Atos 21
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Erga isaaniin gargar baanee booddees dooniidhaan kaanee utuu mirgaa bitaatti hin gorin Qoositti qajeelle. Guyyaa itti aanutti Roodees dhaqnee achii immoo Phaaxaraatti dabarre.
1 Depois de nos separarmos dele, embarcamos e fomos em direção a Cós, e no dia seguinte a Rodes e dali a Pátara.
2 Doonii Finiiqeetti ceʼu tokkos argannee isa yaabbannee adeemsa itti fufne.
2 Encontramos aí um navio que ia partir para a Fenícia. Entramos e seguimos viagem.
3 Yommuu Qophiroosin arguu dandeenyetti, harka bitaatti ishee dhiifnee Sooriyaatti qajeelle; nus iddoo dooniin keenya feʼiisa isaa itti buufachuuf ture Xiiroositti irraa buune.
3 Quando estávamos à vista de Chipre, deixando-a à esquerda, continuamos rumo à Síria e aportamos em Tiro, onde o navio devia ser descarregado.
4 Achitti barattoota argannee guyyaa torba isaan bira turre. Isaanis akka Phaawulos Yerusaalem hin dhaqneef Hafuura Qulqulluun isa akeekkachiisan.
4 Como achássemos uns discípulos, detivemo-nos com eles por sete dias. Eles, sob a inspiração do Espírito, aconselhavam Paulo que não subisse a Jerusalém.
5 Garuu yeroon keenya dhumnaan achii kaanee deemsa keenya itti fufne; barattoonni hundinuu niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii wajjin magaalattii keessaa nu baasanii nu geggeessan; nus qarqara galaanaatti jilbeenfannee kadhanne.
5 Mas, passados que foram esses dias, partimos e seguimos a nossa viagem. Todos eles com suas mulheres e filhos acompanharam-nos até fora da cidade. Ajoelhados na praia, fizemos a nossa oração.
6 Erga nagaatti waliin jennee booddees doonii yaabbanne; isaan immoo mana isaaniitti deebiʼan.
6 Despedimo-nos então e embarcamos, enquanto eles voltaram para suas casas.
7 Xiiroosii kaanee adeemsa keenya itti fufuudhaan Phitolemaayisitti galle; achittis obboloota dubbifnee guyyaa tokko isaan bira oolle.
7 Navegando, fomos de Tiro a Ptolemaida, onde saudamos os irmãos, passando um dia com eles.
8 Guyyaa itti aanutti achii kaanee Qiisaariyaa geenye; achittis mana lallabaa wangeelaa tokkoo mana Fiiliphoos isa warra torbaan keessaa tokko ture sanaa dhaqnee isa bira turre.
8 Partindo no dia seguinte, chegamos a Cesaréia e, entrando na casa de Filipe, o Evangelista, que era um dos sete {diáconos}, ficamos com ele.
9 Innis ijoollee durbaa kanneen hin heerumin afur qaba ture; isaanis raajii dubbatu turan.
9 Tinha quatro filhas virgens que profetizavam.
10 Erga nu guyyaa hedduu achi turree booddee raajiin Agaaboos jedhamu tokko Yihuudaadhaa gad buʼe.
10 Já estávamos aí fazia alguns dias, quando chegou da Judéia um profeta, chamado Ágabo.
11 Innis gara keenya dhufee sabbata Phaawulos fuudhee harkaa fi miilla ofii isaa hidhee, “Hafuurri Qulqulluun, ‘Yihuudoonni Yerusaalem jiraatan abbaa sabbata kanaa akkanatti hidhanii dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu’ jedha” jedhe.
11 Veio ter conosco, tomou o cinto de Paulo e, amarrando-se com ele pés e mãos, disse: Isto diz o Espírito Santo: assim os judeus em Jerusalém ligarão o homem a quem pertence este cinto e o entregarão às mãos dos pagãos.
12 Nus yommuu waan kana dhageenyetti akka Phaawulos Yerusaalemitti ol hin baaneef namoota achi jiran wajjin isa kadhanne.
12 A estas palavras, nós e os fiéis que eram daquele lugar, rogamos-lhe que não subisse a Jerusalém.
13 Phaawulos immoo deebisee, “Isin maaliif boossanii garaa na raaftu? Ani maqaa Gooftaa Yesuusiitiif jedhee Yerusaalemitti hidhamuu qofa utuu hin taʼin duʼuuf illee qophaaʼeeraatii” jedhe.
13 Paulo, porém, respondeu: Por que chorais e me magoais o coração? Pois eu estou pronto não só a ser preso, mas também a morrer em Jerusalém pelo nome do Senhor Jesus.
