2 Samuel 24

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Aariin Waaqayyoo ammas Israaʼelitti kaʼee Daawitiin, “Dhaqiitii Israaʼelii fi Yihuudaa lakkaaʼi” jedhee isaanitti kakaase.
1 Mais uma vez a ira do Senhor se acendeu contra os israelitas, e ele incitou Davi contra eles, dizendo: — Vá e levante o censo de Israel e de Judá.
2 Kanaafuu mootichi Yooʼaabii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa bira turaniin, “Akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf gosoota Israaʼel kanneen Daanii hamma Bersheebaatti jiraatan hunda keessa deemaatii namoota loluu dandaʼan galmeessaa” jedhe.
2 O rei disse a Joabe, comandante do seu exército: — Percorra todas as tribos de Israel, desde Dã até Berseba, e levante o censo do povo, para que eu saiba o seu número.
3 Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo Waaqni kee loltoota kee dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu; iji gooftaa koo mootichaas waan kana haa argu. Garuu gooftaan koo mootichi maaliif waan kana gochuu barbaade?” jedhe.
3 Então Joabe disse ao rei: — Que o
4 Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaa yaada geeddarachiise; kanaafuu isaan fuula mootichaa duraa baʼanii namoota Israaʼel kanneen loluu dandaʼan galmeessuu deeman.
4 Porém a palavra do rei prevaleceu contra Joabe e contra os chefes do exército. Então eles saíram da presença do rei, para levantar o censo do povo de Israel.
5 Isaanis erga Yordaanos ceʼanii booddee gara kibba magaalaa sulula keessatti argamuutiin Aroʼeer bira qubatan; achii immoo Gaad keessa darbanii Yaʼizeeritti qajeelan.
5 Passaram o Jordão e acamparam em Aroer, à direita da cidade que está no meio do vale de Gade, e foram a Jazer.
6 Isaanis gara Giliʼaadii fi Tabaason Adasaay, itti aansanii gara Daan yaaʼanii achii immoo naannaʼanii Siidoonaa dhaqan.
6 Dali foram a Gileade e chegaram até Cades, na terra dos heteus. Seguiram a Dã-Jaã e viraram-se para Sidom.
7 Ergasii immoo gara Daʼannoo Xiiroos, gara magaalaawwan Hiiwotaatii fi Kanaʼaanotaa hundaa dhaqan. Dhuma irratti immoo gara Bersheebaa kan kibba Yihuudaatti argamtu sanaa dhaqan.
7 Chegaram à fortaleza de Tiro e a todas as cidades dos heveus e dos cananeus, de onde saíram para o Sul de Judá, a Berseba.
8 Isaanis erga guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii booddee jiʼa sagalii fi bultii digdamaatti Yerusaalemitti deebiʼan.
8 Assim, percorreram toda a terra e, depois de nove meses e vinte dias, chegaram a Jerusalém.
9 Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii mootichatti hime; Israaʼel keessa namoota lolaaf gaʼumsa qaban kanneen goraadee qabachuu dandaʼan kuma dhibba saddeeti, Yihuudaa keessa immoo namoota kuma dhibba shanitu ture.
9 Joabe apresentou ao rei o resultado do recenseamento do povo: havia em Israel oitocentos mil homens de guerra, que puxavam da espada; e em Judá eram quinhentos mil.
10 Daawit waan erga loltoota lakkaaʼee booddee balleessaan itti dhagaʼameef Waaqayyoon, “Ani waan hojjedhe keessatti cubbuu guddaa hojjedheera. Yaa Waaqayyo, ani akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
10 Depois de haver recenseado o povo, Davi ficou com dor no coração. Ele disse ao Senhor : — Cometi um grande pecado ao fazer o que fiz. Mas agora, ó
11 Guyyaa itti aanutti utuu Daawit hirribaa hin kaʼin ergaan Waaqayyoo gara waa himaa Daawit gara Gaad raajichaa dhufe; ergaan sunis,
11 Quando Davi se levantou pela manhã, a palavra do Senhor veio ao profeta Gade, vidente de Davi, dizendo:
12 “Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna; akka ani isa sitti fiduuf isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi” jedha.
12 — Vá e diga a Davi: Assim diz o Senhor : “Eu lhe ofereço três opções; escolha uma delas, para que eu a execute contra você.”
13 Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee, “Waggaa torba biyya kee irra beelli haa buʼuu? Yookaan diinonni kee jiʼa sadiif si haa ariʼanii? Yookaan dhaʼichi guyyaa sadii biyya kee haa dhaʼuu? Egaa amma itti yaadiitii waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteessi” jedheen.
