2 Samuel 3

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraana bara dheeraatu ture. Yeroo Daawit jabaachaa deemetti manni Saaʼol immoo dadhabaa deeme.
1 Prolongou-se por muito tempo a guerra entre a casa de Saul e a de Davi. Mas, à medida que o poder de Davi ia-se fortificando, a casa de Saul ia-se enfraquecendo cada vez mais.
2 Daawit Kebroonitti ijoollee dhalche; isaanis:
2 Nasceram filhos a Davi em Hebron. Seu primogênito foi Amnon, de Aquinoã de Jezrael;
3 inni lammaffaan Kiliʼaab ilma Abiigayiil isheen Naabaal namichi biyya Qarmeloos irraa duʼe sun deessee dha;
3 Queleab, o segundo, de Abigail, viúva de Nabal, o carmelita; Absalão, o terceiro, filho de Maaca, filha de Tolmai, rei de Gessur;
4 afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;
4 o quarto, Adonias, filho de Hagit; Safatia, o quinto, filho de Abital,
5 jaʼaffaan Yitreʼaam ilma Eglaa niitiin Daawit deessee dha.
5 e o sexto Jetraão, filho de Egla, mulher de Davi. Estes foram os filhos que nasceram a Davi em Hebron.
6 Yeroo mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraanni turetti Abneer mana Saaʼol irratti humna isaa jabeeffachaa ture.
6 Enquanto durou a guerra entre a casa de Saul e a de Davi, Abner teve autoridade na casa de Saul.
7 Saaʼolis intala Ayyaa kan Riixiphaa jedhamtu saajjatoo godhatee ture. Iish-Booshetis Abneeriin, “Ati maaliif saajjatoo abbaa kootii wajjin rafte?” jedhe.
7 Ora, Saul tinha uma concubina chamada Resfa, filha de Aia. Isboset disse a Abner: Por que te aproximaste da concubina de meu pai?
8 Abneer immoo waan Iish-Booshet akkas jedheef akka malee aaree akkana jedhe; “Ani mataa saree Yihuudaatii? Ani hamma harʼaatti mana abbaa kee Saaʼoliif, mana maatii isaatii fi mana firoota isaatiif amanamaa dha. Siʼi illee dabarsee Daawititti hin kennine. Ati garuu amma waaʼee dubartii kanaatiif na himatta!
8 Abner indignou-se com estas palavras de Isboset e disse: Sou porventura uma cabeça de cão a serviço de Judá? Enquanto neste momento trabalho pela casa de Saul, teu pai, pelos seus irmãos e seus amigos, não os deixando cair nas mãos de Davi, vens tu acusar-me de pecado com esta mulher?
9 Yoo ani akka abdiin Waaqni Daawitiif kenne sun raawwatamu gochuu baadhe Waaqayyo Abneer irratti waan hamaa haa godhu; sana caalaa iyyuu isatti haa fidu;
9 Deus me trate com o maior rigor, se eu não procurar para Davi tudo o que o Senhor lhe prometeu,
10 wanni Waaqni kakuudhaan isa abdachiise sunis mana Saaʼol irraa mootummaa fuudhee Daanii jalqabee hamma Bersheebaatti Israaʼelii fi Yihuudaa irratti teessoo Daawit jabeessee dhaabuu dha.”
10 a saber, tirar a realeza da casa de Saul e firmar o trono de Davi sobre Israel e sobre Judá, desde Dã até Bersabéia!
11 Iish-Booshet waan isa sodaateef Abneeritti waan tokko illee dubbachuu hin dandeenye.
11 Isboset não soube o que responder a Abner, porque o temia.
12 Ergasii Abneer, “Biyyattiin kan eenyuu ti? Na wajjin walii galtee godhadhu; anis akka Israaʼel guutumaan guutuutti gara kee goru sin gargaaraa” jedhee Daawititti ergamoota erge.
12 Abner enviou então mensageiros a Davi, para dizer-lhe: De quem é a terra? Faze aliança comigo e eu te darei mão forte para reunir em torno de ti todo o Israel.
13 Daawitis, “Gaarii dha; ani si wajjin walii galtee nan godhadha. Garuu waan tokko sin gaafadha; kunis ati yommuu gara koo dhuftutti jalqabatti Miikaal intala Saaʼol naa fidi; yoo kanaa achii gara koo hin dhufin” jedhe.
13 Davi respondeu: Está bem; farei aliança contigo, mas com uma condição: não te apresentarás diante de mim sem trazer contigo Micol, a filha de Saul, quando vieres ver-me.
14 Ergasiis Daawit, “Niitii koo ishee ani misaa Filisxeemota dhibba tokkootiin kaadhimadhe Miikaalin naa ergi” jedhee Iish-Booshet ilma Saaʼolitti ergamoota erge.