14 Yommuu inni nuu sarmuu didettis, “Fedhiin Gooftaa haa taʼu” jennee dhiifne.
14 Como não pudéssemos persuadi-lo, desistimos, dizendo: Faça-se a vontade do Senhor!
15 Guyyoota kanneen booddees qophoofnee Yerusaalemitti ol baane.
15 Depois desses dias, terminados os preparativos, subimos a Jerusalém.
16 Barattoonni Qiisaariyaa keessaa tokko tokko nu miiltessanii gara mana Minaason nu geessan; innis nama Qophiroos kan barattoota durii keessaa tokko turee dha.
16 Foram também conosco alguns dos discípulos de Cesaréia, que nos levaram à casa de Menason de Chipre, um antigo discípulo em cuja casa nos devíamos hospedar.
17 Yommuu nu Yerusaalem geenyetti obboloonni gammachuudhaan nu simatan.
17 À nossa chegada em Jerusalém, os irmãos nos receberam com alegria.
18 Guyyaa itti aanuttis Phaawulos nu wajjin Yaaqoob bira dhaqe; jaarsoliin hundinuus achi turan.
18 No dia seguinte, Paulo dirigiu-se conosco à casa de Tiago, onde todos os anciãos se reuniram.
19 Phaawulosis nagaa isaan gaafatee waan Waaqni tajaajila inni kenneen Namoota Ormaa keessatti hojjete hunda tokko tokkoon isaanii ibse.
19 Tendo-os saudado, contou-lhes uma por uma todas as coisas que Deus fizera entre os pagãos por seu ministério.
20 Isaan yommuu waan kana dhagaʼanitti Waaqa galateeffatan. Phaawulosiinis akkana jedhan; “Yaa obboleessa, ati akka Yihuudoonni kuma hedduun amanan ni argita; hundi isaaniis hinaaffaa seeraaf qabu.
20 Ouvindo isso, glorificaram a Deus e disseram a Paulo: Bem vês, irmão, quantos milhares de judeus abraçaram a fé sem abandonar seu zelo pela lei.
21 Ati akka Yihuudoonni Namoota Ormaa keessa jiraatan hundinuu ilmaan isaanii dhagna hin qabnee fi akka isaan akka duudhaa keenyaatti hin jiraanne itti himtee akka isaan seera Musee irraa gara galan barsiisuun kee isaanitti himameera.
21 Eles têm ouvido dizer de ti que ensinas os judeus, que vivem entre os gentios, a deixarem Moisés, dizendo que não devem circuncidar os seus filhos nem observar os costumes {mosaicos}.
22 Isaan akka ati dhufte dhugumaan ni dhagaʼu; egaa maal gochuu wayya?
22 Que se há de fazer? Sem dúvida, saberão de tua chegada.
23 Kanaaf ati waan nu sitti himnu godhi; namoonni wareega of irraa qaban afur nu bira jiru.
23 Faze, pois, o que te vamos dizer. Temos aqui quatro homens que têm um voto.
24 Akka isaan mataa isaanii haaddataniif namoota kanneen ofitti fuudhiitii isaan wajjin of qulqulleessiitii baasii isaanii ati baasi. Kanaanis namoonni hundinuu akka oduun waaʼee kee odeeffame sun dhugaa hin taʼin, akka ati mataan kee iyyuu seeraaf ajajamtee jiraattu ni beeku.
24 Toma-os contigo, faze com eles os ritos da purificação e paga por eles {a oferta obrigatória} para que rapem a cabeça. Então todos saberão que é falso quanto de ti ouviram, mas que também tu guardas a lei.
25 Waaʼee Namoota Ormaa kanneen amananii immoo akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagataniif nu murtii keenya isaaniif barreessineerra.”
25 Mas a respeito dos que creram dentre os gentios, já escrevemos, ordenando que se abstenham do que for sacrificado aos ídolos, do sangue, da carne sufocada e da fornicação.
26 Phaawulosis guyyaa itti aanutti namoota sana ofitti fuudhee isaan wajjin of qulqulleesse; ergasii immoo gaafa guyyoonni qulqullaaʼummaa sun itti xumuramanii fi yeroo itti aarsaan maqaa tokkoo tokkoo isaaniitiin dhiʼeeffamuu malu beeksisuuf mana qulqullummaa seene.
26 Então Paulo acompanhou aqueles homens no dia seguinte e, purificando-se com eles, entrou no templo e fez aí uma declaração do termo do voto, findo o qual se devia oferecer um sacrifício a favor de cada um deles.
27 Yommuu guyyoonni torban sun xumuramuu gaʼanitti Yihuudoonni biyya Asiyaatii dhufan tokko tokko Phaawulosin mana qulqullummaa keessatti argan. Isaanis nama hundumaa kakaasanii isa qaban.
27 Ao fim dos sete dias, os judeus, vindos da Ásia, viram Paulo no templo e amotinaram todo o povo. Lançando-lhe as mãos,
28 Iyyaniis, “Yaa namoota Israaʼel nu gargaaraa! Namichi kun nama saba keenyaan mormaa, seera keenyaa fi mana qulqullummaa mormaa nama hunda iddoo hundatti barsiisuu dha. Kana malees inni Giriikota mana qulqullummaatti ol galchee iddoo qulqulluu kana xureesseera” jedhan.
