Atos 20

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Phaawulos erga gooliin qabbanaaʼee booddee barattoota waamsisee isaan jajjabeesse; “Nagaatti” isaaniin jedhees Maqedooniyaa dhaquuf kaʼe.
1 Depois que cessou o tumulto, Paulo convocou os discípulos. Fez-lhes uma exortação, despediu-se e pôs-se a caminho para ir à Macedônia.
2 Innis dubbii nama jajjabeessu baayʼee uummatatti dubbachaa naannoo sana keessa darbee dhuma irratti Giriik gaʼe;
2 Percorreu aquela região, exortou os discípulos com muitas palavras e chegou à Grécia,
3 achis jiʼa sadii ture. Akkuma inni dooniin Sooriyaa dhaquuf kaʼeenis sababii Yihuudoonni isatti malataniif karaa Maqedooniyaatiin deebiʼuuf kutate.
3 onde se deteve por três meses. Como os judeus lhe armassem ciladas no momento em que ia embarcar para a Síria, tomou a resolução de voltar pela Macedônia.
4 Beeriyaadhaa Soophaaxroos ilma Phiiyiroos, Tasaloniiqeedhaa Arisxirokoosii fi Sekunduus, Darbeenii immoo Gaayoos isa wajjin deeman; akkasumas Xiimotewos, biyya Asiyaatii immoo Xikiqoosii fi Xiroofiimoos isa wajjin deeman.
4 Acompanharam-no Sópatro de Beréia, filho de Pirro, e os tessalonicenses Aristarco e Segundo, Gaio de Derbe, Timóteo, Tíquico e Trófimo, da Ásia.
5 Namoonni kunneen nu dura darbanii Xirooʼaasitti nu eegan.
5 Estes foram na frente e esperaram-nos em Trôade.
6 Ayyaana Maxinoo booddee garuu Fiiliphisiyuusii dooniin kaanee bultii shan booddee warra kaan wajjin Xirooʼaasitti wal arganne; achis guyyaa torba turre.
6 Nós outros, só depois da festa de Páscoa é que navegamos de Filipos. E, cinco dias depois, fomos ter com eles em Trôade, onde ficamos uma semana.
7 Nus guyyaa jalqaba torban sanaatti buddeena caccabsuuf jennee walitti qabamne; Phaawulos namootatti haasaʼe. Innis waan guyyaa itti aanutti deemuu barbaadeef hamma halkan walakkaatti haasaa dheeresse.
7 No primeiro dia da semana, estando nós reunidos para partir o pão, Paulo, que havia de viajar no dia seguinte, conversava com os discípulos e prolongou a palestra até a meia-noite.
8 Gulantaa darbii iddoo nu itti walitti qabamne keessa ibsaa baayʼeetu ture.
8 Havia muitas lâmpadas no quarto, onde nos achávamos reunidos.
9 Dargaggeessi Awuxekiis jedhamu tokkos foddaa irra taaʼaa ture; yommuu Phaawulos haasaa dheeressettis hirribni cimaan isa fudhate; utuu hirribaan of wallaalee jiruus darbii sadaffaa irraa kufe; isaanis reeffa isaa lafaa fuudhan.
9 Acontece que um moço, chamado Êutico, que estava sentado numa janela, foi tomado de profundo sono, enquanto Paulo ia prolongando seu discurso. Vencido pelo sono, caiu do terceiro andar abaixo, e foi levantado morto.
10 Phaawulosis gad buʼee dargaggeessa sana irratti gombifamee isa hammachuudhaan, “Lubbuun keessa jirtiitii hin rifatinaa!” jedhe.
10 Paulo desceu, debruçou-se sobre ele, tomou-o nos braços e disse: Não vos perturbeis, porque a sua alma está nele.
11 Innis darbii sanatti ol deebiʼee buddeena caccabsee nyaate; hamma lafti bariituttis yeroo dheeraa isaan wajjin haasaʼe achii deeme.