14 Davi enviou mensageiros a Isboset, filho de Saul, para dizer-lhe: Devolve a minha mulher Micol, que desposei ao preço de cem prepúcios de filisteus.
15 Kanaafuu Iish-Booshet nama ergee dhirsa ishee Phaltiiʼeel ilma Laayish irraa ishee fudhate.
15 Isboset ordenou que a tirassem de seu marido, Faltiel, filho de Lais,
16 Dhirsi ishees hamma magaalaa Bahuuriimitti booʼaa ishee duukaa buʼe. Abneeris, “Mana keetti deebiʼi!” jedheen. Kanaafuu inni ni deebiʼe.
16 que a acompanhou chorando até Bahurim. Ali, Abner disse-lhe: Volta para a tua casa. E ele voltou.
17 Abneer maanguddoota Israaʼel wajjin mariʼatee akkana jedhe; “Isin kanaan dura akka Daawit mootii keessan taʼu hawwaa turtan.
17 Abner pôs-se em contato com os anciãos de Israel e disse-lhes: Já faz tempo que desejais ter Davi por rei.
18 Waaqayyo, ‘Ani garbicha koo Daawitiin saba Israaʼel harka Filisxeemotaatii akkasumas harka diinota isaanii hundaa keessaa nan baasa’ jedhee abdachiiseeraatii isin waan kana galmaan gaʼaa!”
18 Fazei-o, pois, agora, porque o Senhor disse de Davi: por meio de Davi, meu servo, livrarei o meu povo de Israel da mão dos filisteus e de todos os seus inimigos.
19 Abneer namoota Beniyaam birattis ni dubbate. Ergasiis Kebroon dhaqee waan Israaʼeloonnii fi manni Beniyaam hundi gochuu barbaadan Daawititti hime.
19 Abner, que havia dito a mesma coisa aos benjaminitas, foi a Hebron para informar Davi de tudo o que fora aceito por Israel e por toda a casa de Benjamim.
20 Yommuu Abneer namoota isaa digdama wajjin Kebroon dhufetti, Daawit isaa fi namoota isaatiif cidha qopheesse.
20 E apresentou-se a Davi, em Hebron, acompanhado de vinte homens. Davi deu um banquete a Abner e seus companheiros.
21 Abneeris Daawitiin, “Ani kaʼee deemee akka isaan gooftaa koo mootii wajjin kakuu galanii fi akka ati warra garaan kee fedhe hunda irratti mootii taatuuf Israaʼeloota hunda walitti nan qaba” jedhe. Kanaaf Daawit isa geggeesse; innis nagaadhaan deeme.
21 Disse então Abner a Davi: Irei para reunir ao redor de meu senhor, o rei, todos os israelitas; farão aliança contigo e reinarás sobre toda a terra que quiseres. Davi despediu Abner, que partiu tranqüilamente.
22 Namoonni Daawitii fi Yooʼaab yommuu suma boojuu hedduu fudhatanii duulaa galan. Abneer garuu Daawit wajjin Kebroon hin turre; Daawit isa geggeessee inni nagaan deemeeraatii.
22 Entretanto, os homens de Davi voltavam com Joab de uma expedição, trazendo uma grande presa. {Abner não estava mais com Davi em Hebron, porque Davi o tinha despedido e ele partira em paz.}
23 Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan hundi yommuu achi gaʼanitti akka Abneer ilmi Neer mooticha bira dhufee mootichi nagaan isa geggeesse isatti himame.
23 E, voltando Joab com toda a sua tropa, disseram-lhe que Abner, filho de Ner, viera ter com o rei, e este o deixara ir em paz.
24 Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee akkana jedhe; “Maali gochuu kee ti? Kunoo Abneer gara kee dhufee ture. Ati Maaliif isa geggeessite? Inni amma deemeera!
24 Joab foi ter com o rei e disse-lhe: Que fizeste? Abner, filho de Ner, veio a ti; por que o deixaste partir?
25 Ati Abneer ilma Neer ni beekta; inni si gowwoomsee sochii keetii fi waan ati gochaa jirtu hunda basaasuudhaaf dhufe.”
25 Tu o conheces; {bem sabes que} é para enganar-te, para espiar tuas idas e vindas e sondar tudo o que fazes.
26 Yooʼaabis Daawit biraa baʼee Abneer duubaan ergamoota erge; isaanis boolla bishaanii kan Siiraa biraa isa deebisan. Daawit garuu waan kana hin beekne.
26 Deixando Davi, Joab mandou emissários atrás de Abner, que o fizeram voltar do poço de Sira, sem que Davi o soubesse.
27 Yeroo Abneer Kebroonitti deebiʼettis Yooʼaab waan kophaatti isa wajjin haasaʼuu barbaade fakkeessee gara karraatti isa baase. Achittis haaloo dhiiga obboleessa isaa Asaaheel baasuuf garaa keessa isa waraane; innis ni duʼe.
