2 Samuel 17

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ahiitofelis Abesaaloomiin akkana jedhe; “Ani namoota kuma kudha lama filadhee halkanuma kana Daawitin nan ariʼa.
1 Aquitofel disse a Absalão: Deixa-me escolher doze mil homens, e irei ainda esta noite perseguir Davi.
2 Anis yeroo inni dadhabee laafutti isa nan dhaʼa. Sodaa itti buusee akka namoonni isa wajjin jiran hundis baqatan nan godha. Ani mooticha qofa dhaʼee
2 Assaltá-lo-ei no momento em que estiver extenuado de fadiga: provocarei pânico, e todos os que estão com ele fugirão. O rei ficará sozinho, e então o ferirei;
3 namoota isaa hundas deebisee sittin fida. Duuti namicha ati barbaaddu sanaa deebiʼuu nama hundaa ti jechuu dha; ergasii namoonni hundinuu nagaan jiraatu.”
3 e te reconduzirei todo o povo, assim como a esposa volta para o seu esposo. É só a um homem que procuras, e todo o povo estará em paz.
4 Karoorri kunis Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel hundatti waan gaarii fakkaate.
4 Esse conselho agradou a Absalão e a todos os anciãos de Israel.
5 Abesaaloom garuu, “Mee Huushaayi namicha gosa Arkii sanas waamaatii waan inni jedhu haa dhageenyu” jedhe.
5 No entanto, Absalão disse: Chamai Cusai, o araquita, e ouçamos também o que ele diz.
6 Abesaaloom yeroo Huushaayi isa bira dhufetti, “Ahiitofel gorsa kana nuu kenneera. Waan inni jedhe kana haa goonuu? Yoo taʼuu baate immoo yaada kee nuu kenni” jedheen.
6 Chegando Cusai, Absalão disse-lhe: Eis o que propôs Aquitofel. Faremos o que ele disse? Se não, fala por tua vez!
7 Huushaayis deebisee Abesaaloomiin akkana jedhe; “Gorsi Ahiitofel kenne yeroo kanatti gaarii miti.
7 Desta vez, respondeu Cusai, o conselho de Aquitofel não é bom.
8 Ati abbaa keetii fi namoota isaa ni beekta; isaan loltootaa fi warra akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamteetti nama sodaachisanii dha. Kana irratti abbaan kee muuxannoo waraanaa guddaa qaba; inni halkan halkan loltoota bira hin bulu.
8 Tu sabes, ajuntou ele, que teu pai e seus homens são valentes, e estão furiosos como a ursa a quem roubaram a cria na estepe. Teu pai é um guerreiro: ele não passará a noite com o exército.
9 Amma illee inni holqa keessa yookaan lafa biraa dhokatee jira taʼa. Yoo inni duraan dursee loltoota kee dhaʼe, namni waaʼee kanaa dhagaʼu kam iyyuu, ‘Loltoonni Abesaaloom duuka buʼan ni dhuman’ jedhee odeessa.
9 Ele deve estar agora escondido em alguma gruta ou em qualquer outro lugar. E se vierem a cair desde o começo alguns do nosso exército, isso será publicado e dir-se-á: Houve uma derrota no partido de Absalão.
10 Ergasii immoo sababii Israaʼeloonni hundinuu akka abbaan kee nama waraanaa taʼee fi akka warri isa wajjin jiranis jajjaboo taʼan beekaniif loltoonni ciccimoon warri onneen isaanii akka onnee leencaa taʼe sodaadhaan dhuman.
10 Então mesmo o mais valente desanimaria, ainda que tivesse um coração de leão, pois todo o Israel sabe que o teu pai é um herói, e que está acompanhado de homens valentes.
11 “Egaa wanni ani si gorsu kana: Israaʼeloonni lakkoobsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu kanneen Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi si biratti walitti haa qabamaniitii ati isaan dura buʼii lolatti seeni.
11 Eis o meu conselho: Que se mobilize todo o Israel, desde Dã até Bersabéia, e se reúnam junto de ti tão numerosos como os grãos de areia na praia do mar, indo tu mesmo no meio deles.
