Apocalipse 11
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; “Dhaqiitii mana qulqullummaa Waaqaatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi.
1 Deram-me um caniço semelhante a uma vara de medir, e me foi dito: "Vá e meça o templo de Deus e o altar, e conte os adoradores que lá estiverem.
2 Oobdii mana qulqullummaatii ala taʼe garuu hin safarin; oobdiin sun waan Namoota Ormaatiif kennameef isa itti hin dabalin. Isaanis magaalaa qulqulluu sana jiʼa 42 lafatti dhidhiitu.
2 Exclua, porém, o pátio exterior; não o meça, pois ele foi dado aos gentios. Eles pisarão a cidade santa durante quarenta e dois meses.
3 Anis dhuga baatota koo lamaaniif humna nan kenna; isaanis uffata gaddaa uffatanii guyyaa 1,260 raajii ni dubbatu.”
3 Darei poder às minhas duas testemunhas, e elas profetizarão durante mil duzentos e sessenta dias, vestidas de pano de saco".
4 Isaan kunneenis mukkeen ejersaa lamaanii fi baattuuwwan ibsaa lamaan fuula Gooftaa lafaa dura dhaabatanii dha.
4 Estas são as duas oliveiras e os dois candelabros que permanecem diante do Senhor da terra.
5 Namni kam iyyuu isaan miidhuu yaallaan ibiddi afaan isaaniitii baʼee diinota isaanii ni balleessa. Kunis haala namni isaan miidhuu barbaadu kam iyyuu ittiin ajjeefamuu qabuu dha.
5 Se alguém quiser lhes causar dano, da boca deles sairá fogo que devorará os seus inimigos. É assim que deve morrer qualquer pessoa que quiser causar-lhes dano.
6 Isaan yeroo raajii dubbatanitti akka bokkaan hin roobneef humna ittiin samii cufan qabu; akkasumas bishaanota dhiigatti geeddaruudhaa fi yeroo barbaadanitti dhaʼicha gosa hundaatiin lafa rukutuuf taayitaa qabu.
6 Estes homens têm poder para fechar o céu, de modo que não chova durante o tempo em que estiverem profetizando, e têm poder para transformar a água em sangue e ferir a terra com toda sorte de pragas, quantas vezes desejarem.
7 Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas.
7 Quando eles tiverem terminado o seu testemunho, a besta que vem do Abismo os atacará. E irá vencê-los e matá-los.
8 Reeffi isaaniis daandii magaalaa guddoo irra ni ciciisa; magaalattiin kunis ishee hiikkaa hafuuraatiin Sodoomii fi Gibxi jedhamtu kan Gooftaan isaaniis itti fannifamee turee dha.
8 Os seus cadáveres ficarão expostos na rua principal da grande cidade, que figuradamente é chamada Sodoma e Egito, onde também foi crucificado o seu Senhor.
9 Namoonni saba hunda keessaa, gosa hunda keessaa, afaanii fi sanyii hunda keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaa reeffa isaanii ilaalu; akka hin awwaalamnes ni dhowwu.
9 Durante três dias e meio, homens de todos povos, tribos, línguas e nações contemplarão os seus cadáveres e não permitirão que sejam sepultados.
10 Raajonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu.
10 Os habitantes da terra se alegrarão por causa deles e festejarão, enviando presentes uns aos outros, pois esses dois profetas haviam atormentado os que habitam na terra.
11 Guyyaa sadii fi walakkaa booddee garuu hafuurri jireenyaa Waaqa biraa dhufee isaan seene; isaanis kaʼanii miilla isaaniitiin dhaabatan; warri isaan arganis akka malee sodaatan.
11 Mas, depois dos três dias e meio, entrou neles um sopro de vida da parte de Deus, e eles ficaram de pé, e um grande terror tomou conta daqueles que os viram.
12 Isaanis sagalee guddaa, “As ol kottaa!” isaaniin jedhu tokko samii irraa dhagaʼan. Utuma diinonni isaanii ilaalanuus duumessaan gara samiitti ol baʼan.
12 Então eles ouviram uma forte voz do céu que lhes disse: "Subam para cá". E eles subiram para o céu numa nuvem, enquanto os seus inimigos olhavam.
13 Yeroo sanattis sochii lafaa guddaa isaatu ture; magaalaan sunis kudhan keessaa tokko ni barbadaaʼe. Namoonni kumni torbas sochii lafaa sanaan dhuman; warri hafan immoo sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan.
13 Naquela mesma hora houve um forte terremoto, e um décimo da cidade ruiu. Sete mil pessoas foram mortas no terremoto; os sobreviventes ficaram aterrorizados e deram glória ao Deus do céu.
14 Wayyoon lammaffaan darbeera; kunoo, wayyoon sadaffaan dafee ni dhufa.
14 O segundo ai passou; o terceiro ai virá em breve.
15 Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan,
15 O sétimo anjo tocou a sua trombeta, e houve altas vozes no céu que diziam: "O reino do mundo se tornou de nosso Senhor e do seu Cristo, e ele reinará para todo o sempre".
16 Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan;
16 Os vinte e quatro anciãos que estavam assentados em seus tronos diante de Deus prostraram-se sobre seus rostos e adoraram a Deus,
17 akkanas jedhan:
17 dizendo: "Graças te damos, Senhor Deus todo-poderoso, que és e que eras, porque assumiste o teu grande poder e começaste a reinar.
18 Saboonni ni aaran;
18 As nações se iraram; e chegou a tua ira. Chegou o tempo de julgares os mortos e de recompensares os teus servos, os profetas, os teus santos e os que temem o teu nome, tanto pequenos como grandes, e de destruir os que destroem a terra".
19 Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.
19 Então foi aberto o santuário de Deus no céu, e ali foi vista a arca da sua aliança. Houve relâmpagos, vozes, trovões, um terremoto e um grande temporal de granizo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Apocalipse 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.