2 Samuel 18
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA
1 Daawit namoota isa wajjin turan lakkaaʼee ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa muudeef.
1 Contou Davi o povo que tinha consigo e pôs sobre eles capitães de mil e capitães de cem.
2 Daawitis harka sadii keessaa harka tokko ajaja Yooʼaab jalatti, harka tokko ajaja Abiishaayi obboleessa Yooʼaab ilma Zeruuyaa jalatti, harka tokko immoo ajaja Itaayii namicha Gitii jalatti hiriirsee bobbaase. Mootichis loltootaan, “Ani mataan koo dhugumaan isin wajjin nan baʼa” jedhe.
2 Davi enviou o povo: um terço sob o comando de Joabe, outro terço sob o de Abisai, filho de Zeruia e irmão de Joabe, e o outro terço sob o de Itai, o geteu. Disse o rei ao povo: Eu também sairei convosco.
3 Namoonni garuu akkana jedhaniin; “Ati deemuu hin qabdu; yoo nu baqachuuf dirqamne isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; yoo walakkaan keenyas dhumne isaaniif homaa miti; ati garuu nama akka keenyaa kuma kudhan caalta. Kanaafuu ati yoo magaalaa keessa turtee nu gargaarte wayya.”
3 Respondeu, porém, o povo: Não sairás, porque, se formos obrigados a fugir, não se importarão conosco, nem ainda que metade de nós morra, pois tu vales por dez mil de nós. Melhor será que da cidade nos prestes socorro.
4 Mootichis, “Ani waan gaarii isinitti fakkaate kam iyyuu nan godha” jedhee deebise.
4 Tornou-lhes Davi: O que vos agradar, isso farei. Pôs-se o rei ao lado da porta, e todo o povo saiu a centenas e a milhares.
5 Mootichis Yooʼaab, Abiishaayii fi Itaayiin, “Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessichaaf garaa laafaa” jedhee ajaje. Loltoonni hundinuus ajaja Daawit waaʼee Abesaaloom ajajjootaaf kenne dhagaʼan.
5 Deu ordem o rei a Joabe, a Abisai e a Itai, dizendo: Tratai com brandura o jovem Absalão, por amor de mim. Todo o povo ouviu quando o rei dava a ordem a todos os capitães acerca de Absalão.
6 Loltoonnis Israaʼelin waraanuuf dirree waraanaatti baʼan; lollis bosona Efreem keessatti kaʼe.
6 Saiu, pois, o povo ao campo, a encontrar-se com Israel, e deu-se a batalha no bosque de Efraim.
7 Achittis loltoonni Israaʼel loltoota Daawitiin dhaʼaman; hubaatiin gaafasiis akka malee guddaa ture; namoota kuma digdamatu dhume.
7 Ali, foi o povo de Israel batido diante dos servos de Davi; e, naquele mesmo dia, houve ali grande derrota, com a perda de vinte mil homens.
8 Lolli sunis guutummaa baadiyyaatti babalʼate; namoota goraadeen fixe caalaa kan bosonni liqimsee hambisetu baayʼata.
8 Porque aí se estendeu a batalha por toda aquela região; e o bosque, naquele dia, consumiu mais gente do que a espada.
9 Abesaaloom yeroo kanatti akka tasaa namoota Daawititti dhufe. Innis gaangoo isaa yaabbatee deemaa ture; utuma gaangoon isaa dameelee gobbuu qilxuu guddaa tokkoo jala darbaa jirtuu mataan Abesaaloom muka keessatti qabame. Innis qilleensa irratti rarraʼee hafe; gaangoon inni yaabbatee ture sun garuu deemsa ishee ittuma fufte.
9 Indo Absalão montado no seu mulo, encontrou-se com os homens de Davi; entrando o mulo debaixo dos ramos espessos de um carvalho, Absalão, preso nele pela cabeça, ficou pendurado entre o céu e a terra; e o mulo, que ele montava, passou adiante.
10 Namichi tokko yommuu waan kana argetti, “Ani akka Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee jiru ammuma argeera” jedhee Yooʼaabitti hime.
10 Vendo isto um homem, fez saber a Joabe e disse: Vi Absalão pendurado num carvalho.
11 Yooʼaabis namicha waan kana isatti himeen, “Maal jetta! Ati isa argiteertaa? Maaliif achumatti rukuttee lafaan isa dhaʼuu dhiifte? Silaa ani meetii saqilii kudhanii fi sabbata jagnummaa sin badhaasa turee” jedhe.
