2 Samuel 8

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; magaalaa Meeteeg Amaa jedhamtus harka Filisxeemotaatii baasee fudhate.
1 Depois disso, Davi bateu os filisteus e os submeteu, tirando-lhes as rédeas do governo.
2 Daawit Moʼaabotas ni moʼate. Lafa irra tarree ciibsees funyoon isaan safare. Kanneen tarree galan keessaas funyoo lama lama safaree ajjeese; kanneen funyoo tokko tokko safare immoo akka isaan jiraatan eeyyameef. Kanaafuu Moʼaabonni Daawit jalatti bulanii gibira fidaniif.
2 Depois bateu os moabitas e mediu-os com uma corda, fazendo-os deitar-se por terra: duas medidas de corda para a morte, e uma medida plena de corda para a vida. Os moabitas tornaram-se súditos de Davi e pagaram-lhe tributo.
3 Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii deebisee dhaabbachuu dhaqetti mooticha Zoobaa, Hadaadezer ilma Rehoob moʼate.
3 Davi derrotou em seguida Hadadezer, filho de Roob, rei de Soba, quando este foi restabelecer o seu exército junto do rio.
4 Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
4 Davi tomou-lhe mil e setecentos cavaleiros e vinte mil soldados de infantaria e cortou os jarretes de todos os cavalos de carros, dos quais somente reservou cem.
5 Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe.
5 Os arameus de Damasco, tendo vindo em socorro de Hadadezer, foram feridos por Davi, que abateu vinte e dois mil deles.
6 Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate. Warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Waaqayyos Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
6 Feito isso, estabeleceu guarnições em Arão de Damasco, e os arameus tornaram-se súditos de Davi, pagando-lhe tributo. Desse modo, o Senhor fazia que Davi triunfasse em toda parte por onde ia.
7 Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide.
7 Tomou Davi os escudos de ouro que pertenciam aos soldados de Hadadezer e levou-os para Jerusalém.
8 Daawit Mootichi magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Bexaatii fi Beerootaay keessaa sibiila naasii akka malee baayʼee fudhate.
8 De Bete e de Berot, cidades de Hadadezer, levou ainda bronze em grande quantidade.
9 Tooʼiin mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer moʼate dhagaʼetti,
9 Ouvindo Toú, rei de Hamat, que Davi tinha desbaratado o exército de Hadadezer,
10 akka inni sababii moʼannaa Daawit Mootichi Tooʼiin wal lolaa ture sun waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii isaa Yooraamin gara isaatti erge. Yooraamis kennaawwan meetii irraa, warqee fi naasii irraa hojjetaman fide.
10 mandou seu filho Adorão ao rei Davi para saudá-lo e felicitá-lo por ter combatido e vencido Hadadezer, pois este era inimigo de Toú. Adorão levou a Davi muitos presentes em prata, ouro e bronze,
11 Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota biraa kanneen of jala galfatu hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase.
11 que o rei consagrou ao Senhor, juntamente com a prata e o ouro de todos os povos que subjugara:
12 Warri inni of jala galfates Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq turan. Boojuu Hadaadezer ilma Rehoob mooticha Zoobaa irraa boojiʼes akkasuma addaan baase.
12 Edom, Moab, os amonitas, os filisteus, Amalec, e ainda o espólio de Hadadezer, filho de Roob, rei de Soba.
13 Daawitis erga Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixee deebiʼee booddee beekamaa taʼe.
13 Voltando de sua vitória sobre os arameus, Davi aumentou ainda o seu renome, vencendo dezoito mil edomitas no vale do Sal.
14 Innis guutummaa Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. Waaqayyos lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne.
14 Estabeleceu então governadores em Edom, e todos os edomitas tornaram-se súditos de Davi. E assim, o Senhor fazia com que Davi triunfasse em toda parte por onde ia.
15 Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
15 Reinava pois Davi sobre todo o Israel, e praticava a justiça e a eqüidade para com todo o seu povo.
16 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture.
16 Joab, filho de Sarvia, comandava o exército; Josafá, filho de Ailud, era o cronista;
17 Akkasumas Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo barreessaa ture.
17 Sadoc, filho de Aquitob, e Aquimelec, filho de Abiatar, eram sacerdotes e Saraias era escriba.
18 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; ilmaan Daawit immoo luboota turan.
18 Banaías, filho de Jojada, comandava os cereteus e os feleteus. Os filhos de Davi eram sacerdotes.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 8, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.