Apocalipse 10

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Anis utuu ergamaan Waaqaa inni jabaan biraa tokko samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis duumessa uffatee ture; mataa isaa irraan immoo sabbata Waaqaatu ture; fuulli isaa akka aduu, miilli isaas akka utubaa ibiddaa ture.
1 Então vi outro anjo poderoso descendo do céu, envolto numa nuvem, com um arco-íris sobre a cabeça. Seu rosto brilhava como o sol, e seus pés eram como colunas de fogo.
2 Innis kitaaba maramaa xinnaa baname tokko harkatti qabatee ture. Miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaa immoo lafa irra dhaabee ture;
2 Tinha na mão um livrinho aberto. O anjo pôs o pé direito no mar e o pé esquerdo na terra.
3 innis akkuma leenca aaduutti sagalee guddaadhaan iyye. Yommuu inni iyyettis bakakkaawwan torban ni dubbatan.
3 Deu um forte grito, como o rugido de um leão, e os sete trovões responderam.
4 Yommuu bakakkaawwan torban dubbatanittis ani barreessuuf qophaaʼeen ture; garuu sagalee, “Waan bakakkaawwan torban jedhan sana chaappaan cufi malee hin barreessin” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe.
4 No momento em que os sete trovões falaram, eu estava prestes a escrever, mas ouvi uma voz do céu que disse: “Guarde em segredo as coisas que os sete trovões disseram, e não as escreva”.
5 Ergamaan ani utuu inni galaanaa fi lafa irra dhaabatuu argee ture sunis harka isaa mirgaa samiitti ol qabe.
5 Então o anjo que vi em pé sobre o mar e sobre a terra levantou a mão direita para o céu.
6 Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa samiiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; “Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru!
6 Jurou em nome daquele que vive para todo o sempre, que criou os céus, a terra, o mar e tudo que neles há. “Não haverá mais demora”, disse ele.
7 Garuu guyyoota ergamaan torbaffaan malakata isaa afuufutti icciitiin Waaqaa akkuma inni raajota warra hojjettoota isaa taʼanitti labse sanatti ni raawwatama.”
7 “Quando o sétimo anjo tocar sua trombeta, o plano que Deus manteve em segredo se cumprirá, conforme ele anunciou a seus servos, os profetas.”
8 Sagaleen ani samii irraa dhagaʼee ture sun ammas deebiʼee, “Dhaqiitii kitaaba maramaa banamee ergamaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harka jiru sana fudhadhu” naan jedhe.
8 A voz do céu falou novamente comigo: “Vá e pegue o livro aberto da mão do anjo que está em pé sobre o mar e sobre a terra”.
9 Kanaafuu ani gara ergamichaa dhaqee akka inni kitaaba maramaa xinnaa sana naa kennuuf isa gaafadhe. Innis, “Fudhadhuutii nyaadhu; kitaabni kun garaa kee ni hadheessa; ‘afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa’” naan jedhe.
9 Então me aproximei do anjo e lhe pedi o livrinho. “Pegue-o e coma-o!”, disse ele. “Ele será amargo em seu estômago, embora tenha um sabor doce como mel em sua boca.”
10 Anis kitaaba maramaa xinnaa sana ergamicha harkaa fudhadhee nan nyaadhe. Innis afaan koo keessatti akkuma dammaa miʼaawe; erga ani nyaadhe garuu garaan koo ni hadheeffame.
10 Peguei o livrinho da mão do anjo e o comi. Em minha boca, era doce como mel, mas, quando o engoli, tornou-se amargo em meu estômago.
11 Ergasii immoo, “Ati waaʼee saba baayʼee, sanyii baayʼee, afaan baayʼeetii fi waaʼee mootota baayʼee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhamee natti himame.
11 Então me foi dito: “É necessário que você profetize outra vez a respeito de muitos povos, nações, línguas e reis”.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Apocalipse 10, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.