Atos 23

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Phaawulos xiyyeeffatee yaaʼii sana ilaalee, “Yaa obboloota ko, ani hamma guyyaa harʼaatti fuula Waaqaa dura yaada gaariidhaan jiraadheera” jedhe.
1 E, pondo Paulo os olhos no conselho, disse: Homens irmãos, até ao dia de hoje tenho andado diante de Deus com toda a boa consciência.
2 Kana irratti Anaaniyaas lubni ol aanaan akka warri Phaawulos bira dhaabachaa turan sun afaan isaa keessa dhaʼan ajaje.
2 Mas o sumo sacerdote, Ananias, mandou aos que estavam junto dele que o ferissem na boca.
3 Phaawulosis deebisee, “Ati keenyan nooraa dibame, Waaqni si rukuta! Seeraan natti muruuf jettee achi teessee atumti mataan kee immoo akka ani dhaʼamu ajajuudhaan seera cabsitaa?” jedhe.
3 Então Paulo lhe disse: Deus te ferirá, parede branqueada; tu estás aqui assentado para julgar-me conforme a lei, e contra a lei me mandas ferir?
4 Warri Phaawulos bira dhaabachaa turanis; “Ati akkam luba Waaqaa ol aanaa tokko arrabsita?” jedhaniin.
4 E os que ali estavam disseram: Injurias o sumo sacerdote de Deus?
5 Phaawulos immoo deebisee, “Yaa obboloota, ani akka inni lubicha ol aanaa taʼe hin beekne; ‘Waaʼee bulchaa saba keetii hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameeraatii” jedhe.
5 E Paulo disse: Não sabia, irmãos, que era o sumo sacerdote; porque está escrito: Não dirás mal do príncipe do teu povo.
6 Phaawulos yommuu akka isaan keessaa garri tokko Saduuqota, garri kaan immoo Fariisota taʼan beeketti, “Yaa obboloota ko, ani Fariisicha ilma Fariisii ti. Ani sababii akka warri duʼan duʼaa kaʼan abdadhuuf qoramuuf dhiʼaadheera” jedhe.
6 E Paulo, sabendo que uma parte era de saduceus e outra de fariseus, clamou no conselho: Homens irmãos, eu sou fariseu, filho de fariseu; no tocante à esperança e ressurreição dos mortos sou julgado.
7 Yommuu inni waan kana dubbatetti Fariisotaa fi Saduuqota gidduutti falmiin uumame; yaaʼiin sun gargar qoodame.
7 E, havendo dito isto, houve dissensão entre os fariseus e saduceus; e a multidão se dividiu.
8 Saduuqonni, “Duʼaa kaʼuun hin jiru, ergamoonnis, hafuuronnis hin jiran” jedhu; Fariisonni garuu akka kunneen hundinuu jiran amanu.
8 Porque os saduceus dizem que não há ressurreição, nem anjo, nem espírito; mas os fariseus reconhecem uma e outra coisa.
9 Wacni guddaanis uumame; barsiistonni seeraa tokko tokkos garee Fariisotaa keessaa kaʼanii, “Nu balleessaa tokko illee namicha kana irratti hin arganne; Hafuura yookaan ergamaa Waaqaatu isatti dubbate taʼinnaa?” jedhanii cimsanii dubbatan.
9 E originou-se um grande clamor; e, levantando-se os escribas da parte dos fariseus, contendiam, dizendo: Nenhum mal achamos neste homem, e, se algum espírito ou anjo lhe falou, não lutemos contra Deus.
10 Ajajaan kumaa sunis yommuu falmiin jabaachaa deemetti jarri kun Phaawulosin cicciru jedhee sodaate. Kanaaf akka loltoonni dhaqanii humnaan achii isa fuudhanii qubata loltootaatti ol galchan ajaje.
10 E, havendo grande dissensão, o tribuno, temendo que Paulo fosse despedaçado por eles, mandou descer a soldadesca, para que o tirassem do meio deles, e o levassem para a fortaleza.
