Ageu 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs BKJ

Sair da comparação
1 Bara bulchiinsa Daariyoos Mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jaʼaffaatti, dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin gara ilma Sheʼaltiiʼeel gara Zarubaabel bulchaa Yihuudaatii fi gara Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa akkana jedhee dhufe:
1 No segundo ano do rei Dario, no sexto mês, no primeiro dia do mês, veio a palavra do ­SENHOR por meio do profeta Ageu, a Zorobabel, filho de Sealtiel, governador de Judá, e a Josué, filho de Jozadaque, o sumo sacerdote, dizendo:
2 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun, ‘Yeroon itti manni Waaqayyoo ijaaramu amma illee hin geenye’ jedha.”
2 Assim fala o ­SENHOR dos Exércitos, dizendo: Este povo diz: O tempo ainda não é chegado, o tempo em que a casa do ­SENHOR deve ser edificada.
3 Ergasii dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin akkana jedhee dhufe:
3 Então veio a palavra do ­SENHOR por meio do profeta Ageu, dizendo:
4 “Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?”
4 Acaso é tempo para vós habitardes nas vossas casas forradas, e esta casa fica deserta?
5 Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa.
5 Agora portanto, assim diz o ­SENHOR dos Exércitos: Considerai os vossos ­caminhos.
6 Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.”
6 Tendes semeado muito, e recolhido pouco; vós comeis, mas não tens o suficiente; bebeis, mas não estais cheios de bebidas; vestis-vos, mas ninguém se aquece; e o que recebe salário, recebe-o para colocá-lo em um saco furado.
7 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Karaa keessan hubadhaa.
7 Assim diz o Senhor dos Exércitos: Considerai os vossos caminhos.
8 Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas” jedha Waaqayyo.
8 Subi ao monte, e trazei madeira, e edificai a casa; e me agradarei nisso, e serei glorificado, diz o ­SENHOR.
9 “Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif.
9 Vós esperastes o muito, e eis que veio a ser pouco; e quando o trouxestes para casa, eu dissipei com um sopro. Por quê? Disse o ­SENHOR dos Exércitos. Por causa da minha casa, que está deserta, e cada homem corre à sua própria casa.
10 Kanaafuu sababii keessaniif samiiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte.
10 Portanto o céu sobre vós retém o orvalho, e a terra detém os seus frutos.
11 Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera.”
11 E chamei uma seca sobre a terra, e sobre as montanhas, e sobre o trigo, e sobre o vinho novo, e sobre o azeite, e sobre o que a terra produz; e sobre os homens, sobre o gado, e sobre todo o trabalho das mãos.
12 Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Iyyaasuun ilmi Yehoozaadaaq lubichi ol aanaanii fi hambaawwan uummataa hundi sagalee Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi ergaa Haagee raajichaatiif ajajaman; Waaqayyo Waaqni isaanii isa ergeeraatii. Uummannis Waaqayyoon sodaate.
12 Então Zorobabel, filho de Sealtiel, e Josué, filho de Jozadaque, sumo sacerdote, e todo o restante do povo obedeceram à voz do ­SENHOR seu Deus, e às palavras do profeta Ageu, assim como o ­SENHOR seu Deus o enviara; e o povo temeu diante do ­SENHOR.
13 Ergasii Haageen ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee ergaa Waaqayyoo kana sabatti hime: “Ani isin wajjinan jira” jedha Waaqayyo.
13 Então falou Ageu, o mensageiro do ­SENHOR, a mensagem do ­SENHOR ao povo, dizendo: Eu sou convosco, diz o ­SENHOR.
14 Akkasiin Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, mana Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban;
14 E o ­SENHOR suscitou o espírito de Zorobabel, filho de Sealtiel, governador de Judá, e o espírito de Josué, filho de Jozadaque, sumo sacerdote, e o espírito de todo o restante do povo, e eles vieram, e fizeram a obra na casa do ­SENHOR dos Exércitos, seu Deus,
15 kunis bara Daariyoos mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, bultii digdamii afuraffaa jiʼa jaʼaffaatti taʼe.
15 No vigésimo quarto dia do sexto mês, no segundo ano do rei Dario.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Ageu 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.