2 Tessalonicenses 3

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Egaa yaa obboloota, akka dubbiin Gooftaa akkuma isin biratti taʼe sana dafee iddoo hunda gaʼuu fi akka ulfinas qabaatu nuuf kadhadhaa.
1 Finalmente, irmãos, orai por nós, para que a palavra do Senhor se propague e seja glorificada. como também o é entre vós,
2 Akka nu harka namoota hamootii fi jalʼootaa jalaa baanuufis nuuf kadhadhaa; amantii kan qabu nama hunda mitii.
2 e para que sejamos livres de homens perversos e maus; porque a fé não é de todos.
3 Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega.
3 Mas fiel é o Senhor, o qual vos confirmará e guardará do maligno.
4 Nu akka isin waan nu isin ajajne sana hojjechaa jirtan, akka ittuma fuftaniis hojjetan Gooftaa ni amananna.
4 E, quanto a vós, confiamos no Senhor que não só fazeis, mas fareis o que vos mandamos.
5 Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obsa Kiristoositti haa qajeelchu.
5 Ora, o Senhor encaminhe os vossos corações no amor de Deus e na constância de Cristo.
6 Yaa obboloota, isin obboleessa dhibaaʼaa fi kan akka bartee isin nurraa argattan sanaattis hin jiraanne hunda irraa akka fagaattaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin ajajna.
6 mandamo-vos, irmãos, em nome do Senhor Jesus Cristo, que vos aparteis de todo irmão que anda desordenadamente, e não segundo a tradição que de nós recebestes.
7 Isin mataan keessan akkamitti akka fakkeenya keenya duukaa buʼuu qabdan ni beektuutii. Nu yeroo isin bira turretti dhibaaʼota hin turre;
7 Porque vós mesmos sabeis como deveis imitar-nos, pois que não nos portamos desordenadamente entre vós,
8 nus akka isin keessaa nama tokkotti illee baʼaa hin taaneef jennee, dadhabbii fi tattaaffii guddaan halkanii guyyaa hojjechaa turre malee buddeena nama tokkoo illee tola hin nyaanne.
8 nem comemos de graça o pão de ninguém, antes com labor e fadiga trabalhávamos noite e dia para não sermos pesados a nenhum de vós.
9 Nu fakkeenya isinii taʼuuf waan kana goone malee waan aangoo hin qabneef miti.
9 Não porque não tivéssemos direito, mas para vos dar nós mesmos exemplo, para nos imitardes.
10 Nu yommuu isin bira turretti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu isinii kenninee turreetii.
10 Porque, quando ainda estávamos convosco, isto vos mandamos: se alguém não quer trabalhar, também não coma.
11 Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan.
11 Porquanto ouvimos que alguns entre vós andam desordenadamente, não trabalhando, antes intrometendo-se na vida alheia;
12 Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isaan ajajna; ni gorsinas.
12 a esses tais, porém, ordenamos e exortamos por nosso Senhor Jesus Cristo que, trabalhando sossegadamente, comam o seu próprio pão.
13 Isin garuu yaa obboloota, waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa.
13 Vós, porém, irmãos, não vos canseis de fazer o bem.
14 Yoo namni kam iyyuu dubbii keenya kan xalayaa kana keessaatiif hin ajajamne, nama kana yaadatti qabadhaa. Akka inni qaanaʼuufis isa wajjin tokkummaa hin qabaatinaa.
14 Mas, se alguém não obedecer à nossa palavra por esta carta, notai-o e não tenhais relações com ele, para que se envergonhe;
15 Taʼus akka obboleessaatti isa gorsaa malee akka diinaatti isa hin ilaalinaa.
15 todavia não o considereis como inimigo, mas admoestai-o como irmão.
16 Gooftaan nagaa mataan isaas yeroo hunda, karaa hundaan nagaa isinii haa kennu. Gooftaan hunduma keessan wajjin haa taʼu.
16 Ora, o próprio Senhor da paz vos dê paz sempre e de toda maneira. O Senhor seja com todos vós.
17 Ani Phaawulos xalayaa kana harkuma kootiin barreessa; kunis mallattoo xalayoota koo hundaa ti. Akki ani itti barreessus kanuma.
17 Esta saudação é de próprio punho, de Paulo, o que é o sinal em cada epístola; assim escrevo.
18 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.
18 A graça de nosso Senhor Jesus Cristo seja com todos vós.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Tessalonicenses 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.