati maraatteerta! Barumsi kee guddaan sun si maraachisaa jira” jedheen.
24 E, dizendo ele isto em sua defesa, disse Festo em alta voz: Estás louco, Paulo! As muitas letras te fazem delirar!
25 Phaawulosis akkana jedhee deebise; “Yaa Fesxoos kabajamaa, ani hin maraanne; wanni ani dubbachaa jirus dhugaa dha; sirrii dhas.
25 Mas ele disse: Não deliro, ó potentíssimo Festo! Antes, digo palavras de verdade e de um são juízo.
26 Sababii mootichi waan kana beekuuf, ani ifatti baasee isatti himuu nan dandaʼa. Sababii wanni kun suuqatti hin hojjetaminiif ani akka waan kana keessaa tokko iyyuu isa duraa hin dhokatin nan amana.
26 Porque o rei, diante de quem falo com ousadia, sabe estas coisas, pois não creio que nada disto lhe é oculto; porque isto não se fez em qualquer canto.
27 Yaa Agriiphaa Mooticha, ati raajota ni amantaa? Akka ati amantu ani iyyuu beeka.”
27 Crês tu nos profetas, ó rei Agripa? Bem sei que crês.
28 Agriiphaanis Phaawulosiin, “Ati yeruma gabaabaa keessatti Kiristaana na gochuu yaaddaa?” jedhe.
28 E disse Agripa a Paulo: Por pouco me queres persuadir a que me faça cristão!
29 Phaawulosis deebisee, “Yeroo gabaabaattis taʼu dheeraatti, si qofa utuu hin taʼin akka warri na dhagaʼaa jiran hundinuu foncaa kanaan hidhamuu malee akkuma koo akka taʼan ani Waaqa nan kadhadha” jedhe.
29 E disse Paulo: Prouvera a Deus que, ou por pouco ou por muito, não somente tu, mas também todos quantos hoje me estão ouvindo se tornassem tais qual eu sou, exceto estas cadeias.
30 Kana irratti mootichi, bulchaanii fi Barniiqeen, akkasumas warri isaan wajjin tataaʼaa turan ol kaʼan.
30 Dizendo ele isto, se levantou o rei, e o governador, e Berenice, e os que com eles estavam assentados.
31 Isaanis yeroo gad baʼanitti, “Namichi kun waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne” wajjin jedhan.
31 E, apartando-se dali, falavam uns com os outros, dizendo: Este homem nada fez digno de morte ou de prisões.
32 Agriiphaanis Fesxoosiin, “Namichi kun utuu Qeesaaritti ol iyyachuu baatee silaa ni hiikama ture” jedhe.
32 E Agripa disse a Festo: Bem podia soltar-se este homem, se não houvera apelado para César.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 26, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.