Atos 14

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Phaawulosii fi Barnaabaas akkuma amala isaanii Iqooniyoonitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan; achittis waan akka gaarii dubbataniif Yihuudoonnii fi Giriikonni hedduun ni amanan.
1 E aconteceu que em Icônio entraram juntos na sinagoga dos judeus, e falaram de tal modo que creu uma grande multidão, não só de judeus mas de gregos.
2 Yihuudoonni hin amanin garuu Namoota Ormaa kakaasanii akka isaan obbolootaan mormaniif yaada isaanii hammeessan.
2 Mas os judeus incrédulos incitaram e irritaram, contra os irmãos, os ânimos dos gentios.
3 Phaawulosii fi Barnaabaas sodaa malee waaʼee Gooftaa dubbachaa yeroo dheeraa achi turan; Gooftaanis akka isaan mallattoo fi dinqii hojjetan isaan dandeessisuudhaan dubbii ayyaana isaa mirkaneesse.
3 Detiveram-se, pois, muito tempo, falando ousadamente acerca do Senhor, o qual dava testemunho à palavra da sua graça, permitindo que por suas mãos se fizessem sinais e prodígios.
4 Uummanni magaalaa sanaas gargar qoodame; garri tokko Yihuudoota wajjin, kaan immoo ergamoota wajjin dhaabate.
4 E dividiu-se a multidão da cidade; e uns eram pelos judeus, e outros pelos apóstolos.
5 Namoonni Ormaatii fi Yihuudoonni bulchitoota isaanii wajjin isaan dhiphisuu fi dhagaadhaan isaan tumuuf mariʼatan.
5 E havendo um motim, tanto dos judeus como dos gentios, com os seus principais, para os insultarem e apedrejarem,
6 Jarri garuu waan kana beekkatanii magaalaawwan Liqaaʼooniyaa kanneen Lisxiraanii fi Darbeen jedhamanitti, gara biyya naannoo sanaattis baqatan.
6 Sabendo-o eles, fugiram para Listra e Derbe, cidades de Licaônia, e para a província circunvizinha;
7 Achittis wangeela lallabuu itti fufan.
7 E ali pregavam o evangelho.
8 Lisxiraan keessa namichi miilli isaa laamshaʼe, kan dhaloota isaatii jalqabee naafa turee fi takkumaa miillaan deemee hin beekin tokko taaʼaa ture.
8 E estava assentado em Listra certo homem leso dos pés, coxo desde o ventre de sua mãe, o qual nunca tinha andado.
9 Innis yeroo Phaawulos dubbatutti isa dhaggeeffachaa ture; Phaawulosis hubatee isa ilaalee akka namichi sun fayyuuf amantii qabu arge;
9 Este ouviu falar Paulo, que, fixando nele os olhos, e vendo que tinha fé para ser curado,
10 sagalee guddaadhaanis, “Kaʼii miilla keetiin dhaabadhu!” jedheen. Namichi sunis ol utaalee kaʼe; miillaan deemuus jalqabe.
10 Disse em voz alta: Levanta-te direito sobre teus pés. E ele saltou e andou.
11 Namoonnis yommuu waan Phaawulos hojjete arganitti, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaaʼooniyaatiin, “Waaqonni bifa namaatiin nutti gad buʼaniiru!” jedhan.
11 E as multidões, vendo o que Paulo fizera, levantaram a sua voz, dizendo em língua licaônica: Fizeram-se os deuses semelhantes aos homens, e desceram até nós.
12 Isaanis Barnaabaasiin, “Zeʼoos” jedhan; Phaawulos immoo waan inni dubbataa hangafa tureef, “Hermeen” jedhaniin.
12 E chamavam Júpiter a Barnabé, e Mercúrio a Paulo; porque este era o que falava.
13 Lubni Zeʼoos uummata wajjin aarsaa isaanii dhiʼeessuu barbaadee sangootaa fi daraaraa foʼame gara balbala magaalaatti fide; manni qulqullummaa Diyaas magaalaa sanaan alatti argama ture.
13 E o sacerdote de Júpiter, cujo templo estava em frente da cidade, trazendo para a entrada da porta touros e grinaldas, queria com a multidão sacrificar-lhes.
14 Ergamoonni jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos garuu yommuu waan kana dhagaʼanitti wayyaa isaanii tarsaasanii iyyaa fiiganii uummata keessa seenan; akkanas jedhan;
14 Ouvindo, porém, isto os apóstolos Barnabé e Paulo, rasgaram as suas vestes, e saltaram para o meio da multidão, clamando,
15 “Yaa jarana, isin maaliif waan kana gootan? Nus namuma akka keessanii ti. Akka isin waan faayidaa hin qabne kana irraa deebitanii Waaqa jiraataa isa samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumetti deebitaniif nu oduu gaarii isinitti himna.
