Atos 11

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ergamoonnii fi obboloonni Yihuudaa keessa jiran akka Namoonni Ormaas dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼan.
1 Os apóstolos e os irmãos da Judéia ouviram dizer que também os pagãos haviam recebido a palavra de Deus.
2 Kanaaf yommuu Phexros Yerusaalemitti ol baʼetti amantoonni dhagna qabatan isaan morman;
2 E, quando Pedro subiu a Jerusalém, os fiéis que eram da circuncisão repreenderam-no:
3 akkanas jedhan; “Ati maaliif mana namoota dhagna hin qabatinii dhaqxee isaan wajjin nyaatte?”
3 Por que entraste em casa de incircuncisos e comeste com eles?
4 Phexrosis akkana jedhee waan taʼe sana tokko tokkoon isaanii ibsuu jalqabe.
4 Mas Pedro fez-lhes uma exposição de tudo o que acontecera, dizendo:
5 “Ani magaalaa Yoophee keessatti kadhannaa irran ture; akka waan yaadaan fudhatamuus taʼee waan akka wayyaa balʼaa tokko isaa roga isaa afraniin qabamee samii irraa gad buufamu mulʼataan arge. Innis iddoo ani turetti gad dhufe.
5 Eu estava orando na cidade de Jope e, arrebatado em espírito, tive uma visão: uma coisa, à maneira duma grande toalha, presa pelas quatro pontas, descia do céu até perto de mim.
6 Anis xiyyeeffadhee ilaalee bineensota miilla afurii, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii nan arge.
6 Olhei-a atentamente e distingui claramente quadrúpedes terrestres, feras, répteis e aves do céu.
7 Anis sagalee, ‘Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
7 Ouvi também uma voz que me dizia: Levanta-te, Pedro! Mata e come.
8 “Ani garuu deebisee, ‘Yaa Gooftaa, hin taʼu! Takkumaa wanni balfamaan yookaan wanni xuraaʼaan tokko iyyuu afaan koo hin seenne’ jedhe.
8 Eu, porém, disse: De nenhum modo, Senhor, pois nunca entrou em minha boca coisa profana ou impura.
9 “Sagaleen sunis yeroo lammaffaa samii irraa, ‘Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin’ jedhe.
9 Outra vez falou a voz do céu: O que Deus purificou não chames tu de impuro.
10 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; kana booddees hundumti isaa amma illee samiitti ol fudhatame.
10 Isto aconteceu três vezes e tudo tornou a ser levado ao céu.
11 “Yommusuma namoonni Qiisaariyaadhaa natti ergaman sadii mana ani jiraachaa ture sana dura dhaabatan.
11 Nisso chegaram três homens à casa onde eu estava, enviados a mim de Cesaréia.
12 Hafuurri Qulqulluunis akka ani shakkii tokko malee isaan wajjin deemu natti hime. Obboloonni kunneen jaʼaanis na wajjin deeman; nus mana namichaa ol seenne.
12 O Espírito me disse que fosse com eles sem hesitar. Foram comigo também os seis irmãos aqui presentes e entramos na casa de Cornélio.
13 Innis akka ergamaa Waaqaa kan mana isaa keessatti itti mulʼate tokko arge nutti hime; ergamaan sunis akkana isaan jedhe; ‘Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi;
13 Este nos referiu então como em casa tinha visto um anjo diante de si, que lhe dissera: Envia alguém a Jope e chama Simão, que tem por sobrenome Pedro.
14 inni ergaa sii fi namoonni mana keetii hundinuu ittiin fayyitan sitti hima.’
14 Ele te dirá as palavras pelas quais serás salvo tu e toda a tua casa.
15 “Akkuma ani dubbachuu jalqabeen, Hafuurri Qulqulluun akkuma jalqabatti nurra buʼe sana isaan irras buʼe.
15 Apenas comecei a falar, quando desceu o Espírito Santo sobre eles, como no princípio descera também sobre nós.
16 Anis waan Gooftaan, ‘Yohannis bishaaniin cuuphe; isin garuu Hafuura Qulqulluudhaan cuuphamtu’ jedhee ture sana nan yaadadhe.