11 Então subiu, partiu o pão, comeu falou-lhes largamente até o romper do dia. Depois partiu.
12 Namoonnis dargaggeessa sana jiraataa taʼee manatti geessan; baayʼees ni jajjabaatan.
12 Quanto ao moço, levaram-no dali vivo, cheios de consolação.
13 Nus Phaawulosin achii fuudhuuf jennee duraan dursinee gara doonii dhaqnee dooniidhaan Asoositti qajeelle; Phaawulos miillaan deemuuf jedhee ofuma isaatii waan kana karoorfatee tureetii.
13 Nós nos tínhamos adiantado e navegado para Assos, para ali recebermos Paulo. Ele mesmo assim o havia disposto, preferindo fazer a viagem a pé.
14 Asoosittis isaan wal arginee dooniidhaan Miixiiliinitti dabarre.
14 Reuniu-se a nós em Assos, e nós o tomamos a bordo e fomos a Mitilene.
15 Guyyaa itti aanuttis dooniin achii kaanee fuullee Kiiyos geenye; guyyaa tokko booddees Saamoositti baane; guyyaa itti aanu immoo Miilexoos geenye.
15 Continuando dali, sempre por mar, chegamos no dia seguinte defronte de Quios. No outro dia, chegamos a Samos, e um dia depois estávamos em Mileto.
16 Phaawulosis yoo dandaʼameef waan guyyaa Pheenxeqoosxeetiin Yerusaalem gaʼuuf ariifateef akka biyya Asiyaa keessatti yeroon isa duraa hin dhumneef jedhee dooniidhaan Efesoon bira darbee deemuu murteeffatee ture.
16 Paulo havia determinado não ir a Éfeso, para não se demorar na Ásia, pois se apressava para celebrar, se possível em Jerusalém, o dia de Pentecostes.
17 Innis Miilexoosii Efesoonitti nama ergee jaarsolii waldaa kiristaanaa ofitti waamsise.
17 Mas de Mileto mandou a Éfeso chamar os anciãos da igreja.
18 Isaan gara isaa dhufnaan akkana jedheen; “Ani gaafan biyya Asiyaa dhufe kan duraatii jalqabee yeroon isin wajjin jiraachaa ture sana hunda haala akkam keessa akka ani jiraachaa ture isin mataan keessan iyyuu beektu.
18 Quando chegaram, e estando todos reunidos, disse-lhes: Vós sabeis de que modo sempre me tenho comportado para convosco, desde o primeiro dia em que entrei na Ásia.
19 Ani yoon mala Yihuudootaatiin akka malee qorame illee gad of qabiisa guddaa fi imimmaaniin Gooftaa tajaajileera.
19 Servi ao Senhor com toda a humildade, com lágrimas e no meio das provações que me sobrevieram pelas ciladas dos judeus.
20 Utuu waan faayidaa isinii qabu tokko illee lallabuu irraa of hin qusatin akka ani mana tokkoo gara mana kaanii deemee ifatti baasee isin barsiise isinuu beektu.
20 Vós sabeis como não tenho negligenciado, como não tenho ocultado coisa alguma que vos podia ser útil. Preguei e vos instruí publicamente e dentro de vossas casas.
21 Ani akka Yihuudoonnii fi Giriikonni qalbii jijjiirrachuudhaan gara Waaqaatti deebiʼanii fi akka isaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti amanan isaanitti himeera.
21 Preguei aos judeus e aos gentios a conversão a Deus e a fé em nosso Senhor Jesus.
22 “Ammas ani utuu waan achitti narra gaʼuuf jiru hin beekin Hafuuraan dirqamee Yerusaalem dhaquuttin jira.
22 Agora, constrangido pelo Espírito, vou a Jerusalém, ignorando a que ali me espera.
23 Hafuurri Qulqulluun immoo akka hidhamuu fi rakkachuun na eeggatu magaalaa hunda keessatti dhugaa naa baʼa.
23 Só sei que, de cidade em cidade, o Espírito Santo me assegura que me esperam em Jerusalém cadeias e perseguições.
24 Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Yesuus natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis wangeela ayyaana Waaqaatiif dhugaa baʼuu dha.
