2 Samuel 20

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Yeroo kanatti namichi dabaan Shebaa jedhamu, ilmi Biikrii namicha gosa Beniyaam tokko achi ture. Innis malakata afuufee sagalee guddaan akkana jedhee iyye;
1 Estava ali por acaso um homem perverso chamado Seba, filho de Bicri, da tribo de Benjamim. Seba tocou a trombeta e começou a gritar: “Abaixo a dinastia de Davi! O filho de Jessé nada tem a nos oferecer! Vamos, homens de Israel, todos de volta para casa!”.
2 Kanaafuu namoonni Israaʼel hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana duukaa buʼuuf jedhanii Daawit irraa garagalan. Namoonni Yihuudaa garuu Yordaanosii hamma Yerusaalemitti mootii isaanii wajjin deeman.
2 Então todo o povo de Israel que estava ali abandonou Davi e seguiu Seba, filho de Bicri. O povo de Judá, porém, permaneceu com o rei e o acompanhou do rio Jordão até Jerusalém.
3 Daawitis yommuu masaraa isaa kan Yerusaalem keessaatti deebiʼetti, saajjatoowwan isaa kurnan akka isaan masaraa eeganiif dhiisee biraa deeme sana fuudhee mana tokkotti galchee akka isaan eegaman godhe. Inni waan isaan nyaatan kenneef malee isaan wajjin hin ciifne. Isaanis hamma gaafa duʼaniitti akka niitota dhirsoonni irraa duʼaniitti kophaa jiraatan.
3 Quando Davi chegou a seu palácio em Jerusalém, mandou confinar as dez concubinas que haviam ficado ali. O rei lhes providenciou sustento, mas não teve mais relações com elas. Permaneceram como viúvas até o fim da vida.
4 Ergasiis mootichi Amaasaadhaan, “Namoota Yihuudaa guyyaa sadii keessatti walitti naa qabi; atis asitti argami” jedhe.
4 O rei disse a Amasa: “Reúna o exército de Judá e apresente-se aqui em três dias”.
5 Amaasaan garuu yommuu namoota Yihuudaa waamuu deemetti yeroo mootichi isaaf kenne caalaa ture.
5 Amasa saiu para convocar os soldados de Judá, mas levou mais tempo que o prazo definido pelo rei.
6 Daawitis Abiishaayidhaan, “Shebaan ilmi Biikrii miidhaa Abesaaloom nu miidhe sana caalaa nu miidha. Ati namoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ariʼi; yoo kanaa achii inni magaalaa daʼannoo qabu argatee nu jalaa miliqa” jedhe.
6 Então Davi disse a Abisai: “Seba, filho de Bicri, vai nos prejudicar mais que Absalão. Leve minhas tropas e persiga-o antes que ele entre numa cidade fortificada, onde não possamos alcançá-lo”.
7 Kanaafuu namoonni Yooʼaabii fi Kereetonni, Pheletonnii fi namoonni waraanaa jajjaboon hundi ajaja Abiishaayi jalatti hiriiranii qajeelan. Isaanis Yerusaalemii kaʼanii Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf qajeelan.
7 Os soldados de Joabe, junto com a guarda pessoal do rei e os guerreiros valentes, saíram de Jerusalém para perseguir Seba.
8 Utuma isaan Gibeʼoon keessa kattaa guddaa bira jiranuu Amaasaan isaan simachuuf dhufe. Yooʼaab uffata isaa kan waraanaa uffate; qalqalli goraadeen isaa keessa jirus sabbataan mudhii isaatti hidhamee ture. Akkuma inni gara fuula duraatti tarkaanfateenis goraadichi qalqala isaa keessaa lafa buʼe.
8 Quando chegaram à grande rocha em Gibeom, Amasa foi ao encontro deles. Joabe vestia seu traje militar e levava um punhal preso ao cinto. Quando deu um passo à frente para saudar Amasa, tirou o punhal da bainha.
9 Yooʼaabis Amaasaan, “Yaa obboleessoo, akkam jirta?” jedhe. Kana irratti Yooʼaab isa dhungachuuf harka isaa mirgaatiin hareeda Amesaay qabate.
9 “Como vai, meu primo?”, disse Joabe, e o pegou pela barba com a mão direita, como se fosse beijá-lo.
10 Amesaay akka Yooʼaab goraadee harkaa qabu hin hubanne ture; kanaafuu Yooʼaab goraadee sana garaa isaatti dire; marʼumaan isaas lafatti jige. Amaasaanis utuu lammata hin waraanamin duʼe. Ergasii immoo Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Shebaa ilma Biikrii sana ariʼan.
10 Amasa não percebeu o punhal na mão esquerda dele, e Joabe o feriu no estômago, de modo que suas entranhas se derramaram no chão. Joabe não precisou feri-lo outra vez, pois Amasa morreu rapidamente. Joabe e seu irmão Abisai deixaram o corpo ali e continuaram a perseguir Seba.
11 Namoota Yooʼaab keessaa inni tokko Amesaay bira dhaabatee, “Namni Yooʼaabin jaallatu, kan garee Daawit taʼe hundi Yooʼaabin duukaa haa buʼu!” jedhe.
11 Um dos soldados de Joabe gritou: “Se estiverem do lado de Joabe e Davi, venham e sigam Joabe!”.
12 Yeroo kanatti reeffi Amaasaa dhiigaan faalamee karaa irra ciisa ture; namichi tokkos akka loltoonni hundi achi dhadhaabatan arge. Innis yommuu akka warri gara Amesaay dhufan hundi dhadhaabatan argetti karaa irraa gara lafa qotiisaatti isa harkisee wayyaa irra buuse.