16 Lembrei-me então das palavras do Senhor, quando disse: João batizou em água, mas vós sereis batizados no Espírito Santo.
17 Kanaafuu erga Waaqni kennaadhuma yeroo nu gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne nuu kenne sana isaaniifis kennee Waaqaan mormuuf ani eenyu?”
17 Pois, se Deus lhes deu a mesma graça que a nós, que cremos no Senhor Jesus Cristo, com que direito me oporia eu a Deus?
18 Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; “Yoos Waaqni qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera” jedhanii Waaqa galateeffatan.
18 Depois de terem ouvido essas palavras, eles se calaram e deram glória a Deus, dizendo: Portanto, também aos pagãos concedeu Deus o arrependimento que conduz à vida!
19 Warri sababii ariʼatama Isxifaanositti kaʼeetiin bittinnaaʼanii turan sun ergaa sana Yihuudoota qofatti himaa hamma Finiiqee, Qophiroosii fi Anxookiiyaatti deeman.
19 Entretanto, aqueles que foram dispersados pela perseguição que houve no tempo de Estêvão chegaram até a Fenícia, Chipre e Antioquia, pregando a palavra só aos judeus.
20 Isaan keessaa namoonni Qophiroosii fi Qareenaa irraa dhufan tokko tokko garuu Anxookiiyaa dhaqanii oduu gaarii waaʼee Gooftaa Yesuus Giriikotattis himuu jalqaban.
20 Alguns deles, porém, que eram de Chipre e de Cirene, entrando em Antioquia, dirigiram-se também aos gregos, anunciando-lhes o Evangelho do Senhor Jesus.
21 Harki Gooftaa isaan wajjin ture; namoonni hedduunis amananii Gooftaatti deebiʼan.
21 A mão do Senhor estava com eles e grande foi o número dos que receberam a fé e se converteram ao Senhor.
22 Oduun kunis gurra waldaa kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtuu seene; isaanis Barnaabaasin Anxookiiyaatti ergan.
22 A notícia dessas coisas chegou aos ouvidos da Igreja de Jerusalém. Enviaram então Barnabé até Antioquia.
23 Innis yommuu achi gaʼee Ayyaana Waaqaa argetti ni gammade; akka isaan garaa tokkoon Gooftaaf amanamanii jiraataniifis isaan hunda jajjabeesse.
23 Ao chegar lá, alegrou-se, vendo a graça de Deus, e a todos exortava a perseverar no Senhor com firmeza de coração,
24 Inni nama gaarii Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture; namoonni baayʼeenis Gooftaatti dabalaman.
24 pois era um homem de bem e cheio do Espírito Santo e de fé. Assim uma grande multidão uniu-se ao Senhor.
25 Barnaabaasis Saaʼolin barbaaduuf jedhee Xarsees dhaqe;
25 Em seguida, partiu Barnabé para Tarso, à procura de Saulo. Achou-o e levou-o para Antioquia.
26 Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, “Kiristaana” jedhaman.
26 Durante um ano inteiro eles tomaram parte nas reuniões da comunidade e instruíram grande multidão, de maneira que em Antioquia é que os discípulos, pela primeira vez, foram chamados pelo nome de cristãos.
27 Gidduudhuma sana raajonni tokko tokko Yerusaalemii kaʼanii Anxookiiyaatti gad buʼan.
27 Por aqueles dias desceram alguns profetas de Jerusalém a Antioquia.
28 Isaan keessaas namichi Agaaboos jedhamu tokko kaʼee dhaabatee akka beelli guddaan isaa addunyaa hunda irratti buʼu Hafuuraan dubbate. Wanni kunis bara moʼumsa Qilaawudewoos Qeesaar keessa taʼe.
28 Um deles, chamado Ágabo, levantou-se e deu a entender pelo Espírito que haveria uma grande fome em toda a terra. Esta, com efeito, veio no reinado de Cláudio.
29 Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan.
29 Os discípulos resolveram, cada um conforme as suas posses, enviar socorro aos irmãos da Judéia.
30 Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan.
30 Assim o fizeram e o enviaram aos anciãos por intermédio de Barnabé e Saulo.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Atos 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.