24 Mas nada disso temo, nem faço caso da minha vida, contanto que termine a minha carreira e o ministério da palavra que recebi do Senhor Jesus, para dar testemunho ao Evangelho da graça de Deus.
25 “Ani akka isin warra ani keessa nanaannaʼee mootummaa Waaqaa lallabe kanneen keessaa namni tokko iyyuu lammata na hin argine nan beeka.
25 Sei agora que não tornareis a ver a minha face, todos vós, por entre os quais andei pregando o Reino de Deus.
26 Kanaafuu ani dhiiga nama hundaa irraa qulqulluu taʼuu koo harʼa isinitti nan hima.
26 Portanto, hoje eu protesto diante de vós que sou inocente do sangue de todos,
27 Ani fedhii Waaqaa hunda isinitti himuu irraa of hin qusanneetii.
27 porque nada omiti no anúncio que vos fiz dos desígnios de Deus.
28 Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Waaqaa kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa.
28 Cuidai de vós mesmos e de todo o rebanho sobre o qual o Espírito Santo vos constituiu bispos, para pastorear a Igreja de Deus, que ele adquiriu com o seu próprio sangue.
29 Erga ani deemee booddee akka yeeyyiiwwan hamoon dhufanii gidduu keessan seenan, akka isaan karra hoolotaa sana keessaa tokko illee hin hambifnes ani beeka.
29 Sei que depois da minha partida se introduzirão entre vós lobos cruéis, que não pouparão o rebanho.
30 Isinuma keessaa iyyuu namoonni barattoota of faana fudhachuuf jedhanii dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu.
30 Mesmo dentre vós surgirão homens que hão de proferir doutrinas perversas, com o intento de arrebatarem após si os discípulos.
31 Kanaafuu isin of eeggadhaa! Akka ani waggaa sadii halkanii guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaaniin tokkoo tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa.
31 Vigiai! Lembrai-vos, portanto, de que por três anos não cessei, noite e dia, de admoestar, com lágrimas, a cada um de vós.
32 “Ani amma Waaqatti, akkasumas dubbii ayyaana isaa kan isin ijaaruu dandaʼuu fi kan warra qulqullaaʼan hunda keessatti dhaala isinii kennuu dandaʼu sanatti isinin kennadha.
32 Agora eu vos encomendo a Deus e à palavra da sua graça, àquele que é poderoso para edificar e dar a herança com os santificados.
33 Ani meetii yookaan warqee yookaan uffata nama tokkoo iyyuu hin kajeelle.
33 De ninguém cobicei prata, nem ouro, nem vestes.
34 Akka ani harkuma koo kanaan hojjedhee waan naa fi warra na wajjin jiraniif barbaachisu argamsiise isin mataan keessan iyyuu ni beektu.
34 Vós mesmos sabeis: estas mãos proveram às minhas necessidades e às dos meus companheiros.
35 Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.”
35 Em tudo vos tenho mostrado que assim, trabalhando, convém acudir os fracos e lembrar-se das palavras do Senhor Jesus, porquanto ele mesmo disse: É maior felicidade dar que receber!
36 Innis waan kana dubbatee isaan hunda wajjin jilbeenfatee Waaqa kadhate.
36 A essas palavras, ele se pôs de joelhos a orar.
37 Hundi isaaniis akka malee booʼaa morma Phaawulositti marmanii isa dhungatan.
37 Derramaram-se em lágrimas e lançaram-se ao pescoço de Paulo para abraçá-lo,
38 Wanni akka malee isaan gaddisiise akka isaan yeroo sanaa jalqabanii lammata isa hin argine dubbachuu isaa ti. Ergasii isaan hamma dooniitti isa geggeessan.
38 aflitos, sobretudo pela palavra que tinha dito: Já não vereis a minha face. Em seguida, acompanharam-no até o navio.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.