2 Samuel 6

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Daawit ammas namoota Israaʼel keessaa filataman kuma soddoma walitti qabate.
1 Mais uma vez Davi reuniu todos os escolhidos de Israel, em número de trinta mil.
2 Innii fi namoonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqaa kan Maqaa, maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu kan taabota gubbaa, kiirubeelii teessoo irra jiran gidduu jiru sanaatiin waamamu sana achii fiduuf gara Baʼaalaa ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
2 Davi se levantou e, com todo o povo que tinha consigo, partiu para Baalá de Judá, para de lá trazer a arca de Deus, diante da qual se invoca o Nome, o nome do Senhor dos Exércitos, que se assenta acima dos querubins.
3 Isaanis taabota Waaqaa gaarii haaraa irra kaaʼanii mana Abiinaadaab kan gaara irra jiru sanaa baasanii fidan. Ilmaan Abiinaadaabii, Uzaa fi Ahiiyoon gaarii haaraa sana oofaa turan;
3 Puseram a arca de Deus numa carroça nova e a levaram da casa de Abinadabe, que ficava numa colina. Uzá e Aiô, filhos de Abinadabe, conduziam aquela carroça.
4 taabonni Waaqaas gaarii irra kaaʼamee Ahiiyoon dura dura deema ture.
4 Levaram a carroça com a arca de Deus da casa de Abinadabe, que ficava na colina; e Aiô ia adiante da arca.
5 Daawitii fi Israaʼel hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaadhaan, masiinqoodhaan, baganaadhaan, dibbeedhaan, bilbilaan, Kililleedhaanis fuula Waaqayyoo duratti gammadanii shuubbisaa turan.
5 Davi e toda a casa de Israel se alegravam diante do Senhor , com todo tipo de instrumentos de madeira de faia, com harpas, liras, tamborins, pandeiros e címbalos.
6 Yommuu isaan oobdii Naakoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan harka isaa hiixatee taabota Waaqaa qabe.
6 Quando chegaram à eira de Nacom, Uzá estendeu a mão para segurar a arca de Deus, porque os bois tropeçaram.
7 Sababii hojii isaa kan ulfina hin qabneetiif dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; kanaafuu Waaqni isa rukute; innis achumatti taabota Waaqaa biratti duʼe.
7 Então a ira do Senhor se acendeu contra Uzá, e Deus o feriu ali por esta irreverência. E Uzá morreu ali, ao lado da arca de Deus.
8 Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
8 Davi ficou irado, porque o Senhor havia irrompido contra Uzá, e chamou aquele lugar de Perez-Uzá, até o dia de hoje.
9 Daawitis gaafa sana Waaqayyoon sodaatee, “Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa?” jedhe.
9 Naquele dia, Davi teve medo do Senhor e disse: — Como poderei levar comigo a arca do
10 Innis akka taabonni Waaqayyoo isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse.
10 Davi não quis levar a arca do Senhor para junto de si, na Cidade de Davi, mas fez com que fosse levada para a casa de Obede-Edom, o geteu.
11 Taabonni Waaqayyoos jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; Waaqayyos isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise.
11 Assim, a arca do Senhor ficou na casa de Obede-Edom, o geteu, durante três meses, e o Senhor o abençoou e a toda a sua casa.
12 Yeroo kanatti, “Waaqayyo sababii taabota Waaqaatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise” jedhanii Daawit Mootichatti himan. Kanaafuu Daawit gad buʼee taabota Waaqaa sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawititti fide.
12 Avisaram o rei Davi, dizendo: — O Então Davi foi e, com alegria, trouxe a arca de Deus da casa de Obede-Edom à Cidade de Davi.
13 Innis akkuma namoonni taabota Waaqayyoo baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
13 Quando os que levavam a arca do Senhor tinham dado seis passos, Davi sacrificava um boi e um animal gordo.
14 Daawitis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture;
14 Davi dançava com todas as suas forças diante do Senhor ; ele estava cingido de uma estola sacerdotal de linho.
15 innii fi Israaʼel hundi “hoo” jechaa sagalee malakataatiin taabota Waaqayyoo fidan.
15 Assim, Davi, com todo o Israel, levou a arca do Senhor , com júbilo e ao som de trombetas.
16 Yeroo taabonni Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi fuula Waaqayyoo duratti utaalee shuubbisu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.
16 Quando a arca do Senhor estava entrando na Cidade de Davi, Mical, filha de Saul, olhou pela janela. E, ao ver o rei Davi, que ia saltando e dançando diante do Senhor , ela o desprezou em seu coração.
17 Isaanis taabota Waaqayyoo fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; Daawitis aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse.
17 Levaram a arca do Senhor e a puseram no seu lugar, no meio da tenda que Davi tinha preparado para ela. Então Davi trouxe holocaustos e ofertas pacíficas diante do Senhor .
18 Innis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin namoota ni eebbise.
18 Depois de trazer os holocaustos e as ofertas pacíficas, Davi abençoou o povo em nome do Senhor dos Exércitos.
19 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama tuuta Israaʼelootaa guutuu keessa jiruutiif jechuunis dhiirotaafis dubartootaafis buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne. Namoonni hundinuus gara mana mana isaanii deeman.
19 E repartiu a todo o povo e a toda a multidão de Israel, tanto homens como mulheres, a cada um, um bolo de pão, um bom pedaço de carne e passas. Então todo o povo se retirou, cada um para a sua casa.
20 Yommuu Daawit maatii ofii isaa eebbisuuf deebiʼettis Miikaal intalli Saaʼol isa simachuuf baatee, “Harʼa mootiin Israaʼel akka nama gatii hin qabne tokkootti fuula xomboreewwan hojjettoota isaa duratti qullaa argamuun isaa ulfina taʼeeti moo!” jette.
20 Quando Davi regressou para abençoar a sua casa, Mical, filha de Saul, saiu ao seu encontro e lhe disse: — Que bela figura fez o rei de Israel no dia de hoje, descobrindo-se diante das servas de seus servos, como se descobre um sem-vergonha qualquer!
21 Daawit immoo Miikaaliin akkana jedhe; “Ani fuula Waaqayyo isa abbaa keetii fi warra mana isaa jiran caalchisee na filatee saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti na muude sanaaf fuula Waaqayyoo duratti nan shuubbisa.
21 Mas Davi disse a Mical: — Eu fiz isso diante do
22 Ani kana caalaa iyyuu ofin xinneessa; ija kee durattis of nan salphisa. Xomboreewwan ati jette kanneeniin garuu nan kabajama.”
22 E me farei ainda mais desprezível e me humilharei aos meus próprios olhos. Quanto às servas, de quem você falou, serei honrado por elas.
23 Miikaal intalli Saaʼol utuu ijoollee hin argatin duute.
23 Mical, filha de Saul, não teve filhos, até o dia da sua morte.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.