12 Akkasiin lafa inni jirutti isa dhoofna; akkuma Fixeensi ganamaa lafa irra buʼuttis isa irra buuna. Innis taʼu namoonni isaa tokko iyyuu lubbuun hin hafan.
12 Atingi-lo-emos em qualquer lugar onde esteja, caindo contra ele como o orvalho cai sobre a terra, e não deixaremos vivos nem ele nem homem algum dos que estão com ele.
13 Yoo inni gara magaalaa sanaatti baqates, Israaʼeloonni hundinuu funyoo fidanii hamma dhagaan xinnaan tokko hin hafnetti magaalaa sana gara sululaatti harkifna.”
13 Se se refugiar nalguma cidade, todo o Israel trará cordas a essa cidade, e a arrastaremos até a torrente, de maneira que não fique dela uma só pedra!
14 Abesaaloomii fi Israaʼeloonni hundinuu, “Gorsa Ahiitofel caalaa gorsa Huushaayi namicha gosa Arkii sanaatu wayya” jedhan. Waaqayyo Abesaaloomitti badiisa fiduuf jedhee gorsa Ahiitofel gaarii sana faayidaa dhabsiiseeraatii.
14 Absalão e todos os israelitas acharam o conselho de Cusai melhor que o de Aquitofel. O Senhor decidira frustrar o bom conselho de Aquitofel, a fim de trazer a desgraça sobre Absalão.
15 Huushaayiis akkana jedhee Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti hime; “Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel gorsee ture; ani garuu, ‘Akkanaa fi akkana godhaa’ jedheen isaan gorse.
15 Cusai disse aos sacerdotes Sadoc e Abiatar: Aquitofel aconselhou a Absalão e aos anciãos de Israel desse e desse modo; eu, porém, aconselhei-lhe assim e assim.
16 Amma gara Daawititti ergamoota ergaatii, ‘Ati halkan kana holqawwan gammoojjii keessa hin bulin; utuu hin turin ceʼii deemi; yoo kanaa achii mootichii fi namoonni isa wajjin jiran hundinuu ni liqimfamtu’ jedhaa itti himaa.”
16 Mandai, pois, imediatamente a Davi esta mensagem: Não fiques esta noite nas planícies do deserto, mas atravessa-o sem demora, não suceda que sejam exterminados o rei e todo o povo que está com ele.
17 Yeroo sanattis Yoonaataanii fi Ahiimaʼaz iddoo Een Roogeel jedhamu turan. Intalli xomboreen tokko dhaqxee isaanitti himti turte; isaan immoo dhaqanii Daawit mootichatti himu turan; isaan akka yeroo magaalaa seenanitti hin argamneef of eeggachaa turaniitii.
17 Jônatas e Aquimaas estavam em En-Rogel; uma criada foi dar-lhes as notícias, que eles mesmos levariam ao rei Davi, porque não deviam ser vistos entrando na cidade.
18 Garuu dargaggeessi tokko isaan argee Abesaaloom itti hime. Kanaafuu lamaan isaanii iyyuu dafanii achii baʼanii mana namicha Bahuuriim keessa jiraatu tokkoo seenan. Namichi kunis dallaa isaa keessaa boolla qaba ture; isaanis boolla sana keessa lixan.
18 Mas um jovem os viu e avisou Absalão. Eles, porém, partiram com toda a pressa e entraram na casa de um homem em Baurim. Havia uma cisterna no pátio, onde se esconderam,
19 Niitiin namicha sanaas afaan boollichaa gubbaa waa diriirsitee midhaan achi irra afte. Namni tokko iyyuu waan kana hin beekne.
19 e a mulher colocou uma tampa sobre a cisterna, espalhando por cima grãos socados, de sorte que não se notava coisa alguma.
20 Namoonni Abesaaloom yommuu dubartittii bira mana dhufanitti, “Ahiimaʼazii fi Yoonaataan meerre?” jedhanii gaafatan.
20 Os enviados de Absalão entraram na casa dessa mulher e disseram: Onde estão Aquimaas e Jônatas? Ela respondeu: Atravessaram o regato. Puseram-se a procurar, mas não encontrando ninguém, voltaram para Jerusalém.
