Atos 16

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Phaawulos ittuma fufee gara Darbeenii fi Lisxiraanii dhaqe; barataan Xiimotewos jedhamu kan haati isaa Yihuudii amantuu taate tokkos achi ture; abbaan isaa garuu nama Giriik ture.
1 Chegou também a Derbe e Listra. E eis que estava ali certo discípulo por nome Timóteo, filho de uma judia crente, mas de pai grego;
2 Obboloonni Lisxiraanii fi Iqooniyoon keessa jiraatan waaʼee isaa waan gaarii dubbatan.
2 do qual davam bom testemunho os irmãos em Listra e Icônio.
3 Phaawulos akka Xiimotewos isa faana deemu barbaade; kanaaf sababii Yihuudoota naannoo sana jiraataniitiif jedhee dhagna isa qabe; isaan hundinuu akka abbaan Xiimotewos nama Giriik taʼe beeku turaniitii.
3 Paulo quis que este fosse com ele e, tomando-o, o circuncidou por causa dos judeus que estavam naqueles lugares; porque todos sabiam que seu pai era grego.
4 Isaanis akkuma magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti darbaniin akka namoonni ajajamaniif jedhanii murtii ergamoonnii fi maanguddoonni Yerusaalem keessa jiraatan murteessan sana namootatti himan.
4 Quando iam passando pelas cidades, entregavam aos irmãos, para serem observadas, as decisões que haviam sido tomadas pelos apóstolos e anciãos em Jerusalém.
5 Kanaafuu waldoonni kiristaanaa amantiitti cimaa, baayʼinaanis guyyuma guyyaan itti dabalamaa deeman.
5 Assim as igrejas eram confirmadas na fé, e dia a dia cresciam em número.
6 Isaanis Hafuurri Qulqulluun akka isaan biyya Asiyaa keessatti dubbicha hin lallabne isaan dhowwinaan biyya Firiigiyaatii fi Galaatiyaa keessa darban.
6 Atravessaram a região frígio-gálata, tendo sido impedidos pelo Espírito Santo de anunciar a palavra na Ásia;
7 Yommuu Miisiyaa gaʼanittis Biitaaniyaa seenuu yaalan; Hafuurri Yesuus garuu isaanii hin eeyyamne.
7 e tendo chegado diante da Mísia, tentavam ir para Bitínia, mas o Espírito de Jesus não lho permitiu.
8 Kanaaf Miisiyaa keessa baʼanii Xirooʼaasitti gad buʼan.
8 Então, passando pela Mísia, desceram a Trôade.
9 Phaawulosis halkan sana namicha Maqedooniyaa tokko isaa dhaabatee, “Maqedooniyaa kottuutii nu gargaari” jedhee isa kadhatu mulʼataan arge.
9 De noite apareceu a Paulo esta visão: estava ali em pé um homem da Macedônia, que lhe rogava: Passa à Macedônia e ajuda-nos.
10 Nus erga Phaawulos mulʼata sana argee booddee, Waaqni akka nu wangeela isaanitti lallabnuuf nu waamuu isaati jennee Maqedooniyaa dhaquuf qophoofnee kaane.
10 E quando ele teve esta visão, procurávamos logo partir para a Macedônia, concluindo que Deus nos havia chamado para lhes anunciarmos o evangelho.
11 Xirooʼaasii dooniidhaan kaanee Saamotraaqeetti fuula deebifannee qajeelle; guyyaa itti aanu immoo Neʼaphoolisitti dabarre.
11 Navegando, pois, de Trôade, fomos em direitura a Samotrácia, e no dia seguinte a Neápolis;
12 Achii kaanees Fiiliphisiyuus dhaqne; isheenis magaalaa beekamtuu aanaa Maqedooniyaa kan kolonii mootummaa Roomaa jala turtee dha; nus magaalattii keessa guyyaa muraasa turre.
12 e dali para Filipos, que é a primeira cidade desse distrito da Macedônia, e colônia romana; e estivemos alguns dias nessa cidade.
13 Guyyaa Sanbataa immoo magaalattii keessaa baanee gara lagaa iddoo akka lafa kadhannaa itti argannu abdanne tokkootti gad buune; teteenyees dubartoota achitti walitti qabamanitti dubbachuu jalqabne.
13 No sábado saímos portas afora para a beira do rio, onde julgávamos haver um lugar de oração e, sentados, falávamos às mulheres ali reunidas.
