2 Samuel 7
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Mootichi erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee Waaqayyo diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda jalaa isa boqochiisee booddee,
1 O rei Davi conseguiu controlar completamente o seu reino, e o Senhor Deus o livrou de todos os seus inimigos.
2 Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni Waaqaa garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
2 Um dia Davi disse ao profeta Natã: — Veja só! Aqui estou eu, morando numa casa revestida de madeira de cedro, enquanto a
3 Naataan immoo mootichaan, “Waaqayyo si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
3 Natã respondeu: — Faça tudo o que quiser porque o
4 Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
4 Mas naquela noite o Senhor disse a Natã:
5 “Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼii?
5 — Vá e diga ao meu servo Davi que eu mandei dizer o seguinte: “Não é você a pessoa que deve construir um templo para eu morar nele.
6 Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture.
6 Desde que tirei do Egito o povo de Israel e até hoje, eu não tenho morado em nenhum templo. Tenho viajado morando numa barraca.
7 Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu bulchitoota akka isaan saba koo Israaʼelin eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
7 Em todas as minhas viagens com o povo de Israel, nunca perguntei aos líderes que escolhi por que razão eles não construíram para mim um templo revestido de cedro.”
8 “Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.
8 Portanto, diga ao meu servo Davi que eu, o Senhor Todo-Poderoso, digo o seguinte: “Eu tirei você do trabalho de cuidar de ovelhas nos campos, para que governasse o meu povo de Israel.
9 Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii guddaa nan godha.
9 Estive com você em todos os lugares por onde tem ido e, conforme você foi avançando, eu o defendi de todos os seus inimigos. Eu farei com que você seja famoso, tão famoso quanto os maiores líderes do mundo. Escolhi um lugar para o meu povo de Israel e o fiz morar ali, onde eles viverão em paz. Desde que entraram nesta terra, eles têm sido atacados por povos violentos, mas isso não acontecerá mais. Eu prometo que livrarei você de todos os seus inimigos e que lhe darei descendentes.
10 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;
10 — ausente —
11 isaan siʼachi waan gaafa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan. Ani diinota kee hunda jalaas sin boqochiisa.
11 — ausente —
12 yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.
12 E, quando você morrer e for sepultado ao lado dos seus antepassados, eu colocarei um dos seus filhos como rei e tornarei forte o reino dele.
13 Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.
13 Será ele quem construirá um templo para mim, e eu farei com que os seus descendentes governem para sempre.
14 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa.
14 Eu serei o pai dele, e ele será meu filho. Quando ele errar, eu o castigarei como um pai castiga seu filho.
15 Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu.
15 Porém não retirarei dele o meu amor, como fiz com Saul, para que você pudesse ser rei.
16 Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ”
16 Você sempre terá descendentes, e eu farei com que o seu reino dure para sempre. E a sua descendência real nunca terminará.”
17 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
17 E Natã contou a Davi tudo o que Deus lhe havia revelado.
18 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe:
18 O rei Davi entrou na barraca, sentou-se e orou assim: — Ó
19 Yaa Waaqayyo Gooftaa, akka waan wanni kun fuula kee duratti gaʼaa hin taʼiniitti ati waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duratti taʼus dubbatte. Yaa Waaqayyo Gooftaa, edaa walitti dhufeenyi ati namoota wajjin qabdu kanaa?
19 E, como se as bênçãos do passado ainda fossem poucas, agora estás fazendo promessas a respeito dos meus descendentes no futuro. E deixaste um homem ver isso, ó Senhor , meu Deus!
20 “Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garbicha kee ni beektaatii.
20 O que mais posso te dizer? Tu me conheces, pois sou teu servo .
21 Ati sababii dubbii keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana hojjettee akka garbichi kee beeku goote.
21 Era o teu desejo e propósito fazer isso; e tu me deixaste saber de todas essas grandes coisas.
22 “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
22 Como és grande, ó Senhor , nosso Deus! Não há ninguém igual a ti; como temos ouvido dizer, somente tu és Deus; não existe outro.
23 Sabni akka saba kee Israaʼel, kan Waaqni akka inni saba isaa taʼuuf maqaa ofii isaa dhaabbachuuf jedhee isa furuuf saboota ormaatii fi waaqota isaanii illee fuula isaa duraa ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa argisiisuudhaan baʼee biyya Gibxii furee baase kan biraa lafa irraa kamii dha?
23 Não há nenhuma outra nação na terra como o teu povo de Israel, que libertaste para ser o teu próprio povo. Tu te tornaste famoso e fizeste grandes e maravilhosas coisas por eles. Tu libertaste o teu povo do Egito e expulsaste as outras nações e os seus deuses conforme o teu povo ia avançando.
24 Ati saba kee Israaʼelin kan ofii keetii gootee bara baraan dhaabdeerta; yaa Waaqayyo ati Waaqa isaanii taateerta.
24 Ó Senhor , tu fizeste com que o teu povo de Israel fosse teu para sempre e te tornaste o seu Deus.
25 “Ammas yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati waadaa garbicha keetii fi mana isaatiif galte sana bara baraan eegi. Kanas akkuma waadaa galte sana raawwadhu;
25 — E agora, ó Senhor , nosso Deus, confirma a promessa que fizeste a meu respeito e a respeito da minha família e cumpre o que disseste que ia acontecer.
26 kunis akka maqaan kee bara baraan guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼel irratti Waaqa!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
26 A tua fama será grande, e para sempre as pessoas dirão: “O Senhor Todo-Poderoso é o Deus de Israel.” E tu farás com que sempre haja reis entre os meus descendentes.
27 “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’ jettee garbicha keetti waan kana mulʼifteerta; kanaafuu garbichi kee kadhannaa kana sitti dhiʼeessuuf ija jabina argateera.
27 Senhor Todo-Poderoso, Deus de Israel! Eu tenho coragem para te fazer esta oração porque revelaste a mim, teu servo , que farás com que os meus descendentes sejam reis.
28 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati Waaqa! Dubbiin kee amanamaa dha; atis waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.
28 — E mais. Tu, ó Senhor , me fizeste esta maravilhosa promessa, e as tuas promessas sempre se cumprem porque tu és Deus.
29 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee haa taʼu; yaa Waaqayyo Gooftaa, ati dubbatteertaatii; eebba keetiinis manni garbicha keetii bara baraan ni eebbifama.”
29 Eu te peço agora que abençoes os meus descendentes para que eles continuem a ter sempre a tua proteção. Tu, ó Senhor , meu Deus, prometeste isso. Que a tua bênção esteja com os meus descendentes para sempre!
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.