12 Amasa, porém, estava estendido numa poça de sangue no meio do caminho, e os soldados de Joabe viram que todos paravam para olhar. Então um dos soldados o arrastou para fora do caminho, até um campo, e o cobriu com um manto.
13 Erga reeffi Amesaay karaa irraa kaafamee booddee namoonni hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf Yooʼaab faana qajeelan.
13 Com o corpo de Amasa fora do caminho, todos seguiram Joabe em perseguição a Seba, filho de Bicri.
14 Saabeʼeenis gosoota Israaʼel hunda keessa darbee gara Abeel Beet Maʼaakaatii fi gara biyya Beeriit hundaa dhaqe; namoonni Beeriitis walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
14 Enquanto isso, Seba passou por todas as tribos de Israel e, por fim, chegou à cidade de Abel-Bete-Maaca. Todos os membros de seu clã, os bicritas, se reuniram para lutar e o seguiram até a cidade.
15 Loltoonni Yooʼaab wajjin turan hundinuus dhufanii Abeel Beet Maʼaakaatti Saabeʼee marsan. Isaanis hamma karra magaalaa sanaatti naannessanii biyyoo tuulan; yommuu dallaa magaalaa sanaa jigsuuf tumaa turanittis,
15 Quando os soldados de Joabe chegaram, cercaram Abel-Bete-Maaca. Construíram uma rampa junto às fortificações da cidade e começaram a derrubar o muro.
16 dubartiin ogeettiin tokko magaalattiidhaa isaan waamtee, “Dhagaʼaa! Dhagaʼaa! Akka ani waa isatti himuu dandaʼuuf Yooʼaab as haa dhufu itti himaa” jette.
16 Então uma mulher sábia da cidade gritou: “Ouçam! Digam a Joabe que se aproxime, pois desejo falar com ele!”.
17 Inni gara ishee dhaqe; isheenis, “Ati Yooʼaabii?” jettee gaafatte.
17 Quando ele se aproximou, a mulher perguntou: “O senhor é Joabe?”. “Sim, sou eu”, respondeu ele. Então ela disse: “Ouça sua serva com atenção”. “Estou ouvindo”, disse ele.
18 Isheenis itti fuftee akkana jette; “Bara durii namoonni, ‘Gara Abeel dhaqaa gorsa gaafadhaa’ jedhu ture; akkasiinis dubbiin ni dhuma ture.
18 A mulher continuou: “Antigamente era costume dizer: ‘Se precisar resolver um desentendimento, peça conselho na cidade de Abel’.
19 Ani warra Israaʼel keessa nagaa fi amanamummaan jiraatan keessaa tokkoo dha. Ati magaalaa Israaʼel keessatti haadha taate tokko balleessuuf yaadaa jirta. Ati maaliif dhaala Waaqayyoo liqimsuu barbaadda?”
19 Somos pacíficos e fiéis em Israel, mas o senhor está prestes a destruir uma cidade importante de nossa terra. Por que deseja destruir aquilo que pertence ao S enhor ?”.
20 Yooʼaab immoo akkana jedhee deebise; “Wanni kun narraa haa fagaatu! Magaalattii balleessuun yookaan liqimsuun narraa haa fagaatu!
20 “De maneira nenhuma!”, respondeu Joabe. “Não quero arruinar nem destruir sua cidade.
21 Wanni kun akkana miti. Namichi Shebaa jedhamu ilmi Biikrii kan biyya gaaraa Efreem sun mootiitti, Daawititti harka isaa ol fudhateera. Namicha tokkicha kana dabarsaa kennaa; anis magaalaa kana gad dhiisee nan baʼa.”
21 Não é essa a minha intenção. Quero apenas capturar um homem chamado Seba, filho de Bicri, da região montanhosa de Efraim, que se rebelou contra o rei Davi. Se vocês o entregarem para mim, deixarei a cidade em paz.” “Está bem”, respondeu a mulher. “Jogaremos a cabeça dele para você por cima do muro.”
22 Ergasii dubartiin sun gorsa ishee kan ogummaan guutame sanaan namoota hunda bira dhaqxe; isaanis mataa Shebaa ilma Biikrii sanaa kutanii Yooʼaabiif gad darbatan. Kanaafuu inni malakata afuufe; namoonni isaa magaalattii dhiisanii tokkoon tokkoon namaa mana ofii isaatti gale. Yooʼaab immoo gara Yerusaalem mooticha biratti deebiʼe.
22 Então a mulher levou o seu bom conselho até o povo. Eles cortaram a cabeça de Seba e a jogaram para Joabe. Ele tocou a trombeta, e seus soldados se retiraram da cidade. Todos voltaram para suas casas, e Joabe voltou para o rei, em Jerusalém.
23 Yooʼaab loltoota Israaʼel hunda irratti,
23 Joabe era o comandante de todo o exército de Israel. Benaia, filho de Joiada, era o comandante da guarda pessoal do rei.
24 Adooraam namoota hojii humnaa hojjetan irratti muudame;
24 Adonirão era encarregado daqueles que realizavam trabalhos forçados. Josafá, filho de Ailude, era o historiador do reino.
25 Shewwaan barreessaa,
25 Seva era o secretário da corte. Zadoque e Abiatar eram os sacerdotes.
26 akkasumas Iiraas namichi gosa Yaaʼiri sun luba Daawit ture.
26 E Ira, descendente de Jair, servia Davi como sacerdote.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.