2 Samuel 19

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Yooʼaabittis, “Daawit mootichi Abesaaloomiif booʼuu fi gadduutti jira” jedhamee himame.
1 E foram dizer a Joab: Eis que o rei chora e se lamenta por causa de Absalão.
2 Sababii guutummaan loltootaa oduu, “Mootichi ilma isaatiif gaddaa jira” jedhu dhagaʼeef moʼichi gaafa sanaa gaddatti geeddarame.
2 E a vitória se transformou em luto naquele dia para todo o exército, porque o povo ouvira dizer que o rei estava acabrunhado de dor por causa de seu filho.
3 Gaafa sana sabni hundis akkuma loltoota moʼatamanii qaanaʼuudhaan baqatanii magaalaa seenaniitti qaanaʼee magaalaa seene.
3 Por isso, o exército entrou na cidade em silêncio, como faria um exército coberto de vergonha por ter fugido ao combate.
4 Mootichis fuula isaa haguuggatee, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma koo!” jedhee sagalee ol fudhatee booʼe.
4 Entretanto o rei, cobrindo a cabeça, dizia em alta voz: Meu filho Absalão! Absalão, meu filho, meu filho!
5 Yooʼaab gara mootichaa mana ol seenee akkana jedhe; “Ati harʼa fuula namoota kee kanneen lubbuu kee, lubbuu ilmaan keetiitii fi intallan keetii, lubbuu niitota keetiitii fi saajjatoowwan keetii oolchan sana hundaa qaaniidhaan haguugdeerta.
5 Veio então Joab à casa do rei, e disse-lhe: Tu cobres hoje de confusão a face de todos os teus servos que salvaram a tua vida, a vida de teus filhos e filhas, de tuas mulheres e concubinas.
6 Ati warra si jibban jaallattee warra si jaallatan immoo jibbiteerta. Ati akka ajajjoota loltoota keetiitii fi namoota isaanii wayittuu hin hedne harʼa mirkaneessiteerta. Harʼa utuu hundi keenya duunee Abesaaloom jiraatee ati akka gammaddu ani nan arga.
6 Tu amas os que te odeiam e odeias os que te amam, e mostras que os teus chefes e teus servos nada valem para ti. Estou vendo que te darias por satisfeito, se Absalão vivesse e nós fôssemos todos mortos!
7 Amma gad baʼiitii namoota kee jajjabeessi. Yoo ati gad baʼuu baatte akka edana namni tokko iyyuu si biratti hin hafne ani maqaa Waaqayyootiin nan kakadha. Kun immoo rakkina ati ijoollummaa keetii jalqabdee hamma ammaatti keessa dabarte hunda caalaa hammaata.”
7 Vamos: sai e dirige aos teus servos palavras de reconforto, pois juro-te por Deus que, se não o fizeres, não ficará contigo esta noite homem algum. E isso seria para ti uma desgraça maior do que todas que vieram sobre ti desde a tua juventude!
8 Kanaafuu mootichi kaʼee karra dura taaʼe. Namoonni hundinuus yommuu, “Mootichi karra dura taaʼee jira” jedhamee itti himametti isa bira dhufan.
8 Então levantou-se o rei e foi sentar-se à porta. Foi avisado a todo o exército: Eis que o rei está sentado à porta. E todo o exército veio apresentar-se a ele. Os israelitas tinham fugido cada qual para a sua casa.
9 Guutummaa gosoota Israaʼel keessatti namoonni hundinuu akkana jedhanii wal falmaa turan; “Mootichi harka diinota keenyaa jalaa nu baaseera; namni harka Filisxeemotaa jalaa nu baases isuma. Amma garuu inni sababii Abesaaloomiitiif biyyaa baqateera;
9 Em todas as tribos se discutia, dizendo: O rei que nos salvara das mãos de nossos inimigos e da mão dos filisteus, agora teve de fugir da terra diante de Absalão.
10 Abesaaloom inni nu akka inni bulchaa keenya taʼuuf jennee dibne sun immoo lola irratti duʼeera. Kanaafuu waaʼee mooticha as deebisuu irratti isin maaliif waan tokko hin mariʼanne?”
10 Ora, Absalão, a quem tínhamos sagrado rei sobre nós, morreu no combate. Por que tardais em fazer voltar o rei?
11 Daawit mootichis akkana jedhee ergaa kana Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti erge; “Akkana jedhaatii maanguddoota Yihuudaa gaafadhaa; ‘Wanni guutummaa Israaʼel keessatti odeeffamaa jiru gurra mootichaa qaqqabeeraatii isin maaliif mooticha mana mootummaa isaatti deebisuu irratti duubatti haftani?