27 Quando Abner chegou a Hebron, Joab, tomou-o à parte, para dentro da porta, como para falar-lhe em particular, e feriu-o ali mortalmente no ventre, vingando o sangue de seu irmão Asael.
28 Ergasii Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Anii fi mootummaan koo bara baraan dhiiga Abneer ilma Neer irraa fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu dha.
28 Quando Davi soube do acontecido, exclamou: Sou inocente, eu e o meu reino, diante do Senhor, do sangue de Abner, filho de Ner!
29 Cubbuun dhiiga isaa mataa Yooʼaabii fi mana abbaa isaa hundaa irra haa gaʼu! Namni madaa malaa yaasu yookaan lamxii qabu yookaan namni uleetti rarraʼee deemu yookaan namni goraadeen ajjeefamu yookaan namni waan nyaatu dhabu mana Yooʼaabii hin dhabamin.”
29 Que ele caia sobre a cabeça de Joab e de toda a sua família! Não faltem jamais em sua casa homens atacados de sarna ou lepra, que trabalhem no fuso, caiam pela espada, definhem de fome!
30 Sababii inni lola Gibeʼoon irratti obboleessa isaanii Asaaheelin ajjeeseef Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Abneerin ajjeesan.
30 Joab e seu irmão Abisaí tinham assassinado Abner por ter este matado seu irmão Asael depois da batalha de Gabaon.
31 Daawitis Yooʼaabii fi namoota isa wajjin turan hundaan, “Uffata keessan tarsaasaatii uffata gaddaa uffadhaa; fuula Abneer durattis booʼaa” jedhe. Daawit mootichis reeffa Abneer geggeesse.
31 Davi disse a Joab e a toda a sua tropa: Rasgai vossas vestes, cobri-vos de sacos e pranteai Abner! E o rei seguiu atrás do féretro.
32 Isaanis Abneerin Kebroonitti awwaalan; mootichis awwaala Abneer irratti iyyee booʼe; namoonni hundinuus ni booʼan.
32 Sepultaram Abner em Hebron. O rei pôs-se a chorar em alta voz sobre seu túmulo, e todo o povo chorou.
33 Mootichis faaruu gaddaa kana akkana jedhee Abneeriif faarse:
33 E Davi cantou a seguinte lamentação, chorando Abner: Devia Abner morrer como morrem os insensatos?!
34 Harki kee hin hidhamne;
34 Tuas mãos não estavam algemadas, nem acorrentados os teus pés. Caíste como se cai diante de celerados.
35 Gara saafaattis namoonni hundi dhufanii akka inni waa nyaatuuf Daawitin kadhatan; inni garuu, “Yoo ani hamma biiftuun lixxutti buddeena yookaan waan biraa afaan kootiin qabe Waaqni waan hamaa natti haa fidu; kana caalaa iyyuu natti haa fidu!” jedhee kakate.
35 E o povo chorou sobre ele. Depois, como todo mundo viesse a Davi insistindo em que ele tomasse algum alimento antes de acabar o dia, ele fez este juramento: Que o Senhor me trate com todo o seu rigor, se eu comer pão ou qualquer outra coisa, antes do pôr-do-sol.
36 Namoonni hundinuu waan kana arganii gammadan; dhugumaan wanni mootichi godhe hundi isaan gammachiise.
36 Todo o povo o soube e o aprovou, como aliás lhe parecia sempre bom tudo o que o rei fazia.
37 Kanaafuu gaafa sana namoonni hundii fi Israaʼel hundi akka ajjeefamuu Abneer ilma Neer keessatti mootichi qooda hin qabne beekan.
37 Todo o exército e todo o Israel reconheceu naquele dia que o rei não tivera parte alguma no assassínio de Abner, filho de Ner.
38 Mootichis namoota isaatiin akkana jedhe; “Isin akka guyyaa harʼaa ilmi mootiitii fi namni guddaan tokko Israaʼel keessaa kufe hin beeknee?
38 O rei disse aos seus servos: Não sabeis que um chefe, um grande chefe caiu hoje em Israel?
39 Ani mootii dibame taʼu illee harʼa nama dadhabaa dha; ilmaan Zeruuyaa kunneen natti jabaataniiru. Waaqayyo nama waan hamaa hojjetuuf akkuma hammina hojii isaatti isaaf haa kennu!”
39 Quanto a mim, sou ainda fraco, embora tenha recebido a unção real. Esses homens, filhos de Sarvia, são mais fortes do que eu. Que o Senhor retribua àqueles que fizeram o mal segundo os seus próprios atos!

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.