3 João 1
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs BKJ
1 Jaarsicha irraa,
1 O ancião ao amado Gaio, a quem amo em verdade.
2 Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha.
2 Amado, eu desejo, acima de todas as coisas, que tu possas prosperar e em boa saúde, assim como sua alma prospera.
3 Obboloonni tokko tokko dhufanii akka ati dhugaaf amanamaa taatee fi akka ati dhugaadhaan jiraattu natti himnaan ani akka malee gammade.
3 Porque me alegrei grandemente quando os irmãos vieram, e testificaram da verdade que há em ti, e como tu andas na verdade.
4 Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.
4 Não tenho maior alegria do que a de ouvir que os meus filhos andam na verdade.
5 Yaa michuu ko, yoo isaan keessummoota sitti taʼan illee ati waan obbolootaaf gootu keessatti amanamaa dha.
5 Amado, procedes fielmente em tudo o que fazes para com os irmãos, e para com os estranhos;
6 Isaan waaʼee jaalala keetii waldaa kiristaanaatti himaniiru. Maaloo haala Waaqatti toluun karaan isaanii irratti isaan gargaari.
6 estes foram testemunhas da tua caridade diante da igreja, os quais, se conduzires em sua jornada de maneira piedosa, farás bem.
7 Isaan Maqaa isaatiif jedhanii utuu ormoota irraa gargaarsa tokko illee hin argatin baʼaniiruutii.
7 Porque pelo seu Nome seguiram adiante, nada tomando dos gentios.
8 Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna.
8 Portanto, devemos receber aos tais, para que sejamos cooperadores da verdade.
9 Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu.
9 Escrevi à igreja; mas Diótrefes, que ama ter preeminência entre eles, não nos recebe.
10 Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa.
10 Por isso, se eu for, lembrar-me-ei dos feitos que ele realiza, proferindo contra nós palavras maliciosas; e, não contente com isto, não recebe os irmãos, e impede os que querem recebê-los, e os expulsa da igreja.
11 Yaa michuu ko, waan gaarii duukaa buʼi malee waan hamaa duukaa hin buʼin. Namni waan gaarii hojjetu kam iyyuu kan Waaqaa ti. Namni waan hamaa hojjetu garuu takkumaa Waaqa hin argine.
11 Amado, não sigas o que é mal, mas o que é bom. Aquele que faz o bem é de Deus; mas aquele que faz o mal não viu a Deus.
12 Namni hundi Dimeexiroosiif dhugaa baʼa; dhugaan mataan ishee iyyuu dhugaa baati. Nus dhugaa baanaaf; isinis akka dhuga baʼumsi keenya dhugaa taʼe ni beektu.
12 Demétrio, porém, tem bom testemunho da parte de todos os homens, e da parte da própria verdade, sim, e também nós testemunhamos; e vós sabeis que o nosso testemunho é verdadeiro.
13 Ani waanan siif barreessu baayʼee qaba; garuu biirii fi qalamiidhaan barreessuu hin barbaadu.
13 Eu tinha muitas coisas para escrever, mas não irei escrever-te com tinta e pena.
14 Qooda kanaa ani dhiʼootti si arguuf abdii qaba; nus ifaan ifatti ni haasofna.
14 Mas acredito que ver-te-ei brevemente, e falaremos face a face. Paz seja contigo. Nossos amigos te saúdam. Saúda os amigos por nome.
15 Nagaan siif haa taʼu.
15 — ausente —
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 3 João 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.