Apocalipse 22

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise;
1 Mostrou-me então o anjo um rio de água viva resplandecente como cristal de rocha, saindo do trono de Deus e do Cordeiro.
2 bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture.
2 No meio da avenida e às duas margens do rio, achava-se uma árvore da vida, que produz doze frutos, dando cada mês um fruto, servindo as folhas da árvore para curar as nações.
3 Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu.
3 Não haverá aí nada de execrável, mas nela estará o trono de Deus e do Cordeiro. Seus servos lhe prestarão um culto.
4 Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama.
4 Verão a sua face e o seu nome estará nas suas frontes.
5 Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.
5 Já não haverá noite, nem se precisará da luz de lâmpada ou do sol, porque o Senhor Deus a iluminará, e hão de reinar pelos séculos dos séculos.
6 Ergamaan Waaqaa sunis, “Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha. Gooftaan, Waaqni hafuurota raajotaa sun waan dafee taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee ergamaa isaa ergeera” naan jedhe.
6 Ele me disse: Estas palavras são fiéis e verdadeiras, e o Senhor Deus dos espíritos dos profetas enviou o seu anjo para mostrar aos seus servos o que deve acontecer em breve.
7 “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Namni dubbii raajii kitaaba kana keessa jiruu eegu eebbifamaa dha.”
7 Eis que venho em breve! Felizes aqueles que põem em prática as palavras da profecia deste livro.
8 Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti ergamaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe.
8 Fui eu, João, que vi e ouvi estas coisas. Depois de as ter ouvido e visto, prostrei-me aos pés do anjo que as mostrava.
9 Inni garuu, “Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee raajota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi!” naan jedhe.
9 Mas ele me disse: Não faças isto! Sou um servo como tu e teus irmãos, os profetas, e aqueles que guardam as palavras deste livro. Prostra-te diante de Deus.
10 Inni akkana naan jedhe; “Sababii yeroon sun dhiʼaateef dubbii raajii kitaaba kanaa chaappaadhaan hin cufin.
10 Disse ele ainda: Não seles o texto profético deste livro, porque o momento está próximo.
11 Jalʼaan jalʼina isaatti haa fufu; xuraaʼaan xuraaʼummaa isaatti haa fufu; qajeelaanis qajeelummaa isaatti haa fufu; qulqulluun immoo qulqullummaa isaatti haa fufu.”
11 O injusto faça ainda injustiças, o impuro pratique impurezas. Mas o justo faça a justiça e o santo santifique-se ainda mais.
12 “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.
12 Eis que venho em breve, e a minha recompensa está comigo, para dar a cada um conforme as suas obras.
13 Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.
13 Eu sou o Alfa e o Ômega, o Primeiro e o Último, o Começo e o Fim.
14 “Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha.
14 Felizes aqueles que lavam as suas vestes para ter direito à árvore da vida e poder entrar na cidade pelas portas.
15 Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu.
15 Fora os cães, os envenenadores, os impudicos, os homicidas, os idólatras e todos aqueles que amam e praticam a mentira!
16 “Ani Yesuus, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf ergamaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawit, Bakkalcha Barii kan ifuu dha.”
16 Eu, Jesus, enviei o meu anjo para vos atestar estas coisas a respeito das igrejas. Eu sou a raiz e o descendente de Davi, a estrela radiosa da manhã.
17 Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.
17 O Espírito e a Esposa dizem: Vem! Possa aquele que ouve dizer também: Vem! Aquele que tem sede, venha! E que o homem de boa vontade receba, gratuitamente, da água da vida!
18 Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala.
18 Eu declaro a todos aqueles que ouvirem as palavras da profecia deste livro: se alguém lhes ajuntar alguma coisa, Deus ajuntará sobre ele as pragas descritas neste livro;
19 Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.
19 e se alguém dele tirar qualquer coisa, Deus lhe tirará a sua parte da árvore da vida e da Cidade Santa, descritas neste livro.
20 Inni waan kana dhugaa baʼus, “Eeyyee, ani dafee nan dhufa” jedha.
20 Aquele que atesta estas coisas diz: Sim! Eu venho depressa! Amém. Vem, Senhor Jesus!
21 Ayyaanni Gooftaa Yesuus qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.
21 A graça do Senhor Jesus esteja com todos.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Apocalipse 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.