11 Então, disse Joabe ao homem que lho fizera saber: Viste-o! Por que logo não o feriste ali, derrubando-o por terra? E forçoso me seria dar-te dez moedas de prata e um cinto.
12 Namichi sun garuu, akkana jedhee deebise; “Utuu saqiliin kuma tokko harka kootti naaf safaramee iyyuu ani ilma mootiitti harka koo ol hin fudhadhu. Mootichi utuu nu dhageenyuu siʼi, Abiishaayii fi Itaayiin, ‘Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessicha eegaa’ jedhee ajajeera.
12 Disse, porém, o homem a Joabe: Ainda que me pesassem nas mãos mil moedas de prata, não estenderia a mão contra o filho do rei, pois bem ouvimos que o rei te deu ordem a ti, a Abisai e a Itai, dizendo: Guardai-me o jovem Absalão.
13 Karaa biraa immoo utuu ani kutadhee lubbuu isaa balleessee, sababii wanti mooticha duraa dhokatu tokko iyyuu hin jirreef ati mataan kee iyyuu natti hin dhiʼaattu ture.”
13 Se eu tivesse procedido traiçoeiramente contra a vida dele, nada disso se esconderia ao rei, e tu mesmo te oporias.
14 Yooʼaabis, “Kana booddee ani haala kanaan si wajjin yeroo balleessuu hin qabu” jedhe. Kanaafuu ankaasee sadii harkatti qabatee utuma Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee lubbuun jiruu garaa isaatti dire.
14 Então, disse Joabe: Não devo perder tempo, assim, contigo. Tomou três dardos e traspassou com eles o coração de Absalão, estando ele ainda vivo no meio do carvalho.
15 Warri Yooʼaabiif miʼa lolaa baatan kurnanis itti naannaʼanii Abesaaloomin dhaʼanii ajjeesan.
15 Cercaram-no dez jovens, que levavam as armas de Joabe, e feriram a Absalão, e o mataram.
16 Kana irratti Yooʼaab malakata afuufe; loltoonnis sababii inni isaan dhowweef Israaʼelin ariʼuu ni dhiisan.
16 Então, tocou Joabe a trombeta, e o povo voltou de perseguir a Israel, porque Joabe deteve o povo.
17 Isaanis reeffa Abesaaloom fuudhanii bosona keessatti boolla guddaa tokkotti darbatanii dhagaa gurguddaa isa irra tuulan. Yeroo kanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatan.
17 Levaram Absalão, e o lançaram no bosque, numa grande cova, e levantaram sobre ele mui grande montão de pedras; todo o Israel fugiu, cada um para a sua casa.
18 Abesaaloom yeroo lubbuun turetti, “Ani ilma maqaa koo waamsisu hin qabu” jedhee iddoo Sulula Mootii jedhamutti yaadannoo ofiitiif soodduu dhaabbate. Soodduu sanas maqaa ofii isaatiin moggaase. Hamma harʼaatti illee soodduun sun Soodduu Abesaaloom jedhamee waamama.
18 Ora, Absalão, quando ainda vivia, levantara para si uma coluna, que está no vale do Rei, porque dizia: Filho nenhum tenho para conservar a memória do meu nome; e deu o seu próprio nome à coluna; pelo que até hoje se chama o Monumento de Absalão.
19 Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq, “Ani dhaqee akka Waaqayyo harka diinota isaa jalaa isa baase mootichatti nan hima” jedhe.
19 Então, disse Aimaás, filho de Zadoque: Deixa-me correr e dar notícia ao rei de que já o Senhor o vingou do poder de seus inimigos.
20 Yooʼaab immoo, “Namni harʼa dhaqee himu siʼii miti; sababii ilmi mootichaa duʼeef ati yeroo biraa dhaqxee itti himta; garuu harʼa waan kana gochuu hin qabdu” jedheen.
20 Mas Joabe lhe disse: Tu não serás, hoje, o portador de novas, porém outro dia o serás; hoje, não darás a nova, porque é morto o filho do rei.
21 Ergasiis Yooʼaab Kuushiidhaan, “Dhaqiitii waan argite mootichatti himi” jedhe. Kuushiinis fuula Yooʼaab duratti gad jedhee harka fuudhee fiigaa qajeele.