14 Warra nu dhaggeeffachaa turan keessaas dubartii Liidiyaa jedhamtu tokkotu ture; isheen daldaltuu wayyaa dhiilgee kan magaalaa Tiyaatiraatii dhuftee, Waaqas waaqeffattu turte. Gooftaan akka isheen waan Phaawulos dubbatu qalbeeffattuuf qalbii ishee baneef.
14 E certa mulher chamada Lídia, vendedora de púrpura, da cidade de Tiatira, e que temia a Deus, nos escutava e o Senhor lhe abriu o coração para atender às coisas que Paulo dizia.
15 Isheenis erga warra mana ishee jiraatan wajjin cuuphamtee booddee, “Yoo akka nama Gooftaatti amanu tokkootti na ilaaltan, kottaatii mana koo turaa” jettee nu waamte; jabeessitees nu kadhatte.
15 Depois que foi batizada, ela e a sua casa, rogou-nos, dizendo: Se haveis julgado que eu sou fiel ao Senhor, entrai em minha casa, e ficai ali. E nos constrangeu a isso.
16 Gaaf tokko utuu iddoo itti kadhatan dhaqnuu xomboree hafuura waa himsiisuun guutamte tokkoon walitti dhufne; isheen waa namaa himuun gooftota isheetiif maallaqa guddaa galchiti turte.
16 Ora, aconteceu que quando íamos ao lugar de oração, nos veio ao encontro uma jovem que tinha um espírito adivinhador, e que, adivinhando, dava grande lucro a seus senhores.
17 Isheenis, “Namoonni kunneen tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii kanneen karaa fayyinaa isinitti himanii dha” jettee iyyaa Phaawulosii fi nu duukaa buute.
17 Ela, seguindo a Paulo e a nós, clamava, dizendo: São servos do Deus Altíssimo estes homens que vos anunciam um caminho de salvação.
18 Waan kanas guyyaa hedduu itti fufte; Phaawulos garuu waan akka malee aareef itti garagalee hafuura sanaan, “Ani akka ati ishee keessaa baatu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin sin ajaja” jedhe; hafuurichis yommusuma ishee keessaa baʼe.
18 E fazia isto por muitos dias. Mas Paulo, perturbado, voltou-se e disse ao espírito: Eu te ordeno em nome de Jesus Cristo que saias dela. E na mesma hora saiu.
19 Gooftonni xomboree sanaas yommuu akka abdiin galii isaanii citte hubatanitti Phaawulosii fi Siilaasin qabanii fuula abbootii taayitaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii lafa irra harkisaa iddoo gabaatti isaan geessan.
19 Ora, vendo seus senhores que a esperança do seu lucro havia desaparecido, prenderam a Paulo e Silas, e os arrastaram para uma praça à presença dos magistrados.
20 Fuula qondaaltotaa durattis isaan dhiʼeessanii akkana jedhan; “Namoonni kunneen Yihuudoota; magaalaa keenyas jeequutti jiru.
20 E, apresentando-os aos magistrados, disseram: Estes homens, sendo judeus, estão perturbando muito a nossa cidade,
21 Isaanis duudhaa fudhachuun yookaan itti buluun nuu warra Roomaatiif hin eeyyamamne barsiisu.”
21 e pregam costumes que não nos é lícito receber nem praticar, sendo nós romanos.
22 Namoonnis tokkummaadhaan Phaawulosii fi Siilaasitti kaʼan; qondaaltonni sunis akka wayyaan isaan irraa baafamee uleedhaan tumaman ajajan.
22 A multidão levantou-se à uma contra eles, e os magistrados, rasgando-lhes os vestidos, mandaram açoitá-los com varas.
23 Jarris erga akka malee garafamanii booddee mana hidhaatti darbataman; eegduun mana hidhaa sanaas akka jabeessee isaan eegu ajajame.
23 E, havendo-lhes dado muitos açoites, os lançaram na prisão, mandando ao carcereiro que os guardasse com segurança.
24 Innis ajaja kana fudhatee gola mana hidhaa keessa isaan galche; miilla isaaniis jirma gidduu galchee hidhe.
24 Ele, tendo recebido tal ordem, os lançou na prisão interior e lhes segurou os pés no tronco.
25 Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa, faarfannaadhaanis Waaqa galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.
25 Pela meia-noite Paulo e Silas oravam e cantavam hinos a Deus, enquanto os presos os escutavam.
26 Akkuma tasaa sochiin lafaa cimaan tokko taʼe; kanaanis hundeen mana hidhaa sanaa raafame; yommusuma balballi hundinuu ni baname; foncaan nama hundaas ni hiikame.