11 O rei Davi mandou aos sacerdotes Sadoc e Abiatar a seguinte mensagem: Eis o que direis aos anciãos de Judá: Por que seríeis vós os últimos a reconduzir o rei para a sua casa? E chegou aos ouvidos do rei o que se dizia em todo o Israel.
12 Isin obboloota koo, foon kootii fi dhiiga koo ti; yoos mooticha fiduu irratti maaliif duubatti harkifattan ree?’
12 Vós sois meus irmãos, meus ossos e minha carne. Por que seríeis vós os últimos a reconduzir o rei?
13 Amaasaanis, ‘Ati foonii fi dhiiga koo mitii? Yoo ani ammaa jalqabee iddoo Yooʼaab ajajaa loltoota koo si gochuu baadhe, Waaqni waan hamaa natti haa fidu; waan caalu illee natti haa fidu.’ ”
13 Direis em seguida a Amasa: Tu és meu osso e minha carne. Que Deus me trate com todo o rigor, se eu não te tornar para sempre o meu general em lugar de Joab.
14 Mootichis akkuma garaa nama tokkootti garaa namoota Yihuudaa hundaa boojiʼe. Isaanis, “Namoota kee hunda wajjin deebiʼi” jedhanii mootichatti ergan.
14 Todos os homens de Judá sentiram unanimemente o seu coração voltar-se para o rei, e mandaram-lhe dizer: Volta com todos os teus!
15 Mootichis biyyatti deebiʼee hamma Yordaanositti dhufe.
15 O rei voltou. Chegando ao Jordão, eis que todo o Judá tinha acorrido a Gálgala para ir-lhe ao encontro e fazê-lo passar o Jordão.
16 Shimeʼiin namichi Bahuuriim ilmi Geeraa kan gosa Beniyaam sunis mooticha simachuuf namoota Yihuudaa wajjin dafee gad buʼe.
16 Semei, filho de Gera, o benjaminita de Baurim, com seus quinze filhos e os vinte servos, apressou-se a vir ao encontro do rei Davi.
17 Isa wajjinis Beniyaamota kuma tokko akkasumas Ziibaa tajaajilaa maatii Saaʼol, ilmaan isaa kudha shananii fi hojjettoota isaa digdamatu ture. Isaanis mooticha dursanii Yordaanosin ceʼan.
17 Levava consigo mil homens de Benjamim, assim como Siba, servo da família de Saul, com seus quinze filhos e vinte servos. E correram rumo ao Jordão antes do rei,
18 Isaanis maatii mootichaa simachuu fi waan inni barbaadu isaaf gochuuf malkaa ceʼan.
18 e dispuseram tudo para fazer passar a família do rei e prestar-lhe todos os serviços que desejassem. Semei, filho de Gera, atirou-se aos pés do rei no momento em que ele ia passar o Jordão
19 akkana isaan jedhe; “Gooftaan koo balleessaa natti hin herregin. Balleessaa garbichi kee yeroo ati gooftaan koo mootichi Yerusaalemii baatetti hojjete garaatti hin qabatin. Mootichi waan sana yaada isaa keessaa haa baasu.
19 e disse-lhe: Que o meu senhor não me impute culpa, nem guarde em seu coração a lembrança do crime que cometeu o teu servo no dia em que o rei, meu senhor, deixou Jerusalém.
20 Ani garbichi kee cubbuu hojjechuu koo beekaatii; harʼa garuu ani mana Yoosef hunda keessaa gooftaa koo mooticha simachuuf nama jalqabaa taʼee dhufeera.”
20 Teu servo reconhece o seu pecado, e por isso vim hoje, o primeiro de toda a casa de José, ao encontro do rei, meu senhor!
21 Abiishaayi ilmi Zeruuyaas, “Shimeʼiin sababii nama Waaqayyo dibe abaareef amma duʼuun isaaf hin maluu?” jedhe.
21 Abisai, filho de Sarvia, tomou a palavra: Não se deverá antes matar Semei, por ter amaldiçoado o ungido do Senhor?
22 Daawit immoo deebisee, “Yaa ilmaan Zeruuyaa anii fi isin maal wal irraa qabna? Isin yeroo ammaa diinota natti taataniirtu! Harʼa namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti ajjeefamuu qabaa? Ani guyyaa harʼaa Israaʼel irratti mootii taʼuu koo hin beekuu?” jedhe.
22 Que eu tenho convosco, ó filhos de Sarvia, respondeu Davi; para que vos comporteis no dia de hoje como meus inimigos? Porventura um só israelita há de ser morto num dia como o de hoje? Ignoro acaso que sou agora rei de Israel?
