2 Timóteo 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Ani fuula Waaqaa duratti, fuula Kiristoos Yesuus isa warra jiraatanii fi warra duʼanitti muruuf jiruu durattis mulʼachuu isaatii fi mootummaa isaatiin sin gorsa.
1 Conjuro-te diante de Deus e de Cristo Jesus, que há de julgar os vivos e os mortos, pela sua vinda e pelo seu reino;
2 Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis.
2 prega a palavra, insta a tempo e fora de tempo, admoesta, repreende, exorta, com toda longanimidade e ensino.
3 Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu.
3 Porque virá tempo em que não suportarão a sã doutrina; mas, tendo grande desejo de ouvir coisas agradáveis, ajuntarão para si mestres segundo os seus próprios desejos,
4 Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu.
4 e não só desviarão os ouvidos da verdade, mas se voltarão às fábulas.
5 Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi.
5 Tu, porém, sê sóbrio em tudo, sofre as aflições, faze a obra de um evangelista, cumpre o teu ministério.
6 Ani ammuma iyyuu akka dhibaayyuutti dhangalaafamuuf qophaaʼeera; yeroon deemsa koos gaʼeera.
6 Quanto a mim, já estou sendo derramado como libação, e o tempo da minha partida está próximo.
7 Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera.
7 Combati o bom combate, acabei a carreira, guardei a fé.
8 Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.
8 Desde agora, a coroa da justiça me está guardada, a qual o Senhor, justo juiz, me dará naquele dia; e não somente a mim, mas também a todos os que amarem a sua vinda.
9 Dafii gara koo kottu;
9 Procura vir ter comigo breve;
10 Deemaas addunyaa kana jaallatee na dhiisee gara Tasaloniiqee deemeeraatii. Qeerqis gara Galaatiyaa, Tiitoon immoo gara Dilmaaxiyaa deemaniiru.
10 pois Demas me abandonou, tendo amado o mundo presente, e foi para Tessalônica, Crescente para a Galácia, Tito para a Dalmácia;
11 Luqaas qofatu na bira jira. Maarqos waan tajaajila koo keessatti na gargaaruuf isa of duukaa fidii kottu.
11 só Lucas está comigo. Toma a Marcos e traze-o contigo, porque me é muito útil para o ministério.
12 Ani Xikiqoosin Efesoonitti ergeera.
12 Quanto a Tíquico, enviei-o a Éfeso.
13 Ati yommuu dhuftutti waaroo ani Xirooʼaasitti Kaariphoos biratti dhiisee fi kitaabota maramoo, keessumattuu kitaabota gogaa duugamaa sana naa fidi.
13 Quando vieres traze a capa que deixei em Trôade, em casa de Carpo, e os livros, especialmente os pergaminhos.
14 Iskindiroos tumtuun naasii sun akka malee natti hammaate. Gooftaan akka hojii isaatti ni deebisaaf.
14 Alexandre, o latoeiro, me fez muito mal; o Senhor lhe retribuirá segundo as suas obras.
15 Namichi kun waan akka malee ergaa keenya mormeef atis isa irraa of eeggachuu qabda.
15 Tu também guarda-te dele; porque resistiu muito às nossas palavras.
16 Yeroo ani falmata koo kan jalqabaa dhiʼeeffadhetti hundi isaanii iyyuu na dhiisanii deeman malee namni tokko iyyuu na hin gargaarre. Anis akka wanni kun isaanitti hin lakkaaʼamneef Waaqa nan kadhadha.
16 Na minha primeira defesa ninguém me assistiu, antes todos me desampararam. Que isto não lhes seja imputado.
17 Garuu akka karaa kootiin ergaan guutummaatti lallabamuu fi akka Namoonni Ormaa hundi dhagaʼaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jajjabeesse. Anis afaan leencaa jalaa nan baafame.
17 Mas o Senhor esteve ao meu lado e me fortaleceu, para que por mim fosse cumprida a pregação, e a ouvissem todos os gentios; e fiquei livre da boca do leão,
18 Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
18 E o Senhor me livrará de toda má obra, e me levará salvo para o seu reino celestial; a quem seja glória para todo o sempre. Amém.
19 Phirisqilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesifooros jiraatanittis nagaa naa himi.
19 Saúda a Prisca e a Áquila e à casa de Onesíforo.
20 Erisxoos Qorontositti hafe; Xiroofiimoos immoo dhukkubsannaan ani Miilexoositti isa dhiise.
20 Erasto ficou em Corinto; a Trófimo deixei doente em Mileto.
21 Gannaan dura dafii kottu.
21 Apressa-te a vir antes do inverno. Saúdam-te Êubulo, Pudente, Lino, Cláudia, e todos os irmãos.
22 Gooftaan hafuura kee wajjin haa taʼu. Ayyaanni si wajjin haa taʼu.
22 O Senhor seja com o teu espírito. A graça seja convosco. ^Z

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Timóteo 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.