15 E dizendo: Senhores, por que fazeis essas coisas? Nós também somos homens como vós, sujeitos às mesmas paixões, e vos anunciamos que vos convertais dessas vaidades ao Deus vivo, que fez o céu, e a terra, o mar, e tudo quanto há neles;
16 Inni bara durii keessa akka saboonni hundinuu akkuma fedhanitti jiraatan isaan dhiise;
16 O qual nos tempos passados deixou andar todas as nações em seus próprios caminhos.
17 taʼus dhuga baʼumsa malee of hin dhiifne. Bokkaa samii irraa roobsee midhaanis yeroo isaatti isinii kennee, garaa laafummaa isaa argisiiseera; soora hedduus isinii kennee garaa keessan gammachuudhaan guuta.”
17 E contudo, não se deixou a si mesmo sem testemunho, beneficiando-vos lá do céu, dando-vos chuvas e tempos frutíferos, enchendo de mantimento e de alegria os vossos corações.
18 Jarri garuu dubbii kanaan iyyuu rakkina guddaadhaan akka tuunni sun aarsaa isaaniif hin dhiʼeessine of irraa deebisan.
18 E, dizendo isto, com dificuldade impediram que as multidões lhes sacrificassem.
19 Yihuudoonni tokko tokko Anxookiiyaa fi Iqooniyoonii dhufanii uummata gara ofii isaaniitti deebifatan. Phaawulosin dhagaadhaan tumanii waan inni duʼe seʼaniis lafa irra harkisaa magaalaa keessaa gad isa baasan.
19 Sobrevieram, porém, uns judeus de Antioquia e de Icônio que, tendo convencido a multidão, apedrejaram a Paulo e o arrastaram para fora da cidade, cuidando que estava morto.
20 Inni garuu yeroo barattoonni isatti naannaʼanitti kaʼee magaalaa seene; guyyaa itti aanutti immoo Barnaabaas wajjin magaalaa Darbeenitti qajeele.
20 Mas, rodeando-o os discípulos, levantou-se, e entrou na cidade, e no dia seguinte saiu com Barnabé para Derbe.
21 Isaanis erga magaalaa sanatti wangeela lallabanii namoota hedduu barattoota godhatanii booddee Lisxiraanitti, Iqooniyoonii fi Anxookiiyaatti deebiʼan.
21 E, tendo anunciado o evangelho naquela cidade e feito muitos discípulos, voltaram para Listra, e Icônio e Antioquia,
22 Isaanis, “Nu mootummaa Waaqaatti galuudhaaf rakkina baayʼee keessa darbuu qabna” jedhanii barattoota jajjabeessaa, akka isaan amantiitti cimaniifis gorsaa turan.
22 Confirmando os ânimos dos discípulos, exortando-os a permanecer na fé, pois que por muitas tribulações nos importa entrar no reino de Deus.
23 Phaawulosii fi Barnaabaas tokkoo tokkoo waldaa kiristaanaa keessatti maanguddoota muudaniifii kadhaa fi soomaan Goofticha isaan itti amananitti dabarsanii isaan kennan.
23 E, havendo-lhes, por comum consentimento, eleito anciãos em cada igreja, orando com jejuns, os encomendaram ao Senhor em quem haviam crido.
24 Phisiidiyaa keessa darbanii Phamfiliyaa seenan.
24 Passando depois por Pisídia, dirigiram-se a Panfília.
25 Phergeenitti dubbicha lallabanii Axaaliyaatti gad buʼan.
25 E, tendo anunciado a palavra em Perge, desceram a Atália.
26 Axaaliyaadhaa kaʼanii gara iddoo itti hojii amma fixatan kanaaf ayyaana Waaqaatti imaanaa kennamanii turanii Anxookiiyaatti dooniin deebiʼan.
26 E dali navegaram para Antioquia, de onde tinham sido encomendados à graça de Deus para a obra que já haviam cumprido.
27 Akkuma achi gaʼaniinis waldaa kiristaanaa walitti qabanii waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hundaa fi akkamitti akka inni Namoota Ormaatiif balbala amantii banes isaanitti himan.
27 E, quando chegaram e reuniram a igreja, relataram quão grandes coisas Deus fizera por eles, e como abrira aos gentios a porta da fé.
28 Isaanis barattoota wajjin yeroo dheeraa achi turan.
28 E ficaram ali não pouco tempo com os discípulos.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 14, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.