23 Kanaafuu mootichi Shimeʼiidhaan, “Ati duʼuu hin qabdu” jedhe. Kanas kakaadhaan mirkaneesseef.
23 E disse a Semei: Não morrerás! E prometeu-lho com juramento.
24 Mefiibooshet akaakayyuun Saaʼolis mooticha simachuuf gad buʼe. Inni gaafa mootichi Yerusaalemii baʼee jalqabee hamma mootichi deebiʼutti miilla isaatiif eegumsa barbaachisaa hin goone yookaan areeda hin haaddanne yookaan uffata isaa hin miiccanne ture.
24 Mifiboset, filho de Saul, desceu também ao encontro do rei. Não tinha lavado os pés nem as mãos, nem feito a barba, nem lavado as suas vestes, desde o dia em que o rei partira até o dia em que ele voltou em paz.
25 Yeroo inni mooticha simachuuf Yerusaalemii dhufettis mootichi, “Mefiibooshet, ati maaliif na wajjin hin deemne?” jedhee isa gaafate.
25 Quando, pois, chegou de Jerusalém vindo ao encontro do rei, Davi disse-lhe: Por que não partiste comigo, Mifiboset?
26 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo mooticha, ani garbichi kee waanan naafa taʼeef, ‘Akka ani yaabbadhee mooticha faana deemuu dandaʼuuf harreen koo naaf haa feʼamu’ jedheen ture. Ziibaan tajaajilaan koo garuu na gowwoomse.
26 Meu senhor e rei, respondeu ele, o meu criado enganou-me. Pois eu, teu servo, dissera-lhe que me selasse a jumenta para que eu a montasse e partisse com o rei, porque o teu servo é paralítico.
27 Inni gooftaa koo mooticha durattis garbicha kee maqaa balleesseera; gooftaan koo mootichi akkuma ergamaa Waaqayyoo ti; kanaafuu waan barbaadde hunda godhi.
27 Ele, porém, caluniou-me junto do rei, meu senhor. Mas o rei, meu senhor, é como um anjo de Deus; faze o que te parecer bom.
28 Silaa wanni maatiin abbaa kootii hundinuu mooticha irraa argachuu malan duʼa qofa ture. Ati garuu ana garbicha kee warra maaddii kee irraa nyaatan wajjin teessifte. Kana caalaa wanni ani akka naa godhamuuf mooticha gaafachuuf mirga qabu maalii?”
28 Toda a família de meu pai merecia a morte, diante do meu senhor e rei e, no entanto, admitiste o teu servo entre os que comem à tua mesa. Com que direito posso eu ainda suplicar ao rei?
29 Mootichis, “Maaliif dubbii dheeressita? Ani akka atii fi Ziibaan lafa hunda gargar qooddattan ajajeera” jedheen.
29 Para que tantas palavras?, respondeu o rei. Eu declaro que tu e Siba repartireis os bens.
30 Mefiibooshet immoo mootichaan, “Amma erga gooftaan koo mootichi nagaan deebiʼee inni waan hunda haa fudhatu” jedhe.
30 Ele pode até mesmo ficar com tudo, replicou Mifiboset, uma vez que o rei, meu senhor, voltou em paz para a sua casa.
31 Namichi gosa Giliʼaad kan Barzilaay jedhamu tokkos Rogeliimii gad buʼe; innis mooticha geggeessuuf isa wajjin Yordaanos ceʼe.
31 Berzelai, o galaadita, desceu de Rogelim e acompanhou o rei, escoltando-o até o Jordão.
32 Barzilaayiin jaarsa dulloomaa waggaa saddeettama ture. Innis waan nama sooressa tureef yeroo mootichi Mahanayiim jiraatetti waan inni nyaatu dhiʼeessaafii ture.
32 Era já muito velho, com oitenta anos. Sendo muito rico, abastecera o rei durante todo o tempo que esteve em Maanaim.
33 Mootichis Barzilaayiin, “Gamatti na wajjin ceʼiitii na wajjin Yerusaalem jiraadhu; anis sin sooraa” jedhe.
33 O rei disse-lhe: Vem comigo, e te sustentarei junto de mim em Jerusalém!
34 Barzilaayiin garuu mootichaan akkana jedhe; “Ani siʼachi waggaa hammam jiraachuufan mooticha wajjin Yerusaalem dhaqa?
34 Mas Berzelai disse ao rei: Quantos anos viverei ainda, para que suba com o rei a Jerusalém?
35 Ani yeroo ammaa waggaa saddeettama guuteera. Ani waan gaarii fi waan hamaa addaan baasuu nan dandaʼaa? Garbichi kee miʼaa nyaataa fi dhugaatii beekaa? Ammas sagalee dhiirotaatii fi dubartoota sirbanii dhagaʼuu dandaʼaa? Yoos garbichi kee maaliif gooftaa koo mootichatti baʼaa dabalamaa taʼa ree?
