Apocalipse 1
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Kun mulʼata Yesuus Kiristoos, kan akka inni waan dhiʼootti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee Waaqni isaaf kennee dha. Innis ergamaa isaa gara garbicha isaa Yohannisitti ergee akka mulʼanni sun beekamu godhe;
1 Revelação de Jesus Cristo, que lhe foi confiada por Deus para manifestar aos seus servos o que deve acontecer em breve. Ele, por sua vez, por intermédio de seu anjo, comunicou ao seu servo João,
2 Yohannis isa waan arge hundumaa jechuunis dubbii Waaqaatii fi dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoos dhugaa baʼuu dha.
2 o qual atesta, como palavra de Deus, o testemunho de Jesus Cristo e tudo o que viu.
3 Namni dubbii raajii kana dubbisu eebbifamaa dha; warri waan raajii sana keessatti barreeffame dhagaʼanii eeganis eebbifamoo dha; barichi dhiʼaateeraatii.
3 Feliz o leitor e os ouvintes se observarem as coisas nela escritas, porque o tempo está próximo.
4 Yohannis irraa,
4 João às sete igrejas que estão na Ásia: a vós, graça e paz da parte daquele que é, que era e que vem da parte dos sete Espíritos que estão diante do seu trono
5 akkasumas Yesuus Kiristoos dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
5 e da parte de Jesus Cristo, testemunha fiel, primogênito dentre os mortos e soberano dos reis da terra. Àquele que nos ama, que nos lavou de nossos pecados no seu sangue
6 isa akka nu Waaqa isaatii fi Abbaa isaa tajaajilluuf mootummaa fi luboota nu taasise sanaaf ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu! Ameen.
6 e que fez de nós um reino de sacerdotes para Deus e seu Pai, glória e poder pelos séculos dos séculos! Amém.
7 “Kunoo, inni duumessa wajjin dhufa;
7 Ei-lo que vem com as nuvens. Todos os olhos o verão, mesmo aqueles que o traspassaram. Por sua causa, hão de lamentar-se todas as raças da terra. Sim. Amém.
8 Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
8 Eu sou o Alfa e o Ômega, diz o Senhor Deus, aquele que é, que era e que vem, o Dominador.
9 Ani obboleessi keessan Yohannis dhiphina keessatti, mootummaa fi obsa Yesuus Kiristoos keessattis isin wajjin kan hirmaadhu sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoosiif Phaaximoos biyya bishaaniin marfamte irran ture.
9 Eu, João, vosso irmão e companheiro nas tribulações, na realeza e na paciência em união com Jesus, estava na ilha de Patmos por causa da palavra de Deus e do testemunho de Jesus.
10 Anis guyyaa Gooftaatti Hafuuraanin ture; dugda koo duubaanis sagalee guddaa akka malakataa tokko nan dhagaʼe;
10 Num domingo, fui arrebatado em êxtase, e ouvi, por trás de mim, voz forte como de trombeta,
11 sagaleen sunis, “Waan argitu kitaaba maramaa irratti barreessiitii gara waldoota kiristaanaa torbaniitti jechuunis Efesoonitti, Samirnaatti, Phergaamoonitti, Tiyaatiraatti, Sardeesitti, Filaadelfiyaattii fi Lodooqiyaatti ergi” jedhe.
11 que dizia: O que vês, escreve-o num livro e manda-o às sete igrejas: a Éfeso, a Esmirna, a Pérgamo, a Tiatira, a Sardes, a Filadélfia e a Laodicéia.
12 Anis sagalee natti dubbachaa ture sana ilaaluuf jedheen of irra gara gale. Ani yommuun of irra gara galetti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torba nan arge;
12 Voltei-me para saber que voz falava comigo. Tendo-me voltado, vi sete candelabros de ouro
13 baattuuwwan ibsaa sana gidduus kan, “ilma namaa fakkaatu” tokkotu ture; innis uffata dheeraa miilla gaʼu uffatee, naannoo qoma isaatti immoo sabbata warqee hidhatee ture.
13 e, no meio dos candelabros, alguém semelhante ao Filho do Homem, vestindo longa túnica até os pés, cingido o peito por um cinto de ouro.
14 Mataan isaatii fi rifeensi mataa isaa adii akka rifeensa hoolaa, adii akka cabbii ture; iji isaas akka arraba ibiddaa turte.
14 Tinha ele cabeça e cabelos brancos como lã cor de neve. Seus olhos eram como chamas de fogo.
15 Miilli isaas naasii boolla ibiddaa keessatti diimeffame fakkaata ture; sagaleen isaa immoo akkuma sagalee bishaan baayʼee ti.
15 Seus pés se pareciam ao bronze fino incandescido na fornalha. Sua voz era como o ruído de muitas águas.
16 Harka isaa mirgaatiin urjiiwwan torba qabatee ture; afaan isaa keessaas goraadee qara lama qabutu baʼaa ture. Fuulli isaas biiftuu humna guutuun iftu fakkaata ture.
16 Segurava na mão direita sete estrelas. De sua boca saía uma espada afiada, de dois gumes. O seu rosto se assemelhava ao sol, quando brilha com toda a força.
17 Ani yommuun isa argetti akka nama duʼee miilla isaa jalattin kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa narra kaaʼee akkana naan jedhe: “Hin sodaatin. Ani kan Jalqabaatii fi kan Dhumaa ti.
17 Ao vê-lo, caí como morto aos seus pés. Ele, porém, pôs sobre mim sua mão direita e disse: Não temas! Eu sou o Primeiro e o Último, e o que vive.
18 Isa jiraataa dhas; ani duʼeen ture; kunoo, bara baraa hamma bara baraatti nan jiraadha! Furtuu duʼaatii fi kan Siiʼoolis qaba.
18 Pois estive morto, e eis-me de novo vivo pelos séculos dos séculos; tenho as chaves da morte e da região dos mortos.
19 “Kanaafuu ati waan argite, waan amma jiruu fi waan gara fuulduraatti taʼu barreessi.
19 Escreve, pois, o que viste, tanto as coisas atuais como as futuras.
20 Icciitiin urjiiwwan torbaa kanneen ati harka koo mirgaa keessatti argiteetii fi baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torbanii isa kana: Urjiiwwan torban ergamoota waldaa kiristaanaa torbaa ti; baattuuwwan ibsaa torban immoo waldoota kiristaanaa torbanii dha.
20 Eis o simbolismo das sete estrelas que viste na minha mão direita e dos sete candelabros de ouro: as sete estrelas são os anjos das sete igrejas, e os sete candelabros, as sete igrejas.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Apocalipse 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.