2 Tessalonicenses 2
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ACF
1 Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana;
1 Ora, irmãos, rogamo-vos, pela vinda de nosso Senhor Jesus Cristo, e pela nossa reunião com ele,
2 kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef.
2 Que não vos movais facilmente do vosso entendimento, nem vos perturbeis, quer por espírito, quer por palavra, quer por epístola, como de nós, como se o dia de Cristo estivesse já perto.
3 Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii.
3 Ninguém de maneira alguma vos engane; porque não será assim sem que antes venha a apostasia, e se manifeste o homem do pecado, o filho da perdição,
4 Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; “Ani Waaqa” ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa.
4 O qual se opõe, e se levanta contra tudo o que se chama Deus, ou se adora; de sorte que se assentará, como Deus, no templo de Deus, querendo parecer Deus.
5 Isin akka ani yeroo isin bira turetti waan kana isinitti himaa ture hin yaadattanii?
5 Não vos lembrais de que estas coisas vos dizia quando ainda estava convosco?
6 Akka inni yeroo murteeffame sanatti mulʼatuufis waan amma isa dhowwu ni beektu.
6 E agora vós sabeis o que o detém, para que a seu próprio tempo seja manifestado.
7 Icciitiin humna fincila sanaa amma iyyuu hojiitti jiraatii; garuu inni amma humna sana duubatti deebisu sun hamma karaa irraa fuudhamutti ittuma fufee isa dhowwa.
7 Porque já o mistério da injustiça opera; somente há um que agora o retém até que do meio seja tirado;
8 Inni Hamaan sun ni mulʼata; Yesuus Gooftaan immoo hafuuruma afaan ofii isaatiin isa galaafata; ifa dhufaatii isaatiinis isa barbadeessa.
8 E então será revelado o iníquo, a quem o Senhor desfará pelo assopro da sua boca, e aniquilará pelo esplendor da sua vinda;
9 Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa;
9 A esse cuja vinda é segundo a eficácia de Satanás, com todo o poder, e sinais e prodígios de mentira,
10 innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu.
10 E com todo o engano da injustiça para os que perecem, porque não receberam o amor da verdade para se salvarem.
11 Kanaafuu Waaqni akka isaan soba amananiif waan nama wallaalchisu isaanitti erga;
11 E por isso Deus lhes enviará a operação do erro, para que creiam a mentira;
12 kunis akka warra dhugaatti amanuu didanii jalʼinatti gammadan hundatti murtaaʼuuf.
12 Para que sejam julgados todos os que não creram a verdade, antes tiveram prazer na iniqüidade.
13 Nu garuu yaa obboloota Gooftaan jaallatamtan, sababii Waaqni warra jalqabaa godhee akka isin karaa Hafuuraan qulqulleeffamuutii fi karaa dhugaatti amanuutiin fayyitaniif isin filateef yeroo hunda Waaqa galateeffachuu qabna.
13 Mas devemos sempre dar graças a Deus por vós, irmãos amados do Senhor, por vos ter Deus elegido desde o princípio para a salvação, em santificação do Espírito, e fé da verdade;
14 Innis akka isin ulfina Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos keessatti hirmaattaniif karaa wangeela keenyaatiin kaayyoo kanaaf isin waame.
14 Para o que pelo nosso evangelho vos chamou, para alcançardes a glória de nosso Senhor Jesus Cristo.
15 Egaa yaa obboloota, jabaadhaatii dhaabadhaa; barsiisa nu karaa dubbii afaaniitiin yookaan xalayaan isin barsiifne sana jabeessaatii qabadhaa.
15 Então, irmãos, estai firmes e retende as tradições que vos foram ensinadas, seja por palavra, seja por epístola nossa.
16 Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, Waaqni Abbaan keenya inni nu jaallatee karaa ayyaana isaatiin jajjabina bara baraatii fi abdii gaarii nuu kenne sun,
16 E o próprio nosso Senhor Jesus Cristo e nosso Deus e Pai, que nos amou, e em graça nos deu uma eterna consolação e boa esperança,
17 hojii fi dubbii gaarii hunda keessatti garaa keessan haa jajjabeessu; isin haa cimsus.
17 Console os vossos corações, e vos confirme em toda a boa palavra e obra.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Tessalonicenses 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.