13 Gade foi falar com Davi e lhe comunicou isso, dizendo: — Você quer sete anos de fome na sua terra, três meses fugindo dos seus inimigos, que vão persegui-lo, ou três dias de peste na sua terra? Decida, agora, e diga que resposta devo dar ao que me enviou.
14 Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa guddaa taʼeef nu harka Waaqayyoo haa seennu; garuu akka ani harka namaa seenu hin godhin” jedhe.
14 Então Davi disse a Gade: — Estou muito angustiado. Porém é preferível que caiamos nas mãos do
15 Kanaafuu Waaqayyo guyyaa itti aanu ganamaa jalqabee hamma guyyaan murtaaʼe raawwatutti Israaʼelitti dhaʼicha fide; Daanii hamma Bersheebaatti namoonni kumni torbaatamni ni dhuman.
15 Então o Senhor enviou a peste a Israel, desde a manhã até o tempo que havia determinado. E, desde Dã até Berseba, morreram setenta mil homens do povo.
16 Yeroo ergamaan Waaqayyoo Yerusaalemin balleessuuf harka isaa diriirfatetti Waaqayyo sababii hubaatiin sun isa gaddisiiseef ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa bira ture.
16 Quando o Anjo do Senhor estendeu a mão sobre Jerusalém, para a destruir, o Senhor mudou de ideia quanto a este mal e disse ao Anjo que fazia a destruição entre o povo: — Basta! Retire a sua mão. O Anjo estava junto à eira de Araúna, o jebuseu.
17 Daawit yommuu ergamaa Waaqayyoo kan namoota ajjeesaa ture sana argetti, Waaqayyoon, “Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu” jedhe.
17 Ao ver o Anjo que feria o povo, Davi falou ao Senhor e disse: — Eu é que pequei. Eu é que fiz essa perversidade. Mas estas ovelhas o que fizeram? Que a tua mão seja contra mim e contra a casa de meu pai.
18 Gaafas Gaad gara Daawit dhaqee, “Ol baʼiitii oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaari” jedheen.
18 Naquele mesmo dia, Gade foi falar com Davi e lhe disse: — Vá e edifique um altar ao
19 Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo karaa Gaadiin isa ajajetti ol baʼe.
19 Davi foi segundo a palavra de Gade, como o Senhor lhe havia ordenado.
20 Arawunaan yommuu milʼatee mootichaa fi namoota isaa kanneen gara isaa dhufaa jiran argetti, gad baʼee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
20 Araúna viu, do alto, que o rei e os seus homens vinham ao seu encontro. Saiu e se inclinou diante do rei, com o rosto em terra.
21 Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi maaliif gara garbicha isaa dhufe?” jedhe.
21 E perguntou: — Por que o rei, meu senhor, vem até este seu servo? Davi respondeu: — Para comprar de você esta eira, a fim de edificar nela um altar ao
22 Arawunaanis Daawitiin akkana jedhe; “Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu fudhatee haa dhiʼeessu. Aarsaa gubamuuf sangoonni kunoo ti; qoraaniif immoo miʼi ittiin midhaan dhaʼamuu fi waanjoon sangaa as jira.
22 Então Araúna disse a Davi: — Que o rei, meu senhor, tome e ofereça o que bem quiser. Aqui estão os bois para o holocausto, o debulhador de cereais e a canga dos bois para a lenha.
23 Yaa mootii, Arawunaan waan kana hunda mootichaaf ni kenna.” Akkasumas Arawunaan, “Waaqayyo Waaqni kee siif haa fudhatu” isaan jedhe.
23 Tudo isto, ó rei, Araúna oferece ao rei. E acrescentou: — Que o
24 Mootichi garuu, “Akkas miti; ani gatiidhaan sirraa bituu na barbaachisa. Ani waan gatii itti hin baasin Waaqayyo Waaqa kootiif aarsaa gubamu godhee hin dhiʼeessu” jedhee Arawunaaf deebise.
24 Porém o rei disse a Araúna: — Não! Eu vou comprar de você pelo que vale. Porque não oferecerei ao Assim, Davi comprou a eira e os bois por cinquenta moedas de prata.
25 Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Waaqayyos kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaateef deebii kenne; dhaʼichis Israaʼel irraa ni deebiʼe.
25 Davi edificou ali um altar ao Senhor e apresentou holocaustos e ofertas pacíficas. Assim, o Senhor se tornou favorável para com a terra, e a praga cessou no meio de Israel.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 24, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.