11 Gooftaanis halkan itti aanutti Phaawulositti mulʼatee, “Jabaadhu! Akkuma Yerusaalem keessatti waaʼee koo dhugaa baate sana Roomaa keessattis dhugaa baʼuu qabdaatii” jedheen.
11 E na noite seguinte, apresentando-se-lhe o Senhor, disse: Paulo, tem ânimo; porque, como de mim testificaste em Jerusalém, assim importa que testifiques também em Roma.
12 Yihuudoonni tokko tokko barii guyyaa itti aanuu mariʼatanii akka hamma Phaawulosin ajjeesanitti waa hin nyaanne yookaan waa hin dhugne walii kakatan.
12 E, quando já era dia, alguns dos judeus fizeram uma conspiração, e juraram, dizendo que não comeriam nem beberiam enquanto não matassem a Paulo.
13 Namoota afurtamaa oltu maree kana irratti hirmaate.
13 E eram mais de quarenta os que fizeram esta conjuração.
14 Isaanis gara luboota hangafootaatii fi gara maanguddootaa dhaqanii akkana jedhan; “Nu hamma Phaawulosin ajjeefnutti akka homaa afaaniin hin qabne jabeessinee kakanneerra.
14 E estes foram ter com os principais dos sacerdotes e anciãos, e disseram: Conjuramo-nos, sob pena de maldição, a nada provarmos até que matemos a Paulo.
15 Kanaafuu isinii fi waldaan Yihuudootaa waan waaʼee Phaawulos sirriitti cimsitanii qorachuu barbaaddan fakkeessaatii akka ajajaan kumaa sun Phaawulosin gara keessanitti gad ergu kadhadhaa; nu utuu inni achi hin gaʼin isa ajjeesuuf qophoofneerraatii.”
15 Agora, pois, vós, com o conselho, rogai ao tribuno que vo-lo traga amanhã, como que querendo saber mais alguma coisa de seus negócios, e, antes que chegue, estaremos prontos para o matar.
16 Garuu ilmi obboleettii Phaawulos yommuu maree kana dhagaʼetti qubata loltootaatti ol galee Phaawulositti hime.
16 E o filho da irmã de Paulo, tendo ouvido acerca desta cilada, foi, e entrou na fortaleza, e o anunciou a Paulo.
17 Phaawulosis ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama tokko waamee, “Dargaggeessi kun waan isatti himu qabaatii mee ajajaa kumaatti isa geessi” jedheen.
17 E Paulo, chamando a si um dos centuriões, disse: Leva este jovem ao tribuno, porque tem alguma coisa que lhe comunicar.
18 Innis ajajaa kumaa sanatti isa geesse.
18 Tomando-o ele, pois, o levou ao tribuno, e disse: O preso Paulo, chamando-me a si, rogou-me que trouxesse este jovem, que tem alguma coisa para dizer-te.
19 Ajajaan kumaas dargaggeessa sana harka qabee kophaatti baasee, “Wanni ati natti himuu barbaaddu maali?” jedhee gaafate.
19 E o tribuno, tomando-o pela mão, e pondo-se à parte, perguntou-lhe em particular: Que tens que me contar?
20 Dargaggeessi sunis akkana jedhe; “Yihuudoonni waan waaʼee isaa sirriitti cimsanii qoruu barbaadan fakkeessanii akka ati Phaawulosin bori gara yaaʼii Yihuudootaatti gad ergitu si kadhachuuf walii galaniiru.
20 E disse ele: Os judeus se concertaram rogar-te que amanhã leves Paulo ao conselho, como que tendo de inquirir dele mais alguma coisa ao certo.
21 Waan isaan keessaa namoonni afurtamaa oli taʼan riphanii isa eeggachaa jiraniif ati isaan jalaa hin qabin. Isaan akka hamma isa ajjeesanitti homaa hin nyaanne yookaan hin dhugne kakataniiru; qophaaʼaniis eeyyama kee eeggachaa jiru.”
21 Mas tu não os creias; porque mais de quarenta homens de entre eles lhe andam armando ciladas; os quais se obrigaram, sob pena de maldição, a não comer nem beber até que o tenham morto; e já estão apercebidos, esperando de ti promessa.
