Ageu 2
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Jiʼa torbaffaa keessaa, bultii digdamii tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee karaa Haagee raajichaatiin dhufe;
1 No dia vinte e um do sétimo mês, veio a palavra do Senhor por meio do profeta Ageu:
2 “Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaatti, Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaattii fi hambaa uummataatti dubbadhu. Akkanas jedhii isaan gaafadhu;
2 "Pergunte ao governador de Judá, Zorobabel, filho de Sealtiel, ao sumo sacerdote Josué, filho de Jeozadaque, e ao restante do povo, o seguinte:
3 ‘Isin keessaa namni mana kana ulfina isaa kan duraa sana argee amma iyyuu jiru eenyu? Inni amma maal isinitti fakkaata? Waanuma faayidaa hin qabne tokko isinitti hin fakkaatuu?
3 ‘Quem de vocês viu este templo em seu primeiro esplendor? Comparado com ele, não é como nada o que vocês vêem agora?
4 Yaa Zarubaabel, egaa amma jabaadhu’ jedha Waaqayyo. ‘Yaa Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa atis jabaadhu. Isinis sabni biyya kanaa hundinuu jabaadhaatii hojjedhaa’ jedha Waaqayyo. ‘Ani isin wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
4 "Coragem, Zorobabel", declara o Senhor. "Coragem, sumo sacerdote Josué, filho de Jeozadaque. Coragem! Ao trabalho, ó povo da terra! ", declara o Senhor. "Porque eu estou com vocês", declara o Senhor dos Exércitos.
5 ‘Yeroo isin biyya Gibxii baatan sanatti, kakuun ani isin wajjin galee kanaa dha. Hafuurri koo isin gidduu jira. Isin hin sodaatinaa.’
5 Esta é a aliança que fiz com vocês quando vocês saíram do Egito: "Meu espírito está entre vocês. Não tenham medo".
6 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani ammas yeroo gabaabaa keessatti deebiʼee samiiwwanii fi lafa, galaanaa fi lafa goggogaa nan raasa.
6 Assim diz o Senhor dos Exércitos: "Dentro de pouco tempo farei tremer o céu, a terra, o mar e o continente.
7 Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
7 Farei tremer todas as nações, que trarão para cá os seus tesouros, e encherei este templo de glória", diz o Senhor dos Exércitos.
8 ‘Meetiin kan koo ti; warqeenis kan koo ti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
8 "Tanto a prata quanto o ouro me pertencem", declara o Senhor dos Exércitos.
9 ‘Ulfinni mana ammaa kun ulfina mana duraa sanaa ni caala’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. ‘Anis iddoo kanatti nagaa nan kenna’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”
9 "A glória deste novo templo será maior do que a do antigo", diz o Senhor dos Exércitos. "E neste lugar estabelecerei a paz", declara o Senhor dos Exércitos.
10 Waggaa lammaffaa bulchiinsa Daariyoos keessa, bultii digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaatti, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Haagee raajichaa dhufe;
10 No dia vinte e quatro do nono mês, no segundo ano do reinado de Dario, a palavra do Senhor veio ao profeta Ageu:
11 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Waan seerri jedhu luboota gaafadhu;
11 "Assim diz o Senhor dos Exércitos: ‘Pergunte aos sacerdotes sobre a seguinte questão da Lei:
12 yoo namni tokko foon qulqulleeffamee Waaqaaf kenname fuudhee dachaa wayyaa isaa keessatti baatee wayyaan sun buddeena yookaan ittoo, daadhii wayinii, zayitii yookaan nyaata gosa biraa tuqe, nyaanni sun ni qulqulleeffamaa?’ ”
12 Se alguém levar carne consagrada na borda de suas vestes, e com ela tocar num pão, ou em algo cozido, ou em vinho, ou em azeite ou em qualquer comida, isso ficará consagrado? ’ " Os sacerdotes responderam: "Não".
13 Ergasii Haageen akkana jedhe; “Namni reeffa tuqee xuraaʼe tokko yoo wantoota kanneen keessaa tokko tuqe wanni sun ni xuraaʼaa?”