28 gritavam: Ó judeus, valei-nos! Este é o homem que por toda parte prega a todos contra o povo, a lei e o templo. Além disso, introduziu até gregos no templo e profanou o lugar santo.
29 Isaan waan duraan namicha Efesoon kan maqaan isaa Xiroofiimoos jedhamu tokko Phaawulos biratti magaalaa keessatti arganii turaniif, waan Phaawulos mana qulqullummaatti ol isa galche seʼaniitii.
29 É que tinham visto Trófimo, de Éfeso, com ele na cidade, e pensavam que Paulo o tivesse introduzido no templo.
30 Magaalaan sunis guutummaatti ni raafamte; namoonnis karaa hundumaan fiigaa dhufan. Isaanis Phaawulosin qabanii lafa irra harkisaa mana qulqullummaatii gad baasan; yommusuma karroonni cufaman.
30 Alvoroçou-se toda a cidade com grande ajuntamento de povo. Agarraram Paulo e arrastaram-no para fora do templo, cujas portas se fecharam imediatamente.
31 Utuu isaan isa ajjeesuu yaalanuu akka magaalaan Yerusaalem guutummaatti raafamaa jirtu oduun ajajaa waraana Roomaa gaʼe.
31 Como quisessem matá-lo, o tribuno da coorte foi avisado de que toda Jerusalém estava amotinada.
32 Innis yeruma sana loltootaa fi ajajjuuwwan dhibbaa tokko tokko fudhatee fiigichaan isaanitti gad buʼe. Isaanis yommuu ajajaa sanaa fi loltoota isaa arganitti Phaawulosin tumuu dhiisan.
32 Ele tomou logo soldados e oficiais e correu aos manifestantes. Estes, ao avistarem o tribuno e os saldados, cessaram de espancar Paulo.
33 Ajajaan sunis dhufee isa qabe; akka inni foncaa lamaan hidhamus ajaje; akka inni eenyu taʼee fi akka inni maal hojjechaa tures isa gaafate.
33 Aproximando-se então o tribuno, prendeu-o e mandou acorrentá-lo com duas cadeias. Perguntou então quem era e o que havia feito.
34 Tuuta sana keessaas garri tokko waan tokko jedhanii iyyaa, garri kaan immoo waan biraa jedhanii iyyaa turan; ajajaan sunis sababii waca namaatiif waan mirkana taʼe argachuu waan dadhabeef akka Phaawulos gara qubata loltootaatti geeffamu ajaje.
34 Na multidão todos gritavam de tal modo que, não podendo apurar a verdade por causa do tumulto, mandou que fosse recolhido à cidadela.
35 Phaawulos gulantaa ittiin gad baʼan bira geenyaan sababii goolii namootaatiif loltoonni isa baatan.
35 Quando Paulo chegou às escadas, foi carregado pelos soldados, por causa do furor da multidão.
36 Namoonni hedduunis, “Isa ajjeesi!” jedhanii iyyaa duukaa buʼan.
36 O povo o seguia em massa dizendo aos gritos: À morte
37 Phaawulos yommuu loltoonni isa fuudhanii qubata loltootaatti ol isa galchuuf jedhanitti, ajajaa sanaan, “Akka ani waa sitti himu naa eeyyamtaa?” jedhee gaafate.
37 Quando estava para ser introduzido na fortaleza, Paulo perguntou ao tribuno: É-me permitido dizer duas palavras? Este respondeu: Sabes o grego!
38 Ati namicha biyya Gibxi kan dhiʼeenya kana goolii kaasee shororkeessitoota 4,000 fudhatee gammoojjiitti gale sana mitii?”
38 Não és tu, portanto, aquele egípcio que há tempos levantou um tumulto e conduziu ao deserto quatro mil extremistas?
39 Phaawulosis, “Ani Yihuudii Xarsees magaalaa beekamtuu Kiilqiyaa keessaa sanaa ti. Maaloo, akka ani namoota kanatti dubbadhu naa eeyyami” jedhee deebise.
39 Paulo replicou: Eu sou judeu, natural de Tarso, na Cilícia, cidadão dessa ilustre cidade. Mas rogo-te que me permitas falar ao povo.
40 Phaawulos akkuma eeyyama ajajaa sanaa argateen gulantaa sana irra dhaabatee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne; yommuu isaan hundinuu calʼisanitti immoo afaan Araamaayikiitiin akkana jedheen.
40 O tribuno lho permitiu. Paulo, em pé nos degraus, acenou ao povo com a mão e se fez um grande silêncio. Falou em língua hebraica do seguinte modo:
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 21, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.