21 Erga namoonni Abesaaloom deemanii booddee Ahiimaʼazii fi Yoonaataan boolla keessaa ol baʼanii Daawit mootichatti himuu dhaqan. Isaanis, “Ammuma kana kaʼiitii laga ceʼi; Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee sirratti isaan gorseeraa” jedhaniin.
21 Depois que partiram, saíram os jovens da cisterna e foram levar a notícia ao rei Davi, dizendo: Ide! Passai depressa as águas, porque Aquitofel deu o seguinte conselho contra vós.
22 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa hundi kaʼanii Yordaanosin ceʼan. Yeroo lafti bariitetti namni utuu Yordaanosin hin ceʼin hafe tokko iyyuu hin turre.
22 Davi partiu com todos os seus homens, e passaram o Jordão. Ao amanhecer, não havia um só homem que não tivesse atravessado o rio.
23 Ahiitofelis yommuu akka gorsi isaa fudhatama dhabe beeketti harree isaa feʼatee gara magaalaa iddoo mana jireenya isaatti qajeele. Innis erga mana isaa tottolfatee booddee of fannise. Akkasiinis duʼee awwaala abbaa isaa keessatti awwaalame.
23 Aquitofel, vendo que seu conselho não fora seguido, selou o seu jumento e tomou o caminho de sua casa, na sua cidade. Pôs em ordem os seus negócios e enforcou-se. Morto, foi enterrado no túmulo de seu pai.
24 Daawit gara Mahanayiim deeme; Abesaaloom immoo namoota Israaʼel hunda wajjin Yordaanosin ceʼe.
24 Davi chegou a Maanaim quando Absalão passou o Jordão com os israelitas.
25 Abesaaloomis Amaasaa qooda Yooʼaab ajajaa loltootaa godhee muude; Amaasaan kun ilma namicha gosa Israaʼel kan Yitraa jedhamu isa Abiigayiil haadha Yooʼaab, obboleettii Zeruuyaa, intala Naaʼaash sana fuudhee ture.
25 Absalão pusera Amasa à frente do exército em lugar de Joab. Esse Amasa era filho de um tal Jetra, ismaelita, que se unira a Abigail, filha de Naas, irmã de Sarvia, mãe de Joab.
26 Israaʼeloonnii fi Abesaaloom biyya Giliʼaad keessa qubatan.
26 Os israelitas e Absalão acamparam na terra de Galaad.
27 Yommuu Daawit Mahanayiim gaʼettis, Shoobiin ilmi Naahaash namichi gosa Amoon kan Rabbaadhaa dhufe, Maakiir ilmi Amiiʼeel kan Lodebaarii dhufee fi Barzilaayiin namichi gosa Giliʼaad kan Rogeliimii dhufe
27 Quando Davi chegou a Maanaim, Sobi, filho de Naas, de Raba dos amonitas, Maquir, filho de Amiel de Lodabar, e Berzelai, o galaadita, de Rogelim,
28 afata, waciitii fi miʼoota suphee irraa hojjetaman fidan. Akkasumas akka isaan nyaataniif qamadii fi garbuu, daakuu fi akaayii, baaqelaa fi misira,
28 vieram trazer-lhe camas, tapetes, copos e vasilhas, bem como trigo, cevada, farinha, grão torrado, favas, lentilhas,
29 dammaa fi itittuu, hoolotaa fi baaduu aannan loon Daawitii fi namoota isaatiif fidan. Isaanis, “Namoonni lafa gammoojjiitti beelaʼaniiru, dadhabaniiru, dheebotaniirus” jedhanii turaniitii.
29 mel, manteiga, ovelhas e queijos de leite de vaca. Trouxeram tudo isso a Davi e às suas tropas, para que se alimentassem, dizendo: Estes homens sofreram certamente fome, fadiga e sede no deserto.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Samuel 17, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.