13 Em seguida perguntou Ageu: "Se alguém ficar impuro por tocar num cadáver e depois tocar em alguma dessas coisas, ela ficará impura? "Sim", responderam os sacerdotes, "ficará impura".
14 Haageen akkana jedhe; “ ‘Uummanni kunii fi sabni kun fuula koo duratti akkasuma’ jedha Waaqayyo. ‘Wanni isaan hojjetan hundii fi wanni isaan achitti dhiʼeessan hundi xuraaʼaa dha.
14 Então disse Ageu: "É o que acontece com este povo e com esta nação", declara o Senhor. "Tudo o que fazem e tudo o que me oferecem é impuro".
15 “ ‘Egaa guyyaa kanaa jalqabaatii of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa; mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti haala utuu dhagaan tokko dhagaa kaan irra hin kaaʼamin dura ture hubadhaa.
15 "Agora prestem atenção: de hoje em diante reconsiderem. Como eram as coisas antes que se colocasse pedra sobre pedra no templo do Senhor?
16 Namni kam iyyuu yeroo gara tuullaa safartuu digdamaa dhufetti safartuu kudhan qofa argate. Namni kam iyyuu yeroo daadhii wayinii safartuu shantama waraabbachuuf gara boolla itti wayinii cuunfanii dhaqetti safartuu digdama qofa argate.
16 Quando alguém chegava a um monte de trigo procurando vinte medidas, havia apenas dez. Quando alguém ia ao depósito de vinho para tirar cinqüenta medidas, só encontrava vinte.
17 Ani hojii harka keessanii hunda waagiidhaan, awwaaroo fi cabbiidhaan nan rukute; isin garuu gara kootti hin deebine’ jedha Waaqayyo.
17 Eu destruí todo o trabalho das mãos de vocês, com mofo, ferrugem e granizo, mas vocês não se voltaram para mim", declara o Senhor.
18 Guyyaa kanaa jalqabaatii jechuunis guyyaa digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaa kanaa jalqabaatii hamma guyyaa hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufameetti of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa.
18 "A partir de hoje, dia vinte e quatro do nono mês, atentem para o dia em que os fundamentos do templo do Senhor foram lançados. Reconsiderem:
19 Amma iyyuu sanyiin gombisaa keessatti hafe tokko iyyuu jiraa? Hamma ammaatti mukni wayiniitii fi mukni harbuu, roomaanii fi mukni ejersaa ija hin naqanne.
19 Ainda há alguma semente no celeiro? Até hoje a videira, a figueira, a romeira e a oliveira não têm dado fruto. Mas, de hoje em diante, abençoarei vocês".
20 Dubbiin Waaqayyoo bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti yeroo lammaffaa akkana jedhee gara Haagee dhufe;
20 A palavra do Senhor veio a Ageu pela segunda vez, no dia vinte e quatro do nono mês:
21 “Akka ani samiiwwanii fi lafa raasuuf jiru Zarubaabel bulchaa Yihuudaatti himi.
21 "Diga a Zorobabel, governador de Judá, que eu farei tremer o céu e a terra.
22 Ani teessoo moototaa nan garagalcha; humna mootummoota biyya alaas nan barbadeessa. Ani gaariiwwanii fi ooftota isaanii nan garagalcha; fardeenii fi warra fardeen yaabbatan ni kufu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee obboleessa isaaniitiin ni kufu.
22 Derrubarei tronos e destruirei o poder dos reinos estrangeiros. Virarei os carros e os seus condutores; os cavalos e os seus cavaleiros cairão, cada um pela espada do seu companheiro".
23 “ ‘Guyyaa sana’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Yaa tajaajilaa koo Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel, ani sin fudhadha’ jedha Waaqayyo; ‘Ani waanan si filadheef akka qubeelaa chaappaa koo sin godhadha’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”
23 "Naquele dia", declara o Senhor dos Exércitos, "eu o tomarei, meu servo Zorobabel, filho de Sealtiel", declara o Senhor, "e farei de você um anel de selar, porque o tenho escolhido", declara o Senhor dos Exércitos.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ageu 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.