Apocalipse 12
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC
1 Mallattoon guddaan tokko samii keessatti mulʼate: dubartii biiftuu uffattee miilla ishee jalaa jiʼa qabdu kan mataa ishee irraa gonfoo urjiiwwan kudha lamaa qabdu tokkotu ture.
1 E viu-se um grande sinal no céu: uma mulher vestida do sol, tendo a lua debaixo dos pés e uma coroa de doze estrelas sobre a cabeça.
2 Isheenis ulfa turte; yommuu daʼumsi ishee gaʼettis ciniinsuudhaan qabamtee iyyite.
2 E estava grávida e com dores de parto e gritava com ânsias de dar à luz.
3 Mallattoon biraas samii keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture.
3 E viu-se outro sinal no céu, e eis que era um grande dragão vermelho, que tinha sete cabeças e dez chifres e, sobre as cabeças, sete diademas.
4 Eegeen isaas urjiiwwan samii irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate.
4 E a sua cauda levou após si a terça parte das estrelas do céu e lançou-as sobre a terra; e o dragão parou diante da mulher que havia de dar à luz, para que, dando ela à luz, lhe tragasse o filho.
5 Isheen ilma bokkuu sibiilaatiin saba hundumaa bulchuuf jiru tokko deesse; daaʼimni ishees gara Waaqaatti, gara teessoo isaattis ol butame.
5 E deu à luz um filho, um varão que há de reger todas as nações com vara de ferro; e o seu filho foi arrebatado para Deus e para o seu trono.
6 Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Waaqni isheef qopheesseetti baqatte.
6 E a mulher fugiu para o deserto, onde já tinha lugar preparado por Deus para que ali fosse alimentada durante mil duzentos e sessenta dias.
7 Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan.
7 E houve batalha no céu: Miguel e os seus anjos batalhavam contra o dragão; e batalhavam o dragão e os seus anjos,
8 Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban.
8 mas não prevaleceram; nem mais o seu lugar se achou nos céus.
9 Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman.
9 E foi precipitado o grande dragão, a antiga serpente, chamada o diabo e Satanás, que engana todo o mundo; ele foi precipitado na terra, e os seus anjos foram lançados com ele.
10 Anis sagalee guddaa tokko samii keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha:
10 E ouvi uma grande voz no céu, que dizia: Agora chegada está a salvação, e a força, e o reino do nosso Deus, e o poder do seu Cristo; porque já o acusador de nossos irmãos é derribado, o qual diante do nosso Deus os acusava de dia e de noite.
11 Isaanis dhiiga Hoolichaatiin,
11 E eles o venceram pelo sangue do Cordeiro e pela palavra do seu testemunho; e não amaram a sua vida até à morte.
12 Kanaafuu yaa samiiwwan,
12 Pelo que alegrai-vos, ó céus, e vós que neles habitais. Ai dos que habitam na terra e no mar! Porque o diabo desceu a vós e tem grande ira, sabendo que já tem pouco tempo.
13 Bineensi jawwee fakkaatu sunis yommuu akka lafatti gad darbatame argetti, dubartittii daaʼima dhiiraa deesse sana ariʼachuu jalqabe.
13 E, quando o dragão viu que fora lançado na terra, perseguiu a mulher que dera à luz o varão.
14 Dubartittiin garuu akka gara gammoojjii iddoo isheef qopheeffametti boficha jalaa barriftuuf, achittis baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif akka gabbifamtuuf baalleen risaa guddaan lama isheedhaaf ni kenname.
14 E foram dadas à mulher duas asas de grande águia, para que voasse para o deserto, ao seu lugar, onde é sustentada por um tempo, e tempos, e metade de um tempo, fora da vista da serpente.
15 Bofichis akka dubartittiin lolaadhaan fudhatamtuuf jedhee dugda ishee duubaan bishaan akka lagaa afaan isaa keessaa dhangalaase.
15 E a serpente lançou da sua boca, atrás da mulher, água como um rio, para que pela corrente a fizesse arrebatar.
16 Lafti garuu afaan bantee laga bineensi jawwee fakkaatu sun afaan isaa keessaa dhangalaase sana liqimsuudhaan dubartittii gargaarte.
16 E a terra ajudou a mulher; e a terra abriu a boca e tragou o rio que o dragão lançara da sua boca.
17 Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.
17 E o dragão irou-se contra a mulher e foi fazer guerra ao resto da sua semente, os que guardam os mandamentos de Deus e têm o testemunho de Jesus Cristo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Apocalipse 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.