26 De repente houve um tão grande terremoto que foram abalados os alicerces do cárcere, e logo se abriram todas as portas e foram soltos os grilhões de todos.
27 Eegduun mana hidhaa sunis yommuu dammaqee akka balballi mana hidhaa baname argetti waan hidhamtoonni baʼanii badan seʼee of ajjeesuuf goraadee isaa luqqifate.
27 Ora, o carcereiro, tendo acordado e vendo abertas as portas da prisão, tirou a espada e ia suicidar-se, supondo que os presos tivessem fugido.
28 Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan iyyee, “Nu hundi asuma jirraatii of hin miidhin” jedheen.
28 Mas Paulo bradou em alta voz, dizendo: Não te faças nenhum mal, porque todos aqui estamos.
29 Eegduun sunis ibsaa fichisiifatee fiigaa ol gale; sodaadhaanis hollachaa Phaawulosii fi Siilaas duratti kufe;
29 Tendo ele pedido luz, saltou dentro e, todo trêmulo, se prostrou ante Paulo e Silas
30 gad isaan baasees, “Yaa Gooftota ko, ani akka fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate.
30 e, tirando-os para fora, disse: Senhores, que me é necessário fazer para me salvar?
31 Isaanis deebisanii, “Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii” jedhan.
31 Responderam eles: Crê no Senhor Jesus e serás salvo, tu e tua casa.
32 Dubbii Gooftaas isaa fi warra mana isaa jiraatan hundatti himan.
32 Então lhe pregaram a palavra de Deus, e a todos os que estavam em sua casa.
33 Eegduun mana hidhaa sunis saʼaatuma halkanii sana isaan fuudhee madaa isaanii dhiqeef; yommusumas innii fi maatiin isaa hundinuu cuuphaman.
33 Tomando-os ele consigo naquela mesma hora da noite, lavou-lhes as feridas; e logo foi batizado, ele e todos os seus.
34 Eegduun sunis mana isaatti isaan geessee nyaata dhiʼeesseef; sababii maatiin isaa hundi gara Waaqa amanuutti dhufaniif warri mana isaa jiraatan hundi akka malee gammadan.
34 Então os fez subir para sua casa, pôs-lhes a mesa e alegrou-se muito com toda a sua casa, por ter crido em Deus.
35 Yommuu bariʼetti qondaaltonni sun, “Namoota sana gad dhiisi” jedhanii eegduu mana hidhaa sanatti poolisii ergan.
35 Quando amanheceu, os magistrados mandaram quadrilheiros a dizer: Soltai aqueles homens.
36 Eegduun sunis, “Qondaaltonni akka isin hiikamtan ajajaniiru; kanaaf amma deemuu ni dandeessu; nagaan galaa” jedhee Phaawulositti hime.
36 E o carcereiro transmitiu a Paulo estas palavras, dizendo: Os magistrados mandaram que fosseis soltos; agora, pois, saí e ide em paz.
37 Phaawulos garuu poolisoota sanaan akkana jedhe; “Isaan utuma nu lammiiwwan Roomaa taanee jirruu, murtii tokko malee nu garafanii mana hidhaatti nu darbatan; amma immoo dhoksaan nu baasuu barbaaduu? Kun hin taʼu! Isaanumti mataan isaanii dhufanii nu haa baasanii!” jedhe.
37 Mas Paulo respondeu-lhes: Açoitaram-nos publicamente sem sermos condenados, sendo cidadãos romanos, e nos lançaram na prisão, e agora encobertamente nos lançam fora? De modo nenhum será assim; mas venham eles mesmos e nos tirem.
38 Poolisoonnis dubbii kana qondaaltotatti himan; qondaaltonnis yommuu akka Phaawulosii fi Siilaas lammiiwwan Roomaa taʼan dhagaʼanitti ni rifatan.
38 E os quadrilheiros foram dizer aos magistrados estas palavras, e estes temeram quando ouviram que eles eram romanos;
39 Isaanis dhufanii dhiifama isaan gaafatan; mana hidhaatii isaan baasanii akka isaan magaalattii keessaa baʼanii deemaniif isaan kadhatan.
39 vieram, pediram-lhes desculpas e, tirando-os para fora, rogavam que se retirassem da cidade.
40 Phaawulosii fi Siilaas mana hidhaatii baʼanii mana Liidiyaa dhaqan; isaanis yommuu obboloota arganitti isaan jajjabeessan; achiis baʼanii deeman.
40 Então eles saíram da prisão, entraram em casa de Lídia, e, vendo os irmãos, os confortaram, e partiram.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.