Apocalipse 13

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Bineensi jawwee fakkaatu sunis cirracha galaanaa irra dhaabate.
1 Vi emergir do mar uma besta que tinha dez chifres e sete cabeças e, sobre os chifres, dez diademas e, sobre as cabeças, nomes de blasfêmia.
2 Bineensi ani arge sunis qeerransa fakkaata ture. Miilli isaa miilla amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata ture. Bineensi jawwee fakkaatu sunis humna isaa, teessoo isaatii fi taayitaa guddaas bineensichaaf kenne.
2 A besta que vi era semelhante a leopardo, com pés como de urso e boca como de leão. E deu-lhe o dragão o seu poder, o seu trono e grande autoridade.
3 Mataa bineensichaa torban keessaa inni tokko waan madaa duʼa fidu qabu fakkaata ture; madaan duʼa fidu sun garuu fayyee ture. Addunyaan guutuunis dinqisiifatee bineensicha duukaa buʼe.
3 Então, vi uma de suas cabeças como golpeada de morte, mas essa ferida mortal foi curada; e toda a terra se maravilhou, seguindo a besta;
4 Namoonni sababii inni taayitaa isaa bineensa sanaaf kenneef bineensa jawwee fakkaatu sanaaf ni sagadan; akkasumas, “Kan akka bineensichaa eenyuu? Eenyutus lola isatti kaasuu dandaʼa?” jedhanii bineensichaaf sagadan.
4 e adoraram o dragão porque deu a sua autoridade à besta; também adoraram a besta, dizendo: Quem é semelhante à besta? Quem pode pelejar contra ela?
5 Akka bineensichi dubbii of tuulummaatii fi arrabsoo dubbatuuf afaan ni kennameef; jiʼa afurtamii lamaaf akka ittiin hojjetuufis taayitaan isaaf kenname.
5 Foi-lhe dada uma boca que proferia arrogâncias e blasfêmias e autoridade para agir quarenta e dois meses;
6 Innis Waaqa arrabsuuf, Waaqaa fi iddoo jireenya isaa, akkasumas warra samii keessa jiraatan maqaa balleessuuf jedhee afaan banate.
6 e abriu a boca em blasfêmias contra Deus, para lhe difamar o nome e difamar o tabernáculo, a saber, os que habitam no céu.
7 Akka inni qulqullootatti waraana kaasee isaan moʼatuufis humni ni kennameef. Gosa hunda, saba hunda, afaanii fi sanyii hunda irrattis taayitaan ni kennameef.
7 Foi-lhe dado, também, que pelejasse contra os santos e os vencesse. Deu-se-lhe ainda autoridade sobre cada tribo, povo, língua e nação;
8 Warri lafa irra jiraatan hundinuu jechuunis warri maqaan isaanii erga addunyaan uumamee jalqabee kitaaba jireenyaa kan Hoolicha qalame sanaa keessatti hin galmeeffamin hundinuu bineensichaaf ni sagadu.
8 e adorá-la-ão todos os que habitam sobre a terra, aqueles cujos nomes não foram escritos no Livro da Vida do Cordeiro que foi morto desde a fundação do mundo.
9 Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.
9 Se alguém tem ouvidos, ouça.
10 “Namni boojiʼamuuf jiru kam iyyuu
10 Se alguém leva para cativeiro, para cativeiro vai. Se alguém matar à espada, necessário é que seja morto à espada. Aqui está a perseverança e a fidelidade dos santos.
11 Bineensa biraas utuu inni lafa keessaa baʼuu nan arge. Innis akka hoolaa gaanfa lama qaba ture; akka bineensa jawwee fakkaatuuttis dubbata ture.
11 Vi ainda outra besta emergir da terra; possuía dois chifres, parecendo cordeiro, mas falava como dragão.
12 Innis taayitaa bineensicha jalqabaa hundaan fuula isaa duratti hojjechaa ture; akka laftii fi warri lafa irra jiraatan bineensicha jalqabaa isa madaan duʼa fidu fayyeef sanaaf sagadanis godhe.
12 Exerce toda a autoridade da primeira besta na sua presença. Faz com que a terra e os seus habitantes adorem a primeira besta, cuja ferida mortal fora curada.
13 Innis hamma akka ibiddi samii irraa lafatti gad buʼu godhutti ija namaa duratti dinqii gurguddaa hojjete.
13 Também opera grandes sinais, de maneira que até fogo do céu faz descer à terra, diante dos homens.
14 Mallattoo akka inni iddoo bineensichi jalqabaa jirutti hojjetuuf eeyyamameef sanaanis namoota lafa irra jiraatan ni gowwoomse. Akka isaan ulfina bineensicha goraadeedhaan madaaʼee ergasii immoo jiraate sanaatiif fakkii dhaaban ajaje.
14 Seduz os que habitam sobre a terra por causa dos sinais que lhe foi dado executar diante da besta, dizendo aos que habitam sobre a terra que façam uma imagem à besta, àquela que, ferida à espada, sobreviveu;
15 Fakkiin bineensa jalqabaa sunis akka dubbachuu dandaʼuu fi warra fakkii sanaaf sagaduu didan hundas akka ajjeesisuuf bineensi inni lammaffaan akka fakkii sanaaf lubbuu kennuuf humni kennameef.
15 e lhe foi dado comunicar fôlego à imagem da besta, para que não só a imagem falasse, como ainda fizesse morrer quantos não adorassem a imagem da besta.
16 Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise;
16 A todos, os pequenos e os grandes, os ricos e os pobres, os livres e os escravos, faz que lhes seja dada certa marca sobre a mão direita ou sobre a fronte,
17 kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef.
17 para que ninguém possa comprar ou vender, senão aquele que tem a marca, o nome da besta ou o número do seu nome.
18 Ogummaan as jira. Lakkoobsichi waan lakkoobsa namaa taʼeef namni hubannaa qabu kam iyyuu lakkoobsa bineensichaa haa herregu. Lakkoobsi isaas 666.
18 Aqui está a sabedoria. Aquele que tem entendimento calcule o número da besta, pois é número de homem. Ora, esse número é seiscentos e sessenta e seis.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Apocalipse 13, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.