2 Samuel 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Iish-Booshet ilmi Saaʼol yommuu akka Abneer Kebroonitti ajjeefame dhagaʼetti humni isaa ni buʼe; Israaʼel hundis sodaan guutame.
1 Quando Isbosete, filho de Saul, soube que Abner havia sido assassinado na cidade de Hebrom, perdeu a coragem, e todo o povo de Israel ficou com medo.
2 Yeroo sanatti Iish-Booshet ilmi Saaʼol dura buutota garee duultotaa lama qaba ture. Inni tokko Baʼanaa, kaan immoo Rekaab jedhama ture; isaanis ilmaan Rimoon namicha Biʼeeroot kan gosa Beniyaam sanaa ti; Biʼeeroot kun akka kutaa Beniyaamitti lakkaaʼama;
2 Havia dois oficiais de Isbosete que comandavam os ataques rápidos ao território inimigo. Eles se chamavam Baaná e Recabe e eram filhos de Rimom, da cidade de Beerote, da tribo de Benjamim. (A cidade de Beerote é considerada como parte do território de Benjamim.
3 namoonni Biʼeeroot kunneen gara Gitayimitti baqatanii hamma harʼaatti alagummaan achi jiraatuutii.
3 Os antigos moradores de Beerote haviam fugido para a cidade de Gitaim e eles vivem ali como estrangeiros até hoje .)
4 Yoonaataan ilmi Saaʼol mucaa miilli isaa lachuu naafate tokko qaba ture. Yeroo oduun waaʼee Saaʼolii fi Yoonaataan Yizriʼeel irraa dhufetti inni nama waggaa shanii ture. Guddiftuun isaas isa fudhattee baqatte; garuu utuu isheen baqachuuf ariifattuu mucichi ishee irraa kufee naafate. Maqaan isaas Mefiibooshet jedhama ture.
4 Quando Saul e Jônatas foram mortos em Jezreel, Mefibosete, filho de Jônatas, tinha cinco anos de idade. Ao chegar a notícia da morte de Saul e de Jônatas, a mulher que cuidava de Mefibosete o pegou e fugiu. Mas estava com tanta pressa, que o deixou cair, e ele ficou manco.
5 Rekaabii fi Baʼanaan ilmaan Rimoon namicha gosa Biʼeeroot kaʼanii gara mana Iish-Boosheti qajeelan; yeroon isaan itti achi gaʼanis guyyaa saafaa yeroo inni itti aara galfatu ture.
5 Recabe e Baaná foram para a casa de Isbosete e chegaram lá quando ele estava tirando a sua soneca depois do almoço.
6 Isaanis akka nama qamadii barbaaduutti kutaa manaa isa gara keessaatti ol seenanii garaa isaa waraanan. Ergasiis Rekaabii fi obboleessi isaa Baʼanaan miliqanii baʼan.
6 A mulher que estava na porta peneirando trigo havia ficado com sono e estava dormindo. Por isso, Baaná e Recabe entraram em silêncio,
7 Isaanis utuu inni kutaa ciisichaa keessa siree isaa irra rafee jiruu ol seenan. Erga garaa isaa waraananii isa ajjeesanii booddees mataa isaa irraa kutan. Mataa sanas fuudhanii halkan guutuu daandii Arabbaa irra deemaa bulan.
7 foram ao quarto onde Isbosete dormia um sono pesado e o mataram. Então cortaram a cabeça dele e a levaram consigo. Eles caminharam a noite toda pelo vale do rio Jordão.
8 Isaanis Kebroonitti mataa Iish-Booshet gara Daawit mootichaa fidanii, “Kunoo mataa Iish-Booshet ilma diina kee Saaʼol kan ilma namicha si ajjeesuu barbaadu sanaa. Harʼa Waaqayyo Saaʼolii fi sanyii isaa illee gooftaa koo mootichaaf haaloo baaseera” jedhaniin.
8 Quando chegaram a Hebrom, mostraram a cabeça de Isbosete ao rei Davi e disseram: — Aqui está a cabeça de Isbosete, filho do seu inimigo Saul, que queria matá-lo. Hoje o — Eu agarrei e mandei matar o mensageiro que foi ao meu encontro na cidade de Ziclague; pois ele, pensando que estava me dando uma boa notícia, me contou a respeito da morte de Saul. Agora, juro pelo
9 Daawit immoo Rekaabii fi obboleessa isaa Baʼanaa, ilmaan Rimoonii namicha gosa Biʼeerootaa sanaan akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hunda jalaa na baase sanaa,
9 — ausente —
10 kunoo ani namicha waan oduu gaarii naa fide seʼee, ‘Saaʼol duʼeera’ jedhee natti hime sana qabee Siiqlaagitti ajjeeseera. Egaa wanni ani namicha oduu sana fide badhaase kana dha!
10 — ausente —
11 Yoos yeroo namoonni hamooni nama balleessaa hin qabne tokko mana isaa keessatti, siree isaa irratti ajjeesanitti ani dhiiga isaa harka keessan irraa hin barbaaduu ree? Lafa irraas hin balleessuu ree?”
11 — ausente —
12 Kanaafuu Daawit namoota isaa ajaje; isaanis jara ajjeesan. Harkaa fi miilla isaanii irraa kukkutanii haroo Kebroon biratti reeffa isaanii fannisan. Mataa Iish-Booshet garuu fuudhanii Kebroonitti awwaala Abneer biratti awwaalan.
12 Então Davi deu ordem, e os seus soldados mataram Recabe e Baaná. Depois cortaram as mãos e os pés deles e penduraram perto da represa de Hebrom. E pegaram a cabeça de Isbosete e sepultaram no túmulo de Abner, em Hebrom.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.