22 Ajajaan kumaa sunis, “Ati akka waan kana natti himte nama tokkotti iyyuu hin dubbatin” jedhee dargaggeessa sana akeekkachiisee gad dhiise.
22 Então o tribuno despediu o jovem, mandando-lhe que a ninguém dissesse que lhe havia contado aquilo.
23 Ergasii inni ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama lama waamee akkana jedhee ajaje; “Akka loltoonni dhibbi lama, abbootiin fardaa torbaatamnii fi warri eeboo qabatan dhibbi lama edana saʼaatii sadiitti Qiisaariyaa dhaqaniif qopheessaa.
23 E, chamando dois centuriões, lhes disse: Aprontai para as três horas da noite duzentos soldados, e setenta de cavalaria, e duzentos archeiros para irem até Cesaréia;
24 Phaawulosiifis farda inni yaabbatu qopheessaatii gara Feeliksi Bulchaa Biyyaatti nagaan geessaa.”
24 E aparelhai animais, para que, pondo neles a Paulo, o levem salvo ao presidente Félix.
25 Innis akkana jedhee xalayaa tokko barreesse.
25 E escreveu uma carta, que continha isto:
26 Qilaawudewoos Liisiiyaas irraa,
26 Cláudio Lísias, a Félix, potentíssimo presidente, saúde.
27 Yihuudoonni namicha kana qabanii ajjeesuu barbaadaa turan; ani garuu akka inni lammii Roomaa taʼe beekee loltoota koo wajjin dhaqee isa baase.
27 Esse homem foi preso pelos judeus; e, estando já a ponto de ser morto por eles, sobrevim eu com a soldadesca, e o livrei, informado de que era romano.
28 Anis waan isaan isa himataniif beekuu barbaadeen fuula waldaa isaanii duratti isa dhiʼeesse.
28 E, querendo saber a causa por que o acusavam, o levei ao seu conselho.
29 Ani akka inni waaʼee gaaffii seera isaaniitiin himatame arge malee akka inni waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokkumaanuu himatame hin argine.
29 E achei que o acusavam de algumas questões da sua lei; mas que nenhum crime havia nele digno de morte ou de prisão.
30 Ani yeroo akka isaan namicha sanatti mariʼatan dhagaʼetti dafee isa sitti erge. Warra isa himatanis akka isaan himata isaanii sittan dhiʼeeffatan ajajeera.
30 E, sendo-me notificado que os judeus haviam de armar ciladas a esse homem, logo to enviei, mandando também aos acusadores que perante ti digam o que tiverem contra ele. Passa bem.
31 Kanaaf loltoonni sun akkuma ajajaman sana Phaawulosin fuudhanii halkaniin Antiiphaaxriisitti geessan.
31 Tomando, pois, os soldados a Paulo, como lhe fora mandado, o trouxeram de noite a Antipátride.
32 Isaanis guyyaa itti aanutti akka abbootiin fardaa isa wajjin deeman godhanii ofii immoo qubata loltootaatti deebiʼan.
32 E no dia seguinte, deixando aos de cavalo irem com ele, tornaram à fortaleza.
33 Abbootiin fardaa sunis yommuu Qiisaariyaa gaʼanitti xalayaa sana bulchaatti kennan; Phaawulosinis fuula isaa dura dhiʼeessan.
33 Os quais, logo que chegaram a Cesaréia, e entregaram a carta ao presidente, lhe apresentaram Paulo.
34 Bulchaan sunis erga xalayaa sana dubbifatee booddee, akka inni biyya kamii dhufe isa gaafate. Yommuu akka inni Kiilqiyaadhaa dhufe beekettis,
34 E o presidente, lida a carta, perguntou de que província era; e, sabendo que era da Cilícia,
35 “Ani yeroo himattoonni kee as gaʼanitti dubbii kee nan dhagaʼa” jedhe. Innis ergasii akka Phaawulos masaraa Heroodis keessatti eegamus ajaje.
35 Disse: Ouvir-te-ei, quando também aqui vierem os teus acusadores. E mandou que o guardassem no pretório de Herodes.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 23, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.