21 Disse Joabe ao etíope: Vai tu e dize ao rei o que viste. Inclinou-se a Joabe e correu.
22 Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq ammas Yooʼaabiin, “Wanni fedhe haa dhufu; maaloo anis Kuushii faana nan fiiga” jedhe.
22 Prosseguiu Aimaás, filho de Zadoque, e disse a Joabe: Seja o que for, deixa-me também correr após o etíope. Disse Joabe: Para que, agora, correrias tu, meu filho, pois não terás recompensa das novas?
23 Inni immoo, “Wanni fedhe haa dhufu; ani fiiguu nan barbaada” jedhe.
23 Seja o que for, tornou Aimaás, correrei. Então, Joabe lhe disse: Corre. Aimaás correu pelo caminho da planície e passou o etíope.
24 Adoo Daawit karra alaatii fi kan keessaa gidduu taaʼee jiruu eegduun karaa dhaaba gubbaa manaatiin karaatti ol baʼe. Innis achi ilaalee nama kophaa isaa fiigu tokko arge.
24 Davi estava assentado entre as duas portas da entrada; subiu a sentinela ao terraço da porta sobre o muro e, levantando os olhos, viu que um homem chegava correndo só.
25 Eegduun sunis mooticha waamee waan kana itti hime.
25 Gritou, pois, a sentinela e o disse ao rei. O rei respondeu: Se vem só, traz boas notícias. E vinha andando e chegando.
26 Ergasiis eegduun sun utuu namni biraa fiiguu argee eegduu karraa waamee, “Kunoo namni biraa tokko kophaa isaa fiigaa jira!” jedheen.
26 Viu a sentinela outro homem que corria; então, gritou para a porta e disse: Eis que vem outro homem correndo só. Então, disse o rei: Também este traz boas-novas.
27 Eegduun sunis, “Inni jalqabaa waan akka Ahiimaʼaz ilma Zaadoqitti fiigu natti fakkaata” jedhe.
27 Disse mais a sentinela: Vejo o correr do primeiro; parece ser o correr de Aimaás, filho de Zadoque. Então, disse o rei: Este homem é de bem e trará boas-novas.
28 Ahiimaʼaz mooticha waamee, “Wanni hundinuu gaarii dha” jedhe; fuula mootichaa durattis addaan lafatti gombifamee, “Waaqayyo Waaqni kee galata haa argatu; inni warra gooftaa koo mootichatti harka isaanii ol fudhatan dabarsee kenneeraatii” jedhe.
28 Gritou Aimaás e disse ao rei: Paz! Inclinou-se ao rei, com o rosto em terra, e disse: Bendito seja o Senhor , teu Deus, que nos entregou os homens que levantaram a mão contra o rei, meu senhor.
29 Mootichi immoo, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate.
29 Então, perguntou o rei: Vai bem o jovem Absalão? Respondeu Aimaás: Vi um grande alvoroço, quando Joabe mandou o teu servo, ó rei, porém não sei o que era.
30 Mootichis, “As hiiqii dhaabadhu” jedhe. Kanaafuu inni achi hiiqee dhaabate.
30 Disse o rei: Põe-te ao lado e espera aqui. Ele se pôs e esperou.
31 Ergasiis Kuushiin dhufee, “Gooftaa koo yaa mootii, oduu gammachiisaa dhagaʼi! Waaqayyo harʼa warra sitti kaʼan hunda jalaa si baaseera” jedhe.
31 Chegou o etíope e disse: Boas-novas ao rei, meu senhor. Hoje, o Senhor te vingou do poder de todos os que se levantaram contra ti.
32 Mootichis Kuushiidhaan, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate.
32 Então, disse o rei ao etíope: Vai bem o jovem Absalão? Respondeu o etíope: Sejam como aquele os inimigos do rei, meu senhor, e todos os que se levantam contra ti para o mal.
33 Mootichi ni hollate. Kutaa manaa kan karra duraa gubbaattis ol baʼee booʼe. Yommuu ol baʼuttis, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Ilma ko, ilma koo Abesaaloom! Utuu qooda kee ani duʼee jiraadhee; yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma ko!” jedhe.
33 Então, o rei, profundamente comovido, subiu à sala que estava por cima da porta e chorou; e, andando, dizia: Meu filho Absalão, meu filho, meu filho Absalão! Quem me dera que eu morrera por ti, Absalão, meu filho, meu filho!
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 18, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.