35 Tenho agora oitenta anos, e já não distingo entre o bom e o que não o é. Já não posso saborear o que como e o que bebo, e não ouço mais a voz dos cantores e cantoras. Por que iria o teu servo servir de peso ao rei, meu senhor?
36 Garbichi kee mooticha wajjin Yordaanos ceʼee xinnoo ishee ni deema; mootichi garuu maaliif haala kanaan galata naaf deebisa?
36 Teu servo só andou um pedaço de caminho com o rei, e por que lhe haveria o rei de dar semelhante recompensa?
37 Akka ani yoon duʼe magaaluma kootti awwaala abbaa fi haadha koo biratti awwaalamuuf garbicha kee dhiisi haa deebiʼu. Garbichi kee Kimhaam garuu kunoo ti. Inni gooftaa koo mooticha wajjin haa ceʼu. Atis waan jaallattu kam iyyuu isaaf godhi.”
37 Deixa que teu servo volte, para morrer em minha cidade, junto ao túmulo de meu pai e de minha mãe. Eis, porém, o teu servo Camaão; ele irá com o rei, meu senhor: faze dele o que te parecer melhor.
38 Mootichis, “Kimhaam na wajjin ni ceʼa; anis waan ati jaallattu kam iyyuu isaaf nan godha; waan ati narraa barbaaddu kam iyyuus siif nan godha” jedhe.
38 Que ele venha comigo, respondeu o rei; far-lhe-ei tudo o que te agradar; e a ti também, conceder-te-ei tudo o que desejares de mim.
39 Akkasiin namoonni hundinuu Yordaanosin ceʼan; mootichis ni ceʼe. Mootichis Barzilaayii dhungatee eebbise; Barzilaayiinis gara mana isaatti deebiʼe.
39 Todos passaram o Jordão diante do rei que permaneceu de pé. Davi beijou Berzelai, abençoou-o, e Berzelai voltou para a sua casa.
40 Yommuu mootichi gara Gilgaalitti darbetti Kimhaam isa wajjin deeme. Loltoonni Yihuudaa hundinuu fi walakkaan loltoota Israaʼel mooticha ceesisan.
40 O rei chegou a Gálgala, e Camaão passou com ele. Todo o povo de Judá e a metade do povo de Israel acompanharam o rei.
41 Yommuu suma namoonni Israaʼel hundinuu gara mootichaa dhufanii, “Obboloonni keenya warri Yihuudaa maaliif nu dhoksanii mootichaa fi maatii isaa, duukaa buutota isa wajjin Yordaanosin ceesisanii fidani?” jedhaniin.
41 E eis que todos os homens de Israel vieram ter com o rei, dizendo-lhe: Por que te tomaram os nossos irmãos, os filhos de Judá, fazendo-te passar o Jordão com toda a tua família, quando são todos os homens de Davi que formam o teu povo?
42 Namoonni Yihuudaa hundis deebisanii namoota Israaʼeliin, “Nu waan mootichi fira dhiigaa nuuf taʼeef waan kana goone. Isin waaʼee waan kanaa maaliif aartu? Nu waan mootichaa keessaa tokko illee nyaanneerraa? Waan tokko illees ofii keenyaaf fudhanneerraa?” jedhan.
42 Então responderam os filhos de Judá aos israelitas: É que o rei nos é mais próximo. Por que vos irritais com isso? Acaso temos comido algo do rei, ou tirado para. nós algum proveito?
43 Kana irratti namoonni Israaʼel namoota Yihuudaatiin, “Nu mooticha irraa qooda harka kudhan qabna; kana malees nu isin caalaa Daawit irraa mirga qabna. Yoos isin maaliif akkas nu tuffattu ree? Akka mootiin keenya nuuf deebiʼuuf kan duraan dursinee gaafanne nu mitii?” jedhanii deebisan.
43 Mas os homens de Israel responderam aos de Judá: Temos dez partes no rei, além disso somos vossos irmãos mais velhos. Por que nos desprezastes? Não fomos nós os primeiros a tomar a palavra e a mandar chamar o nosso rei? Os homens de Judá falaram mais duramente ainda que os de Israel.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 19, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.